Boqonnaa Saddeet
‘Humnoota Hafuurota Hamoo Wajjin Wal’aansoo Wal Qabuu’
1. Sochiin hafuurota hamoo kan nu yaaddessu maaliifi?
NAMOONNI hedduun, yaada hafuuronni hamoon jiru jedhutti ni qoosu. Haata’u malee, dhimmi kun wanta itti qoosamu miti. Namoonni amananis amanuu baatanis hafuuronni hamoon jiru; namoota hundaarrattis dhiibbaa geessisuuf carraaqqii cimaa godhu. Namoonni Yihowaa waaqeffatanis dhiibbaa kanarraa walaba miti. Hafuuronni hamoon warra kaan caalaattiyyuu isaanirratti xiyyeeffatu. Phaawulos akkas jechuudhaan nu akeekkachiiseera: “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna.” (Efesoon 6:12) Seexanni samiirraa ari’amuudhaan yeroo muraasni akka isa hafe waan beekuuf, yeroo keenyatti dhiibbaan hafuurota hamoo baay’ee cimeera.—Mul’ata 12:12.
2. Hafuurota hamoo humna namootaa ol ta’an mo’uu kan dandeenyu akkamitti?
2 Humnoota hafuuraa humna namootaa ol ta’e qaban kana mo’uun ni danda’amaa? Eeyyee, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan mo’uun ni danda’ama. Isa dhaggeeffachuufi Sagaleesaatiif abboomamuu qabna. Kana gochuudhaanis, miidhaa qaama, amalaafi miira namoota dhiibbaa Seexanaa jala jiranirra ga’urraa fagaachuu ni dandeenya.—Yaaqoob 4:7.
Humnoota Bantii Waaqaa Keessaa Biyya Lafaa Seerratan
3. Seexanni keessumaa ari’atama kan fidu eenyurrattidha? Akkamittiin?
3 Yihowaan samiirra taa’ee waan ilaaluuf haala biyya lafaa akka gaariitti nuu ibseera. Mul’ata Yohannisiif ergamerratti Seexanni ‘jawwee guddaa diimaatti’ fakkeeffamee ibsameera. Seexanni Mootummaan Masiihichaa bara 1914tti samii keessatti akkuma dhalateen isa liqimsuuf ka’ee ture. Yaaliinsaa kunis waan jalaa fashalaa’eef, Seexanni warra Mootummaa sanaan bakka bu’aniifi lafarratti argamanirratti ari’atama cimaa lolaadhaan fakkeeffame fidee ture. (Mul’ata 12:3, 4, 13, 17) Seexanni lola kana kan bane akkamitti ture? Karaa namoota lafarratti argamaniifi bakka buutotasaa ta’aniin ture.
4. Maddi humna mootummoota ilmaan namootaa eenyudha? Kana beekuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
4 Yohannis itti aansuudhaan bineensa mataa torbaafi gaanfa kudhan qabu akkasumas, bineensichaafis “gosa hundumaa irratti, nama hundumaa irratti, afaan hundumaa irrattis, saba hundumaa irrattis” aboon kennamuusaa argeera. Bineensi kun sirna siyaasaa addunyaa maratti argamu kan bakka bu’udha. ‘Bineensi akka jawwee sun [Seexanni] humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaas bineensichaaf akka kenne’ Yohannisitti himameera. (Mul’ata 13:1, 2, 7) Eeyyee, maddi humnaafi aangoo mootummoota ilmaan namootaa Seexanadha. Kanaafuu, akkuma Phaawulos jedhe humnoonni mootummoota ilmaan namootaa to’atan, warra ‘biyya lafaa seerratan’ “macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatan” ta’uunsaanii homaa hin shakkisiisu. Namoonni Yihowaa waaqeffachuu barbaadan hundi yaada kana akka gaariitti hubachuu qabu.—Luqaas 4:5, 6.
5. Geggeessitoonni siyaasaa gara maaliitti walitti qabamaa jiru?
5 Geggeessitoonni siyaasaa hedduun amantii akka qaban dubbatanillee, sabni kamiyyuu, bulchiinsa Yihowaatiif ykn Mootii inni muudeef jechuunis Yesus Kiristosiif hin abboomaman. Hundisaaniiyyuu aangoo qabachuuf carraaqqii godhu. Akkuma macaafni Mul’ataa ibsutti, yeroo har’aatti jechoonni ‘hafuurota xuraa’oo’ keessaa ba’an, mootummoota biyya lafaa ‘lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u sanaaf’ Armaagedoonitti walitti qabaa jiru.—Mul’ata 16:13, 14, 16; 19:17-19.
6. Namni tokko utuu hin beekin sirna Seexanaa akka hin deggerre of eeggannoo gochuunsaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
6 Guyyaa guyyaadhaan sababii walitti bu’iinsa siyaasa, hawaasa, dinagdeefi amantii gidduutti uumamuun ilmaan namootaa gargar hiramaa jiru. Walitti bu’iinsa kanaanis namoonni saba, gosa, afaan ykn gareesaanii akka deggeran dubbiisaaniitiinis ta’e gochasaaniitiin akka ibsan beekamaadha. Kallattiidhaan walitti bu’iinsa tokko tokko keessatti hirmaachuu baatanillee, garee tokko deggeranii isa kaanimmoo mormuunsaanii hin oolu. Haata’u malee, namoonni kun garee ykn nama kamiyyuu yoo filatan eenyuun deggeraa jiru? Macaafni Qulqulluun: “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna” jedha. (1 Yohannis 5:19) Namni tokko warra kaanii wajjin akka hin gowwoomfamne of eeguu kan danda’u akkamitti? Guutummaatti Mootummaa Waaqayyoo deggeruufi walitti bu’iinsa biyya lafaarratti uumamurraa adda ta’ee jiraachuudhaan qofadha.—Yohannis 17:15, 16.
Meeshaawwan Haxxummaa Inni Hamaan Itti Fayyadamu
7. Haxxummaan Seexanaa amantii sobaatiin kan mul’atu akkamitti?
7 Baroota darban hundaatti Seexanni namoota waaqeffannaa dhugaarraa fageessuuf arrabsoofi miidhaa qaamaatiin fayyadameera. Galmasaa kanas bakkaan ga’uuf, malawwan haxxummaa garabiraa jechuunis gochawwan nama suukanneessan namoota dogoggorsiisaniin gargaarameera. Seexanni amantii sobaatiin gargaaramee, namoonni hedduun utuma dukkana keessa jiranii Waaqayyoon tajaajilaa jirra jedhanii akka yaadan gochuudhaan isaan gowwoomsaa jira. Namoonni kun waa’ee Waaqayyoo beekumsa sirriifi dhugaadhaaf jaalala waan hin qabneef, hojiiwwan amantii iccitii ta’aniifi sirnawwan amantii miiraan geggeeffamanitti amanu ykn dinqiiwwan raawwatamanitti gammadu. (2 Tasaloniiqee 2:9, 10) Haata’u malee, warra waaqeffannaa dhugaa keessa turan keessaas, ‘namoonni tokko tokko hafuurota wallaalchisoodhaafi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu’anii’ akka gowwoomsaman ibsameera. (1 Ximotewos 4:1) Kun akkamitti ta’uu danda’a?
8. Seexanni utuma Yihowaa waaqeffannuu gara amantii sobaatti nu galchuu kan danda’u akkamitti?
8 Seexanni haxxummaadhaan fayyadamee karaa dadhabbii keenyaa nu miidhuu barbaada. Ammayyuu namoota ni sodaannaa? Akkas taanaan, firoottaniifi ollaawwan keenya hojiiwwan maddisaanii amantii sobaa ta’e tokko tokkorratti akka hirmaannu yoo dhiibbaa nurraan ga’an mo’amuu dandeenya. Ni koorraa? Akkas taanaan, yeroo gorsi nuu kennamu ykn yeroo yaanni keenya warra kaan biratti fudhatama dhabu aaruu dandeenya. (Fakkeenya 15:10; 29:25; 1 Ximotewos 6:3, 4) Ilaalcha keenya fakkeenya Kiristosii wajjin wal simsiisuu mannaa, yeroo warri kaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi jireenya gaarii jiraachuun ga’aadha jedhan gowwoomfamnee, ‘wanta gurra keenyatti tolu’ qofa dhaga’uu jalqabna ta’a. (2 Ximotewos 4:3) Seexanni qajeelfama Yihowaan karaa Sagaleesaafi jaarmiyaasaa kennuun isa hin waaqeffatin malee, amantii garabiraa keessa yoo lixnes ta’e amantii mataa keenyaa yoo uumne dhimma hin qabu.
9. Seexanni kaayyoosaa galmaan ga’uuf fedhii namoonni saalquunnamtii gochuuf qabaniin kan fayyadamu akkamitti?
9 Kana malees, Seexanni haxxummaadhaan fayyadamee namoonni fedhii uumamaan qaban karaa dogoggora ta’een akka fayyadaman gochuudhaan gowwoomsa. Kaayyoosaa kana galmaan ga’uufis fedhii saalquunnamtiitiin gargaarameera. Namoonni baay’een gorsa Macaafni Qulqulluun amala ilaalchisee kennu fudhachuu diduudhaan, saalqunnamtiin namoota wal hin fuudhin gidduutti raawwatamu sirriidha ykn namni tokko ga’eessa ta’uusaa kan argisiisudha jedhanii dubbatu. Namoonni hiriyaa gaa’elaa qabanoo cubbuu akkamii hojjetu? Baay’eensaanii ni ejju. Gaa’elasaanii keessatti rakkoon isaanirra ga’uu baatus, baay’eensaanii nama kaanii wajjin jiraachuuf jecha hiriyaa gaa’elaasaanii hiikuu ykn isaanirraa gargar ba’uu barbaadu. Seexanni haxxummaadhaan gargaaramee namoonni gammachuu amma argatanirratti qofa akka xiyyeeffatan gochuudhaan, gochisaanii kun isaanirrattis ta’e warra kaanirratti, caalaadhumattimmoo walitti dhufeenya Yihowaafi Ilmasaa wajjin qabanirratti rakkoo akkamii akka fidu akka isaanitti hin mul’anne gochuudhaan isaan gowwoomsa.—1 Qorontos 6:9, 10; Galaatiyaa 6:7, 8.
10. Seexanni malawwan kamfa’iin gargaaramee ilaalcha keenya gara ejjaafi walirratti ka’uutti naannessuuf yaalii godha?
10 Fedhiin uumamaa inni kaanimmoo bashannanadha. Bashannanni gaarii yoo ta’e qaama, sammuufi miira keenya haaromsuu ni danda’a. Haata’u malee, Seexanni haxxummaadhaan yeroo bashannanaa kanatti fayyadamee yaada keenya Waaqayyorraa fageessuuf utuu carraaqqii godheehoo? Fakkeenyaaf, Yihowaan ejjaafi humnaan namarratti ka’uu akka jibbu beekna. Yeroo wantoonni kun viidiyoodhaan, televijiiniidhaan ykn tiyaatriidhaan dhihaatan teenyee ilaaluu keenya itti fufnaa? ‘Namoonni hamoon, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad adeemuudhaan namoota waan wallaalchisaniifi ofiisaaniitiifis waan wallaalchifamaniif’, Seexanni iddoo lafa jalaatti darbatamuunsaa yeroo dhihaate kanatti wantoonni olitti ibsaman kun akka babal’atan akka godhu hin irraanfatin. (2 Ximotewos 3:13; Mul’ata 20:1-3) Kanaafuu, yeroo hundumaa tooftaawwan Seexanaarraa of eeguu qabna.—Uumama 6:13; Faarfannaa 11:5; Roomaa 1:24-32.
11. Namni waa’ee hafuura xuraa’ummaa beekullee yoo of eeggannoo gochuu dhiise karaawwan kamiin kiyyoo keessa galuu danda’a?
11 Kana malees, namoonni hojii hafuura xuraa’ummaarratti hirmaatan hundi, jechuunis kan ayyaana hedan, kan beekaa jedhaman, warri qaalluu jedhamaniifi ekeraa dubbistuun hundi Yihowaa biratti ciigga’amoo ta’uusaanii beekna. (Keessa Deebii 18:10-12) Kanaafuu, namoota gargaarsa hafuurota xuraa’ootiin hojjetanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu sammuu keenyatti hin yaannu; mana keenya dhufanii hojii hafuurota xuraa’oo akka hojjetanis hin heyyamnuuf. Haata’u malee, namoonni kun televijiinii ykn Interneetiidhaan yeroo dhihaatan isaan dhaggeeffannaa? Yaalii fayyaa namoonni hafuurota xuraa’oodhaan geggeeffaman kennan kan hin fudhanne taanullee, wanta hamaarraa isaan eega jennee yaaduudhaan morma daa’imman keenyaatti kudhaama ni hiinaa? Macaafni Qulqulluun namoota kaan raatessuu kan balaaleffatu ta’uusaa utuu beeknuu, namni nama raatessu tokko sammuu keenya akka to’atu ni heyyamnaa?—Galaatiyaa 5:19-21.
12. (a) Muuziqaan wanta dogoggora ta’uusaa itti amannu akka raawwannu kan nu godhu akkamitti? (b) Uffannaan, murannaan rifeensaa, ykn akkaataan dubbii nama tokkoo, namoota Yihowaa biratti fudhatama hin qabne akka dinqisiifatu kan argisiisu akkamitti? (c) Meeshaawwan Seexanni haxxummaadhaan itti gargaaramurraa fagaachuuf maal gochuu qabna?
12 Macaafni Qulqulluun, halalummaaniifi xuraa’ummaan (yaanni garaa xuraa’aan) hundinuu isin gidduutti hin dhaga’amin jechuudhaan dubbata. (Efesoon 5:3-5) Haata’u malee, wantoonni kun muuziqaa nama gammachiisu gidduu galanii utuu dhihaataniihoo? Sirboota gaa’ela dura saalquunnamtii gochuu jajjabeessan, gammachuu argachuuf jecha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun sirrii akka ta’e ibsaniifi cubbuuwwan addaddaa ibsan utuu nutti hin beekamin sirbinaa? Yookiin namoota jireenya akkasii jiraatan hordofuun dogoggora ta’uusaa beekneyyuu, akkaataa uffannaasaanii, akkaataa isaan rifeensasaanii itti sirreeffatan ykn akkaataa haasaasaanii hordofuudhaan isaan keessaa tokko ta’uu akka barbaannu argisiisnaa? Seexanni, namoonni ilaalchasaa isa manca’aadhaan akka geggeeffaman gowwoomsuuf haxxummaadhaan gargaarama. (2 Qorontos 4:3, 4) Kiyyoo Seexanaatiin akka hin qabamne yoo barbaanne, biyya lafaa hordofnee deemuurraa of eeguu qabna. ‘Warri bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan’ eenyu akka ta’an yaadachuufi dhiibbaa isaan nurraan ga’anii wajjin waldhaansoo gochuu qabna.—1 Phexros 5:8.
Meeshaawwan Dhiibbaa Kana Mo’uuf Nu Gargaaran Hidhachuu
13. Gonkummaa kan hin qabne taanullee, biyya lafaa isa Seexanni seerratu mo’uu kan dandeenyu akkamitti?
13 Yesus du’uusaa dura bartootasaatiin: “Jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera” isaaniin jedhee ture. (Yohannis 16:33) Isaanis biyya lafaa mo’uu ni danda’u turan. Erga Yesus kana jedhee waggoota 60 booda Yohannis akkas jechuudhaan barreesseera: “Eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’a? Yesus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo’uu danda’a.” (1 Yohannis 5:5) Amantii akkasii akka qabnu, abboommii Yesus eeguufi akkuma Yesus godhe Sagalee Waaqayyoorratti amanamuudhaan argisiisuu dandeenya. Kanaan alattoo maaltu nurraa barbaadama? Gumii Yesusiin geggeeffamutti maxxannee jiraachuu qabna. Yoo cubbuu hojjenne, garaadhaa qalbii geddarachuufi karaa aarsaa Yesus dhiifama akka nuuf godhu Waaqayyoon gaafachuu qabna. Gonkummaa kan hin qabneefi dogoggora kan hojjennu taanullee kana gochuudhaan biyya lafaa mo’uu dandeenya.—Faarfannaa 130:3, 4.
14. Efesoon 6:13-17 erga dubbistee booda, gaaffiiwwaniifi caqasawwan keeyyata kana keessatti dhihaataniin gargaaramuudhaan faayidaawwan tokkoon tokkoo mi’a lolaa kanarraa argaman ibsi.
14 Biyya lafaa kana mo’uuf, “mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo” guutummaatti hidhachuu qabna. Macaafa Qulqulluukee Efesoon 6:13-17 baasiitii ibsa mi’a lolaa kana ilaalchisee kenname ilaali. Achiis gaaffiiwwan kanaa gaditti dhihaataniif deebii kennuudhaan, meeshaawwan lolaa kun eegumsa siif argamsiisan tokko tokkorraa faayidaa akkamii akka argattu yaadi.
“Dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa”
Dhugaa yoo beeknellee, yeroo hundumaa qayyabachuun, dhugaa Macaafa Qulqulluurratti xiinxaluuniifi walga’iirratti argamuun keenya eegumsa kan nuuf argamsiisu akkamitti? (1 Qorontos 10:12, 13; 2 Qorontos 13:5; Filiphisiiyus 4:8, 9)
“Qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaa”
Ulaagaa Qajeelummaa eenyu baase jechuusaati? (Mul’ata 15:3)
Seerawwan Yihowaan qajeelummaadhaaf baase cabsuun akkamitti nama tokko balaa hafuuraatiif saaxiluu akka danda’u fakkeenyaan ibsi. (Keessa Deebii 7:3, 4; 1 Saamu’el 15:22, 23)
“Akka nama kophee kaa’ateettis wangeela nagaa fudhattanii isa lallabuudhaaf qophaa’aa!”
Qophii Waaqayyo nagaadhaaf godhe isaanitti himuuf miilli keenya yeroo hundumaa gara namootaatti kan nu geessu yoo ta’e balaarraa kan nu eegu akkamitti? (Faarfannaa 73:2, 3; Roomaa 10:15; 1 Ximotewos 5:13)
“Amantii akka gaachanaatti fudhadhaa!”
Amantii cimaa yoo qabaanne, wantoonni nu shakkisiisan ykn nu sodaachisan yeroo nu mudatan maal goona? (2 Mootota 6:15-17; 2 Ximotewos 1:12)
‘Fayyina akka gonfoo sibiilaatti fudhadhaa’
Abdiin fayyinaa, namni tokko hawwii qabeenya horachuutti dhiphachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle kan isa eegu akkamitti? (1 Ximotewos 6:7-10, 19)
‘Sagalee Waaqayyoo akka billaatti fudhadhaa’
Miidhaa cimaa amantii keenyarrattis ta’e amantii obboloota keenyarratti raawwatamu ittisuuf eenyutti amanamuu qabna? (Faarfannaa 119:98; Fakkeenya 3:5, 6; Maatewos 4:3, 4)
Wanti garabiraan lola karaa hafuuraa goonurratti mo’uuf nu gargaaru maalidha? Hammam irra deddeebinee kana gochuu qabna? Eenyufa’iif? (Efesoon 6:18, 19)
15. Waraana karaa hafuuraa godhamurratti tarkaanfii cimaa fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Loltoota Kiristos waan taaneef, kutaa macca waraanaa lakkoofsa baay’ee qaban keessatti argamna. Dammaqinaan kan jiraannuufi guutummaa mi’a lolaa isa kan Waaqayyootiin akka gaariitti kan gargaaramnu yoo ta’e, namoota waraana kanarratti mo’aman hin taanu. Kanaa mannaa, warra nuu wajjin ta’uudhaan Waaqayyoon tajaajilan jajjabeessuu dandeenya. Waraana kanarratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo isa Seexanni baay’ee mormu kana babal’isuu kan hawwinuufi kan qophoofne taana.
Maree Irra Deebii
• Namoonni Yihowaa waaqeffatan walitti bu’iinsa biyya lafaarratti godhamurraa guutummaatti fagaachuu kan qaban maaliifi?
• Seexanni Kiristiyaanota karaa hafuuraa kuffisuuf haxxummaa akkamiitti fayyadama?
• Miini lolaa Waaqayyo nuu qopheesse waraana karaa hafuuraa goonurratti nu eeguu kan danda’u akkamitti?
[Fakkii fuula 76rra jiru]
Saboonni gara Armaagedoonitti walitti qabamaa jiru