Boqonnaa Kudha Sadii
Tuuta Sonaan Baay’ee Teessoo Yihowaa Dura Dhaabatan
1. (a) Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti turaniifi Kiristiyaanonni dibamoon 144,000 ta’an, badhaasasaanii utuu hin argatin dura maal ta’uu qabu? (b) ‘Tuutni sonaan baay’ee’ yeroo ammaatti argaman carraa akkamii qabu?
TAJAAJILTOONNI Waaqayyoo amanamoo ta’an, Abeelii jalqabee hanga Yohannis Cuuphaatti jaalalasaa raawwachuuf dursa kennaa turan. Haata’u malee hundisaanii kan du’an yeroo ta’u, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti du’aa ka’anii lafarra jiraachuuf eeggachaa jiru. Namoonni Mootummaa Waaqayyoo keessatti Kiristosii wajjin bulchaniifi 144,000 ta’anis badhaasasaanii utuu hin argatin dura du’uu qabu. Haata’u malee, Mul’anni 7:9 bara dhumaa kanatti ‘tuutni sonaan baay’een’ saba hundumaa keessaa walitti qabaman utuu hin du’in bara baraaf lafarra jiraachuuf akka abdii qaban dubbata. Atoo isaan keessaa tokkodhaa?
Eenyummaa Tuuta Sonaan Baay’ee Hubachuu
2. Eenyummaa tuuta sonaan baay’ee Mul’ata 7:9rratti ibsamanii hubachuun kan danda’ame akkamitti?
2 Tajaajiltoonni Yihowaa, bara 1923tti namoonni Yesus Maatewos 25:31-46rratti “hoolota” jedhee waameefi Yohannis 10:16rrattimmoo “hoolota kan biraa” jedhee waame, warra bara baraaf lafarra jiraachuuf carraa qaban ta’uusaanii hubatanii turan. Bara 1931ttimmoo, namoonni Hisqi’el 9:1-11rratti addasaaniirratti milikkinni akka godhameef ibsaman warra lafarra jiraachuuf abdii qaban ta’uunsaanii ibsamee ture. Bara 1935ttis tuutni sonaan baay’een hoolota kan biraa Yesus waa’eesaanii dubbatee wajjin tokko ta’uunsaanii ni hubatame. Yeroo har’aatti miseensonni tuuta sonaan baay’ee Waaqayyo biratti fudhatama argatan kun miliyoona hedduudhaan kan lakkaa’aman ta’aniiru.
3. Tuutni sonaan baay’ee ‘teessoo Waaqayyoo dura akka dhaabatan’ ibsamuunsaa gara samii dhaquusaanii hin argisiisu kan jennu maaliifi?
3 Tuutni sonaan baay’ee Mul’ata 7:9rratti ibsaman kan argaman samiirratti miti. Namoonni kun ‘teessoo Waaqayyoo dura dhaabachuuf’ dirqama gara samii dhaquun isaan hin barbaachisu. Teessicha dura akka dhaabatan ibsamuunsaa eessayyuu yoo jiraatan Waaqayyo kan isaan argu ta’uusaa argisiisa. (Faarfannaa 11:4) Tuutni sonaan baay’ee “warra homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye” namoota Mul’ata 7:4-8 fi Mul’ata 14:1-4rratti ibsamanii wajjin yeroo ilaallu namoonni kun gara samii akka hin dhaqne hubachuu dandeenya. Caqasawwan kanarratti lakkoofsi namoota lafarraa filatamanii gara samii dhaqan 144,000 ta’uunsaa ibsameera.
4. (a) ‘Rakkinni guddaan’ tuutni sonaan baay’ee irraa oolan maalidha? (b) Mul’ata 7:11, 12rratti akka ibsametti, wanta tuutni sonaan baay’ee godhan ilaaluudhaan waaqeffannaa kanarratti kan hirmaatan eenyufa’i?
4 Mul’anni 7:14 tuuta sonaan baay’ee ilaalchisee: “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba’anii dhufanii dha” jedha. Namoonni kun rakkina guddaa ilmaan namootaarra ga’ee hin beeknerraa oolu. (Maatewos 24:21) Fayyina kana Waaqayyoofi Kiristosirraa akka argatan yeroo ibsan, ergamoonni hundi isaanii wajjin akkas jedhu: “Ameen! Waaqayyo keenyaaf hooqubaan, guddinni, ogummaan, galanni, ulfinni, humni, aangoonis baraa hamma bara baraatti haa ta’u! Ameen!”—Mul’ata 7:11, 12.
Fayyina Argachuuf Ga’eessota Ta’uusaanii Mirkaneessuu
5. Tuuta sonaan baay’ee keessaa tokko ta’uuf maaltu akka nurraa barbaadamu beekuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Tuutni sonaan baay’ee rakkina guddaarraa kan oolan ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baasee wajjin haala wal simuunidha. Namoonni badiisarraa oolan kun amala akkamiitiin akka beekaman Macaafni Qulqulluun akka gaariitti ibsa. Kanaafuu, namoonni qajeelummaa jaallatan fayyina argachuuf ga’eessota ta’uusaanii mirkaneessuu ni danda’u. Namoonni kun maal gochuu qabu?
6. Tuutni sonaan baay’ee hoolotaan fakkeeffamuunsaanii sirrii kan ta’e maaliifi?
6 Hoolonni garraamiifi kan ajajamanidha. Kanaafuu, Yesus hoolota kan biraa warra samii hin deemne akka qabu yeroo dubbate, namoota bara baraaf lafarra jiraachuu barbaadan qofa utuu hin ta’in, namoonni barumsasaatiif abboomaman akka jiran ibsuusaa ture. “Hoolonni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u” jedheera. (Yohannis 10:16, 27) Dhugumayyuu, namoonni kun bartootasaa ta’uudhaan warra Yesusiin dhaggeeffataniifi wanta inni jedhe hojiirra oolchanidha.
7. Duuka buutonni Yesus amalawwan akkamii horachuu qabu?
7 Duuka buutonni Yesus hundi amalawwan garabiraa akkamii horachuu qabu? Sagaleen Waaqayyoo akkas jechuudhaan deebii kenna: “Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, . . . of keessaa baasaa! Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!” (Efesoon 4:22-24) Amalawwan tokkummaa tajaajiltoota Waaqayyoo cimsan kan horatan yeroo ta’u, amalawwan kunis ‘jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuudha.’—Galaatiyaa 5:22, 23.
8. Tuutni sonaan baay’ee dibamtoota lafarratti argaman yeroo deggeran maaltu isaanirra ga’uu danda’a?
8 Tuutni sonaan baay’een dibamtoota lakkoofsa xinnoo qaban, warra samiirra jiraachuuf abdii qabaniifi hojii lallabaa kana olaantummaadhaan geggeessan ni deggeru. (Maatewos 24:14; 25:40) Yesusiifi ergamoonnisaa Seexanaafi hafuurota xuraa’oo samiirraa waan ari’aniif, guyyoota gara dhumaa kanatti hoolota kan biraarra mormiin akka ga’u yoo beekanillee dibamtoota deggeruusaanii itti fufu. Kunimmoo akka armaan gadiitti ibsameera: “Yaa lafaa, . . . Seexanni gara keessanitti waan gad bu’eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!” (Mul’ata 12:7-12) Kanaafuu, badiisni sirna hamaa kanaa yeroo dhihaachaa adeemutti, Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoorratti mormii kaasuusaa ittuma dabalaa adeema.
9. Tajaajiltoonni Waaqayyoo misiraachoo kana lallabuudhaan bu’aa akkamii argataniiru? Maaliif?
9 Mormii cimaan jiraatullee hojiin lallabaa kun itti fufa. Waraana Addunyaa Tokkoffaatti lakkoofsi babal’istoota kanaa kuma muraasa qofa kan ture ta’ullee, Yihowaan: “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u” jechuudhaan waadaa waan galeef, yeroo ammaatti lakkoofsi namoota kanaa miliyoonaan kan lakkaa’amu ta’eera. (Isaayaas 54:17) Namni mana murtii olaanaa Yihudootaa keessaa hojjetu tokkollee hojii Waaqayyoo balleessuun akka hin danda’amne waan hubateef, bartoota Yesus ilaalchisee Fariisota jaarraa jalqabaa turanitti akkas jechuudhaan dubbateera: “Isaan gad dhiisaa! Akeeka kanaa fi hojii isaa namatu yaadee qopheesse yoo ta’eef, baduuf jira. Waaqayyo biraa yoo dhufe garuu, jara kana balleessuu hin dandeessan; ofii keessanii iyyuu immoo Waaqayyoon utuu loltanii akka hin argamne.”—Hojii Ergamootaa 5:38, 39.
10. (a) “Milikkinni” tuuta sonaan baay’eerratti godhame maal argisiisa? (b) Tajaajiltoonni Waaqayyoo ‘sagalee waaqa keessaa dhufuuf’ kan abboomaman akkamitti?
10 Tuutni sonaan baay’ee warra fayyina argachuuf milikkinni itti godhameetti fakkeeffamaniiru. (Hisqi’el 9:4-6) ‘Milikkitichi’ namoonni kun Yihowaadhaaf of murteessuudhaan bartoota Yesus ta’anii cuuphamuusaaniifi amala Kiristos qabaachuuf carraaqqii gochuusaanii kan dabalatudha. Amantii sobaa addunyaa maratti Seexanaan geggeeffamu ilaalchisee wanta ‘Sagaleen Waaqayyoo’ akkas jechuudhaan dubbatuuf ni abboomamu: “Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dha’icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa ba’aa!”—Mul’ata 18:1-5.
11. Tuutni sonaan baay’ee tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uunsaanii kan beekamu maaliini?
11 Kana malees Yesus akkas jechuudhaan bartootasaatti himeera: “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.” (Yohannis 13:35) Haala kanarraa faallaa ta’een namoonni amantii biyya lafaa hordofan, qomoosaanii waan hin taaneef qofa namoota miseensa amantiisaanii ta’an garabiraa waraanarratti ni ajjeessu; Sagaleen Waaqayyoo garuu akkas jedha: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu . . . ergichi ‘Wal jaallachuun nuuf ta’a’ isa jedhuu dha. Akka Qaayin ta’uun hin ta’u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese.”—1 Yohannis 3:10-12.
12. Yeroo rakkinni guddaan dhufu, Yihowaan amantii ‘mukeetii’ ija hamaa godhatanii wajjin wal fakkaatan maal godha?
12 Yesus akkas jechuudhaan dubbateera: “Akkasumas mukti gaariin ija ba’eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata. Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba’eessa godhachuu hin danda’u. Mukti ija ba’eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama. Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu.” (Maatewos 7:17-20) Amantiiwwan biyya lafaa “muka” ija gadhee godhatuu wajjin wal fakkeeffamuunsaanii, rakkina guddaa Yihowaan dhihootti fidurratti balleeffamuu akka qaban argisiisa.—Mul’ata 17:16.
13. Tuutni sonaan baay’ee tokkummaadhaan ‘teessoo Waaqayyoo dura dhaabachuusaanii’ kan argisiisan akkamitti?
13 Mul’anni 7:9-15 tuutni sonaan baay’ee badiisarraa kan oolan maaliif akka ta’e nutti hima. Namoonni kun tokkummaadhaan ‘teessoo Waaqayyoo dura akka dhaabatan,’ jechuunis olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabu akka deggeran ibsameera. Namoonni kun, aarsaan Yesus cubbuurraa kan nama qulqulleessu ta’uusaa hubachuusaanii argisiisuudhaan “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” (Yohannis 1:29) Waaqayyoof of murteessuusaaniis bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisaniiru. Kanaafuu, Waaqayyo duratti yaada garaa nama hin ceephaane jechuunis isa uffata adiidhaan fakkeeffame qabu; akkasumas ‘halkanii fi guyyaa Waaqayyoofni hojjetu.’ Atoo wantoota asirratti ibsamanii wajjin haala wal simuun jiraachaa jirtaa?
Faayidaawwan Yeroo Ammaatti Argaman
14. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo ammaatti faayidaawwan gurguddaa akkamii argachaa jiru?
14 Yeroo ammaattillee, faayidaa namoonni Yihowaa tajaajilan argatan utuu hin hubatin hin ooltu. Fakkeenyaaf, kaayyoo Yihowaa isa qajeelummaarratti hundaa’e yeroo barattu, gara fuulduraatti abdii gammachiisaa akka qabnu hubatteetta. Kanaafuu, yeroo ammaatti kaayyoo jireenyaa ifa ta’e jechuunis, abdii gammachiisaa lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf si dandeessisu qabaachuudhaan Waaqa dhugaa tajaajiluuf kaayyoo dhugaa qabda jechuudha. Eeyyee, Yesus Kiristos Mootichi tuuta sonaan baay’ee ‘gara burqaa bishaan jireenyaatti geessa.’—Mul’ata 7:17.
15. Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasaafi amala ilaalchisee seera Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan faayidaa kan argatan akkamitti?
15 Bu’aawwan tuutni sonaan baay’een argatan keessaa jaalala, tokkummaafi walii galtee tajaajiltoota Yihowaa addunyaa maratti argaman gidduu jiru akka fakkeenyaatti caqasuun ni danda’ama. Hundi keenya nyaata hafuuraa tokkorraa waan soorannuuf, seerawwaniifi ulaagaalee Sagalee Waaqayyoo keessatti argaman hordofna. Ilaalcha siyaasaa ykn lammummaatiin wal qoqqooduurraa kan fagaannes kanaafidha. Kana malees, seerawwan amalaa Waaqayyo sabasaarraa barbaadu hojiirra ni oolchina. (1 Qorontos 6:9-11) Kanaan kan ka’es, sabni Yihowaa waraana, wal qooduufi amala addaggummaa biyya lafaarratti babal’aterraa fagaachuudhaan karaa hafuuraa jannata keessa jiru jechuun ni danda’ama. Yaanni kun Isaayaas 65:13, 14rratti akkamitti akka ibsame qalbeeffadhu.
16. Tuutni sonaan baay’ee rakkinni yoo isaanirra ga’ellee abdii akkamii qabu?
16 Tajaajiltoonni Yihowaa gonkummaa akka hin qabne beekamaadha. Biyya lafaa kanarratti rakkinni namoota kaanirra ga’u isaanirras ni ga’a. Fakkeenyaaf, waraana saboonni godhan gidduutti miidhaan isaanirra ga’uu danda’a. Kana malees, dhukkubni, rakkinniifi duuti isaanirra ga’a. Haata’u malee, addunyaa haaraa keessatti Waaqayyo ‘imimmaan hundumaa ija isaaniittii akka haqu; sana booda duuni deebi’ee akka hin argamne, gadduun, iyyuun, waraansis sana booda akka hin jirre’ ni amanu.—Mul’ata 21:4.
17. Yeroo ammaatti wanti fedhe yoo isaanirra ga’ellee, namoonni Waaqa dhugaa waaqeffatan gara fuulduraatti maal argatu?
17 Yeroo ammaatti dullumaan, dhukkubaan, balaadhaan ykn ari’atamaan lubbuukee yoo dhabdellee, Yihowaan du’aa si kaasee Jannata keessatti jireenya sii kenna. (Hojii Ergamootaa 24:15) Sana boodas, Bulchiinsa Kiristos isa Waggaa Kuma Tokkoo keessatti nyaata hafuuraa soorachuukee itti fufta. Kaayyoon Waaqayyoo raawwatamuusaa yeroo ilaaltu, jaalalli isaaf qabdu guddachaa adeema. Yeroo sanatti Yihowaan karaa fooniis waan si eebbisuuf, jaalalli isaaf qabdu caalaatti guddata. (Isaayaas 25:6-9) Gara fuulduraatti sabni Waaqayyoo wanta nama gammachiisu argatu!
Maree Irra Deebii
• Macaafni Qulqulluun tuuta sonaan baay’ee haala adda ta’e akkamii wajjin wal qabsiisee ibsa?
• Tuuta sonaan baay’ee Waaqayyo biratti fudhatama argatan keessaa tokko ta’uu yoo barbaanne, yeroo ammaatti maal gochuu qabna?
• Eebbawwan tuutni sonaan baay’ee yeroo ammaatti argachaa jiranis ta’e addunyaa haaraa keessatti argatan akkamitti ilaalta?
[Fakkii fuula 123rra jiru]
Tuutni sonaan baay’ee miliyoonaan lakkaa’aman tokkummaadhaan Waaqa isa dhugaa waaqeffatu