Kutaa 5
Mirga Addaa Filannoo Gochuuf Kenname
1, 2. Akkaataan uumamaa keenya kan nama dinqisiisu kan ta’e maaliifi?
WAAQAYYO rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyameefi rakkoowwan kana hambisuuf maal akka godhu hubachuuf, jalqaba akkamitti akka nu uume beekuu qabna. Waaqayyo yeroo nu uumetti sammuufi qaama qofa akka qabaannu godhee nu hin uumne. Kanaa mannaa, sammuufi miira addaa akka qabaannu godhee nu uume.
2 Kutaa sammuufi miira keenya keessatti bakka guddaa kan qabu mirga addaa filannoo gochuuf qabnudha. Eeyyee, Waaqayyo filannoo gochuuf mirga akka qabaannu godhee nu uumeera. Kunis kennaa dinqisiisaa isa biraa nuu kennamedha.
Akkaataa Uumamaa Keenya
3-5. Filannoo gochuuf mirga arganne kan dinqisiifannu maaliifi?
3 Mirgi addaa filannoo gochuuf nuu kenname, sababii Waaqayyo rakkinni akka jiraatu itti heyyamee wajjin walitti dhufeenya maalii akka qabu haa ilaallu. Jalqaba, wanta kanaa gad jiranirratti yaadi: Maal hojjechuu, maal dubbachuu, maal nyaachuufi uffachuu akka barbaaddu, hojii akkamii hojjechuu, eessa jiraachuufi akkamitti jiraachuu akka barbaaddu filachuuf mirga argatte dinqisiifattamoo, namni garabiraan dirqamaan jechaafi gocha kee hunda akka to’atu barbaadda?
4 Namni sammuu sirrii qabu kamiyyuu jireenyisaa akka jalaa to’atamu hin barbaadu. Maaliifi? Sababiinsaas, Waaqayyo akka namni garabiraan jireenya keenya to’atu godhee waan nu hin uumneefidha. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo: ‘akka bifasaattiifi akka fakkeenyasaatti’ nama uumuusaa dubbata; amalawwan Waaqayyoo keessaa inni tokkommoo filachuuf mirga qabaachuudha. (Uumama 1:26; Keessa Deebii 7:6) Yeroo nama uumetti, kennaa dinqisiisaa mirga filachuuf nu dandeessisu akka qabaannu godhee nu uume. Namoota nu hacuucan jalatti gabroomuu kan jibbinus kanumaafi.
5 Kanaafuu, Waaqayyo Waaqa birmaduu waan ta’eef, birmadummaa barbaachuun keenya wanta nama dinqisiisu miti. Macaafni Qulqulluun: “Iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo birmadummaatu jira” jedha. (2 Qorontos 3:17) Waan kana ta’eefis, Waaqayyo filannoo gochuu akka dandeenyu godhee nu uumeera. Akkaataa uumamaa sammuufi miira keenyaa waan beekuuf, mirga filachuu yoo qabaanne caalaatti akka gammannu beeka.
6. Waaqayyo, sammuu keenya filannoo gochuuf mirga qabnuu wajjin haala wal simuun akka hojjetu godhee kan uume akkamitti?
6 Waaqayyo, dandeettii waa yaaduu, waa madaaluu, murtoo gochuufi wanta gaariifi gadhee addaan baasanii beekuu nuu kenneera. (Ibroota 5:14) Kanaafuu, mirgi filachuu, filannoo itti yaadamee godhamerratti kan hundaa’edha. Nuyi akka roobootii filannoo gochuu hin dandeenyeetti hin uumamne. Yookin akka bineensota amala argisiisuu qaban akka argisiisan godhamanii uumamaniitti hin uumamne. Kanaa mannaa, sammuun keenya kan uumame mirga filachuu wajjin haala wal simuun akka hojjetu ta’uudhaani.
Jalqaba Gaarii
7, 8. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif qophii gaarii akkamii qopheesseefii ture?
7 Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaaniif mirga filannoo gochuu qofa utuu hin ta’in, kennaa namni kamiyyuu argachuu barbaadu hundaa isaaniif kennuudhaan akka isaaniif yaadu argisiiseera. Jannata keessa isaan kaa’ee ture. Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu hedduu qabu turan. Sammuufi qaama gonkummaa qabu waan qabaniif, dullumaafi dhukkubarraa walaba ta’anii bara baraaf jiraachuu danda’u turan. Ijoollee gonkummaa qabaniifi bara baraaf gammachuudhaan jiraachuu danda’an godhachuu danda’u turan. Namoonni isaanirraa dhalatan hundi, hojii gammachiisaa lafa kana gara jannataatti geedderuurratti hirmaachuu danda’u turan.—Uumama 1:26-30; 2:15.
8 Wanta Waaqayyo isaaniif qopheesse ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture.” (Uumama 1:31) Kana malees, Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqayoo: “Wanti inni godhus mudaa hin qabu” jechuudhaan dubbata. (Keessa Deebii 32:4) Eeyyee, Waaqayyo ilmaan namootaa gonkummaa qabaatanii akka jiraataniif qophii godhee ture. Wanti kana caalu hin jiru ture. Dhugumaan wantoonni kun, Waaqayyo ilmaan namootaatiif akka yaadu kan argisiisan hin turree?
Mirga Daangaa Qabu
9, 10. Filannoo gochuuf mirgi qabnu daangaa qabaachuunsaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
9 Haata’u malee, Waaqayyo filannoo gochuuf mirga daangaa hin qabne isaaniif kennee turee? Mee magaalaa namniifi konkolaataan garmalee itti baay’atuufi serrii tiraafiikii utuu hin jiraatin, namni hundinuu akka barbaadetti konkolaataa oofuu itti danda’u yaadi. Haala akkasii keessatti konkolaataa oofuu ni barbaaddaa? Hin barbaaddu. Sababiinsaas, haalli akkasii kun rakkoo tiraafiikii uumuudhaan balaa geessisuunsaa kan hin oolle waan ta’eefidha.
10 Filannoo gochuuf mirgi Waaqayyo nuu kennes kanaa wajjin kan wal fakkaatudha. Mirgi daangaa hin qabnes hawaasa keessatti jeequmsa uuma. Kanaafuu, seerri sochii namootaa to’atu jiraachuu qaba. Sagaleen Waaqayyoo kana ilaalchisee: ‘Akka nama birmaduu ba’eetti jiraadhaa; garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta’in’ jechuudhaan dubbata. (1 Phexros 2:16) Waaqayyo nageenya hunda keenyaaf jecha, filannoo gochuuf mirgi qabnu daangaafi seera akka qabaatu barbaada. Waaqayyo seerawwan inni nuu kenneef akka ajajamnu waan barbaaduuf, mirga kan nuuf kenne, guutummaatti utuu hin ta’in haala daangaa qabuun qofadha.
Seera Eenyuu?
11. Seera eenyuu akka eegnuuf uumamne?
11 Seera eenyuu akka eegnuuf uumamnee? Caqasni 1 Phexros 2:16 akka hiika Macaafa Qulqulluu Jeruusaalemitti kutaan jalqabaa: “Isin garboota Waaqayyoo malee kan eenyuuyyuu miti” jedha. Kana jechuun, garbummaatti hacuucamuu jechuu utuu hin ta’in, Waaqayyoof ajajamuudhaan akka gammannuuf uumamne jechuudha. (Maatewos 22:35-40) Seerrisaa seerawwan namoonni qopheessan kamiyyuu caalaatti qajeelfama gaarii qabateera. “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”—Isaayaas 48:17.
12. Seera Waaqayyoo keessatti filannoo gochuuf mirga akkamiitu nuu kenname?
12 Filannoo gochuuf mirgi qabnu kun kan daangeffame ta’us, daangaa nuuf kenname keessaa utuu hin ba’in filannoo gochuuf mirgi guddaan nuu kennameera. Kunis haalli adda addaa akka jiraatu gochuudhaan, namoonni lafarratti argaman kan nama dinqisiisan akka ta’an godheera. Mee waa’ee gosa nyaataa, uffannaa, muuziqaafi manoota adda addaa addunyaa maratti argamanii yaadi. Wantoota kana fakkaatan namni garabiraan akka nuu filu utuu hin ta’in ofii keenyaa filachuu barbaanna.
13. Faayidaa keenyaaf jecha seerawwan uumamaa warra kamiif ajajamuu qabna?
13 Kanaafuu, amala qabaachuu qabnu ilaalchisee seera Waaqayyo baaseef bitamuudhaan akka gammannuuf uumamne. Haalli kun, seera uumamaa Waaqayyo baaseef ajajamuu wajjin wal fakkaata. Fakkeenyaaf, seera harkisa lafaa cabsuudhaan bakka ol ka’aarraa yoo utaalle, ni cabna ykn ni duuna. Wanta qaamni keenya barbaaduuf ajajamuu diduudhaan nyaachuu, dhuguufi hafuura baafachuu yoo didnes ni duuna.
14. Ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda of baasanii jiraachuuf akka hin uumamne akkamitti beekna?
14 Akkuma seera uumamaatiif ajajamuu qabnu, seera jireenyaafi hawwasummaa inni baaseefis bitamuu qabna. (Maatewos 4:4) Ilmaan namootaa kan uumaman, Waaqayyoorraa adda ba’anii yoo jiraatan akka isaaniif mijaa’u ta’anii miti. Ermiyaas raajichi: “Namni akeeka jireenya isaatii ofii isaatiin geggeeffachuu hin danda’u. Yaa Waaqayyo, na qajeelchi” jechuudhaan dubbateera. (Ermiyaas 10:23, 24 NW) Kanaafuu, namoonni haala kamiiniyyuu kan uumaman bittaa Waaqayyoo jala akka jiraataniif malee, akka ofiin of bulchaniif hin turre.
15. Seerri Waaqayyoo Addaamifi Hewwaaniin kan hacuucu turee?
15 Seera Waaqayyootiif ajajamuunsaanii Addaamiifi Hewwaaniin kan hacuucu hin turre. Kanaa mannaa, isaaniifis ta’e ilmaan namootaa hundaaf faayidaa kan argamsiisu ture. Abbaan manaafi haati manaa kun, mirga filachuu ilaalchisee daangaa Waaqayyo baaseef utuu ajajamaniiru ta’ee, ilmaan namootaa hundi rakkina malee jiraatu turan. Akkasumas, yeroo ammaatti kan wal jaallannuufi maatii walii galtee qabu taanee jannata keessa jiraanna turre. Hammeenyi, rakkinniifi duuti hin jiru ture.
[Fakkii fuula 11]
Waaqayyo ilmaan namootaatiif jireenya gaarii qopheessee ture
[Fakkii fuula 12]
Bakka seerri traafiikii hin jirreefi daandii konkolaataan itti baay’aturratti konkolaataa oofuu ni barbaaddaa?