“Ani Isinii Wajjinan Jira”
“Inni Waaqayyo erge sun, . . . Waaqayyo, ‘Ani isinii wajjinan jira’ jedhee dubbateera” jedhe.—HAAGEE 1:13.
1. Yesus bara keenya bara kamii wajjin wal fakkeessee ibseera?
KAN JIRAANNU seenaa keessatti yeroo murteessaa ta’e keessadha. Akka raajiin Macaafa Qulqulluu ibsutti, bara 1914 jalqabee “guyyaa Gooftaa” jechuunis yeroo Yesus samii keessatti Mootii ta’uudhaan bulchuu jalqabe keessa jiraanna. (Mul’ata 1:10) Waa’ee guyyaa kanaa kanaan dura barattaniittu yoo ta’e, Yesus ‘bara ilmi namaa’ humna Mootummaasaatiin itti mul’atu ‘bara Nohii’ fi ‘bara Looxii’ wajjin wal fakkeessuusaa ni beektu. (Luqaas 17:26, 28) Wantoonni bara sanatti raawwataman wantoota bara keenyatti raawwatamaa jiranii wajjin wal fakkaatu. Haata’u malee, haalli wal fakkaataan xiyyeeffannaadhaan qoruu qabnu garabiraanis jira.
2. Yihowaan Haageefi Zakaariyaasiif hojii akkamii kenne?
2 Haalli bara Haageefi Zakaariyaas maal akka fakkaatu mee haa ilaallu. Raajonni amanamoo ta’an kun lamaan, saba Yihowaa yeroo har’aatti argamaniif ergaa akkamii dabarsaniiru? Haageefi Zakaariyaas Yihudoonni boojuu Baabilonii erga deebi’anii booda namoota Yihowaan gara sabichaatti ‘erge’ turan. Raajonni kun, Israa’eloonni erga biyya Baabilonii boojuudhaa deebi’anii booda, mana qulqullummaa deebisanii akka ijaaraniifi Waaqayyo akka isaan gargaaru isaanii mirkaneessuuf ergamanii turan. (Haagee 1:13; Zakaariyaas 4:8, 9) Macaafni Haageefi Zakaariyaas macaafota xixinnoo yoo ta’aniyyuu, kutaa ‘Caaffata Qulqullaa’aa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafamaniifi barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leenjisuuf dhimma baasaniiti.’—2 Ximotewos 3:16.
Raajiiwwan Kanaaf Xiyyeeffannaa Kennuu Qabna
3, 4. Raajii Haageefi Zakaariyaasiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
3 Ergaan Haageefi Zakaariyaas Yihudoota bara sana turan kan gargaare ta’uusaarrayyuu, raajiiwwansaanii bara sanatti raawwii argataniiru. Haata’u malee, ergaan macaafota kana lamaan keessatti argamu Kiristiyaanota yeroo har’aatti argamanis ni fayyada kan jennu maaliifi? Deebii gaaffii kanaa Ibroota 12:26-29rraa arganna. Achirratti Phaawulos, Haagee 2:6 caqasuudhaan Yihowaan “bantiiwwan waaqaa, lafa, galaana, lafa gogaas nan sochoosa” jedhee dubbachuusaa ibseera. Socho’iinsi kunis yeroo booda ‘teessoo mootummootaa garagalchuufi humna mootummoota saba lafarraa balleessuu’ dabalata.—Haagee 2:22.
4 Phaawulos macaafa Haageerraa caqasuudhaan, ‘mootummoota saba lafaarra’ maaltu akka ga’u erga dubbatee booda, Mootummaan Kiristiyaanonni dibamoon argatan garuu kan hin sochooneefi kan caalmaa qabu ta’uusaa ibseera. (Ibroota 12:28) Raajiin Haageefi Zakaariyaas jaarraa jalqabaatti erga macaafni Ibrootaa barreeffamee dhumee yeroo baay’ee boodas raawwiisaa akka argatu jecha kanarraa hubachuu dandeessu. Yeroo ammaattis, Kiristiyaanonni dibamoon Mootummaa Masiihichaarratti Yesusii wajjin mo’an lafarratti argamu. Kanaaf, raajiin Haageefi Zakaariyaas bara keenyaaf faayidaa qabu jechuudha.
5, 6. Haageefi Zakaariyaas raajii dubbachuu jalqabuusaanii dura haala akkamiitu ture?
5 Macaafni Izraa seenaawwan bara raajiin Haageefi Zakaariyaas itti barreeffame dura turan nutti hima. Dhaloota Kiristos Dura bara 537tti Yihudoonni boojuu Baabilonii erga deebi’anii booda, qajeelfama Bulchaa kan ture Zarubaabeliifi Hangafa Lubootaa kan ture Iyaasuun kennaniin Dh.K.D. bara 536tti bu’uurri ijaarsa mana qulqullummaa isa haaraa ni kaa’ame. (Izraa 3:8-13; 5:1) Kun gammachuu guddaa isaaniif argamsiisuyyuu, utuu baay’ee hin turin Yihudoonni sodaachuu jalqaban. Akka Izraa 4:4rratti ibsametti, diinonnisaanii warri biyyicha keessa turan: “Namoota Yihudaa humna buusanii akka isaan manicha hin ijaarreefis in sodaachisan.” Diinonnisaanii kun, keessumaa warri Samaariyaa himata sobaa Yihudootarratti dhiheessaniiru. Mormitoonni kun mootiin biyya Faares hojii kana akka dhaabsisu gochuu danda’aniiru.—Izraa 4:10-21.
6 Hinaaffaan jalqabarratti Yihudoonni mana qulqullummaa ijaaruuf qaban ni qabbanaa’e. Yeroo boodas, Yihudoonni gara dhimma dhuunfaasaaniitti deebi’an. Haata’u malee, erga bu’uurri mana qulqullummaa kaa’amee waggaa 16 booda jechuunis Dh.K.D. bara 520tti Yihowaan sabni sun akka abboomamuufi hojii mana qulqullummaa deebisanii akka jalqaban isaan jajjabeessuuf Haageefi Zakaariyaasiin kaaseera. (Haagee 1:1; Zakaariyaas 1:1) Yihudoonni raajonni Waaqayyoo kun waan isaan kakaasaniifi Yihowaan akka isaan gargaaru ragaa ifa ta’e waan isaaniif dhiheessaniif, ijaarsa hojii kanaa Dh.K.D. bara 515tti xumuruu danda’aniiru.—Izraa 6:14, 15.
7. Haalli bara Haageefi Zakaariyaas ture haala yeroo keenyatti argamu kamii wajjin wal fakkaata?
7 Raajiin kun hundi hiika maalii akka nuuf qabu beektuu? Yeroo har’aatti, ‘misiraachoo Mootummichaa’ lallabuu wajjin haala wal qabateen hojii hojjennu qabna. (Maatewos 24:14) Hojii kanaaf xiyyeeffannaa guddaan kan kenname Waraana Addunyaa Tokkoffaa boodadha. Akkuma Yihudoonni bara durii boojuu Baabilonii deebi’an, sabni Yihowaas boojuu Baabilon Guddittii, jechuunis bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa jalaa ba’aniiru. Dibamtoonni kun hojii lallabuu, barsiisuufi namoota gara waaqeffannaa dhugaatti fiduurratti hirmaachuu jalqaban. Hojiin sun yeroo ammaatti caalaatti hojjetamaa kan jiru yeroo ta’u, atis hojii kanarratti hirmaachaa jirta ta’a. Dhumni barichaa waan dhihaateef, yeroo sirriin hojiin kun itti hojjetamuu qabu ammadha! Hojiin Waaqayyo ajaje kun hanga Yihowaan ‘rakkina guddaa’ fiduudhaan dhimmawwan ilmaan namaa gidduu galutti itti fufa. (Maatewos 24:21) Kunis hammina hunda balleessuudhaan waaqeffannaan dhugaa lafarratti akka dagaagu godha.
8. Hojiin keenya gargaarsa Waaqayyoo akka qabu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
8 Akkuma raajii Haageefi Zakaariyaasirraa hubannutti, hojii kanarratti garaa guutuudhaan yeroo hirmaannu gargaarsaafi eebba Yihowaa akka argannu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Namoonni tokko tokko, tajaajiltoota Waaqayyoo balleessuuf yookiin hojiisaanii ittisuuf yaalii godhanis, mootummaan kamiyyuu hojii wangeela lallabuu kana dhaabsisuu hin dandeenye. Waraana Addunyaa Tokkoffaadhaa kaasee hanga yeroo keenyaatti, Yihowaan waggoota kurnan hedduu darbanitti hojii Mootummaa kana akkamitti akka eebbisaa jiru mee yaadaa. Ta’us, ammayyuu hojii hojjetamuu qabu baay’eetu jira.
9. Wanta bara duriitti raawwatame akkamiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabna? Maaliif?
9 Barumsi macaafa Haageefi Zakaariyaasirraa argannu, hojii lallabuufi barsiisuu Waaqayyo nutti kenne raawwachuuf caalaatti kan nu kakaasu akkamitti? Macaafota kutaa Macaafa Qulqulluu ta’an kana lamaanirraa barumsa akkamii akka argannu mee haa ilaallu. Fakkeenyaaf, Yihudoonni gara biyyasaaniitti deebi’an mana qulqullummaa ijaaruusaanii wajjin haala wal qabateen wantoota tokko tokko gadi fageenyaan haa ilaallu. Akkuma olitti ibsame, Yihudoonni Baabilonii gara Yerusaalemitti deebi’an mana qulqullummaa ijaaruusaanii dhaabaniiru. Mana qulqullummaa ijaaruuf erga bu’uura kaa’anii booda duubatti jedhaniiru. Namoonni kun hojii kana kan dhaaban ilaalcha dogoggoraa akkamii waan qabaniifidha? Nuti kanarraa maal baranna?
Qabeenyaaf Ilaalcha Sirrii Qabaachuu
10. Yihudoonni ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan? Kunimmoo rakkina akkamii isaanirraan ga’eera?
10 Yihudoonni boojuudhaa deebi’an ‘yeroon hin geenye’ jechaa turan. (Haagee 1:2) Dhaloota Kiristos dura bara 536tti bu’uurasaa kaa’uudhaan mana qulqullummaa ijaaruu yeroo jalqaban garuu, ‘yeroonsaa hin geenye’ hin jenne. Haata’u malee, utuu baay’ee hin turin namoonni naannoosaaniitti argamaniifi mootummaan Faares hojii kana mormuunsaanii abdii waan isaan kutachiiseef ijaarsa kana dhaaban. Yihudoonni mana jireenyaasaaniifi wantoota isaan gammachiisanirratti xiyyeeffachuu jalqaban. Yihowaan mana dhuunfaasaanii isa muka ba’eessaan hojjetameefi mana qulqullummaa isa utuu hin xumuramin jiru wal bira qabuudhaan akkas jechuudhaan isaan gaafateera: “Manni qulqullummaa koo kun diigamee utuu jiruu isin ofii keessanii mana ba’eessa ta’ee ijaarame keessa taa’uun yeroo isaa tii ree?”—Haagee 1:4.
11. Yihowaan Yihudoota bara Haageetti turaniif gorsa kan kenne maaliifi?
11 Eeyyee, Yihudoonni wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa hin laanne. Sabni Waaqayyoo kaayyoo Yihowaan mana qulqullummaa ijaarsisuuf qabuuf barbaaduuf dursa kennuu dhiisanii, dhimma dhuunfaasaanii raawwachuufi manasaanii ijaaruurratti xiyyeeffatanii turan. Mana waaqeffannaa Yihowaa ijaaruudhaaf dantaa dhabanii turan. Sagaleen Yihowaa Haagee 1:5rratti argamu, Yihudoonni ‘wanta isaanirra ga’aa jiru akka ilaalan’ isaan jajjabeessa. Wanta hojjechaa jiranirratti akka yaadaniifi ijaarsa mana qulqullummaa kanaaf dursa kennuu dhiisuunsaanii miidhaa akkamii akka isaanirraan ga’e akka qalbeeffatan isaan akeekkachiisuusaa ture.
12, 13. Haagee 1:6 haala Yihudoonni keessa turan kan ibsu akkamitti? Caqasichi hiika maalii qaba?
12 Akkuma kanarraa hubachuu dandeessutti, Yihudoonni wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuu dhiisuunsaanii dhuunfaatti isaan miidheera. Ilaalcha Waaqayyoo Haagee 1:6rratti ibsame qalbeeffadhu: “Baay’ee facaaftu, muraasa galfattu; in nyaattu, garuu beela hin baatan; in dhugdu, garuu hin quuftan; in uffattu, garuu isinitti hin ho’u; namni qacaramee hojjetus mindaa argatu korojoo tarsa’aa keessa in kaa’ata.”
13 Yihudoonni biyya Waaqayyo isaaniif kenne keessa kan jiraatan ta’anillee, biyyattiin oomisha gaarii isaaniif hin kennine. Akkuma dursee akeekkachiisetti Yihowaan eebbasaa isaan dhowwatee ture. (Keessa Deebii 28:38-48) Sanyii yoo facaasanillee, gargaarsa Yihowaa waan hin qabneef wanti isaan haammatan xinnoo ture; jechuunis midhaan fedhasaanii guutu hin arganne. Eebba Yihowaa waan dhabaniif uffata isaanitti ho’u uffachuu hin dandeenye. Mindaan hojjetanii argatanillee bu’aa tokko argamsiisuu waan hin dandeenyeef, akka waan korojoo tarsa’aatti naqamee dhangala’ee ta’ee ture. Jechi “in dhugdu, garuu hin quuftan” jedhu hiika maalii qaba? Kunis, Yihudoonni eebba Yihowaa dhabuusaanii kan ibsu ture. Wayiniin isaan oomishan xinnoo waan ta’eef isaan hin quufsu ture.
14, 15. Haagee 1:6rraa barumsa akkamii arganna?
14 Barumsi nuti kana hundumaarraa argannu waa’ee mana gaarii ijaarrachuu yookiin mana ofii miidhagfachuu miti. Yihudoonni gara Baabilonitti booji’amuusaanii yeroo dheeraa dura, Amos raajichi namoota sooreyyii biyya Israa’el turan ‘ilka arbaatiin manneetii’ waan ijaarrataniifi ‘siree ilka arbaarra waan ciisaniif’ isaan ifatee ture. (Amos 3:15; 6:4) Manneetiiniifi meeshaawwan mimmiidhagoon yeroo dheeraadhaaf hin turre. Meeshaawwan kun diinota biyyattii weeraraniin saamamanii turan. Haata’u malee, waggoota muraasa booda, jechuunis boojuu waggaa 70 boodas, sabni Waaqayyoo hedduun kanarraa utuu barumsa hin argatin hafaniiru. Nutihoo kanarraa barumsa argachuu dandeenyaa? Hundumti keenya akkas jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha: ‘Manaafi meeshaawwan manakoo ittiin miidhagsuuf xiyyeeffannaa akkamiin kenna? Yeroo baay’ee na jalaa fudhachuudhaan jireenya hafuuraakoo kan laaffisu ta’uyyuu hojiikoorratti guddina argachuuf jecha barumsa dabalataa nan baradhaa?’—Luqaas 12:20, 21; 1 Ximotewos 6:17-19.
15 Ergaan Haagee 1:6rratti argamu eebba Yihowaa argachuun keenya barbaachisaa akka ta’e nu yaadachiisa. Yihudoonni durii eebba Waaqayyoo dhabuusaaniitiin rakkina guddaadhaaf saaxilamanii turan. Qabeenya hedduu kan qabnu taanes ta’uu baannes, eebba Yihowaa hin argannu taanaan karaa hafuuraa rakkinarra bu’uu dandeenya. (Maatewos 25:34-40; 2 Qorontos 9:8-12) Haata’u malee, eebba kana akkamitti argachuu dandeenya?
Yihowaan Karaa Hafuurasaa Nu Gargaara
16-18. Zakaariyaas 4:6 Yihudoota bara durii turaniif hiika maalii qaba ture?
16 Bara Haageetti kan ture Zakaariyaas karaa Yihowaan bara sanatti namoota garaa guutuudhaan isa tajaajilan itti kakaasuufi eebbisu akka dubbatu ergamee ture. Kunimmoo siinis akkamitti akka eebbisu argisiisa. Caqasichi akkas jedha: ‘‘‘Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti’ . . . kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.” (Zakaariyaas 4:6) Caqasni kun si’a baay’ee yeroo caqasamu dhageesseetta ta’a; haata’u malee, Yihudoota bara Haageefi Zakaariyaas turaniif hiika akkamii qaba ture? Siinoo kan fayyadu akkamitti?
17 Jechoonni Haageeniifi Zakaariyaas geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreessan bara sanatti bu’aa gaarii akka argamsiisan yaadachuu qabna. Raajiin raajonni kun lamaan dubbatan, Yihudoota amanamoo turan jajjabeessaniiru. Haageen raajii dubbachuu kan jalqabe Dh.K.D. bara 520 ji’a ja’affaatti yeroo ta’u, Zakaariyaasimmoo raajii dubbachuu kan jalqabe baruma sana ji’a saddeettaffaattidha. (Zakaariyaas 1:1) Haagee 2:18rraa hubachuun akka danda’amutti, hojiin ijaarsa mana qulqullummaa hinaaffaadhaan kan jalqabame ji’a sagalaffaattidha. Kanaafuu, Yihudoonni hojiidhaaf kaka’uusaaniirrayyuu, Yihowaan akka isaan gargaaru amanuudhaan isaaf abboomamaniiru. Jechoonni Zakaariyaas 4:6rratti argaman gargaarsa Waaqayyoo kan argisiisanidha.
18 Yihudoonni Dh.K.D. bara 537tti yeroo biyyasaaniitti deebi’an humna waraanaa tokkoyyuu hin qaban ture. Haata’u malee, Yihowaan yeroo Baabilonii gara biyyasaaniitti deebi’an eegumsa isaaniif godheera; akkasumas isaan geggeesseera. Sana booda utuu baay’ee hin turinis, yeroo ijaarsa mana qulqullummaa jalqabanitti hafuurasaatiin qajeelfama isaaniif kenneera. Yeroo hojii kana garaa guutuudhaan hojjechuu jalqabanitti Yihowaan hafuurasaatiin isaan gargaareera.
19. Hafuurri Waaqayyoo dhiibbaawwan akkamii mo’eera?
19 Zakaariyaas al saddeet walitti aansee mul’ata Waaqayyo biraa dhufe arguunsaa, Yihowaan sabasaa warra hanga manni qulqullummaa ijaaramee dhumutti amanamummaadhaan hojjechuuf carraaqqii godhan akka gargaaru isaaf mirkaneesseera. Mul’anni inni arfaffaan boqonnaa 3rratti ibsame, Seexanni carraaqqii Yihudoonni mana qulqullummaa ijaaranii xumuruuf godhan mormaa akka ture argisiisa. (Zakaariyaas 3:1) Akkasumas Hangafa Lubootaa kan ta’e Iyaasuun mana qulqullummaa haaraa keessatti saba Waaqayyoo yeroo tajaajilu arguu akka hin barbaanne beekamaadha. Seexanni carraaqqii Yihudoonni mana qulqullummaa ijaaruuf godhan dhaabsisuuf yaalii godhus, hafuurri Yihowaa gufuuwwan adda addaa balleessuudhaan hanga ijaarsi kun raawwatamutti Yihudoonni gara duubaatti akka hin jennee jajjabeessuudhaan ga’ee guddaa raawwateera.
20. Yihudoonni fedha Waaqayyoo akka raawwatan hafuurri qulqulluun kan isaan gargaare akkamitti?
20 Abbootiin taayitaa hojii ijaarsa mana qulqullummaa waan ittisaniif, Yihudoonni ‘tulluun humna qabeessa’ ta’e fuulasaanii dura waan dhaabate isaanitti fakkaatee ture. Haata’u malee, Yihowaan wanti “tulluu” fakkaatu kun “lafa wal qixxee” akka ta’u gochuuf waadaa galee ture. (Zakaariyaas 4:7) Kanas raawwateera! Daariyos Mootichi 1ffaan dhimmi kun qoramee akka ilaalamu gochuudhaan, labsii Qiiros Yihudoonni mana qulqullummaa akka ijaaraniif baase argachuusaatiin mana kana deebisanii akka ijaaran heyyame. Kanarra darbees Daariyos qabeenya mootummaa keessaa Yihudoonni qarshii hojii ijaarsa mana qulqullummaatiif gargaaru mana maallaqaa mootummaatii akka argatan ajaje. Haalli yeroo sanatti ture karaa dinqisiisaa ta’een geddarameera! Gama kanaan hafuurri Yihowaa wanta raawwate qabaa? Kun shakkii tokko hin qabu. Hojiin ijaarsa mana qulqullummaa Dh.K.D. bara 515tti waggaa ja’affaa bulchiinsa Daariyos 1ffaatti xumurame.—Izraa 6:1, 15.
21. (a) Bara duriitti Yihowaan ‘saba lafarraa kan sochoose’ akkamitti? Kun ‘badhaadhummaan saba lafarraa’ akka argamu kan godhe akkamitti? (b) Kun bara keenyatti raawwiisaa kan argate akkamitti?
21 Haagee 2:5rratti Yihowaan Tulluu Siinaarratti Yihudootaa wajjin kakuu galuusaa isaan yaadachiise. Yeroo sanatti, ‘tullichi guutummaatti baay’isee raafamee ture.’ (Ba’uu 19:18) Lakkoofsa 6 fi 7rratti akkuma fakkeenyaan ibsame, Yihowaan bara Haageefi Zakaariyaasitti socho’iinsa garabiraa raawwachuuf qophaa’ee ture. Haalli biyya Faares keessa ture kan gabii hin qabne ta’uyyuu, hojiin ijaarsa mana qulqullummaa rakkoo tokko malee xumurameera. ‘Badhaadhummaa saba lafarraa hundumaa’ kan jedhaman namoonni saba Yihudii hin taane bakka waaqeffannaa sanaatti Yihudootaa wajjin Yihowaadhaaf ulfina kennu. Haala bara sanarraa adda ta’een, bara keenyatti Waaqayyo hojii lallabaa raawwannuun ‘saba lafarraa sochoosuudhaan,’ ‘badhaadhummaan saba lafarraa’ dibamtoota lafarratti argamanii wajjin gara waaqeffannaa dhugaatti fideera. Dhugumayyuu, dibamtoonni hoolota kan biraa wajjin ta’uudhaan mana Yihowaa ulfinaan guutaa jiru. Waaqeffattoonni dhugaa kun, yeroo Yihowaan karaa adda ta’een ‘lafaafi bantii waaqaa itti sochoosu’ abdiidhaan eegu. Socho’iinsi kunis humna mootummoota sabootaa balleessuuf kan godhamu ta’a.—Haagee 2:22.
22. Saboonni biyya lafaa kan socho’an akkamitti? Bu’aansaahoo maal ta’a? Wanti gara fuulduraatti raawwatamu maalidha?
22 Raajiin kun, socho’iinsa wantoota gara garaa ‘bantiiwwan waaqaafi lafa, galaanaafi lafa gogaatti’ fakkeeffamanirratti ga’e kan nu yaadachiisudha. Fakkeenyaaf, Seexanniifi hafuuronni xuraa’oon gara lafaatti darbatamaniiru. (Mul’ata 12:7-12) Kana malees, hojiin lallabaa olaantummaa dibamtootaatiin geggeeffamaa jiru humnoota sirna biyya lafaa sochooseera. (Mul’ata 11:18) Kun hundi utuu jiruu, ‘tuutni sonaan baay’ee’ badhaadhummaa saba lafarraa jedhaman Israa’eloota hafuuraa wajjin ta’uudhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. (Mul’ata 7:9, 10) Tuutni sonaan baay’ee dibamtootaa wajjin ta’uudhaan, misiraachoo dhihootti Waaqayyo waraana Armaagedoonitti saboota akka sochoosu dubbatu lallabaa jiru. Kunimmoo, waaqeffannaan dhugaa guutummaa biyya lafaatti akka dagaagu godha.
Ni Yaadattaa?
• Haageefi Zakaariyaas yoomiifi haala akkamii jalatti tajaajilaa turan?
• Ergaa Haageefi Zakaariyaas dabarsan akkamitti hojiirra oolchuu dandeessa?
• Yaanni Zakaariyaas 4:6rratti argamu kan nama jajjabeessudha kan jennu maaliifi?