-
Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu HubadhaaMasaraa Eegumsaa—2008 | Muddee 15
-
-
“Angafa Lubootaa”
15. Gaheen Yesus Angafa Lubootaa ta’uudhaan raawwate, warra isa dura angafa lubootaa turanirraa adda kan ta’e akkamitti?
15 Kanaan dura namoonni baay’een angafa lubootaa ta’uudhaan kan tajaajilan ta’uyyuu, Yesus Angafa Lubootaa adda ta’edha. Akkamitti? Phaawulos akkas jechuudhaan ibsa kenneera: “Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi’eessuu isa hin barbaachifne; inni ofii isaa aarsaa godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi’eesse. Seerri namoota dadhaboo angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabsisa; sagaleen inni kakaadhaan dhaga’amee, seericha booddee dhufe garuu, ilma isa bara baraan mudaa malee ta’e hojicha irra in dhaaba.”—Ibr. 7:27, 28.b
16. Aarsaan Yesus adda kan ta’e maaliifi?
16 Akkuma Addaam cubbuu hojjechuusaa dura turetti Yesus nama mudaa hin qabne ture. (1 Qor. 15:45) Kanaafuu, ilmaan namootaa keessaa aarsaa guutuu mudaa hin qabneefi lammata dhihaachuun isa hin barbaachisne dhiheessuu kan danda’u isa qofa ture. Seera Musee jalatti aarsaan guyyuma guyyaadhaan dhihaata ture. Ta’us aarsaawwan akkasii kuniifi tajaajilli lubummaa yeroo sanaa, wanta Yesus raawwatuuf gaaddidduu qofa turan. (Ibr. 8:5; 10:1) Kanaaf, Yesus Angafa Lubootaa ta’uunsaa bu’aa guddaa kan qabuufi kan barabaraa waan ta’eef addadha.
-
-
Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu HubadhaaMasaraa Eegumsaa—2008 | Muddee 15
-
-
b Akka hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko jedhetti, jechi “al tokkicha yeroo hundumaaf” jedhamee hiikame, yaada Macaafa Qulqulluu barbaachisaa ta’e tokko jechuunis, “duuti Kiristos lammata kan hin barbaachisneefi adda ta’uusaa argisiisa.”
-