Miira Balleessaatu Natti Dhagaʼama—Kitaabni Qulqulluun Miira Kana Moʼuuf na Gargaaruu Dandaʼa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Eeyyee! Kitaabni Qulqulluun gorsawwan miira balleessaa nutti dhagaʼamu moʼuuf nu gargaaran qabateera. (Faarfannaa 32:1-5) Dogoggora yommuu raawwannutti garaadhaa yoo gaabbine Waaqayyo dhiifama nuuf godha; haala keenya duraaniittis akka deebinu nu gargaara. (Faarfannaa 86:5) Yeroo tokko tokko miirri balleesaa namatti dhagaʼamuun isa faayidaa akka qabu Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. Fakkeenyaaf dogoggora keenya sirreessuu fi gara fuulduraatti dogoggora walfakkaatu akka hin raawwanne carraaqqii akka goonu nu kakaasuu dandaʼa. (Faarfannaa 51:17; Fakkeenya 14:9) Haa taʼu malee miirri balleessaa garmalee namatti dhagaʼamu miidhaa akka qabu Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. Abdii akka hin qabne ykn Waaqayyo akka nu hin jaallanne akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Miirri akkasii “gadda guddaadhaan” akka liqimfamnu ykn abdii akka kutannu gochuu dandaʼa.—2 Qorontos 2:7
Wanti miirri balleessaa akka nutti dhagaʼamu godhu maali dha??
Sababawwan miirri balleessaa akka nutti dhagaʼamu godhan hedduun jiru. Fakkeenyaaf nama jaallannu tokko miinee taʼuu dandaʼa. Ykn immoo wanta gochuu qabnu tokko utuu hin raawwatin hafnee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee yeroo tokko tokko balleessaa utuu hin raawwatin miirri akkasii nutti dhagaʼamu dandaʼa. Fakkeenyaaf baayʼee of irraa kan eegnu yoo taʼe ulaagaa ofiif baasne guutuu yommuu dadhabnutti miirri balleessaa nutti dhagaaʼamuuu dandaʼa taʼa. Kitaabni Qulqulluun wanta of irraa eeguu qabnu ilaalchisee madaallii keenya akka eeggannu kan nu jajjabeessu kanaafi.—Lallaba 7:16.
Miira balleessaa moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
Miirri balleessaa abdii akka si kutachiisu gochuu mannaa haala sana sirreessuuf wanta dandeessu hunda godhi. Akkamitti?
Balleessaa raawwatte amanii fudhadhu. Dhiifama akka siif godhu kadhannaadhaan Yihowaaa gaafadhu. (Faarfannaa 38:18; Luqaas 11:4) Dogoggora raawwatteti garaadhaa yoo gaabbitee fi deebitee akka hin raawwanne carraaqqii kan gootu yoo taʼe Waaqayyo kadhannaa kee akka dhagaʼu amanannaa qabaachuu dandeessa. (2 Seenaa 33:13; Faarfannaa 34:18) Nama irraa haala faallaa taʼeen Waaqayyo wanta garaa keenya keessa jiru arguu ni dandaʼa. Dogoggora tokko deebinee akka hin raawwanneef carraaqqii goonu yommuu argu, “Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuuf dhiisa.”—1 Yohaannis 1:9; Fakkeenya 28:13.
Namni balleessaa irratti raawwatte tokko yoo jiraate balleessicha amantee fudhachuu fi dhiifama gaafachuu qabda. Akkas gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kun ija jabinaa fi gad of qabuu kan gaafatu dha. Haa taʼu malee garaadhaa dhiifama gaafachuun faayidaa lama qaba. Kunis miirri balleessaa sitti dhagaʼamu akka siif salphatu godha; akkasumas hariiroon nagaa gidduu keessan ture akka deebiʼu godha.—Maatewos 3:8; 5:23, 24.
Caqasoota waaʼee araara Waaqayyoo dubbatan irratti xiinxali. Mee 1 Yohaannis 3:19, 20, irratti xiinxali. Caqasichi “garaan keenya nutti murteessu[u]” akka dandaʼu dubbata. Karaa gara biraa ‘Waaqayyo na hin jaallatu’ jennee ofitti murteessuu dandeenya. Haa taʼu malee caqasichi “Waaqayyo garaa keenya irra ni caala” jedha. Kun maal jechuu dha? Waaqayyo waaʼee keenya akka gaariitti beeka; miiraa fi dadhabina keenya ni hubata. Akkasumas mudaa kan qabnuu fi dogoggora raawwachuutti kan fiignu akka taʼe beeka.b (Faarfannaa 51:5) Kanaafuu Waaqayyo namoota balleessaa raawwatanitti garaadhaa gaabban hin jibbu.—Faarfannaa 32:5.
Balleessaa raawwatte irratti yeroo hundumaa hin xiinxalin. Kitaaba Qulqulluu keessatti dhiironnii fi dubartoonni balleessaa guddaa raawwatanii fi booda garuu daandii isaanii jijjiiran hedduun caqasamaniiru. Fakkeenyaaf, Saaʼol inni nama biyya Xarsees taʼe fi yeroo booda Ergamaa Phaawulos jedhamee waamamee isaan keessaa tokko dha. Phaawulos Fariisii yommuu turetti duuka buutota Yesuus irratti ariʼatama cimaa geessisaa ture. (Hojii Ergamootaa 8:3; 9:1, 2, 11) Haa taʼu malee Phaawulos Waaqayyoo fi Masiihicha ykn Kiristoosiin mormaa akka jiru yommuu hubatetti gocha isaatti gaabbuudhaan daandii isaa jijjiiree Kiristiyaana fakkeenya taʼu taʼeera. Phaawulos dogoggora duraan raawwatetti baayʼee gaddus waaʼee kanaa yeroo hunda hin xiinxalle. Kanaa mannaa Waaqayyo araara guddaa akka isatti argisiise waan hubateef hinaaffaadhaan lallaba ture; kana malees jireenya bara baraa irratti xiyyeeffatee ture.—Filiphisiyus 3:13, 14.
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee miira balleessaa fi dhiifama gochuu dubbatan
Faarfannaa 51:17: “Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu.”
Hiika: Cubbuu isa irratti raawwatte ilaalchisee garaadhaa yoo gaabbite Waaqayyo dogoggora keetiin kan kaʼe si hin jibbu. Inni dhiifama siif godha.
Fakkeenya 28:13: “Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu, namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.”
Hiika: Cubbuu keenya Waaqayyotti yoo himnee fi daandii keenya yoo sirreessine Waaqayyo dhiifama nuuf godha.
Ermiyaas 31:34: “Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu.”
Hiika: Waaqayyo takkaa dhiifama erga nuuf godhee booda dogoggora keenya nutti hin kaasu. Garaadhaa dhiifama godha.
b Addaam isa nama jalqabaa taʼe irraa cubbuu waan dhaalleef cubbuu raawwachuutti ariifanna. Addaamii fi haati manaa isaa Hewaan Waaqayyo irratti cubbuu raawwatan; kanaan kan kaʼes Addaam abdii bara baraaf jiraachuu dhabe; sanyiin isaas akkasuma taʼan.—Uumama 3:17-19; Roomaa 5:12.