Macaafa Qulqulluutti Karaa Sirrii Hin Taaneen Hin Fayyadaminaa
“DUBBIIN Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba.” (Ibr. 4:12) Phaawulos yaada olitti caqasametti fayyadamuudhaan, Dubbiin Waaqayyoo garaa namaa tuquufi jireenya namootaa jijjiiruuf humna akka qabu ibseera.
Ergamoonni Yesus hundi erga duʼanii booda garuu, gantummaan raajiidhaan dubbatame kan babalʼate yommuu taʼu, namoonnis humna Macaafni Qulqulluun qabu ilaalchisee yaada dogoggoraa qabaachuu jalqaban. (2 Phe. 2:1-3) Yeroo boodas geggeessitoonni waldaa, Macaafni Qulqulluun humna dinqii raawwatu akka qabu barsiisuu jalqaban. Piroofeesara kan taʼan, Haarii Gaambil waaʼee ‘dinqii raawwachuuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu’ barreessaniiru. Piroofeesarri kun, Oriijan inni Abbaa Waldaa Kiristiyaanaa ture, “Jechoonni namoonni Waaqayyoon hin beekne hafuura xuraaʼoo baasuuf itti fayyadaman humna erga qabaatanii, jechi Macaafa Qulqulluu inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame humna kana caalu qaba” akka jedhe caqasaniiru. Joon Kirisoostom inni dhuma jaarraa arfaffaatti jiraate, “Seexanni mana Wangeelli jirutti hin dhihaatu” jechuudhaan barreesseera. Namoonni tokko tokko caqasawwan Wangeelota keessa jiran akka kudhaamaa mormatti godhachaa akka turanis dubbateera. Gaambil itti dabaluudhaan, Ogastiin inni hayyuu amantii Kaatolikii taʼe “namoonni yoo mataan isaan dhukkube Wangeela Yohannis boraafatanii rafuun gaarii akka taʼe yaada ture” jedheera. Kanaaf, namoonni Macaafa Qulqulluu karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaa akka turan kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Macaafa Qulqulluu akka kudhaamaatti ykn miʼa milkii ittiin ilaallachuuf gargaaruufi hamaarraa si eeguu dandaʼuutti ilaaltaa?
Karaawwan namoonni Macaafa Qulqulluu haala sirrii hin taaneen itti fayyadaman keessaa tokko barsiifata biibilyoomaansii jedhamudha. Barsiifanni kun maalidha? Hubannaa namaa argamsiisa jedhanii yaaduudhaan macaafa tokko, yeroo baayʼeemmoo Macaafa Qulqulluu keessaa idduma taʼe tokko bananii caqasa ijisaanii irra buʼe tokko dubbisuu jechuudha. Fakkeenyaaf, Gaambil, Ogastiiniin ilaalchisee, yeroo tokko mucaan ollaasaa tokko, “Fuudhii dubbisi, fuudhii dubbisi” yommuu jedhu akka dhagaʼeefi innis kun ajaja Waaqayyoo akka taʼe yaaduudhaan Macaafa Qulqulluu banee caqasa dura ijisaa irra buʼe akka dubbise barreesseera.
Namoota haalli rakkisaan yommuu isaan mudatu Waaqayyotti erga kadhannaa dhiheessanii booda, caqasni Macaafa Qulqulluu dura ijisaanii irra buʼe, rakkinasaanii moʼuuf akka isaan gargaaru amanuudhaan macaafa kana bananii dubbisan beektaa? Kakaʼumsi namoota kanaa gaarii taʼuu dandaʼus, Kiristiyaanonni dhugaan garuu Macaafa Qulqulluu keessaa beekumsa argachuu kan qaban akkasitti miti.
Yesus bartootasaatiif ‘hafuura qulqulluu isa isaaniif dubbatu’ akka ergu mirkaneesseefii ture. Itti dabaluudhaanis, hafuurri kun, “Waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa” jedheera. (Yoh. 14:26) Faallaa kanaatiin, barsiifanni biibilyoomaansii jedhamu Macaafa Qulqulluu beekuu hin gaafatu.
Barsiifata biibilyoomaansii dabalatee Macaafa Qulqulluu karaa sirrii hin taane garabiraatiin itti fayyadamuun baramaadha. Dubbiin Waaqayyoo garuu hooda dubbachuu ni balaaleffata. (Lew. 19:26; Kes. 18:9-12; HoE. 19:19) ‘Dubbiin Waaqayyoo jiraataafi humna hojjetu kan of keessaa qabu’ taʼus, akkamitti akka itti fayyadamnu beekuun keenya barbaachisaadha. Jireenya namootaa kan fooyyessu beekumsa sirrii Macaafa Qulqulluu keessa jiru qabaachuudha malee, karaa sirrii hin taaneen macaafa kanatti fayyadamuu miti. Namoonni baayʼeen beekumsa akkasii qabaachuunsaanii, amala gaarii horachuuf, jireenya gadhee dhiisuuf, jireenya maatiisaanii jabeeffachuuf, Abbaa Barroo macaafa kanaa wajjinis hariiroo gaarii qabaachuuf isaan gargaareera.