Yihowaan Maanguddoota Isa Tajaajilaniif Garaadhaa Ni Yaada
“Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus.”—IBR. 6:10.
1, 2. (a) Nama mataa harrii arguunkee maal si yaadachiisuu danda’a? (b) Yihowaan Kiristiyaanota maanguddoota ta’aniif ilaalcha akkamii qaba?
GUMII keessatti maanguddoota mataansaanii harrii ta’e yommuu argitu, seenaa macaafa Daani’el keessatti ibsame hin yaadattuu? Mul’ata Daani’el arge keessatti, Yihowaan akka nama mataansaa harrii ta’eetti of ibseera. Daani’el, “Mul’ata ani arge keessatti teessonni kaa’amanii, inni bara baay’ee dheeraa jiraate tokko teessoo irra taa’e; uffanni isaa adii calaqqisaa dha, rifeensi mataa isaas akka jirbii hiddamaa in addaata” jechuudhaan barreesseera.—Dan. 7:9.
2 Yeroo baay’ee jirbii hiddamaan adiidha. Kanaaf, jechi rifeensa mataa adii jedhuufi maqaan “Inni Bara Baay’ee Jiraate” jedhu, Waaqayyo bara dheeraa waan jiraateefi ogummaa guddaa waan qabuuf, ulfina guddaa isaaf kennuu akka qabnu kan nu hubachiisudha. Yihowaan, inni bara baay’ee jiraate maanguddoota amanamoodhaaf ilaalcha akkamii qabaree? Waaqayyo, “Harriin yommuu karaa qajeelinaa argamu gonfoo bareedinaati” jedheera. (Fak. 16:31, NW) Eeyyee, Kiristiyaanni amanamaan tokko yommuu mataansaa harrii ykn adii ta’u, namni muuxannoo qabu kun Waaqayyo duratti bareedaadha. Obbolootakee maanguddoota ta’an akkuma Yihowaan ilaalutti ilaaltaa?
Bakki Guddaan Kennamuufii Kan Qabu Maaliifi?
3. Maanguddoota hidhattoota amantaa keenya ta’aniif bakka guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?
3 Maanguddoota jaallatamoo tajaajiltoota Waaqayyoo ta’an keessaa tokko tokko, miseensota Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa, daawwattoota olaanaa yeroo ammaattis ta’e kanaan dura tajaajilaa turan, qajeelchitoota hinaaffaa qabaniifi babal’istoota Mootummichaa ga’eessota ta’an jechuunis, amanamummaadhaan gumii keenyatti tajaajilanidha. Atis maanguddoota waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif misiraachicha hinaaffaadhaan lallabaa turan, akkasumas dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’uudhaan hojiidhaaf isaan kakaasan beekta ta’a. Maanguddoonni hidhattoota amantaa keenya ta’an tokko tokko, itti gaafatamummaa guddaa kan qabaniifi misiraachichaaf jecha ari’atama isaanirra ga’e danda’anii kan jiraatanidha. Yihowaanis ta’e “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” hojii isaan kanaan dura hojjetaniifi ammas hojjechaa jiraniif baay’ee isaan dinqisiifatu.—Mat. 24:45.
4. Maanguddoota Kiristiyaanota ta’aniif ulfina kennuufi isaanii kadhachuu kan qabnu maaliifi?
4 Tajaajiltoonni Yihowaa warri kaan, maanguddoota amanamoo kana galateeffachuufi ulfina kennuufi qabu. Seerri Waaqayyo Museedhaaf kenne, maanguddootaaf yaaduufi isaaniin kabajuu, Yihowaa sodaachuu wajjin wal qabsiisee ibsa. (Lew. 19:32) Yeroo hundumaa namoota amanamoo ta’an kanaaf kadhachuufi hojii jaalalaan kaka’anii hojjetaniif Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Phaawulos ergamaan dargaggootaafi maanguddoota hidhattoota amantaasaa ta’aniif kadhateera.— 1 Tasaloniiqee 1:2, 3 dubbisi.
5. Maanguddoota Yihowaa waaqeffatanitti dhihaachuudhaan bu’aa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Kana malees, warri gumii keessatti argaman hundi, maanguddoota kanatti dhihaachuudhaan faayidaa argachuu danda’u. Maanguddoonni waaqeffattoota Yihowaa amanamoo ta’an kun, qayyabannaadhaan, hubatanii ilaaluufi muuxannoodhaan beekumsa gaggaarii hedduu walitti qabataniiru. Obsaafi warra kaaniif gadduu kan baratan yommuu ta’u, wanta baratanis dhaloota dhufuuf dabarsuun isaan gammachiisa. (Far. 71:18) Dargaggoonni, akkuma boolla keessaa bishaan waraabdan, ogeeyyii ta’uudhaan beekumsa maanguddoota kanaa waraabbachuu qabdu.—Fak. 20:5.
6. Maanguddoonni bakka guddaa akka isaaniif laattu akka beekan gochuu kan dandeessu akkamitti?
6 Akkuma Yihowaan bakka guddaa sii kennu, atis maanguddoonni bakka guddaa akka isaaniif laattu akka beekan ni gootaa? Karaan kana gochuuf si gargaaru inni tokko, amanamoo ta’uusaaniitti baay’ee akka isaan jaallattuufi ilaalchasaaniitiif bakka guddaa akka laattu itti himuudha. Kana malees, wanta isaanirraa baratte hojiirra oolchuudhaan garaadhaa akka isaan kabajju argisiisuu dandeessa. Maanguddoonni Kiristiyaanota ta’an hedduun, gorsa gaarii maanguddoota amanamoo isaan dura turanirraa argatan hojiirra oolchuun jireenyasaanii guutuu faayidaa akkamii akka isaanii argamsiise ni yaadatu.a
Akka Isaaniif Yaaddu Hojiidhaan Argisiisi
7. Yihowaan, maanguddoota akka kunuunsaniif adda durummaadhaan itti gaafatamummaa kan kenne eenyuufi?
7 Waaqayyo, adda durummaadhaan maanguddoota akka kunuunsan itti gaafatamummaa kan kenne maatiisaaniitiifi. (1 Ximotewos 5:4, 8 dubbisi.) Yihowaan, namoota dullooman kunuunsuusaarrayyuu, maatiiwwan firoottansaanii warra maanguddoota ta’aniif kunuunsa gochuudhaan itti gaafatamummaasaanii raawwatanittis ni gammada. Waaqayyo maatiiwwan akkasii kan gargaaru ta’uusaarrayyuu, carraaqqii godhaniifi aarsaa kaffalan hundaaf isaan eebbisa.b
8. Gumiiwwan maanguddootaaf kunuunsa gochuu kan qaban maaliifi?
8 Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan gumiiwwan maanguddoota rakkataniifi fira isaan gargaaru hin qabne ykn gargaaruu hin feene qabaniif kunuunsa yommuu godhan ni gammada. (1 Xim. 5:3, 5, 9, 10) Akka kanaan gumiiwwan maanguddootaaf, ‘jaalala obbolummaafi gara-laafina’ akka qaban argisiisu. (1 Phe. 3:8) Phaawulos, buusaan dhagnaa tokko yommuu dhiphatu, ‘hundinuu isaa wajjin akka dhiphatan’ ibsuudhaan, gumiiwwan Kiristiyaanota maanguddoota ta’aniif hammam akka yaadan addeesseera. (1 Qor. 12:26) Maanguddoota gargaaruuf tarkaanfii jaalalarratti hundaa’e fudhachuudhaan, seera bu’uuraa gorsa Phaawulos “Ba’aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu” jechuudhaan kenne hojiirra akka oolchinu argisiisna.—Gal. 6:2.
9. Dullumni rakkoowwan akkamii namatti fiduu danda’a?
9 Maanguddoonni rakkoowwan akkamii qabu? Baay’eensaanii salphaadhumatti dadhabu. Waanuma xixinnoo hojjechuu, jechuunis mana yaalaa dhaquu, asiif achi dhaqanii kiraa addaddaa kaffaluu, mana qulqulleessuufi nyaata qopheessuun humnasaaniitii ol akka ta’e isaanitti dhaga’amuu danda’a. Yommuu dullooman fedhiin nyaataafi dhugaatiidhaaf qaban waan hir’atuuf, hamma nyaachuu qaban nyaachuun barbaachisaa akka hin taane isaanitti dhaga’amuu danda’a. Nyaata hafuuraa ilaalchisees akkasuma itti dhaga’amuu danda’a. Ijiifi gurri dadhabe barreeffama dubbisuufi wanta jedhamu dhaggeeffachuuf rakkachuu danda’a; gara walga’ii dhaquuf qophaa’uunillee ba’aa ulfaataa isaanitti ta’uu danda’a. Yeroo kanatti, warri kaan maanguddoota kanaaf maal gochuu danda’u?
Isaan Gargaaruu Kan Dandeessu Akkamitti?
10. Jaarsoliin, maanguddoonni gargaarsa argachuusaanii mirkaneessuuf maal gochuu qabu?
10 Gumiiwwan hedduun maanguddoota kunuunsuudhaan fakkeenya gaarii ta’u. Obboloonni jaalala qabeeyyii ta’an, mi’a bituudhaan, nyaata bisheessuufi qulqulleessuudhaan maanguddoota gargaaru. Maanguddoonni akka qayyabatan, walga’iidhaaf akka qophaa’aniifi tajaajilarratti akka bobba’an isaan gargaaru. Dargaggoonni Dhugaa Baatota ta’an isaanii wajjin ta’uudhaan geejjiba akka argatan isaan gargaaru. Maanguddoonni manaa ba’uu hin danda’an yoo ta’e, kutaawwan walga’iirratti dhihaatan bilbilaan ykn kaasseettiitti waraabuudhaan akka dhaggeeffatan godhu. Jaarsoliin, hanga danda’ametti wanti maanguddoota gumicha keessatti argamaniif barbaachisu hundi godhamaafii akka jiru mirkaneessuu qabu.c
11. Maatiin tokko maanguddoo tokko akkamitti akka gargaare dubbadhu.
11 Kiristiyaanonni kaanis isaan simachuufi isaaniif arjoomuu danda’u. Obboleessi maanguddoon tokko, haati manaasaa erga duutee booda, sooramni isheen argachaa turte waan irraa citeef kiraa manaa kaffalachuu dadhabe. Abbaan, haatiifi intaloonnisaanii lamaan inniifi haati manaasaa qayyabsiisaa turan mana guddaa qabu turan. Kanaafuu, akka keessa jiraatuuf kutaa lama isaa kennan. Waggaa 15iif akka miseensa maatiisaaniitti kan jiraate yommuu ta’u, yeroo gaariis waliin dabarsaniiru. Ijoolleensaanii amantiifi muuxannoo maanguddoo kanaarraa faayidaa kan argatan yommuu ta’u, innis isaanii wajjin yeroo nama gammachiisu dabarseera. Obboleessi kun hamma umrii waggaa 89tti du’etti isaanii wajjin jiraateera. Maatiin kun, eebba maanguddoo kanaa wajjin ta’uudhaan argateef ammayyuu Waaqayyoon ni galateeffata. Bartuu Yesus Kiristos gargaaruusaaniitti ‘gatiisaanii hin dhabne.’—Mat. 10:42.d
12. Maanguddootaaf akka yaaddu argisiisuuf maal gochuu dandeessa?
12 Tarii ati akka maatii kanaatti maanguddoota gargaaruu hin dandeessu ta’a. Haata’u malee, maanguddoota gara walga’iifi tajaajilaatti geessuu dandeessa. Mana keetti isaan afeeruufi yeroo bashannanaaf baatu isaanii wajjin deemuu dandeessa. Keessumaa yommuu dhukkubsataniifi manaa ba’uu hin dandeenyetti isaan gaafachuu dandeessa. Kana malees, yeroo hunda akka nama guddaatti isaan ilaaluu qabda. Maanguddoonni hubachuu ni danda’u taanaan, dhimmasaanii ilaalchisee murtoo godhamu hundarratti mariisifamuu qabu. Warri sammuunsaanii akka gaariitti hin hojjennellee, ulfinasaanii eeguufi dhiisuu keenya beeku.
Yihowaan Hojii Keessan Hin Irraanfatu
13. Miira Kiristiyaanota maanguddootaatiif yaaduun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
13 Miira maanguddootaatiif yaaduun barbaachisaadha. Maanguddoonni, wanta yommuu dargaggeessaafi fayyaa turanitti raawwatan gochuu dadhabuusaaniitti baay’ee akka gaddan beekamaadha. Fakkeenyaaf, obboleettiin gara waggaa 50tiif qajeelchaa taatee Yihowaa tajaajilte tokko, dhukkuba cimaadhaan waan qabamteef, walga’iirratti argamuun baay’ee rakkisaa itti ta’e. Tajaajila dur dhiheessitu, rakkina amma qabduu wajjin wal bira qabdee ilaaluudhaan boo’uutti kaate. Boquushee buustee, boo’aa, “Carraaqqiin ani godhu homaa gatii hin qabu” jetteetti.
14. Maanguddoonni tajaajiltoota Yihowaa ta’an, faarfaticharraa jajjabina akkamii argachuu danda’u?
14 Maanguddoo yoo taate, akkas sitti dhaga’amee beekaa? Yookiinimmoo Yihowaan akka si gate sitti dhaga’amee beekaa? Faarfatichi, “Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni koo dhumus ana hin dhiisin! . . . Dulloomee mataan koo harrii yoo ta’e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!” jedhee Yihowaa waan kadhateef, dulluma jala yommuu ga’u akkasuma itti dhaga’amuu hin oolle. (Far. 71:9, 18) Yihowaan faarfaticha hin gatne; siinis hin gatu. Faarfannaa garabiraarratti Daawit, Waaqayyo akka isa gargaaru abdii qabu ibseera. (Faarfannaa 68:19 dubbisi.) Kiristiyaana maanguddoo amanamaa yoo taate, Yihowaan sii wajjin akka ta’eefi yeroo hundumaa si kunuunsuusaa akka itti fufu mirkanaa’aa ta’i.
15. Maanguddoonni yaada nama jajjabeessu akka qabaatan kan isaan gargaaru maalidha?
15 Maanguddoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taatan hundi, Waaqayyo wanta isin kanaan dura ulfina maqaasaatiif gootanis ta’e, amma gochaa jirtan akka hin irraanfanne hubadhaa. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus” jedha. (Ibr. 6:10) Kanaaf, waanan dulloomeef Yihowaadhaaf dhimma baasuu hin danda’u jettanii dogoggoraan yaaduurraa fagaadhaa. Yaadawwan nama dhiphisaniifi hamilee namaa cabsan qabaachuu mannaa, ilaalcha nama jajjabeessu qabaachuuf carraaqqii godhaa. Eebbawwaniifi abdiiwwan gara fuulduraatti qabdaniin gammadaa. Uumaan keenya, ‘wanta gara fuulduraatti eeggannu’ akka nuu raawwatu mirkaneesseera. (Er. 29:11, 12; HoE. 17:31; 1 Xim. 6:19) Abdii keessanirratti yaadaa; garaafi sammuun keessan cimaa akka ta’u gochuuf yaalii godhaa; gumiirratti argamuun keessan bu’aa guddaa akka qabu hin dagatinaa!e
16. Obboleessi tokko jaarsa ta’ee tajaajiluusaa dhaabuu akka qabu kan itti dhaga’ame maaliif ture? Ta’us qaamni jaarsolii kan isa jajjabeesse akkamitti?
16 Obboleessa Yohaan jedhamuufi haadha manaa Saanii jedhamtu qabu tokko akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Obboleessi kun, nama umrii waggaa 80 yommuu ta’u, haadha manaasaa ishee amanamtuufi yeroo booda hir’ina qaamaa qabaatte kunuunsuutti yeroo baay’ee dabarsa.f Maanguddoon kun walga’iirratti akka argamuufi tajaajilarratti akka hirmaatu isa gargaaruuf, obboleettonni dabareedhaan Saaniidhaaf kunuunsa godhu. Haata’u malee, obboleessi kun yeroo dhihoodhaa asitti miirrisaa garmalee waan miidhameef, jaarsa gumii ta’ee tajaajiluusaa dhaabuu akka qabu itti dhaga’amuu jalqabe. Imimmaan ijasaa guutee, “Jaarsa ta’ee tajaajiluunkoo faayidaa maalii qaba? Si’achi gumii keessatti hojii dhimma baasu hojjechuu hin danda’u” jedhe. Jaarsoliin kaan garuu, muuxannoofi hubannaansaa gatiidhaan kan hin tilmaamamne akka ta’e isaaf mirkaneessan. Ga’een inni qabu murtaa’aa ta’us, jaarsa ta’ee tajaajiluusaa akka itti fufu isa jajjabeessan. Obboleessi kun jajjabina guddaa waan argateef, jaarsa ta’ee tajaajiluusaa kan itti fufe yommuu ta’u, gumichaafis eebba ta’eera.
Yihowaan Dhugumaan Isiniif Yaada
17. Macaafni Qulqulluun maanguddoota Kiristiyaanota ta’aniif maal mirkaneessa?
17 Caaffanni Qulqullaa’oon, maanguddoonni rakkoowwan umrii wajjin wal qabatanii dhufan yoo qabaataniyyuu, karaa hafuuraa lalisuu akka danda’an dubbatu. Faarfatichi, “Isaan akka biqiltuu mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii, . . . in lalisu. Dulluma keessa iyyuu ija in godhatu, isaan yeroo hundumaa jiidha qabu, in lalisus” jedheera. (Far. 92:13, 14) Phaawulos ergamaan inni dhibee fayyaatiin rakkachaa ture, ‘namummaansaa inni bakkeetti mul’atu gad dhumaa yoo adeemeyyuu, matumaa abdii hin kutanne.’—2 Qorontos 4:16-18 dubbisi.
18. Obboloonni maanguddoota ta’aniifi namoonni isaaniin kunuunsan, warra kaanirraa gargaarsa argachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
18 Maanguddoonni yeroo keenyatti argaman hedduun, warri dullooman ‘lalisuu’ akka danda’an argisiisaniiru. Haata’u malee, dhibeen fayyaafi dullumni, maanguddoota maatii isaan kunuunsu qabanillee abdii kutachiisuu danda’a. Namoonni kunuunsa isaanii godhanis dadhabuu danda’u. Gumiin, maanguddootaafis ta’e namoota maanguddoota gargaaraniif jaalalaan kaka’ee wanta isaan barbaachisu gochuuf mirgaafi itti gaafatamummaa qaba. (Gal. 6:10) Gargaarsi akkasii, gumichi utuu wanta isaan barbaachisu isaanii hin godhin, “isinitti haa ho’u, quufaas!” isaaniin jechaa akka hin jirre argisiisa.—Yaq. 2:15-17.
19. Maanguddoonni Kiristiyaanota amanamoo ta’an, waa’ee gara fuulduraa dhiphachuu kan hin qabne maaliifi?
19 Dullumni, sochii Kiristiyaana tokkoorratti hamma ta’e jijjiirama fiduu danda’a. Haata’u malee, Yihowaan jaalala tajaajiltootasaa warra maanguddoota ta’aniif qabu yoomiyyuu hin hir’isu. Kiristiyaanonni amanamoon kun hundi isa duratti gatii guddaa waan qabaniif, inni matumaa isaan hin gatu. (Far. 37:28; Isa. 46:4) Yihowaan bara dullumaatti isaan gargaaruufi isaan geggeessuusaa itti fufa.—Far. 48:14.
[Miiljaleewwan]
a Mataduree, “Maanguddoonni Dargaggoota Ni Jajjabeessu” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2007rra jiru ilaali.
b Kitaaba Gammachuu Maatii jedhamu boqonnaa 15 mataduree, “Haadhaafi Abbaa Keenya Warra Dullooman Kabajuu” jedhu ilaali.
c Kunis, biyyoottan tokko tokkotti maanguddoonni gargaarsa mootummaan isaanii kennu akka argatan gochuu kan dabalatu ta’uu danda’a. Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2006 mataduree, “Waaqayyo Maanguddootaaf Ni yaada” jedhu ilaali. (Amaariffa)
d Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2003rraa mataduree, “Yihowaan Yeroo Hunda Nu Kunuunsa” jedhu ilaali. (Amaariffa)
e Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 1993 mataduree, “Ulfina Harrii” jedhu ilaali. (Amaariffa)
f Maqaawwan asirratti caqasaman jijjiiramaniiru.
Maal Jettee Deebista?
• Kiristiyaanota maanguddoota ta’aniif iddoo guddaa kan laattu maaliifi?
• Kiristiyaanota maanguddoo ta’aniif akka yaannu akkamitti argisiisuu dandeenya?
• Tajaajiltoonni Yihowaa warri maanguddoota ta’an ilaalcha nama jajjabeessu akka qabaatan maaltu isaan gargaaruu danda’a?
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Miseensonni gumii, maanguddootaaf bakka guddaa kennu