Mootummaan Waaqayyoo Yommuu Dhufu Wantoota Akkamii Balleessa?
“Addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa jiru, namni fedhii Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata.”—1 YOH. 2:17.
1, 2. (a) Sirna kanaa fi yakkamaa itti murteeffame maaltu wal fakkeessa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Sirni hamaan kun erga balleeffamee booda uumamawwan hundatti maaltu dhagaʼama?
“NAMNI DUʼAAN DEEMAA JIRA!” Yaanni kun, yeroo yakkamaan rakkisaa taʼe tokko mana hidhaa balbala sibiilaa qabu keessaa baʼee geeffamaa turetti sagalee guddaadhaan kan dubbatame dha. Eegdonni namicha kanaa kan akkana jedhan maaliifi? Namichi kun ennaa ilaalamu fayya qabeessa fakkaata; dhukkubni duʼaaf isa saaxilus isa hin qabanne. Haa taʼu malee, eegdonni isaa iddoo itti ajjeefamutti isa geessaa jiru. Kanaaf, yakkamaan itti murtaaʼe kun, akkuma duʼetti ilaalama.a
2 Sirni ammaa kunis namicha gara duʼaattii geeffamaa jiru sanaa wajjin wal fakkaata. Addunyaa hamaan kun erga itti murtaaʼee tureera; badiisni isaas yeroo dhihootti raawwatama. Kitaabni Qulqulluun, ‘Addunyaan darbaa jira’ jedha. (1 Yoh. 2:17) Badiisni sirna kanaa mirkanaaʼaa dha. Haa taʼu malee, badiisa addunyaa kanaa fi hidhamaa seeraa sana gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Ajjeechaa namicha sana irratti murteeffame ilaalchisee namoonni tokko tokko mormii kaasuu, haqni akka jalʼate itti dhagaʼamuu ykn daqiiqaa dhumaa irratti illee taanaan murtoon sun isaaf hafa jedhanii abdatu taʼa. Addunyaa kana ilaalchisee garuu murtiin kan kenname Waaqa isa Ol Aanaa fi uumama cufa irratti haqa qabeessa taʼeeni. (Kes. 32:4) Murtiin kun utuu hin raawwatamin hin hafu; murtichi haqa qabeessa taʼuu isaa irratti gaaffiin tokko iyyuu hin kaʼu. Erga murtichi raawwatamee booda uumamawwan yaaduu dandaʼan hundi haqni akka raawwatame guutummaatti mirkanaaʼoo taʼu. Yeroo kanatti boqonnaan argamu hangam guddaa dha!
3. Wantoota Mootummaan Waaqayyoo yommuu dhufu balleeffaman arfan kam irratti mariʼanna?
3 Haa taʼu malee, “addunyaan” “darbaa jiru” kun maalfaa dabalata? Wantoota namoonni baayʼeen addunyaa kana keessatti akkuma jiranitti itti fufu jedhanii yaadan keessaa baayʼeen isaanii ni balleeffamu. Kun oduu nama gaddisiisu dhaa? Gonkumaa! ‘Misiraachoo Mootummichaa’ keessaa iyyuu isa tokko dha. (Mat. 24:14) Mee, wantoota yommuu Mootummaan Waaqayyoo dhufu balleeffaman irratti haa xiyyeeffannu. Wantoota guguddaa balleeffaman afur irratti mariʼanna: Isaanis namoota hamoo, dhaabbatawwan mancaʼan, sochiiwwan dogoggoraa fi haalawwan nama dhiphisani dha. Wantoota kana irratti yommuu mariʼannu, (1) yeroo ammaatti jireenya keenya irratti dhibbaa akkamii akka geessisan, (2) Yihowaan tarkaanfii akkamii akka isaan irratti fudhatuu fi (3) wantoota gaarii taʼaniin bakka kan buusu akkamitti akka taʼe qorra.
NAMOOTA HAMOO
4. Namoonni hamoon yeroo ammaatti dhiibbaa kan nu irraan geessisan karaawwan kamiini?
4 Namoonni hamoon dhiibbaa akkamii nu irraan geessisu? Phaawulos ergamaan wantoota ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kanatti raawwataman ilaalchisee raajii erga dubbatee booda hafuuraan geggeeffamee akkana jedhee barreesseera: “Namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni . . . isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deemu.” (2 Xim. 3:1-5, 13) Wantoonni raajiidhaan dubbataman kun yommuu raawwataman argiteettaa? Baayʼeen keenya namoota hamoo, jechuunis namoota abbaa humnaa taʼan, namoota haalaalatti nama jibbanii fi yakkamtoota gara jabeeyyii taʼaniin kallattiidhaan miidhaan nu irra gaʼeera. Isaan keessaa tokko tokko ifumatti wanta hamaa raawwatu; kaan immoo namoota kan gargaaran fakkeessanis hamoo dha. Miidhaan nu irra gaʼuu baatus namoonni hamoon akkasii dhibbaa nu irraan geessisuun isaanii hin oolu. Gocha gara jabinaa isaan raawwatan yommuu dhageenyu baayʼee gaddina. Namoonni hamoon ijoollee, maanguddootaa fi namoota nama isaan gargaaru hin qabne akka cunqursan yommuu dhageenyu gadda guddaatu nutti dhagaʼama. Namoonni hamoon amala gocha namummaatiin ala taʼee fi kan bineensotaa, darbees kan jinniiwwanii fakkaatu argisiisu. (Yaq. 3:15) Kan nama gammachiisu garuu, Dubbiin Yihowaa oduun nama gaddisiisu kun oduu nama gammachiisuun akka bakka buufamu ibsa.
5. (a) Namoota hamoodhaaf yeroo ammaatti carraan akkamii isaaniif banameera? (b) Namoonni hamoon jijjiiramuu didan dhuma irratti maal taʼu?
5 Yihowaan tarkaanfii akkamii fudhata? Yihowaan yeroo ammaatti namoonni hamoon akka jijjiiramaniif carraa isaaniif kennaa jira. (Isa. 55:7) Namoonni kun murtii isa dhumaa kan argatan gara fuulduraatti dha. Sirni kun garuu itti murteeffameera. Haa taʼu malee, namoota jijjiiramuu didanii fi hanga rakkinni inni guddaan jalqabutti sirna kana deggeruu isaanii itti fufan ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan namoota hamoo bara baraaf lafa irraa balleessuuf waadaa galeera. (Faarfannaa 37:10 dubbisi.) Namoonni hamoon murtoo akkasii irraa waan oolan isaanitti fakkaata taʼa. Baayʼeen isaanii wanta godhan dhoksuu amaleeffataniiru, akkasumas addunyaa kana keessatti yeroo baayʼee haqaa fi adaba jalaa waan oolan isaanitti fakkaata. (Iyo. 21:7, 9) Kitaabni Qulqulluun garuu akkana jechuudhaan nu yaadachiisa: “Iji [Waaqayyoo] gara karaa namaa in ilaala, tarkaanfii isaa hundumaas in arga. Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, lafti warri hamaa hojjetan dhokatan hin jiru.” (Iyo. 34:21, 22) Matumaa Yihowaa jalaa dhokachuun hin dandaʼamu. Namni fakkeessituu taʼe kam iyyuu isa gowwoomsuu hin dandaʼu; halkanii fi dukkanni sodaachisaan illee akka inni hin ilaalle isa daangessuu hin dandaʼu. Kanaaf Armaagedoon booda, bakka namoonni hamoon jiraachaa turan ilaalla taʼa, taʼus isaan hin arginu. Isaan bara baraaf balleeffamaniiru!—Far. 37:12-15.
6. Namoonni hamoon yommuu balleeffaman eenyutu bakka isaanii buufama? Kun hoo oduu gammachiisaa dha kan jennu maaliifi?
6 Namoonni hamoon yommuu balleeffaman eenyutu bakka isaanii buufama? Yihowaan, “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [“in dhaalu,” NW], isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jechuudhaan abdii nama gammachiisu kenneera. Kitaabuma faarfannaa kana irratti, “Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“lafa in dhaalu,” NW], yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.” (Far. 37:11, 29) ‘Garraamotaa’ fi ‘qajeelota’ kan jedhaman eenyu faʼi? Garraamonni, namoota gad of qabuudhaan barumsaa fi qajeelfama Yihowaa fudhatani dha; qajeelonni immoo namoota wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuu jaallatani dha. Addunyaa kana keessatti lakkoofsi namoota qajeeloota taʼan namoota hamoo irra baayʼee muraasa dha. Haa taʼu malee, addunyaa haaraa dhufu keessatti garraamotaa fi qajeelota qofatu jiraata. Eeyyee, namoota akkasiitu lafa kana jannata taasisa!
DHAABBILEE MANCAʼAN
7. Dhaabbileen mancaʼan dhiibbaa nu irraan gaʼaa kan jiran akkamitti?
7 Dhaabbileen mancaʼan dhiibbaa nu irraan gaʼaa kan jiran akkamitti? Wanti hamaan yeroo ammaatti addunyaa kana irratti hojjetamaa jiru baayʼeen isaa dhuunfaadhaan utuu hin taʼin dhaabbileedhaan raawwatama. Fakkeenyaaf, dhaabbileen amantii waaʼee Waaqayyoo, Kitaabni Qulqulluun kan amanamu taʼuu isaa, akkasumas abdii laftis taʼe ilmaan namootaa qaban dabalatee waaʼee wantoota kan biraa hedduu ilaalchisee namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gowwoomsaa jiru. Yookiin waaʼee mootummoota waraanaa fi walitti buʼiinsa sanyii babalʼisan, hiyyeessotaa fi namoota gargaarsa hin qabne hacuucan, mattaʼaa fudhatanii fi loogiidhaan murteessanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Dhaabbileen sassatoota taʼanii fi qilleensa naannoo faalan, qabeenya uumamaa balleessanii fi daldaltoonni namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hiyyummaa wajjin utuu qabsaaʼanii maamiltoota isaanii saamuudhaan gowwoomsaadhaan qabeenya horatanis jiru. Dhuguma iyyuu, haala gaddisiisaa yeroo ammaatti addunyaa irra jiru hedduudhaaf kan itti gaafatamu dhaabbilee mancaʼan akka taʼan beekamaa dha.
8. Akka Kitaabni Qulqulluun dubbatutti, dhaabbileen ilmaan namootaatti kan hin sochoone fakkaatan maal taʼu?
8 Yihowaan tarkaanfii akkamii fudhata? Rakkinni inni guddaan yeroo dhaabileen siyaasaa dhaabbilee amantii sobaa warra Baabilon Guddittii ishii ejjituutti fakkeeffaman irratti tarkaanfii fudhatanitti jalqaba. (Mul. 17:1, 2, 16; 18:1-4) Dhaabileen amantii kun hundi guutummaatti balleeffamu. Haa taʼu malee, dhaabbilee mancaʼan kaan hunda ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Kitaabni Qulqulluun dhaabbilee ilmaan namootaatti kan hin sochoone fakkaatan hedduu ibsuuf, gaarotaa fi odoolawwan akka fakkeenyaatti fayyadameera. (Mulʼata 6:14 dubbisi.) Dubbiin Waaqayyoo mootummootaa fi dhaabbileen isaan jala jiran, hundee isaanii irraa akka buqqifaman raajii dubbateera. Rakkinni inni guddaan, mootummoota addunyaa moofaa taʼe kana hundaa fi namoota Mootummaa Waaqayyoo mormuudhaan isaan deggeran hunda balleessuudhaan xumurama. (Er. 25:31-33) Sana booda, dhaabbileen mancaʼan matumaa hin jiraatan!
9. Lafti haaraan akka gaariitti kan gurmaaʼu akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Wanti dhaabbilee mancaʼan bakka buʼu maali dha? Armaagedoon booda, dhaabbanni lafa irratti hafu jiraa? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.” (2 Phe. 3:13) Samiiwwanii fi lafti moofaan, jechuunis mootummoonni mancaʼanii fi hawaasni toʼannaa isaanii jala jiru hundi ni balleeffamu. Isaan kun maaliin bakka buufamu? Jechoonni “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” jedhan mootummaa haaraa fi hawaasa haaraa mootummaa sana jalatti bulu kan argisiisani dha. Mootummaan Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu guutummaatti amala Yihowaa isa Waaqa nagaa taʼee kan argisiisu taʼa. (1 Qor. 14:33) Kanaaf ‘lafti haaraan’ ni gurmaaʼa. Namoonni gaariin dhimmawwan tokko tokko raawwachiisan ni jiraatu. (Far. 45:16) Kiristoosii fi namoota 144,000 isaa wajjin bulchantu namoota kanaaf qajeelfama kenna. Yeroo dhaabbileen mancaʼan hundi, dhaabbata tokkummaa qabuu fi hin mancaane tokkoon bakka buufamu haalli isaa maal akka fakkaatu tilmaami!
GOCHAWWAN DOGOGGORAA
10. Gochawwan dogoggoraa yeroo ammaatti babalʼatan kamfaʼi? Wantoonni kun si irrattis taʼe maatii kee irratti dhibbaa akkamii geessisaniiru?
10 Gochawwan dogoggoraa dhiibbaa kan nu irraan geessisan akkamitti? Addunyaa gocha dogoggoraatiin guutame keessa jiraanna. Sirni kun addaggummaa, amanamummaa dhabuu fi gochawwan gara jabinaatiin kan guutame fakkaata. Keessumaa warri, ijoollee isaanii gocha dogoggoraa akkasii irraa eeguuf qabsoo gochuu qabu. Bohaartiiwwan addunyaan kun dhiheessu gochawwan dogoggoraatiin kan guutame waan taʼeef, qajeelfama Yihowaan wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼeef baase kan salphisu dha. (Isa. 5:20) Kiristiyaanonni dhugaan garuu kana ni mormu. Kiristiyaanonni dhugaan hundi, addunyaa qajeelfama Waaqayyootiif ulfina hin kennine keessa yommuu jiraatanitti amanamummaa isanii eeggachuuf carraaqqii guddaa gochuu qabu.
11. Murtoo Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa irratti dabarse irraa maal baranna?
11 Yihowaan gocha dogoggoraa ilaalchisee tarkaanfii akkamii fudhata? Gocha dogoggoraa Sodoomii fi Gomoraa keessatti babalʼatee ture ilaalchisee maal akka raawwate haa ilaallu. (2 Pheexiros 2:6-8 dubbisi.) Loox inni nama qajeelaa ture gocha dogoggoraa isattis taʼe maatii isaatti marsee ture ilaalchisee baayʼee dhiphachaa ture. Yihowaan biyyicha guutummaatti yommuu balleessu gocha achitti raawwatamaa ture balleessuu malees waan raawwate qaba ture. Kana kan godhe, “wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuuf” ture. Yihowaan gocha addaggummaa yeroo sanatti ture hunda akkuma balleesse, sirna kana yommuu balleessu gocha dogoggoraa walfakkaataa yeroo ammaatti raawwatama jirus ni balleessa.
12. Yommuu addunyaan moofaan kun balleeffamu hojiiwwan irratti hirmaachuuf hawwiidhaan eeggattu tokko tokko kamfaʼi?
12 Wantonni gochawwan dogoggoraa bakka buʼan maali dha? Lafti Jannata taate hojii gammachuu argamsiisuun guutamti. Waaʼee hojii gammachiisaa lafa kana gara jannataatti jijjiiruu ykn ofii keenyaafis taʼe michoota keenyaaf mana ijaaruu yaaduu dandeessu. Namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafaman simachuudhaan waaʼee karaawwan Yihowaa, akkasumas wanta inni ilmaan namootaatiif godhe isaan barsiisuu yaaduu dandeessu. (Isa. 65:21, 22; HoE. 24:15) Jireenyi keenya hojiiwwan gammachuu nuuf argamsiisanii fi Yihowaadhaaf ulfina fidaniin guutama!
HAALAWWAN NAMA DHIPHISAN
13. Seexanni, Addaamii fi Hewwaan fincila kaasuun isaanii, yeroo ammaatti addunyaa irratti haalli nama dhiphisu akkamii akka jiraatu taasiseera?
13 Haalawwan nama dhiphisan dhiibbaa kan nu irraan geessisan akkamitti? Namoonni hamoon, dhaabbileen mancaʼanii fi gochawwan dogoggoraa, walitti idaʼamanii haalli lafa irraa wantoota nama dhiphisaniin akka guutamu taasisaniiru. Nu keessaa waraanni, hiyyummaan ykn sanyiidhaan qoodamuun akka nu irra hin geenye dubbachuu kan dandaʼu jiraa? Dhukkubaa fi duʼa ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Haalawwan kun hunduma keenya irra iyyuu ni gaʼu. Wantoonni kun kan nu irra gaʼan qaamonni hamoon sadii, jechuunis Seexanni, Addaamii fi Hewwaan Yihowaa irratti fincila waan kaasaniifi dha. Eenyuun keenya iyyuu yeroo ammaatti miidhaa fincilli kun nu irraan geessise jalaa ooluu hin dandeenyu.
14. Yihowaan haalawwan nama dhiphisan irratti tarkaanfii akkamii fudhata? Fakkeenya kenni.
14 Yihowaan haalawwan nama dhiphisan irratti tarkaanfii akkamii fudhata? Mee waraana akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Yihowaan bara baraaf waraana balleessuuf waadaa galeera. (Faarfannaa 46:8, 9 dubbisi.) Dhukkuba hoo? Dhukkuba guutummaatti ni balleessa. (Isa. 33:24) Duʼa ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan bara baraaf duʼa ni balleessa! (Isa. 25:8) Kana malees, hiyyummaa ni balleessa. (Far. 72:12-16) Haalawwan nama dhiphisanii fi jireenyi rakkinaan akka guutamu godhan kaan hundas ni balleessa. Hafuurri Seexanaa fi jinniiwwan isaa babalʼatee ture bara baraaf waan balleeffamuuf, ‘qilleensa’ sirna addunyaa kanaa isa gadhee taʼe illee ni balleessa.—Efe. 2:2.
15. Wantoonni Armaagedoon booda bara baraaf balleeffaman tokko tokko kamfaʼi?
15 Addunyaan waraana, dhukkuba ykn duʼa irraa walaba taʼe maal akka fakkaatu tilmaamuu ni dandeessuu? Raayyaan loltootaa, humni waraanaa galaana irraa fi qilleensa irraa hin jiraatu! Meeshaan waraanaa ykn yaadannoon waraanaa hin jiraatu. Manni yaalaa, doktooronni, narsoonni ykn inshuraansiin fayyaa hin jiraatan; bakki reeffi kaaʼamu, manni awwaalchaa, namoonni sirna awwaalchaa raawwachiisan ykn bakka awwaalchaa qopheessan hin barbaachisan! Yakki yommuu balleeffamu, dhaabbanni nageenya eegsisu, meeshaa yommuu balaan uumamu nama dammaqsu, humni poolisootaa, tarii immoo cuftuun ykn furtuun hin barbaachisan! Kana malees, yaaddoon sammuu keenyaa fi garaa keenya dhiphisus hin jiraatu.
16, 17. (a) Namoonni Armaagedoon jalaa oolan boqonnaa akkamii argatu? Fakkeenyaan ibsi. (b) Addunyaan moofaan kun yommuu balleeffamu akka oollu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Haalawwan nama gaddisiisan yommuu balleeffaman jireenyi maal fakkaata? Tilmaamuuf nama hin rakkisu. Addunyaa moofaa kana keessa yeroo dheeraadhaaf waan jiraanneef haalli addunyaa hangam akka nu dhiphisu hubachuu dhiisnee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni naannoo buufata baaburaa jiran sagaleen baaburaa isaan hin jeequ; akkasumas namoonni naannoo bakka kosiin itti kuufame jiraatan fooliin kosii sanaa isaanitti hin beekamu. Haa taʼu malee, yommuu Yihowaan haalawwan nama gaddisiisan hunda balleessu boqonnaa guddaatu argama!
17 Wanti wantoota yeroo ammaatti nu dhiphisan kana bakka buʼu maali dha? Faarfannaan 37:11, “Nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jechuudhaan deebii kenna. Jechoonni kun garaa keessan hin tuqanii? Yihowaan jireenya akkasii akka jiraattan barbaada. Kanaaf, guyyoota gara dhumaa nama dhiphisan kana keessatti, Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti maxxantanii jiraachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa! Abdii isiniif kenname irratti xiyyeeffadhaa, irratti xiinxalaa, sammuu fi garaa keessan keessatti akka isiniif dhugoomu godhaa, akkasumas namoonni kaanis waaʼee abdii kanaa akka beekan gargaaraa! (1 Xim. 4:15, 16; 1 Phe. 3:15) Addunyaa moofaa itti murteeffame kanaa wajjin akka hin darbine mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeessan kanaafi. Faallaa kanaatiin, bara baraaf gammachuudhaan jiraattu!
a Keeyyanni kun barsiifata mana sirreessaa yeroo dheeraa dura Yunaayitid Isteetis keessatti hojii irra oolaa ture kan argisiisu dha.