Wantoota Abdachiifaman ‘Ilaalaniiru’
‘Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne taʼan iyyuu, fagootti ilaalaniiru.’—IBR. 11:13.
1. Dandeettiin wantoota ijaan hin argamne yaadaan ilaaluuf qabnu kan nu fayyadu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
DANDEETTIIN wanta arginee hin beekne tokko yaadaan ilaaluuf qabnu, kennaa Waaqayyo biraa arganne dha. Dandeettiin kun, karoora gaarii baafachuu fi wanta gaarii abdachuuf nu gargaara. Yihowaan wanta gara fuulduraatti taʼu dursee ilaaluu waan dandaʼuuf, wantoota taʼuuf jedhan hedduu Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti dursee nuu ibseera. Nuyis wanta gara fuulduraatti taʼu kana yaadaan ilaaluu ni dandeenya. Wanta ijaan hin argamne yaadaan ilaaluuf dandeettii qabaachuun keenya, amantii qabaachuuf nu gargaara.—2 Qor. 4:18.
2, 3. (a) Wanta yaadaan ilaallu tokko ilaalchisee kaʼumsa qabaachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti gaaffilee kam irratti mariʼanna?
2 Wanta ijaan arginee hin beekne ilaalchisee wanti yaadaan ilaallu yeroo hunda dhugaa jiru irratti kan hundaaʼe taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, intalli xinnoon tokko billaacha irra teessee utuu deemtuu yaadaan ilaaluu dandeessi; kun garuu wanta taʼuu hin dandeenye dha. Haa taʼu malee, Haannaan ilmi ishee Saamuʼel godoo qulqullaaʼaa keessatti akka tajaajilu yeroo kennitu haalli isaa maal akka fakkaatu yaadaan ilaaluuf wanta kaʼumsa isheedhaaf taʼu qabdi turte. Haala kana yaadaan kan ilaalte murtoo goote irratti hundooftee siʼa taʼu, kun immoo waadaa Yihowaadhaaf galte akka raawwattu ishee gargaareera. (1 Sam. 1:22) Wanta Yihowaan raawwachuuf waadaa gale yaadaan yeroo ilaallu, wanta dhuguma raawwatamu irratti yaadaa jirra.—2 Phe. 1:19-21.
3 Namoonni amanamoon dur turan hedduun, wanta Waaqayyo abdachiise yaadaan ilaalaa akka turan homaa hin shakkisiisu. Namoonni kun eebbawwan gara fuulduraatti argatan yaadaan ilaaluun isaanii kan isaan fayyade akkamitti? Nu hoo wantoota dinqisiisaa Waaqayyo namoota ajajamoo taʼaniif waadaa gale irratti yaaduun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
WANTA ABDACHIIFAMAN ILAALUUDHAAN JABAATANIIRU
4. Abeel wanta gara fuulduraatti taʼu yaadaan ilaaluuf kaʼumsa maalii qaba ture?
4 Nama amanamaa isa jalqabaa kan taʼe Abeel, wanta Yihowaan abdachiise keessaa wanta ilaale qabaa? Waaqayyo bofichaan, “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita” jechuudhaan yaada abdii of keessatti qabate dubbatee kan ture taʼus, Abeel abdiin kun dhuma irratti raawwii isaa kan argatu akkamitti akka taʼe beeka ture jechuun hin dandaʼamu. (Uma. 3:14, 15) Haa taʼu malee, Abeel waaʼee abdii kanaa yaaduudhaan, ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba akka taʼanii fi jireenya Addaamii fi Hewwaan cubbuu hojjechuu isaanii dura jiraatan argachuu akka dandaʼaniif, qaamni tokko ‘koomeen isaa akka iddamu’ hubachuu hin oolu. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanti Abeel yaadaan ilaale maal iyyuu yoo taʼe, amantiin isaa abdii Waaqayyo kenne irratti kan hundaaʼe ture; kanaan kan kaʼes, Yihowaan aarsaa inni dhiheesse fudhateera.—Uumama 4:3-5; Ibroota 11:4 dubbisi.
5. Henook yeroo gara fuulduraa yaadaan ilaaluun isaa isa jajjabeesseera kan jennu maaliifi?
5 Henook inni amanamaa ture, namoota Waaqayyo malee jiraatanii fi Waaqayyo irratti dubbii jajjabaa dubbataniin marfamee kan ture taʼus amantii qaba ture. Henook hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee akkana jedhee raajii dubbateera: “[Waaqayyo] kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa! Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf taaʼee, waan warri Waaqayyo malee jiraatan jireenya akkasii keessatti hojjetan hundumaa, dubbii jajjabaa cubbamoonni warri Waaqayyo malee jiraatan isa irratti dubbatan hundumaa, bakkeetti baasee amansiisee, nama adduma addaan in adaba.” (Yih. 14, 15) Henook nama amantii qabu waan tureef, addunyaa hammeenya irraa bilisa taʼe yaadaan ilaaluu hin oolu.—Ibroota 11:5, 6 dubbisi.
6. Nohi Bishaan Badiisaa booda maal yaadaan ilaalee taʼuu dandaʼa?
6 Nohi Bishaan Badiisaa irraa kan oole amantii waan qabuufi. (Ibr. 11:7) Badiisa sana booda amantiidhaan kakaʼee aarsaa horii dhiheesseera. (Uma. 8:20) Innis akkuma Abeel, ilmaan namootaa yeroo booda garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa akka baʼan akka amanu hin shakkisiisu. Yeroo rakkisaa Bishaan Badiisaa booda turee fi Naamrud Yihowaa itti morme sanatti illee, Nohi amantii fi abdii qaba ture. (Uma. 10:8-12) Ilmaan namootaa bulchiinsa nama hacuucu, cubbuu fi duʼa dhaalan jalaa bilisa akka baʼan yaadee taʼuu qaba; kun immoo isa jajjabeessee taʼuu dandaʼa. Nuyis yeroo gammachiisaa taʼe kana ilaaluu ni dandeenya; yeroon kun immoo baayʼee dhihaateera!—Rom. 6:23.
ABDIIN KENNAME YEROO RAAWWATAMU YAADAAN ILAALUU
7. Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob gara fuulduraa ilaalchisee maal yaadaan ilaaluu dandaʼu turan?
7 Waaqayyo karaa sanyii isaanii saboonni lafa irraa hundi akka eebbifaman waadaa seenee waan tureef, Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob yeroo gara fuulduraa gammachiisaa taʼe yaadaan ilaaluu ni dandaʼu turan. (Uma. 22:18; 26:4; 28:14) Sanyiin abbootii amantii kanaa baayʼatanii biyyattii Waaqayyo isaan abdachiise keessa ni jiraatu. (Uma. 15:5-7) Namoonni Waaqayyoon sodaatan kun, sanyiin isaanii biyyattii sana keessa yeroo jiraatan amantiidhaan ilaaluu ni dandaʼu turan. Yeroo ilmaan namootaa cubbuu itti hojjetanii kaasee, Yihowaan eebbawwan Addaam isaan dhabsiise gara fuulduraatti akka argatan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif mirkaneessaa tureera.
8. Abrahaam amantii cimaa akka qabaatu kan isa gargaare maali dha?
8 Dandeettiin Abrahaam wanta Waaqayyo waadaa gale yaadaan ilaaluuf qabu, wantoota amantii guddaa gaafatan raawwachuuf isa dandeessiseera. Caaffanni Qulqullaaʼoon akka jedhanitti, Abrahaamii fi tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan kan biraan lubbuudhaan yeroo jiranitti ‘isa abdachiifaman yoo hin fudhanne taʼan iyyuu, fagootti ilaalanii simataniiru.’ (Ibroota 11:8-13 dubbisi.) Abrahaam ragaawwan hedduu wanti inni abdate dhugaa taʼuu isaa isaaf mirkaneessan waan qabuuf, wanti ijaan hin argamne akkuma waan argamuutti itti mulʼachuu dandaʼeera!
9. Abrahaam abdiiwwan Waaqayyo kenne irratti amantii qabaachuun isaa kan isa fayyade akkamitti?
9 Amantiin Abrahaam abdiiwwan Waaqayyo kenne irratti qabu, murtoo inni fedha Waaqayyoo raawwachuuf godhe isaaf cimseera. Amantiidhaan magaalaa Ur dhiisee baʼeera; akkasumas magaalaawwan Kanaʼaan kami iyyuu keessatti jiraataa dhaabbataa taʼuu dideera. Magaalaawwan kun akkuma Ur bulchitoota Waaqayyoon hin beekneen waan geggeeffamaniif buʼuura cimaa hin qaban turan. (Iya. 24:2) Abrahaam umurii isaa guutuu “mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture.” (Ibr. 11:10) Abrahaam bakka dhaabbataa Yihowaan bulchu keessa yeroo jiraatu yaadaan of ilaaleera. Abeel, Henook, Nohi, Abrahaamii fi namoonni akka isaanii kaan, abdii duʼaa kaʼuutti ni amanu turan; akkasumas “mandara hundee jabaa qabu,” jechuunis Mootummaa Waaqayyoo jalatti jireenya lafa irra jiraatu ni abdatu turan. Eebbawwan akkanaa irratti xiinxaluun isaanii amantii Yihowaa irratti qaban isaaniif cimseera.—Ibroota 11:15, 16 dubbisi.
10. Ilaalchi Saaraan yeroo gara fuulduraatiif qabdu kan ishee fayyade akkamitti taʼuu dandaʼa?
10 Haala Saaraa ishee haadha manaa Abrahaam taatee haa ilaallu. Umuriin ishee waggaa 90 kan taʼee fi daaʼima kan hin qabne taatus, waaʼee gara fuulduraa ilaalcha sirrii qabaachuun ishee amantii akka qabaattu ishee gargaareera. Kanaan kan kaʼes, ijoolleen ishee saba guddaa yeroo taʼan yaadaan ilaaluu dandeesseetti. (Ibr. 11:11, 12) Waaʼee kanaa mirkanooftuu akka taatu kan ishee gargaare maali dha? Yihowaan abbaa manaa isheetiin akkana jedhee ture: “Ani ishee nan eebbisa, ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna; ani ishee nan eebbisa, isheenis saba baayʼeedhaaf haadha in taati; mootonni saba garaa garaa ishee irraa in argamu.” (Uma. 17:16) Saaraan Yisihaqiin erga deessee booda, abdiiwwan Waaqayyo Abrahaamiif kenne kaan yeroo raawwataman yaadaan ilaaluuf sababii gaʼaa qabdi turte. Nuyis wantoota Waaqayyo abdachiisee fi raawwatamuun isaanii hin shakkisiisne yaadaan ilaaluu dandaʼuun keenya kennaa guddaa dha!
GATII ISA BOODDEE IRRA IJA KAAʼACHUU
11, 12. Museen Yihowaadhaaf jaalala akka qabaatu kan isa gargaare maali dha?
11 Namni Yihowaa irratti amantii akka qabu argisiisee fi isaaf jaalala qabu kan biraan immoo Musee dha. Dargaggummaa isaatti mana mootii Gibxii keessa yeroo jiraachaa turetti, aangoo fi qabeenyaaf salphaatti jaalala horachuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, warri isaa waaʼee Yihowaa, akkasumas kaayyoo inni Ibroota garbummaa jalaa baasee Biyyattii Abdachiifamtetti galchuuf qabu isa barsiisanii taʼuu hin oolu. (Uma. 13:14, 15; Bau. 2:5-10) Museen waaʼee eebbawwan saba Waaqayyoo eeggatanii yeroo baayʼee kan yaadu yoo taʼe, beekamummaadhaaf moo Yihowaadhaaf jaalala kan qabaatu isinitti fakkaata?
12 Macaafni Qulqulluun akkana jedha: “Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide. Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu foʼate. Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaaʼateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaaʼate.”—Ibr. 11:24-26.
13. Museen wanta Waaqayyo abdachiise irratti gadi fageenyaan yaaduun isaa kan isa fayyade akkamitti?
13 Museen abdii Yihowaan Israaʼelootaaf kenne irratti gadi fageenyaan yeroo yaadu, amantiin inni Yihowaa irratti qabuu fi jaalalli inni isaaf qabu ni guddate. Akkuma namoota Waaqayyoon sodaatan kaanii, innis yeroo Yihowaan ilmaan namootaa duʼa jalaa bilisa itti baasu yaadaan ilaalee taʼuu qaba. (Iyo. 14:14, 15; Ibr. 11:17-19) Museen Waaqa Ibrootaafis taʼe ilmaan namootaa hundumaaf garaa laafu kana jaallachuuf kakaʼee akka ture hin shakkisiisu. Museen umurii isaa guutuu Yihowaa irratti amantii qaba ture; akkasumas isaaf jaalala qaba ture. (Kes. 6:4, 5) Museen yeroo Faraʼoon akka isa ajjeesu dubbachuudhaan isa sossodaachisetti illee, amantiin isaa, jaalalli inni Waaqayyoof qabuu fi tarii immoo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee waan gaarii yaadaan ilaaluun isaa, haala sodaachisaa sana dura ija jabinaan dhaabbachuuf isa dandeessiseera.—Bau. 10:28, 29.
EEBBAWWAN MOOTUMMICHI FIDU YAADAAN ILAALUU
14. Namoonni tokko tokko waaʼee gara fuulduraa maal yaadu?
14 Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanti yaadaan ilaalan wanta dhugaa hin taane dha. Fakkeenyaaf, qabeenya utuu hin qabaatin, akkasumas jireenyi namootaa ‘dadhabbii fi rakkinaan’ kan guutame taʼee utuu jiruu, badhaadhummaa guddaa fi nageenya amansiisaa taʼe yeroo argatan isaanitti mulʼata. (Far. 90:10) Macaafni Qulqulluun, abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe kan dubbatu taʼus, bulchiinsa namootaa jalatti dhiphina irraa bilisa taʼanii yeroo jiraatan isaanitti mulʼata. (Dan. 2:44) Namoonni baayʼeen Waaqayyo sirna hamaa kana akka hin balleessine isaanitti dhagaʼama; Macaafni Qulqulluun garuu wanta faallaa kanaa taʼe dubbata. (Sef. 1:18; 1 Yoh. 2:15-17) Wanti namoonni kaayyoo Yihowaatiif iddoo hin kennine abdatan kun abjuu qofa dha.
15. (a) Kiristiyaanonni abdii isaanii yaadaan ilaaluudhaan kan fayyadaman akkamitti? (b) Wantoota Waaqayyo abdii kenne yeroo raawwatutti argachuuf hawwitu keessaa tokko maali dha?
15 Karaa biraatiin immoo nuyi, abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, abdii kana yaadaan ilaaluun keenya nu jajjabeessa. Wantoota Waaqayyo abdachiise yeroo argattu yaadaan sitti mulʼataa? Waaqayyo abdii kenne yeroo raawwatutti maal hojjechuu akka dandeessu xiinxaluun kee gammachuu akka siif argamsiisu beekamaa dha. Tarii lafa irra bara baraaf yeroo jiraattu yaadaan ni ilaalta taʼa. Namoota kaanii wajjin taatee lafa kana gara jannataatti yeroo jijjiirtu sitti haa mulʼatu. Ollaawwan kee akkuma kee Yihowaa ni jaallatu. Fayyaa fi humna guutuu qabda; wanti si yaaddessu tokko iyyuu hin jiru. Namoonni hojii haaromsaa kana toʼatan garaadhaa waan namootaaf yaadaniif jireenyi kee gammachiisaa taʼa. Wanti gootu hundi namoota kaan waan fayyaduuf, akkasumas Waaqayyoof ulfina waan fiduuf, dandeettii keetti fayyadamuun si gammachiisa. Fakkeenyaaf, namoonni duʼaa kaʼan waaʼee Yihowaa akka baratan ni gargaarta. (Yoh. 17:3; HoE. 24:15) Haalli kun abjuu miti. Wanti yaadaan ilaallu kun, dhugaawwan Caaffanni Qulqullaaʼoon waaʼee gara fuulduraa dubbatan irratti kan hundaaʼe dha.—Isa. 11:9; 25:8; 33:24; 35:5-7; 65:22.
WAAʼEE ABDII KEESSANII DUBBADHAA
16, 17. Waaʼee abdii keenyaa dubbachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
16 Yeroo Yihowaan abdii kenne raawwatutti maal hojjechuu akka barbaadnu Kiristiyaanota kaanitti himuun keenya, wanti yaadaan ilaallu caalaatti dhugaa taʼee akka nutti mulʼatu godha. Addunyaa haaraa keessatti haalli tokkoon tokkoon keenyaa maal akka fakkaatu sirriitti beekuu kan hin dandeenye taʼus, wanta taʼuu dandaʼu kaasnee yeroo haasofnu, kan wal jajjabeessinu taʼuu isaa irra iyyuu abdiin Waaqayyo kenne dhugaa taʼuu isaa akka amannu argisiisna. Obboloonni Roomaa keessa turan Phaawulos ergamaan yeroo isaan daawwatetti, isaa wajjin ‘wal jajjabeessuu’ isaaniitti gammadanii akka turan hin shakkisiisu; nuyis yeroo rakkisaa taʼe kanatti haala akkasii ni dinqisiifanna.—Rom. 1:11, 12.
17 Yeroo gara fuulduraa yaadaan ilaaluun keenya, rakkina yeroo harʼaatti nu mudatuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuufis nu gargaaruu dandaʼa. Phexros ergamaan, “Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buuneʼotii, egaa maal arganna laata ree?” jedhee Yesusiin yeroo gaafatetti wanti isa yaaddesse jiraachuu hin oolu. Yesus Phexrosii fi namoota achi turan yeroo gara fuulduraa yaadaan ilaaluu akka dandaʼan gargaaruuf akkana jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima, biyya lafaa ishee haaraatti ilmi namaa ulfina isaatiin teessoo irra yommuu taaʼu, isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan irra teessanii, gosa Israaʼel kudha lamaan keessatti firdii in kennitu. Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.” (Mat. 19:27-29) Kun, Phexrosii fi bartoonni kaan mootummaa lafa bulchuu fi ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif eebba fidu keessatti gahee qaban irratti xiinxaluu akka dandaʼan godheera.
18. Yeroo harʼaa abdiiwwan Waaqayyo kenne irratti xiinxaluun kan nu fayyadu akkamitti?
18 Tajaajiltoonni Yihowaa durii kaasee lafa irra turan, abdii Yihowaan kenne irratti xiinxaluun isaanii isaan fayyadeera. Beekumsi Abeel kaayyoo Yihowaa ilaalchisee qabu, yeroo gara fuulduraa gammachiisaa taʼe yaadaan ilaaluuf, akkasumas amantii fi abdii amansiisaa qabaachuuf isa gargaareera. Abrahaam wanta amantii guddaa gaafatu raawwachuu kan dandaʼe, raajiin Waaqayyo “sanyii” abdachiifame ilaalchisee dubbate akkamitti akka raawwatamu yaadaan waan ilaaleefi. (Uma. 3:15) Museen “ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaaʼateef,” amantii qabaachuu fi jaalala Yihowaadhaaf qabu guddifachuu dandaʼeera. (Ibr. 11:26) Dandeettii wanta Yihowaan abdachiise yaadaan ilaaluuf qabnutti fayyadamuun keenya, amantiin Waaqayyo irratti qabnuu fi jaalalli isaaf qabnu akka guddatu godha. Mata duree itti aanu irratti, kennaa kanatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.