‘Dammaqinaan Kadhadhaa’
“Hubadhaa, kadhataafis dammaqaa.”—1 PHE. 4:7, hiika bara 1899.
1, 2. (a) ‘Dammaqinaan kadhachuun’ barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Kadhannaa ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
NAMNI halkan hojii hojjechaa ture tokko, “Halkan keessaa yeroon dammaqanii turuun baay’ee itti nama rakkisu, yeroo lafti bari’uuf jedhudha” jechuudhaan dubbateera. Namoonni halkan guutuu dammaqinaan turuu qaban kaanis yaada kanarratti akka walii galan hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni yeroo har’aa jiran, yeroon biyyi lafaa inni hamaan Seexanni bulchu, isa yeroo kamiiyyuu caalaa badiisnisaa dhihaate kanatti dammaqoo ta’uunsaanii barbaachisaadha. (Rom. 13:12) Yeroo biyyi lafaa baduu jala ga’e kanatti hirribaan mo’amuun keenya balaa guddaa geessisuu danda’a! Kanaaf, ‘hubannaa’ qabaachuufi ‘dammaqinaan kadhachuuf,’ gorsa Caaffata Qulqullaa’oo hojiirra oolchuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—1 Phe. 4:7, hiika bara 1899.
2 Yeroo dhumaa keessa waan jirruuf, akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Dammaqinaan nan kadhadhaa? Gosa kadhannaa hundatti fayyadamuudhaan yeroo hunda nan kadhadhaa? Namoota kaaniif yeroo baay’ee nan kadhadhaa? Moo waa’ee dhuunfaakoo qofan kadhadha? Fayyina argachuuf kadhannaa dhiheessuunkoo hangam barbaachisaadha?’
GOSA KADHANNAA HUNDUMAA DHIHEESSAA
3. Gosti kadhannaa tokko tokko kamfa’i?
3 Phaawulos ergaa warra Efesooniif barreesserratti, gosa ‘kadhata hundumaa’ caqaseera. (Efe. 6:18) Kadhannaa keenya keessatti, tarii yeroo baay’ee wanta nu barbaachisu argachuufi rakkina nu mudatu mo’uuf gargaarsa Yihowaa gaafanna. Yihowaan ‘inni kadhata namaa dhaga’u’ gargaarsa argachuuf yommuu isa waammannu jaalalaan kaka’ee nu dhaga’a. (Far. 65:2) Haata’u malee, gosa kadhannaa kan biraa dhiheessuufis carraaqqii gochuu qabna. Kunis jajannaa, galateeffannaafi himata ykn waammata kan dabalatudha.
4. Kadhannaa keenya keessatti yeroo hunda Yihowaa jajachuu kan qabnu maaliifi?
4 Yommuu kadhannaa dhiheessinutti sababa Yihowaa itti jajannu hedduu qabna. Fakkeenyaaf, waa’ee “gocha isaa isa aango-qabeessaa” fi waa’ee “guutummaa guddina isaa” yommuu yaadnu isa jajachuuf kakaana. (Faarfannaa 150:1-6 dubbisi.) Lakkoofsota ja’an Faarfannaan 150ni qabu keessatti waa’een Yihowaa jajachuu si’a 13 caqasameera. Faarfataan kan biraanimmoo kabaja guddaa Waaqayyoof qabuun kaka’ee, “Firdii kee isa qajeelaa sanaaf, guyyaatti si’a torba sin jajadha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 119:164) Dhugumayyuu Yihowaan jajamuu kan qabudha. Maarree, kadhannaadhaan “guyyaatti si’a torba,” jechuunis yeroo hunda isa jajachuu hin qabnuu?
5. Kadhannaa galataa dhiheessuun eegumsa kan nuuf ta’u akkamitti?
5 Gosti kadhannaa baay’ee barbaachisaa ta’e kan biraan galateeffannaadha. Phaawulos Kiristiyaanota magaalaa Filiphisiiyus jiraatan akkas jechuudhaan gorseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!” (Filp. 4:6) Kadhannaa galataa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessuun eegumsa nuuf argamsiisa. Keessumaa, guyyoota gara dhumaa yeroo namoonni, warra “galata hin qabne” ta’an kanatti akkas gochuun keenya murteessaadha. (2 Xim. 3:1, 2) Dhugumayyuu, biyya lafaarratti galateeffannaa dhabuun babal’ateera. Yoo of eeggachuu baanne amalli kun nutti darbuu danda’a. Galateeffannaa qabnu kadhannaadhaan Waaqayyoof ibsuun, wanta qabnutti akka gammannu, akkasumas ‘waan hundumaatti guungumuufi komachuurraa’ akka fagaannu nu gargaara. (Yih. 16) Kana malees, mataa maatii kan ta’an kadhannaasaaniirratti maatiisaanii wajjin galata ennaa dhiheessan, haati manaafi ijoolleensaanii amala akkasii akka qabaatan jajjabeessu.
6, 7. Kadhannaan himataa maalidha? Waa’ee maalii Yihowaatti himachuu dandeenya?
6 Himanni kadhannaa garaadhaa madduufi miira guddaadhaan dhihaatudha. Waa’ee maalii Yihowaatti himachuu dandeenya? Ari’atamni ykn dhukkubni cimaan yeroo nu mudatutti kadhannaa akkasii dhiheessuu dandeenya. Kadhannaan yeroo akkasiitti gargaarsa Waaqayyoo argachuuf dhiheessinu himata jedhama. Haata’u malee, himata kan dhiheessinu yeroo rakkinni akkasii nu mudatu qofattidhaa?
7 Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, waa’ee maqaa, Mootummaafi jaalala Waaqayyoo maal akka jedhe qalbeeffadhaa. (Maatewos 6:9, 10 dubbisi.) Biyyi lafaa kun hamminaan kan guutame si’a ta’u, mootummoonni fedhii bu’uuraa lammiiwwansaaniillee guutuu hin dandeenye. Kanaaf, maqaan Abbaa keenya isa samii akka qulqullaa’uufi Mootummaansaa bulchiinsa Seexanaa isa hamaa lafarraa akka balleessu kadhachuu qabna. Akkasumas yeroon kun yeroo itti fedhiin Yihowaa samiirratti akkuma ta’e lafarrattis akka ta’u kadhannaa himataa itti dhiheessinudha. Kanaaf, dammaqoo ta’uudhaan gosa kadhannaa hundumaa haa dhiheessinu.
YEROO HUNDUMAA “KADHADHAA”
8, 9. Phexrosiifi ergamoonni Yesus warri kaan iddoo dhaabaa Getesemaaneetti hirribaan mo’amuusaaniitti isaan komachuu kan hin qabne maaliifi?
8 Phexros ergamaan, Kiristiyaanonni, ‘kadhataaf dammaqoo’ akka ta’an kan gorse ta’us, yeroo ta’e tokkotti innumtiyyuu kana utuu hin godhin hafee ture. Yeroo Yesus iddoo dhaabaa Getesemaaneetti kadhannaa dhiheessaa turetti ergamootasaa hirribaan mo’amanii turan keessaa tokko ture. Ergamoonnisaa kun, Yesus akka ‘dammaqaniifi kadhachuusaanii’ akka itti fufan erga isaanitti himee boodallee dammaqoo ta’uu hin dandeenye.—Maatewos 26:40-45 dubbisi.
9 Phexrosiifi ergamoonni Yesus warri kaan dammaqoo ta’uu dhiisuusaaniitti isaan ceepha’uu mannaa, hojii guyyaa sana hojjechaa turaniin kan ka’e qaamnisaanii bututee akka ture yaadachuun keenya gaariidha. Guyyaa sana qophii erga godhanii booda galgalasaa Ayyaana Faasikaa ayyaaneffataniiru. Achiis, Yesus Ayyaana Irbaata Gooftaa hundeessuudhaan, fakkeenya gara fuulduraatti du’asaa yaadachuuf gargaaru kaa’eera. (1 Qor. 11:23-25) “Faarfannaa galataa erga faarfatanii” booda, Yerusaalem keessaa ba’anii fageenya muraasa deemuudhaan “gara gaara ejersaatti ol ba’an.” (Mat. 26:30, 36) Yeroo kanatti halkan walakkaarra darbuu hin oolu. Halkan sana iddoo dhaabaa Getesemaanee keessa turre utuu ta’ee nuunis hirribni nu mo’uu danda’a ture. Yesus ergamootasaa dadhaban kana ceepha’uu mannaa jaalalaan kaka’ee, “Hafuurri . . . dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” isaaniin jedhe.
10, 11. (a) Phexros wanta iddoo dhaabaa Getesemaaneetti isa mudaterraa barumsa akkamii argate? (b) Wanta Phexrosiin mudaterraa barumsa akkamii arganna?
10 Phexros wanta iddoo dhaabaa Getesemaaneetti isa mudatee turerraa dammaqoo ta’uu dhiisuun miidhaa akkamii akka qabu barateera. Yesus, “Isin hundumti keessan edana ana mamtanii na buusuuf jirtu” yommuu isaaniin jedhu, Phexros, “Isaan hundinuu si mamanii yoo si buusan iyyuu, ani gonkumaa si hin buusu” jedhee ture. Achiis Yesus, Phexros si’a sadii akka isa ganu dubbate. Phexros garuu yaadasaatti cichuudhaan, “Sii wajjin du’uun yoo na irraa barbaadame illee ani matumaa si hin ganu” jedhe. (Mat. 26:31-35) Haata’u malee, akkuma Yesus dubbate Phexros isa ganeera. Dhumarrattis, Yesusiin ganuusaatti baay’ee waan gaddeef “mararamee in boo’e.”—Luq. 22:60-62.
11 Phexros wanta isa mudate kanarraa barumsa waan argateef, garmalee ofitti amanamuurraa fagaachuu danda’eera. Gama kanaan kadhannaan akka isa gargaare hin shakkisiisu. Kanaaf, ‘dammaqinaan akka kadhannu’ gorsuunsaa sirriidha. Gorsa geggeessaa hafuuraatiin kenname kana hojiirra oolchaa jirraa? Akkasumas, Yihowaatti akka amanamnu argisiisuudhaan yeroo hundumaa ni ‘kadhannaa’? (Far. 78:7) Gorsa Phaawulos ergamaan, “Namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!” jechuudhaan kennes qalbeeffachuun keenya gaariidha.—1 Qor. 10:12.
KADHANNAAN NAHIMIYAA DEEBII ARGATEERA
12. Nahimiyaan fakkeenya gaarii akkamii nuuf ta’a?
12 Mee waa’ee Nahimiyaa isa Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti dhugaatii dhi’eessituu Artashaastaa Mootii Faares turee haa ilaallu. Nahimiyaan kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu ilaalchisee fakkeenya guddaa kan ta’udha. Haala rakkisaa Yihudoonni Yerusaalem keessa turan yommuu dhaga’etti, ‘Waaqayyo duratti guyyaa muraasaaf soomee in kadhate.’ (Nah. 1:4) Artashaastaan, maaliif fuula akka bade yommuu isa gaafatu, ‘Nahimiyaan gidduutti Waaqayyoon gooftaa bantii waaqaa in kadhate.’ (Nah. 2:2-4) Bu’aansaahoo maal ture? Yihowaan karaa sabasaa fayyaduun Nahimiyaadhaaf deebii kenneera. (Nah. 2:5, 6) Kun amantii Nahimiyaa baay’ee akka cimse beekamaadha!
13, 14. Amantiin keenya cimee akka itti fufu gochuuf maal gochuu qabna? Carraaqqii Seexanni abdii nu kutachiisuuf godhu mo’uu kan dandeenyu akkamitti?
13 Akkuma Nahimiyaa yeroo hunda kadhachuun amantii keenya jabeeffachuuf nu gargaara. Seexanni gara jabeessa waan ta’eef, yeroo baay’ee miidhaa kan nurraan ga’u yommuu laafnuttidha. Fakkeenyaaf, dhibee fayyaa ykn dhiphina sammuu wajjin qabsoo gochaa jirra yoo ta’e, sa’aatiin ji’a ji’aan tajaajilarratti dabarsinu Waaqayyo duratti gatii akka hin qabne yaaduu jalqabna ta’a. Nu keessaa tokko tokko, tarii wanta kanaan dura jireenya keenya keessatti nu mudateen kan ka’e dhiphachaa jirra ta’a. Seexanni akka waan gatii hin qabneetti akka of ilaallu gochuu barbaada. Yeroo baay’ee miidhaa kan nurraan ga’u, abdii nu kutachiisuudhaan amantii keenya laaffisuufidha. Haata’u malee, ‘dammaqinaan kadhachuudhaan’ amantiin keenya cimee akka itti fufu gochuu ni dandeenya. Dhugumayyuu, ‘amantiin inni akka gaachanaa ta’e, xiyya isa hamaa sanaa, warra boba’aa adeeman dhaamsuuf nu dandeessisa.’—Efe. 6:16.
14 ‘Dammaqinaan kan kadhannu’ taanaan, qorumsi amantii akka tasaa yoo nurra ga’e salphaadhumatti harka hin kenninu; amanamummaa keenyas hin laaffisnu. Qorumsiifi rakkinni yommuu nu mudatu, fakkeenya Nahimiyaa yaadachuudhaan yeruma sana Waaqayyotti kadhannaa haa dhiheessinu! Qorumsa amantiis ta’e rakkina kaan mo’uu kan dandeenyu gargaarsa Yihowaa yoo arganne qofadha.
WARRA KAANIIF KADHADHAA
15. Warra kaaniif kadhachuu ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
15 Yesus, amantiin Phexros akka hin badne kadhannaa himataa dhiheesseera. (Luq. 22:32) Jaarraa tokkoffaatti, Kiristiyaana amanamaa kan ture Ephaafraas, fakkeenya Yesus hordofuudhaan obbolootasaa Qolosaayis jiraniif kadhateera. Phaawulos, “Isin namoota ga’an taatanii wanta Waaqayyo jaallatu jaallachuudhaanis guutamtanii jabaattanii akka dhaabattaniif, inni kadhata isaatiin yeroo hundumaa isiniif in dhama’a” jechuudhaan isaaniif barreesseera. (Qol. 4:12) Kanaaf, akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Obbolootakoo addunyaa maratti argamaniif nan kadhadhaa? Kadhannaakoo keessatti yeroo baay’ee waa’ee obboloota balaa uumamaatiin miidhamanii nan caqasaa? Namoota jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabaniif yeroo xumuraatiif kanan kadhadhe yoomi? Obboloota gumii keessa jiraniifi rakkinni irra ga’aa jiruuf dhiheenyatti kadhadheeraa?’
16. Warra kaaniif kadhachuun keenya faayidaa akkamii qaba? Ibsi.
16 Kadhannaan warra kaan ilaalchisee Yihowaatti dhiheessinu isaan gargaaruu danda’a. (2 Qorontos 1:11 dubbisi.) Yihowaan dhimma tokko ilaalchisee kadhannaa waaqeffattoonnisaa hedduun irra deddeebi’uudhaan dhiheessaniif deebii kennuuf dirqamni isarra jiraachuu baatuyyuu, kaayyoo waliigalaa isaan qaban hubachuudhaan kadhannaasaanii isa garaadhaa madde ni dhaga’a. Kanaaf, mirgaafi itti gaafatamummaa qabnu kanatti akka gaariitti fayyadamuudhaan, warra kaaniif kadhachuun keenya gaariidha. Akkuma Ephaafraas, obboloota keenya ilaalchisee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan akka isaaniif yaannuufi akka isaan jaallannu argisiisuu qabna. ‘Fudhachuurra kennuun caalaa waan nama gammachiisuuf,’ akkas gochuun keenya gammachuun qabnu akka dabalu godha.—HoE. 20:35.
‘FAYYINNI KEENYA DHI’AATEERA’
17, 18. ‘Dammaqinaan kadhachuun’ faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
17 Phaawulos, “Halkanichi sokkee, guyyichi dhi’aateera” jechuusaa dura; “Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhi’aateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta’uu isaa beekaa!” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 13:11, 12) Addunyaa haaraan Waaqayyo akka fidu abdii kennes ta’e fayyinni keenya isa yeroo kamiiyyuu caalaa dhihaateera. Karaa hafuuraa rafuu hin qabnu. Akkasumas biyyi lafaa yaada keenya hihhiruudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf yeroo akka nu dhabsiisu heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, ‘dammaqinaan kadhannaa’ haa dhiheessinu! Akkas gochuun keenya, guyyaa Yihowaa eeggachaa yeroo jirru kanatti, “jireenya qullaa’aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta’u jiraachuu[f]” nu gargaara. (2 Phe. 3:11, 12) Akkaataan jireenyaa keenya, karaa hafuuraa dammaqoo ta’uu keenyaafi badiisni sirna hamaa kanaa akka dhihaate dhugumaan kan amannu ta’uu keenya kan argisiisu ta’uu qaba. Kanaaf, ‘ittuma fufnee haa kadhannu!’ (1 Tas. 5:17) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan kadhannaa dhuunfaa haa dhiheessinu. Dhuunfaadhaan Yihowaatti kadhannaa kan dhiheessinu taanaan caalaatti isatti dhihaachuu dandeenya. (Yaq. 4:7, 8) Kunimmoo eebba hangana hin jedhamne nuuf argamsiisa!
18 Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du’a isa oolchuu danda’uutti dhi’eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga’ameef.” (Ibr. 5:7) Yesus gara Waaqayyootti kadhataafi waammata waan dhiheesseef, yeroo lafarra jiraachaa ture hundatti amanamummaasaa eegee jiraateera. Kanaan kan ka’ees, Yihowaan Ilmasaa isa jaallatamaa du’aa kaasuudhaan samiirratti jireenya hin badne kenneeraaf. Nuyis gara fuulduraatti qorumsiifi rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, Abbaa keenya isa samiitiif amanamoo ta’uu ni dandeenya. ‘Dammaqinaan kadhachuu’ keenya yoo itti fufne badhaasa jireenya barabaraa argachuu ni dandeenya.