Yihowaan Warra Cimsanii Isa Barbaaddataniif Gatii Isaanii ni Kenna
“Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu amanuu qaba.”—IBR. 11:6.
FAARFANNAA: 136, 139
1, 2. (a) Jaalallii fi amantiin kan wal qabatu akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kam irratti mariʼanna?
YIHOWAAN “dursee waan nu jaallateef,” nutis isa ni jaallanna. (1 Yoh. 4:19) Karaa itti Yihowaan jaalala isaa isa guddaa tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif ibsu keessaa tokko isaan eebbisuuf dursa fudhachuu isaa ti. Waaqa keenya caalaatti jaallachaa yommuu deemnu, akka inni jiru qofa utuu hin taʼin, namoota isa jaallatan yeroo hunda akka eebbisu amantiin qabnu caalaatti cimaa deema.—Ibroota 11:6 dubbisi.
2 Amala Yihowaan ittiin beekamu keessaa inni guddaan tajaajiltoota isaa eebbisuu dha; akkas akka godhus argisiiseera. Yihowaan warra cimsanii isa barbaaddatan akka eebbisu garaa guutuudhaan yoo amanne malee, amantiin keenya guutuu hin taʼu; sababiin isaas, “amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha.” (Ibr. 11:1) Eeyyee, amantiin eebbawwan Waaqayyo waadaa nuuf gale mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu dabalata. Haa taʼu malee, eebba argachuuf abdachuun kan nu fayyadu akkamitti? Yihowaan tajaajiltoota isaa bara duriitti turanis taʼe yeroo ammaatti jiran kan eebbise akkamitti? Mee haa ilaallu.
YIHOWAAN TAJAAJILTOOTA ISAA AKKA EEBBISU WAADAA GALEERA
3. Yihowaan, Miilkiyaas 3:10 irratti waadaa akkamii galeera?
3 Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan eebbisuuf dirqama keessa waan of galcheef, eebba isaa argachuuf akka carraaqnu nu afeera. Yihowaan akkana jedheera: “Ani . . . ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhaabaadheef qoraa ana ilaalaa!” (Mil. 3:10) Afeerraa Yihowaan arjummaadhaan kakaʼee nuuf dhiheesse kan fudhannu yoo taʼe, dinqisiifannaa fi galateeffannaa guddaa akka qabnu argisiisna.
4. Yaada Yesuus Maatewos 6:33 irratti dubbate ilaalchisee mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
4 Yesuus, Mootummichaaf dursa yoo kennan Waaqayyo akka isaan gargaaru barattoota isaatiif mirkaneessee ture. (Maatewos 6:33 dubbisi.) Waadaan Waaqayyo gale yeroo hunda waan raawwatamuuf, Yesuus mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu ni dandaʼa ture. (Isa. 55:11) Nutis Yihowaa irratti amantii garaadhaa madde akka qabnu yoo argisiisne, waadaa “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale akka eegu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Ibr. 13:5) Yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana wanta Yesuus Mootummichaa fi qajeelummaa Waaqayyootiif dursa kennuu ilaalchisee dubbatee wajjin wal qabsiisuu dandeenya.
5. Deebiin Yesuus Pheexirosiif kenne amantii namaa cimsa kan jennu maaliifi?
5 Pheexiros ergamaan yeroo tokko, “Nuti wanta hundumaa dhiisnee si duukaa buuneerra; egaa maal arganna ree?” jedhee Yesuusiin gaafatee ture. (Mat. 19:27) Yesuus, Pheexiros waan gaaffii kana gaafateef isa ifachuu mannaa, aarsaa godhaniif eebba akka argatan barattoota isaatti hime. Ergamoonni Yesuus warri amanamoon, akkasumas namoonni kaan isaa wajjin samii irratti ni bulchu. Haa taʼu malee, eebbi yeroo ammaatti argamus jira. Yesuus akkana jedheera: “Namni maqaa kootiif jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin maasii isaa dhiise, dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.” (Mat. 19:29) Barattoonni isaa eebba aarsaa kaffalan hunda irra baayʼee caalu argatu. Abbootiin, haadhotiin, obboloonni, obboleettonnii fi ijoolleen karaa hafuuraa arganne, wantoota Mootummicha dursuuf jennee dhiisne kam iyyuu baayʼee hin caalanii ree?
“QOFOO . . . LUBBUU QABEE DHAABU”
6. Yihowaan waaqeffattoota isaa eebbisuuf waadaa kan galu maaliifi?
6 Yihowaan yeroo qorumsi amanamummaa waaqeffattoota isaa irra gaʼu akka isaan eebbisu waadaa galuudhaan isaan cimsa. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan eebba hafuuraa yeroo ammaatti argachaa jiran malees, gara fuulduraatti eebba kana irra baayʼee caalu argachuuf hawwiidhaan eeggachaa jiru. (1 Xim. 4:8) Eeyyee, Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu” garaadhaa amanuun keenya amantiitti jabaannee jiraachuuf nu gargaara.—Ibr. 11:6.
7. Abdiin akka qofootti kan tajaajilu akkamitti?
7 Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti akkana jedheera: “Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turan iyyuu akkanuma ariʼataniiru.” (Mat. 5:12) Namoonni samii irratti eebba argatanis taʼe, namoonni lafa jannata taatu irra jiraachuuf abdatan, sababii itti ‘gammadanii fi ililchan’ qabu. (Far. 37:11; Luq. 18:30) Samii irra jiraachuufis taʼe lafa irra jiraachuuf kan abdannu yoo taʼe, abdiin keenya wanta ‘jabaa fi amansiisaa akka qofootti lubbuu qabee dhaabu’ taʼee tajaajilu ni dandaʼa. (Ibr. 6:17-20) Akkuma qofoon doonii yommuu qilleensi jabaan uumamutti doonichi iddoo isaatii utuu hin sochoʼin akka dhaabatu godhu, abdiin eebba akka argannu qabnus, karaa miiraa, sammuu fi hafuuraa cimoo taanee jiraachuuf nu gargaara. Akkasumas, cimina haala rakkisaa nu mudate dandaʼuuf nu gargaaru nuuf argamsiisa.
8. Abdiin dhiphina hirʼisuuf humna qaba kan jennu maaliifi?
8 Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe, dhiphina yeroo harʼaatti nu mudatu hirʼisuuf humna qaba. Abdiin Waaqayyo kenne akkuma dibataatti garaa keenya isa dhiphate qabbaneessa. ‘Akka nuti hin kufnetti akka nu hirkisu’ beekuudhaan, ‘wanta yaada nutti ta’u Waaqayyotti gannee dhiisuun’ keenya baayʼee nu jajjabeessa! (Far. 55:22) Waaqayyo “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee” gochuu akka dandaʼu amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Efe. 3:20) Baayʼisee qofa utuu hin taʼin, “irra caalaa baayʼisee” gochuu akka dandaʼu hubadhaa!
9. Eebba Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Eebba argachuuf, guutummaatti Yihowaatti amanuu fi qajeelfama isaatiif ajajamuu qabna. Museen saba Israaʼeliin akkana jedhee ture: “Waaqayyo gooftaan kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti guddaa waan si eebbisuuf . . . sagalee Waaqayyo gooftaa keetii baʼeessa gootee yoo dhaggeeffatte, abboommii isa ani harʼa si abboomu kana hundumaas baʼeessa gootee yoo eegde, Waaqayyo gooftaan kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf jira.” (Kes. 15:4-6) Amanamummaadhaan isa tajaajiluu keessan yoo itti fuftan, Yihowaan akka isin eebbisu ni amantuu? Amanuuf sababa quubsaa qabdu.
YIHOWAAN ISAAN EEBBISEERA
10, 11. Yihowaan, Yoseefiin kan eebbise akkamitti?
10 Kitaabni Qulqulluun faayidaa keenyaaf barreeffame. Seenaawwan hedduu Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akkamitti akka eebbisu ibsan qabateera. (Rom. 15:4) Gama kanaan Yoseef fakkeenya gaarii taʼa. Obboloonni isaa waan isa irratti kaʼaniif, yeroo booda immoo haati manaa gooftaa isaa maqaa isaa waan balleessiteef mana hidhaa warra Gibxii seenee ture. Haa taʼu malee, Waaqa isaa irraa fagaatee turee? Matumaa hin fagaanne! Yihowaan ‘Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti ni argisiise. Inni Yoseefii wajjin ture, waanuma inni hojjetu wal isaaf qixxeesse.’ (Uma. 39:21-23) Yoseef, yeroowwan rakkisaa taʼan sanatti illee Waaqa isaa obsaan eeggateera.
11 Waggoota booda, Faraʼoon Yoseefiin mana hidhaatii kan baase siʼa taʼu, garbicha gad of qabu kana Gibxii irratti bulchaa lammaffaa taasise. (Uma. 41:1, 37-43) Haati manaa isaa ilmaan lama yommuu isaaf deessu, “Yoseef, ‘Waaqayyo rakkina koo hundumaa, mana abbaa koo hundumaas na irraanfachiiseera’ jedhee, ilma isaa isa angafa Minaaseetti moggaase; isa lammaffaa immoo, ‘Waaqayyo biyya ani itti gad deebiʼe keessatti akkan horu godhe’ jechuudhaan, ‘Efreem’ jedhee moggaase.” (Uma. 41:51, 52) Yoseef Waaqayyoof amanamaa taʼee waan jiraateef, Yihowaan wanta Israaʼelootas taʼe warra Gibxii oolchu akka raawwatu gochuudhaan isa eebbiseera. Qabxiin isaa, Yoseef kan isa badhaasee fi kan isa eebbise Yihowaa taʼuu isaa hubatee ture.—Uma. 45:5-9.
12. Yesuus yeroo qorumsi isa irra gaʼetti amanamaa taʼee kan jiraate akkamitti?
12 Haaluma wal fakkaatuun Yesuus Kiristoosis, amantiin isaa karaa gara garaa yeroo qorametti Waaqayyoof waan ajajameef eebba argateera. Qorumsa kana akka damdamatu kan isa gargaare maali dha? Dubbiin Waaqayyoo, “Gammachuu isa dura jiruuf jedhee salphina isa irra gaʼe tuffatee muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera” jedha. (Ibr. 12:2) Yesuus maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu gochuu dandaʼuun isaa gammachuu guddaa akka isaaf argamsiise hin shakkisiisu. Kana malees, Abbaa isaa duratti fudhatama argachuudhaan, akkasumas mirgawwan dinqisiisoo hedduu argachuudhaan eebbifameera. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus ‘mirga teessoo Waaqayyoo akka taaʼe’ dubbata. Bakka biraatti immoo akkana kan jedhu dubbisna: “Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol ol isa godhe; akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne.”—Filp. 2:9.
YIHOWAAN HOJII KEENYA HIN IRRAANFATU
13, 14. Yihowaan wanta isaaf jecha goonu akkamitti ilaala?
13 Yihowaan carraaqqii isa tajaajiluuf goonu hunda akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhiphina ykn shakkii nutti dhagaʼamu kam iyyuu ni hubata. Rakkinni dinagdee yommuu nu dhiphisu, dhibeen fayyaa ykn miirri keenya tajaajila qulqulluu dhiheessinu yommuu nu jalaa daangessu gara laafina nutti argisiisa. Yihowaan carraaqqii tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼanii jiraachuuf godhaniif bakka guddaa akka kennu amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya.—Ibroota 6:10, 11 dubbisi.
14 Wanta nu yaaddessuuf xiyyeeffannaa akka kennu amanamuudhaan, ‘isa kadhata namaa dhagaʼutti’ dhihaachuu akka dandeenyus yaadadhaa. (Far. 65:2) ‘Abbaan gara laafinaa fi Waaqni jajjabina hundaa’ tarii obboloota nuu wajjin isa waaqeffatanitti fayyadamee, deggersa miiraa fi hafuuraa nu barbaachisu utuu hin qusatin nuuf kenna. (2 Qor. 1:3) Namoota kaanitti gara laafina yommuu argisiisnu Yihowaan ni gammada. “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa.” (Fak. 19:17; Mat. 6:3, 4) Kanaaf, namoota rakkina keessa jiran ofittummaa tokko malee yommuu gargaarru, Yihowaan gocha keenya isa gaarii kana akka Isaaf liqeessinetti ilaala. Nama gaarummaa akkasii argisiisu akka eebbisus waadaa galeera.
EEBBA AMMAS TAʼE BARA BARAAF ARGANNU
15. Eebba akkamii argachuuf hawwidhaan eeggachaa jirta? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
15 Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman ‘gonfoo qajeelinaa, Gooftaan inni abbaa murtii qajeelaa taʼe guyyaa sana akka badhaasaatti kennu’ akka argatan abdachuun isaanii jabaatanii akka dhaabatan isaan taasisa. (2 Xim. 4:7, 8) Haa taʼu malee, Waaqayyo abdii adda taʼe yoo isiniif kenne waa akka isinitti hafe isinitti dhagaʼamuu hin qabu. ‘Hoolonni kan biraan’ kan Yesuus taʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman, gara fuulduraatti lafa jannata taate irra bara baraaf jiraachuuf hawwiidhaan eeggachaa jiru. Achi keessatti, “nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Yoh. 10:16; Far. 37:11.
16. Yaanni 1 Yohaannis 3:19, 20 irra jiru kan nu jajjabeessu akkamitti?
16 Al tokko tokko, wanti raawwanne xinnoo akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa ykn carraaqqii goonutti Yihowaan akka gammadu shakkina taʼa. Eebba tokko iyyuu argachuuf gaʼumsa akka hin qabne illee nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, ‘Waaqayyo garaa keenya irra akka caaluu fi wanta hundumaa akka beeku’ matumaa dagachuu hin qabnu. (1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi.) Aarsaan dhiheessine xinnoo nutti fakkaatus, tajaajila qulqulluu garaadhaa kakaanee amantii fi jaalalaan dhiheessinu hunda ni eebbisa.—Mar. 12:41-44.
17. Eebbawwan yeroo ammaatti arganne keessaa tokko tokko kam faʼi?
17 Sirna Seexanaa hamaa fi dukkanaaʼaa guyyoota gara dhumaatti argamu kana keessatti illee, Yihowaan saba isaa eebbisaa jira. Waaqeffattoonni dhugaan karaa hafuuraa badhaadhina hanga harʼaatti argamee hin beekneen akka badhaadhan gochaa jira. (Isa. 54:13) Akkuma Yesuus waadaa galee ture, Yihowaan miseensa maatii hafuuraa obbolootaa fi obboleettota jaalala qaban of keessatti qabatee fi addunyaa maratti tokko taʼee akka taanu nuuf heyyamuudhaan yeroo ammaatti nu eebbiseera. (Mar. 10:29, 30) Kana malees, namoonni Waaqayyoon cimsanii barbaaddatan nagaa sammuu, milkaaʼinaa fi gammachuu hangana hin jedhamne argachuudhaan eebbifamu.—Filp. 4:4-7.
18, 19. Tajaajiltoonni Yihowaa eebba argataniif maaltu isaanitti dhagaʼama?
18 Tajaajiltoonni Yihowaa addunyaa mara irra jiran eebba dinqisiisaa isa irraa argatan dhugaa baʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Biyaankaa ishiin Jarmanii jiraattu akkana jetteetti: “Yeroo rakkina kootti waan na gargaaree fi guyyaa hundumaa waan na deggereef akkamitti akkan Yihowaa galateeffadhu hin beeku. Addunyaan jeequmsaan kan guutamee fi abdii kan nama kutachiisu dha. Haa taʼu malee, Yihowaa wajjin yommuun hojjedhu, bobaa isaa jala akkan jirutti waan natti dhagaʼamuuf nan tasgabbaaʼa. Dhuunfaatti isaaf jedhee yeroon aarsaa kaffalu hundatti dachaa dhibba na eebbisuudhaan naaf deebisa.”
19 Fakkeenya maanguddoo Paawulaa jedhamanii fi Kaanaadaa keessa jiraataniis haa ilaallu. Obboleettiin kun umuriin isaanii waggaa 70 siʼa taʼu, dhukkubni narvii ispaayinaa biifiidaa jedhamu sochii akka hin goone isaan dhorkee ture. Akkana jedhaniiru: “Sochoʼuu dadhabuun tajaajilli akka hirʼatu godha jechuu miti. Bifawwan tajaajilaa adda addaa kan akka bilbilaan lallabuu fi karaa alidilee taʼeen lallabuu irratti nan hirmaadha. Yeroo yerootti ilaaluu akkan dandaʼuuf, yaadannoo caqasootaa fi yaadawwan barreeffamoota keenya irratti baʼan qabate of harkaa hin dhabun ture; kun immoo na jajjabeessa. Yaadannoo koo kana ‘Yaadannoo Fayyinaa Koo’ jedheen waama. Abdii Yihowaan kenne irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, abdii kan kutannu yeroodhaaf qofa taʼa. Haalli keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan yeroo hunda nu gargaaruuf qophaaʼaa dha.” Haalli keessa jirtan kan Biyaankaa ykn kan Paawulaa irraa baayʼee adda taʼuu dandaʼa. Taʼus, tarii karaa Yihowaan isiniinis taʼe namoota naannoo keessan jiran itti eebbise yaaduu dandeessu. Yihowaan ammas taʼe gara fuulduraatti akkamitti akka isin eebbisu xiinxaluun keessan baayʼee gaarii dha!
20. Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya yoo itti fufne eebba akkamii eeggachuu dandeenya?
20 Kadhannaa garaadhaa dhiheessitaniif ‘badhaasa guddaa akka argattan’ matumaa hin irraanfatinaa. ‘Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, wanta inni abdachiise sana akka argattan’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. (Ibr. 10:35, 36) Kanaaf amantii keenya jabeeffachuu fi garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti haa fufnu. Yihowaa irraa eebba nuuf malu akka argannu waan beeknuuf, kana gochuu ni dandeenya.—Qolosaayis 3:23, 24 dubbisi.