Dubbii Waaqayyoo Dubbisuudhaan Gammadi
NAMNI ‘halkaniifi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo yaadu’ gammachuu qaba. (Far. 1:1, 2) Atoo gammachuu akkasii argatteettaa? Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan gammachuukee guddisuu kan dandeessu akkamitti?
Yeroo Yihowaan Dubbatu Dhaggeeffadhu
Jechoota qofa dubbisuun gaʼaa miti. Seenaa dubbisaa jirtu keessa akka jirtu godhii yaadi. Sagalee namoota dubbachaa jiranii dhagaʼuuf yaali. Boqonnaawwan jalqabaa Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistu, lafa kana ilmaan namootaatiif mijaaʼaa gochuuf wantoota sadarkaa sadarkaadhaan raawwataman ilaalchisee yeroo Yihowaan dubbatu dhaggeeffadhu. Namoota jalqabaa uumuu ilaalchisee yeroo Yihowaan Ilmasaa Hojjetaa Isa Angafa taʼetti dubbatu dhaggeeffadhu. Addaamiifi Hewwaan yommuu Waaqayyorratti kaʼan, yeroo inni isaanirratti murtoo dabarsuufi Jannata keessaa isaan ariʼu, iddoo sana akka jirtu godhii yaadi. (Uumama boq. 1-3) Sagaleen tokko samiirraa dhufee, Yesus Kiristos Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa akka taʼeefi ilmaan namootaatiif lubbuusaa akka kennu Waaqayyo biraa kan ergame taʼuusaa yommuu dubbistu, dinqisiifannaan akka sitti dhagaʼamu godhi. (Mat. 3:16, 17) Yohannis yommuu Yihowaan, “Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha!” jedhee dubbatu siʼa dhagaʼu maaltu akka itti dhagaʼamu tilmaami. (Mul. 21:5) Dhugumayyuu, akkasitti Dubbii Waaqayyoo dubbisuun baayʼee nama gammachiisa!
Macaafa Qulqulluu dubbisuukee yoo itti fufte, Yihowaan surraafi ulfina guddaa akka qabu hubatta. Waaqa jaalala qabeessaafi ooʼa qabeessa taʼettis ni dhihaatta, gadi of deebistee fedhasaa raawwachuuf carraaqqii yoo goote akka inni si gargaaru hubatta, wanta hojjettu hundumaanis akkamitti milkaaʼina akka argattu sii ibsa.—Iya. 1:8; Far. 8:1; Isa. 41:10.
Macaafa Qulqulluu dubbisuukee yommuu itti fuftu, kaayyoo Waaqayyo siif qabu ilaalchisee beekumsikee waan guddatuuf gammachuunkee ni dabala. Taʼus, gammachuunkee asirratti kan dhaabatu miti. Wanta dubbisterratti hundooftee rakkoo si mudatuuf furmaata yommuu argattu, akkuma faarfatichi, “Abboommiin siif dhugaa baʼu dinqisiisaa dha, kanaafis ani lubbuudhumaaf isa nan eega” jechuudhaan dubbate sitti dhagaʼama. (Far. 119:129) Seera buʼuuraa ilaalchaafi hawwiikee fedha Waaqayyoo wajjin walsimsiisuuf si gargaaru Caaffata Qulqullaaʼoorraa yommuu barattu ni gammadda.—Isa. 55:8, 9.
Macaafni Qulqulluun, seera rakkoorraa nu eeguufi daandii sirrii taʼe nutti argisiisu qabateera. Macaafa kana yommuu dubbisnu, Yihowaan fedhii fooniitiif moʼamuun rakkina akkamii akka nurraan gaʼu kan beeku taʼuusaa hubanna. Seera buʼuuraa inni amalaaf baase tuffachuudhaan rakkinarra akka buunu hin barbaadu. Yihowaan nuu yaada; jireenya hundarra caalu akka jiraannus ni barbaada. Macaafa Qulqulluu dubbisuun, Yihowaan Waaqa keenyaafi Abbaa keenya taʼuunsaa mirga guddaa akka taʼe nu hubachiisa.
Guyyaa Guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu Dubbisi
Faarfatichi namni guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisu, “Wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf” jedheera. (Far. 1:3) Cubbuu kan dhaalle, biyya lafaa Seexanni seerratu keessa kan jiraannuufi Seexanni nu liqimsuuf kan carraaqu taʼullee, yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuufi hojiirra oolchuudhaan, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandeenya.
Sirni kun dhiibbaa waan nurraan gaʼuuf, guyyaa guyyaadhaan daqiiqaa muraasaafillee Macaafa Qulqulluu dubbisuun keenya jabina nuu argamsiisa. Obboloonni sababii amantiisaaniitiin hidhamanii turan tokko tokko caqasoota Macaafa Qulqulluu gaazexaarratti baʼan muraasa qofa argachuu dandaʼu turan. Caqasoota kana kutanii baasuufi sammuutti qabachuudhaan irratti xiinxalu turan. Beekumsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru argachuuf carraa argatan hundaatti waan fayyadamaniif, Yihowaan carraaqqiisaanii eebbiseera. (Mat. 5:3) Haataʼu malee, baayʼeen keenya macaafa kana argachuufi dubbisuu dandeenya. Guyyaatti caqasa Macaafa Qulqulluu muraasa dubbisuun keenya qofti jijjiirama guddaa fida jennee yaaduu hin qabnu. Sagantaa keenya sirreessinee guyyaa guyyaadhaan kutaa Macaafa Qulqulluu muraasa kan dubbisnu, irratti kan xiinxalluufi hojiirra kan oolchinu yoo taʼe eebba guddaa arganna.
Taʼus, wanti sagantaa baafanne nu jalaa fashaleessu uumamuu dandaʼa. Yeroo wanti akkasii nu mudatu wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa kennina. Fakkeenyaaf, utuu dheebonnuu guyyaa tokko ykn lama hin turru. Haaluma wal fakkaatuun, wanti akkamiiyyuu yoo nu mudate, yeroo muraasa fudhannee bishaan dhugaa nu haaromsu dhuguu qabna.—HoE. 17:11.
Dubbii Waaqayyoo Guutummaatti Dubbisi
Macaafa Qulqulluu dubbistee fixxeettaa? Warri tokko tokko Uumamaa kaasee hanga Mulʼataatti dubbisuun waan hin dandaʼamne itti fakkaata. Kanaan kan kaʼes, namoonni guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisuu barbaadan hedduun, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikiirraa jalqabaniiru. Maaliif? Kutaa Macaafa Qulqulluu kana dubbisuunsaanii, akkamitti Kiristos duukaa buʼuun akka dandaʼamu salphaatti hubachuuf waan isaan gargaaruuf taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo, Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikii guutummaa Macaafa Qulqulluu harka afur keessaa harka tokkorra baayʼee akka hin caalle waan isaanitti fakkaatuuf taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, macaafota 27 kana dubbisanii erga xumuranii booda, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa warra hafan 39 dubbisuu itti fufaniiru. Macaafota kana dubbisanii erga xumuranii booda, yeroo lammataatiif Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii dubbisuu kan jalqaban siʼa taʼu, isa booda utuu gargar hin kutin dubbisuu itti fufaniiru. Atis, bara jireenyakee hundaatti Macaafa Qulqulluu dubbisuu akka amaleeffattu hawwina.
Maatii ykn gumiikee keessa namni dubbisuu hin dandeenye jiraa? Taanaan, guyyaa guyyaadhaan maaliif Macaafa Qulqulluu maaliif hin dubbistuuf? Kana yoo goote ni fayyadamta, innis wanta dhagaʼerratti xiinxaluufi hojiirra oolchuudhaan ni fayyadama.—Mul. 1:3.
Boodammoo, dubbisa Macaafa Qulqulluu fooyyeffachuuf carraaqqii dabalataa gochuu barbaadda taʼa. Akkas gochuunkee kutaawwan Macaafa Qulqulluu garagaraa walitti dhufeenya akkamii akka qaban caalaatti akka hubattu si gargaara. Macaafni Qulqulluunkee caqasoota dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran qaba taanaan, caqasoonni kun seenaa wal fakkaatu garabiraa argachuuf si gargaaruu dandaʼu. Faarfannaawwan garagaraafi ergaawwan ergamoota Yesus Kiristos yommuu barreeffaman haalli akkamii akka ture hubachuuf si gargaaru. Kitaabni Insaayit oon za Iskiriipcharsi jedhamu, waaʼee namootaa, waaʼee iddoowwaniifi amalawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman ilaalchisee, ibsa dabalataa kenna. Chaartiin kitaaba kana keessatti argamu, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwiisaanii argatan, moototaafi raajota bara tokko keessa jiraachaa turan, akkasumas seenaan Macaafa Qulqulluu hedduun yoom akka raawwataman ilaalchisee ibsa dabalataa kenna.
Wantoota dubbisterratti yommuu xiinxaltu, sababa haalawwan tokko tokko saba Waaqayyoo gidduutti itti raawwataman hubatta. Akkasumas, Yihowaan sabasaa wajjin haala wal qabateen wantoota tokko tokko maaliif akka godhe qalbeeffatta. Kana malees, Yihowaan gocha namoota dhuunfaa, gocha sabootaafi mootummootaa akkamitti akka ilaalu qalbeeffatta. Kunimmoo ilaalcha Yihowaa caalaatti hubachuuf si gargaara.
Naannoo seenaan Macaafa Qulqulluu itti raawwatamu qalbii ijakeetiin ilaaluu yoo dandeesse, seenaa sanatti baayʼee gammadda. Kaartaan Macaafa Qulqulluu, akkaataa taaʼumsa lafaafi fageenya biyyoota gidduu jiru hubachuuf si gargaara. Fakkeenyaaf Israaʼeloonni Galaana Diimaa karaa kam ceʼanii taʼuu dandaʼa? Biyyattiin Abdachiifamte hangam balʼatti? Yesus tajaajilasaa isa lafarraa yommuu raawwatu kiilomeetira hangamii adeeme? Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaarratti naannoowwan akkamii argee ture? Kaartaafi ibsa taaʼumsa lafaa argisiisutti fayyadamuunkee, wanta dubbistu gadi fageenyaan hubachuuf si gargaara. Kaartaa biyyoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman argisiisu eessaa argachuu dandeessa? Birooshurri Sii za Gud Laand jedhamu kaartaa hedduu qaba. Kaartaan tokko tokkommoo Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraarratti argama. Kitaabni Insaayit jedhamu kaartaa 70 taʼu qaba; baafanni kaartaa kanaammoo dhuma jildii tokkoffaarratti argama. Kaartaa garabiraa argachuuf, Waach Taawar Pablikeeshin Indeeksiitti fayyadamuu dandeessa. Barreeffamoota kana argachuu hin dandeessu taanaan, kaartaa barruu Masaraa Eegumsaarratti baʼuufi dubbisa Macaafa Qulqulluutiif si gargaarutti fayyadami.
Daawit Mootichi Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibroota keessatti, “Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baayʼata!” jechuudhaan Yihowaa jajateera. (Far. 139:17) Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessattimmoo Phaawulos, “Beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mulʼatu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse” jechuudhaan Yihowaa jajateera. (2 Qor. 4:6) Daawitiifi Phaawulos jaarraawwan addaddaatti kan jiraatan yoo taʼanis, lamaansaaniiyyuu Dubbii Waaqayyootti gammadaniiru. Kanaaf, atis macaafa Yihowaan hafuurasaatiin barreessise kana yeroo ramaddee dubbisuudhaan gammachuu argachuu dandeessa.