Gaayos Obboloota Isaa Kan Gargaare Akkamitti?
GAAYOSII fi Kiristiyaanonni dhuma jaarraa tokkoffaatti turan kaan qorumsi hedduun isaan irra gaʼeera. Namoonni barumsa sobaa babalʼisaa turan tokko tokko gumicha laaffisuu fi qoqqooduu barbaadu turan. (1 Yoh. 2:18, 19; 2 Yoh. 7) Namni Diyooxiraaxis jedhamu tokko waaʼee Yohaannis ergamaa fi obboloota kaanii “dubbii hamaa” dubbata ture; akkasumas Kiristiyaanota hojii daawwannaa irratti hirmaatan simachuu kan mormu taʼuu isaa irra iyyuu, warri kaaniis fakkeenya isaa akka hordofan amansiisuuf yaala ture. (3 Yoh. 9, 10) Wanti kun haala Yohaannis yommuu Gaayosiif barreessetti jiru ture. Xalayaan ergamaan kun Dh.K.B. bara 98tti barreesse, Kitaabota Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii keessatti “Xalayaa Yohaannis Isa Sadaffaa” jedhama.
Gaayos qorumsi kan isa irra gaʼe taʼus, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. Amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti ture? Yeroo harʼaatti fakkeenya isaa hordofuu kan barbaannu maaliifi? Xalayaan Yohaannis barreesse hoo kana gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?
XALAYAA MICHUU DHUGAATIIF BARREEFFAME
Barreessan Yohaannis Isa Sadaffaa “maanguddicha” jedhee of waameera. Yohaannis ergamaan Gaayos inni karaa hafuuraatiin ilma isaa isa jaallatamaa taʼe akka isa yaadatuuf akkas jedhee of waamuun isaa sirrii ture. Yohaannis Gaayosiin “jaallatamaa isa ani dhuguma jaalladhu” jedhee isa waameera. Kana malees Yohaannis, akkuma karaa qaamaan fayya buleessa taʼe, karaa hafuuraatiinis fayya buleessa akka taʼu akka isaaf hawwu dubbateera. Kun yaada baayʼee nama jajjabeessuu fi nama gammachiisu dha!—3 Yoh. 1, 2, 4.
Xalayaa Gaayosiif barreeffame keessatti wanti ibsame jiraachuu baatus, tarii inni yeroo kanatti ilaaltuu ol aanaa gumichaa taʼuu dandaʼa. Yohaannis, obboloota hin beekne dabalatee keessummoota kaan simachuu isaatiin Gaayosiin galateeffateera. Yohaannis keessummoota simachuun gocha yeroo hunda tajaajiltoota Waaqayyoo adda baasee beeksisu taʼuu isaa waan beekuuf, wanti Gaayos godhe kun amanamaa taʼuu isaa kan mirkaneessu akka taʼe dubbateera.—Uma. 18:1-8; 1 Xim. 3:2; 3 Yoh. 5.
Wanti Yohaannis, Gaayos obboloota simachuu isaatiif isa galateeffachuuf dubbate, obboloonni yeroo baayʼee Yohaannis ergamaa fi gumiiwwan gidduu deddeebiʼaa akka turanii fi tarii obboloonni kun wanta isaaniif godhame Yohaannisitti himaa akka turan argisiisa. Yohaannis waaʼee gumiiwwan kanaa odeeffannoo kan argatu haala kanaan taʼuu hin oolu.
Kiristiyaanonni iddoo tokkoo gara iddoo kaaniitti deddeebiʼan namoota hidhata amantii isaanii taʼan bira boqochuu akka barbaadan beekamaa dha. Manneen bultii yeroo sana turan, maqaa gaarii kan hin qabne, tajaajila sirrii kan hin kenninee fi gochawwan addagummaan keessatti raawwataman turan. Kanaaf, hamma dandaʼametti imaltoonni ogeeyyii taʼan kaan michoota isaanii bira, Kiristiyaanonni imaltoota taʼan immoo Kiristiyaanota isaan simatan bira boqotu turan.
“KAN BAʼAN MAQAA ISAATIIF JEDHANII TI”
Yohaannis “atis karaa Waaqayyoon gammachiisuun isaan [keessummoota] geggeessi” jechuudhaan Gaayos keessummoota simachuu isa akka itti fufu isa jajjabeesse. Yeroo akka isaan geggeessu dubbatu, galaa adeemsa isaanii itti aanuuf isaan barbaachisu akka isaaniif kennuu fi wanta hamma iddoo barbaadan sana gaʼanitti isaan barbaachisu hunda akka isaaniif guutu dubbachuu isaa ture. Keessummoonni Gaayos bira turan waaʼee jaalalaa fi amantii isaa Yohaannisitti himanii waan turaniif, Gaayos duruma iyyuu haala kanaan isaan geggeessaa akka ture homaa hin shakkisiisu.—3 Yoh. 3, 6.
Keessummoonni kun tarii misiyoonota, namoota Yohaannisiif ergaman ykn ilaaltota ol aanaa taʼuu dandaʼu. Namoota akkamii iyyuu yoo taʼan, kaayyoon isaanii misiraachicha lallabuuf iddoo tokkoo gara iddoo kaanitti deemuu ture. Yohaannis, “Kan baʼan maqaa isaatiif jedhanii ti” jedheera. (3 Yoh. 7) Yohaannis yeroo akkas jedhu waaʼee Waaqayyoo dubbachuu isaa ture (lakkoofsa 6 ilaali), kanaaf yaanni “maqaa isaatiif jedhanii ti” jedhuu maqaa Yihowaatiif akka taʼe argisiisa. Obboloonni kun kutaa gumii Kiristiyaanaa waan turaniif akka gaariitti simatamuu qabu turan. Yohaannis akkana jedhee kan barreesse kanaafi: “Nutis dhugaa babalʼisuuf isaanii wajjin kan hojjennu akka taanuuf, namoota akkasii keessummummaa simachuuf dirqamni nu irra jira.”—3 Yoh. 8.
HAALA RAKKISAA TAʼE KEESSATTI GARGAARSA GOCHUU
Yohaannis Gaayosiif kan barreesse isa galateeffachuuf qofa hin turre. Rakkina cimaa isa mudate dandamachuu akka dandaʼu isa gargaaruu waan barbaadeef ture. Sababa isaa beekuu baannus, miseensa gumii Kiristiyaanaa kan ture Diyooxiraaxis obboloota iddoo biraatii dhufan keessummeessuuf fedhii hin qabu ture. Darbees warri kaan keessummoota akka hin simanne gochuuf yaala ture.—3 Yoh. 9, 10.
Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hamma isaanii dandaʼame hunda Diyooxiraaxis irraa fagaachuuf yaalii godhanii akka turan homaa hin shakkisiisu. Diyooxiraaxis gumii keessatti iddoo guddaa argachuu barbaada ture; ergaa Yohaannis biraa dhufee kan hin fudhanne taʼuu isaa irra iyyuu, waaʼee ergamootaa fi obboloota kaanii dubbii hamaa babalʼisa ture. Yohaannis matumaa barsiisaa sobaa jedhee isa hin waamne; Diyooxiraaxis garuu aangoo ergamaan kun qabu ni morma ture. Fedhiin Diyooxiraaxis iddoo guddaa argachuuf qabuu fi amala Kiristiyaana tokko irraa hin eegamne argisiisuun isaa amanamummaa isaa irratti gaaffii kaaseera. Haalli Diyooxiraaxis namoonni iddoo guddaa barbaadanii fi of tuulan gumii irratti dhiibbaa gochuuf akka yaalan argisiisa. Kanaaf gorsi Yohaannis, “Fakkeenya warra wanta gadhee taʼe hojjetanii hin hordofin” jechuudhaan Gaayosiif kenne hunda keenyaaf kan taʼu dha.—3 Yoh. 11.
SABABII QUUBSAA WANTA GAARII HOJJECHUUF GARGAARU
Haala Diyooxiraaxis irraa adda taʼeen Kiristiyaanni Dimeexiros jedhamuu fi Yohaannis waaʼee isaa dubbate fakkeenya gaarii taʼa. Yohaannis waaʼee isaa akkana jedhee barreesseera: “[Dimeexiros] maqaa gaarii qaba . . . Dhugaa dha, nutis waaʼee isaa ragaa baʼaa jirra, isinis wanti nuti ragaa baanu dhugaa taʼuu isaa beektu.” (3 Yoh. 12) Haa taʼu malee, tarii Dimeexiros gargaarsi Gaayos isa barbaachisee ture, akkasumas Yohaannis Xalayaa isaa Isa Sadaffaa kan barreesse nama kanaa wajjin wal baruu fi isa galateeffachuuf taʼuu dandaʼa. Xalayaa kana Gaayosiif kan geesse Dimeexiros taʼuu dandaʼa. Namoota Yohaannis ergamaan itti fayyadamu keessaa tokko ykn tarii daawwataa ol aanaa waan taʼeef taʼuu dandaʼa, Dimeexiros wanta Yohaannis barreesse irra deebiʼee cimsee dubbateera.
Gaayos nama keessummoota simatu taʼee utuu jiruu, Yohaannis keessummoota simachuu isaa akka itti fufuu kan isa gorse maaliifi? Yohaannis, Gaayos caalaatti ija jabeessa akka taʼu barbaadeetii? Moo Diyooxiraaxis Kiristiyaanota keessummoota simatan gumii keessaa baasuuf yaalii gochaa waan tureef kun Gaayos irratti dhiibbaa godha jedhee yaaddaʼeetii laata? Sababiin isaa maal iyyuu haa taʼu, Yohaannis “Namni wanta gaarii hojjetu kan Waaqayyoo ti” jechuudhaan Gaayosiin jajjabeesseera. (3 Yoh. 11) Kun sababii quubsaa wanta gaarii hojjechuuf nu kakaasuu fi akkas gochuu keenya akka itti fufnu nu gargaaru dha.
Xalayaan Yohaannis barreesse, Gaayos keessummoota simachuu isaa akka itti fufuuf isa gargaareeraa? Sababiin Yohaannis Inni Sadaffaan Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godhame, namoonni kaan ‘fakkeenya warra wanta gaarii taʼe hojjetanii akka hordofan’ jajjabeessuufi.
BARUMSA YOHAANNIS ISA SADAFFAA IRRAA ARGANNU
Waaʼee Gaayos isa obboleessa keenya bara duriitti jiraatee fi jaallatamaa taʼee, kana caalaa wanti beekamu hin jiru. Haa taʼu malee, seenaa jireenyaa isaa ilaalchisee ibsa xinnoo kennamee kana irraa barumsa hedduu argachuu dandeenya.
Tokkoffaa, hedduun keenya hamma tokko beekumsa dhugaa kan arganne namoota amanamoo warra beekumsa kana nuun gaʼuuf jecha biyyaa gara biyyaatti deemuuf fedhii qaban irraa ti. Dhugaa dha, yeroo harʼaatti miseensonni gumii Kiristiyaanaa hundi misiraachicha lallabuuf jecha iddoo baayʼee fagoo deemuu hin dandaʼan taʼa. Haa taʼu malee, nutis akkuma Gaayos obboloota iddoo tokko gara iddoo kaanii deeman, jechuunis kanneen akka daawwattoota ol aanaa aanaa fi haadhotii manaa isaanii deggeruu fi jajjabeessuu ni dandeenya. Yookiin immoo obboloota iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluu barbaadanii fi biyya alaattis taʼe biyyuma keessa iddoo biraatii dhufaniif deggersa gochuu dandeenya taʼa. Kanaaf, hundi keenya ‘keessummoota simachuu haa amaleeffannu.’—Rom. 12:13; 1 Xim. 5:9, 10.
Lammaffaa, yeroo harʼaatti darbee darbee obboloota gumii keessatti aangoo qaban irratti gaaffiin yoo kaʼe nu dinqisiisuu hin qabu. Aangoo Yohaannisii fi Phaawulos ergamaa irratti gaaffiin kaʼee ture. (2 Qor. 10:7-12; 12:11-13) Haalli rakkisaa taʼe akkasii gumii keessatti yoo nu mudate maal gochuu qabna? Phaawulos Ximotewosiin akkana jedhee gorseera: “Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa namoota hundumaaf garraamii kan taʼe, barsiisuuf gaʼumsa kan qabuu fi yeroo jalʼinni isa irratti raawwatamu kan of toʼatu taʼuu qaba; akkasumas warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan kan gorsu taʼuu qaba.” Yeroo aarree jirrutti illee garraamummaa kan argisiisnu yoo taʼe, namoonni warra kaan komatan tokko tokko suutuma suuta amala isaanii sirreessuu dandaʼu. Yihowaan immoo, “beekumsa dhugaa isa sirrii akka argataniif yaada akka geddaratan carraa isaaniif kenna taʼa.”—2 Xim. 2:24, 25.
Sadaffaa, Kiristiyaanonni hidhata amantii keenya taʼanii fi utuma ariʼatamni isaan irra gaʼu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan, haala isaan keessa jiran hubachuu fi Yihowaadhaaf amanamoo waan taʼaniif garaadhaa isaan galateeffachuu qabna. Yohaannis ergamaan Gaayosiin jajjabeessera; wanta sirrii gochaa akka tures isaaf mirkaneesseera. Haaluma wal fakkaatun, jaarsoliin yeroo harʼaatti argamanis obboloonni isaanii ‘akka hin dadhabne’ jajjabeessuudhaan fakkeenya Yohaannis hordofuu qabu.—Isa. 40:31; 1 Tas. 5:11.
Xalayaan Yohaannis ergamaan Gaayosiif barreesse, kitaabota Kitaaba Qulqulluu keessaa isaa gabaabaa siʼa taʼu, Afaan Giriikii ittiin barreeffameen jechoota 219 qofa qaba. Taʼus, Kiristiyaanota yeroo harʼaatti jiraataniif faayidaa guddaa qaba.