MATA DUREE QOʼANNAA 2
Obboleessa Yesuus Irraa Baradhaa
“Yaaqoob isa garbicha Waaqayyoo fi garbicha Gooftaa Yesuus Kiristoos taʼe.”—YAQ. 1:1.
FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi
QABIYYEEa
1. Yaaqoob maatii akkamii keessatti guddate?
YAAQOOB inni obboleessa Yesuus taʼe maatii karaa hafuuraa cimaa taʼe keessatti guddate.b Abbaan isaa Yoseefii fi haati isaa Maariyaam Yihowaa baayʼee jaallatu, isa tajaajiluufis wanta dandaʼan hundumaa godhaniiru. Yaaqoob eebba kan biraas argateera: Obboleessi isaa inni angafaa Masiihii abdachiifame taʼeera. Miseensa maatii kanaa taʼuun Yaaqoobiif mirga guddaa ture!
2. Yaaqoob fakkeenya obboleessa isaa isa angafaa hordofuuf sababiiwwan akkamii qaba ture?
2 Yaaqoob fakkeenya obboleessa isaa isa angafaa hordofuuf sababa hedduu qaba. (Mat. 13:55) Fakkeenyaaf, Yesuus umurii isaa waggaa 12tti Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti waan beekuuf, jaarsoliin Yerusaalem keessa turan beekumsa isaa baayʼee dinqisiifatanii turan. (Luq. 2:46, 47) Yaaqoob hojii anaaxummaa Yesuusii wajjin hojjechuu hin oolu. Taanaan, obboleessa isaa akka gaariitti beekuuf carraa argateera. Naataan Noor yeroo baayʼee, “Nama tokko akka gaariitti kan beektu yeroo wajjin hojjettu dha” jedha ture.c Yaaqoob, ‘Yesuus ogummaa fi qaamaan guddachaa akka deeme, Waaqayyoo fi namoota duratti fudhatama argachuu isaas akka itti fufe’ hubachuu hin oolu. (Luq. 2:52) Kana irraa kaʼuudhaan Yaaqoob barattoota Yesuus warra jalqabaa keessaa tokko akka taʼetti yaanna taʼa. Garuu haalli isaa akkas hin turre.
3. Yaaqoob yeroo Yesuus tajaajila isaa jalqabetti deebii akkamii kenne?
3 Yeroo Yesuus lafa irratti tajaajilaa turetti Yaaqoob barattoota isaa keessaa tokko hin turre. (Yoh. 7:3-5) Tarii Yaaqoob firoota Yesuus “maraateera” jedhanii yaadan keessaa tokko taʼuu hin oolu. (Mar. 3:21) Kana malees, Yaaqoob yeroo Yesuus muka dhiphinaa irratti fannifametti haadha isaa Maariyaam bira akka ture wanti argisiisu hin jiru.—Yoh. 19:25-27.
4. Barumsawwan kamfaa qorra?
4 Yeroo booda garuu Yaaqoob Yesuusitti amanuudhaan miseensa gumii Kiristiyaanaa kabajamu taʼeera. Mata duree kana keessatti barumsa Yaaqoob irraa argannu lama qorra; (1) gad of qabuu kan qabnu maaliif akka taʼe, akkasumas (2) barsiisota buʼa qabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
AKKUMA YAAQOOB GAD OF QABUU KEESSAN ITTI FUFAA
5. Yaaqoob yeroo Yesuus duʼaa kaʼee isatti mulʼatetti maal godhe?
5 Yaaqoob duuka buutuu Yesuus kan taʼe yoomi? Yesuus erga duʼaa kaʼee booda “Yaaqoobitti, achiis ergamoota hundatti mulʼate.” (1 Qor. 15:7) Sana booda jireenyi Yaaqoob ni jijjiirame. Yeroo ergamoonni Yerusaalem keessa kutaa fooqii irra jiru tokko keessa taaʼanii hafuura qulqulluu eeggachaa turanitti innis achi ture. (HoE. 1:13, 14) Boodas Yaaqoob miseensa qaama ol aanaa jaarraa jalqabaa taʼee tajaajiluuf mirga argateera. (HoE. 15:6, 13-22; Gal. 2:9) Kana malees, Dh.K.B. bara 62 dura hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Kiristiyaanota dibamoodhaaf xalayaa barreesseera. Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, yeroo harʼaatti xalayaa isaa kana irraa faayidaa ni arganna. (Yaq. 1:1) Barreessaa seenaa Yihudootaa jaarraa jalqabaa kan taʼe Joosefas akka barreessetti, Yaaqoob ajaja Anaaniyaas ilma Haannaas isa luba ol aanaa Yihudootaa taʼeen ajjeefameera. Yaaqoob hamma xumura jireenya isaa isa lafa irraatti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajileera.
6. Yaaqoob geggeessitoota amantii bara isaa turan irraa adda kan taʼe karaa kamiini?
6 Yaaqoob nama gad of qabu ture. Akkana kan jennu maaliifi? Mee akkaataa Yaaqoob yeroo booda Yesuusiif deebii itti kenne wanta geggeessitoonni amantii hedduun godhanii wajjin wal bira qabnee haa ilaallu. Yaaqoob ragaa amansiisaa Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa argisiisu yeroo argetti gad of qabuudhaan fudhateera. Dura buutonni lubootaa Yerusaalem keessa turan garuu akkas hin goone. Fakkeenyaaf, Yesuus Alaazaariin duʼaa akka kaase haaluu hin dandaʼan turan. Yesuus bakka buʼaa Yihowaa akka taʼe amananii fudhachuu mannaa, isas taʼe Alaazaariin ajjeesuuf kutatanii turan. (Yoh. 11:53; 12:9-11) Yesuus erga duʼaa kaafamee boodas, mala dhugaa kana namoota jalaa itti dhoksan qopheessanii turan. (Mat. 28:11-15) Geggeessitoonni amantii kun koora qabaachuun isaanii Masiihichatti akka hin amanne isaan godheera.
7. Koora irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
7 Barumsa argannu: Koora irraa fagaachuudhaan Yihowaa irraa baradhu. Akkuma dhukkubni, onneen namaa sirriitti akka hin hojjenne gochuu dandaʼu, koorris qajeelfama Yihowaatiif ajajamuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Fariisonni sun garaan isaanii didaa akka taʼu waan heyyamaniif, ragaa ifa taʼee fi hafuurri Waaqayyoo isaanitti mulʼise fudhachuu didaniiru. (Yoh. 12:37-40) Koorri jireenya bara baraa waan isaan dhabsiisuuf amala balaa guddaa geessisu dha. (Mat. 23:13, 33) Dubbiinii fi hafuurri Waaqayyoo eenyummaa, ilaalchaa fi murtoo keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! (Yaq. 3:17) Yaaqoob nama gad of qabu waan tureef, Yihowaa irraa barachuuf fedhii qaba ture. Akkuma itti aansuudhaan ilaallutti, amala gad of qabuu qabaachuun isaa barsiisaa dandeettii qabu taʼuuf isa gargaareera.
AKKUMA YAAQOOB BARSIISOTA BUʼA QABEEYYII TAʼAA
8. Barsiisota gaarii taʼuudhaaf maaltu nu gargaara?
8 Yaaqoob nama barumsa guddaa qabu hin turre. Geggeessitoonni amantii bara isaa turan akkuma Pheexirosii fi Yohaannisiin jedhan isas “nama hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼetti ilaaluu hin oolan. (HoE. 4:13) Haa taʼu malee, kitaaba maqaa isaatiin waamamu yeroo dubbisnu akkuma hubannutti, Yaaqoob barsiisaa buʼa qabeessa taʼuu dandaʼeera. Nutis akkuma Yaaqoob barumsa guddaa hin qabnu taʼa. Taʼus, gargaarsa hafuura Yihowaatiin, akkasumas leenjii jaarmiyaa Yihowaa irraa argannuun barsiisota gaarii taʼuu ni dandeenya. Mee fakkeenya Yaaqoob isa barsiisaa gaarii taʼee qoruudhaan barumsa argannu haa ilaallu.
9. Yaaqoob kan barsiise akkamitti?
9 Yaaqoob jecha ulfaataa fi ibsa wal xaxaatti hin fayyadamne. Kanaan kan kaʼes, dhaggeeffattoonni isaa wanta gochuu qabanii fi akkamitti gochuu akka qaban hubachuu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni jalʼina haqaa isaan irra gaʼu dandamachuun kan isaan barbaachisu taʼus, haaloo qabachuu irraa fagaachuu akka qaban karaa salphaa taʼeen kan barsiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yaaqoob, “Warra jabaatanii dhaabbatan gammadoo akka taʼanitti ilaalla. Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu; wanta Yihowaan isaaf godhes argitaniittu; Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha” jedhee barreesseera. (Yaq. 5:11) Barumsi Yaaqoob barsiise Kitaabota Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubadhu. Dubbii Waaqayyootti fayyadamuudhaan dhaggeeffattoonni isaa Yihowaan namoota akkuma Iyyoob isaaf amanamoo taʼan yeroo hundumaa akka eebbisu akka hubatan gargaareera. Yaaqoob yeroo kanatti jechootaa fi ibsawwan salphaa taʼanitti fayyadameera. Karaa kanaan xiyyeeffannaa ofitti harkisuu mannaa, Yihowaa irratti akka xiyyeeffatan godheera.
10. Yommuu barsiisnu karaan fakkeenya Yaaqoob hordofuu itti dandeenyu tokko maali dha?
10 Barumsa argannu: Ergaan kee salphaa akka taʼu godhi, akkasumas Dubbii Waaqayyootti fayyadami. Galmi keenya beekumsa hangamii akka qabnu namootatti argisiisuudhaan isaan ajaaʼibsiisuu utuu hin taʼin, beekumsa Yihowaan qabuu fi hammam akka isaaniif yaadu isaan hubachiisuu dha. (Rom. 11:33) Galma kana bira gaʼuu kan dandeenyu, yeroo hundumaa wanti dubbannu Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu gochuudhaani. Fakkeenyaaf, barataa keenyatti nuti utuu iddoo isaa taanee maal akka goonu itti himuu mannaa, fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxaluudhaan yaadaa fi ilaalcha Yihowaan qabu akka hubatu isa gargaaruu qabna. Yoo akkas goone nuun utuu hin taʼin, Yihowaa gammachiisuuf jecha wanta barate hojii irra oolchuuf kakaʼa.
11. Kiristiyaanonni bara Yaaqoob turan tokko tokko rakkina akkamii qabu turan? Yaaqoob hoo gorsa akkamii isaaniif kenne? (Yaaqoob 5:13-15)
11 Yaaqoob nama dhugaa jiru hin haalle dha. Xalayaa isaa irraa ifatti akka hubannutti obboloonni isaa rakkoowwan garaa garaa wajjin waldhaansoo gochaa akka jiran hubatee ture; qajeelfama rakkoowwan kana moʼuuf isaan gargaarus isaaniif kenneera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni tokko tokko gorsa isaaniif kenname dafanii hojii irra hin oolchan turan. (Yaq. 1:22) Namoonni tokko tokko immoo sooreyyiidhaaf ni loogu turan. (Yaq. 2:1-3) Kaan immoo arraba isaanii toʼachuun isaan rakkisa. (Yaq. 3:8-10) Kiristiyaanonni kun rakkoowwan guddaa kan qaban taʼus, Yaaqoob abdii isaanitti hin kutanne. Gaarummaadhaan gorsa cimaa isaaniif kenneera, akkasumas namoonni karaa hafuuraa gargaarsi isaan barbaachisu jaarsolii gargaarsa akka gaafatan jajjabeesseera.—Yaaqoob 5:13-15 dubbisi.
12. Barattoota keenya yeroo gargaarru ilaalcha gaarii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Barumsa argannu: Dhugaa jiru hin haalin, taʼus namootaaf ilaalcha gaarii qabaadhu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu hedduun wanta baratan hojii irra oolchuun isaan rakkisuu dandaʼa. (Yaq. 4:1-4) Amaloota gaarii hin taane dhiisanii amaloota Kiristiyaanaa horachuun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa. Nutis fakkeenya Yaaqoob hordofuudhaan barattoonni keenya gama kamiin fooyyaʼiinsa gochuun akka isaan barbaachisu isaanitti himuu qabna. Taʼus, ilaalcha gaarii qabaachuun nu barbaachisa; Yihowaan namoota gad of qaban ofitti akka harkisuu fi jabina jijjiirama gochuuf isaan dandeessisu akka isaaniif kennu amanuu qabna.—Yaq. 4:10.
13. Yaaqoob 3:2 fi miiljalee irratti akka ibsametti Yaaqoob maal hubateera?
13 Yaaqoob ilaalcha sirrii ofiif qaba ture. Yaaqoob obboleessa Yesuus taʼuu isaatiin ykn mirga qabuun kan kaʼe, obboloota kaan irra akka caalu isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, “Obboloota koo jaallatamo” jedhee isaan waameera. (Yaq. 1:16, 19; 2:5) Warri kaan inni nama mudaa hin qabne akka taʼetti akka yaadan hin goone. Kanaa mannaa, ofii isaas dabalee, “Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora ni raawwanna” jedheera.—Yaaqoob 3:2 fi miiljalee dubbisi.
14. Akka dogoggorru ifatti dubbachuu kan qabnu maaliifi?
14 Barumsa argannu: Hundi keenya iyyuu cubbuu akka dhaalle yaadadhu. Namoota barsiisnu irra hamma tokko akka caallu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Maaliif? Barataan keenya nuti mudaa akka hin qabnetti akka yaadu yoo goone, ulaagaalee Waaqayyoo matumaa guutuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuun akka nutti ulfaatu ifatti yeroo dubbannuu fi Yihowaan rakkina nu mudate akka dandamannu kan nu gargaare akkamitti akka taʼe yeroo ibsinu garuu, innis Yihowaa tajaajiluu akka dandaʼu akka hubatu isa gargaarra.
15. Yaaqoob fakkeenyota garaa namaa tuqanitti kan fayyadame akkamitti? (Yaaqoob 3:2-6, 10-12)
15 Yaaqoob fakkeenyota garaa namaa tuqanitti fayyadameera. Yaaqoob gargaarsa hafuura qulqulluu akka argate ifa dha; taʼus, fakkeenyota obboleessi isaa Yesuus itti fayyadame qoʼachuudhaanis wanta hedduu barachuu hin oolu. Fakkeenyonni Yaaqoob itti fayyadame salphaa, barumsi isaas ifaa ture.—Yaaqoob 3:2-6, 10-12 dubbisi.
16. Fakkeenyota buʼa qabeeyyii taʼanitti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
16 Barumsa argannu: Fakkeenyota buʼa qabeeyyii taʼanitti fayyadami. Fakkeenyota sirrii taʼanitti yeroo fayyadamtu dhaggeeffattoonni kee wanta dhagaʼan ilaaluu akka dandaʼan goota. Sammuu namootaa keessatti fakkii uumta. Fakkiiwwan kun immoo dhaggeeffattoonni kee dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barbaachisoo taʼan akka yaadatan gargaaru. Yesuus fakkeenyota buʼa qabeeyyii taʼanitti fayyadamuu irratti dandeettii guddaa qaba; obboleessi isaa Yaaqoobis fakkeenya isaa hordofeera. Fakkeenyota Yaaqoob keessaa tokko qoruudhaan buʼa qabeessa dha kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.
17. Fakkeenyi Yaaqoob 1:22-25 irratti argamu buʼa qabeessa dha kan jennu maaliifi?
17 Yaaqoob 1:22-25 dubbisi. Fakkeenyi Yaaqoob waaʼee daawwitii dubbate sababii buʼa qabeessa dha itti jennu hedduu qabna. Yaaqoob fakkeenya kanatti fayyadamee barumsa tokko dabarseera: Dubbii Waaqayyoo irraa fayyadamuuf dubbisuu qofa utuu hin taʼin, wanta dubbisne hojii irra oolchuu qabna. Yaaqoob dhaggeeffattoonni isaa barumsa kana salphaatti akka hubatan gargaaruuf, nama daawwitii keessatti of ilaalu akka fakkeenyaatti fayyadameera. Barumsi inni dabarsuu barbaade maal ture? Namni tokko daawwitii keessatti erga of ilaalee booda mudaa of irratti argee utuu hin sirreessin deemuun isaa gowwummaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, Dubbii Waaqayyoo erga dubbisnee booda eenyummaa keenya irratti sirreeffama gochuun akka nu barbaachisu hubannee calluma kan jennu taanaan kun gowwummaa dha.
18. Fakkeenya tokkotti yommuu fayyadamnu wantoonni gochuu qabnu sadii maal faʼi?
18 Yeroo fakkeenyatti fayyadamtu wantoota sadii gochuudhaan fakkeenya Yaaqoob hordofuu dandeessa: (1) Fakkeenyi fayyadamtu barumsa barsiisaa jirtu akka gaariitti kan ibsu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. (2) Fakkeenya dhaggeeffattoonni kee salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadami. (3) Ergaa fakkeenyichi dabarsu ifa godhi. Fakkeenyota gaggaarii argachuun yoo si rakkise Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe fayyadami. Mata duree “Fakkeenyota” jedhu jalaa fakkeenyota itti fayyadamuu dandeessu hedduu argatta. Fakkeenyonni akkuma sagalee guddistuu akka taʼan yaadadhu; qabxiin ibsuu barbaadde caalaatti ifa akka taʼu godhu. Kanaafuu, fakkeenyaan ibsuu kan qabdu qabxiilee ijoo qofa taʼuu qaba. Dandeettii barsiisuu keenya fooyyeffachuu kan barbaannu xiyyeeffannaa ofitti harkisuuf utuu hin taʼin, hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun kutaa maatii Yihowaa isa gammachuu qabuu akka taʼan gargaaruu waan barbaannuufi.
19. Maatii hafuuraa keenya akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Yaaqoob obboleessa angafaa mudaa hin qabne qaba ture; nuti garuu obboleessa akkasii hin qabnu; taʼus, obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin tajaajiluuf mirga guddaa arganneerra. Isaan wajjin walitti qabamuudhaan, isaan irraa barachuudhaan, akkasumas hojii lallabuu fi barsiisuu irratti isaan wajjin amanamummaadhaan hirmaachuudhaan jaalala isaanitti argisiisna. Ilaalcha, gochaa fi mala barsiisuu Yaaqoob hordofuuf yeroo carraaqqii goonu, Yihowaadhaaf ulfina finna, akkasumas namoonni garaa qajeelaa qaban gara Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼetti akka dhihaatan gargaarra.
FAARFANNAA 114 “Obsaa”
a Yaaqoobii fi Yesuus mana tokko keessatti guddatan. Yaaqoob namoota yeroo sana turan baayʼee caalaa waaʼee Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabnee wanta baayʼee beeka. Mata duree kana keessatti wanta jireenyaa fi barumsa obboleessa Yesuus kana irraa barachuu dandeenyu qorra; Yaaqoob yeroo booda gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessatti akka utubaatti ilaalamaa ture.
b Obbolummaan Yesuusii fi Yaaqoob karaa haadhaa qofa yeroo taʼu, haala isaa irraa akkuma hubannutti xalayaa Kitaaba Qulqulluu maqaa isaatiin waamamu kan barreesse isa dha.
c Naataan Noor miseensa Qaama Ol Aanaa ture. Bara 1977tti jireenya isaa isa lafa irraa xumureera.
d IBSA FAKKII: Yaaqoob arraba karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun miidhaa guddaa akka geessisu ibsuuf wanta namoonni salphaatti hubachuu dandaʼan, jechuunis ibidda xinnoo akka fakkeenyaatti fayyadameera.