-
Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Caamsaa
-
-
EENYUMMAAN DIINOTA WAAQAYYOO IFA GODHAME
6. Bineensi mataa torba qabuu fi Mulʼata 13:1-4 irratti ibsame maal argisiisa?
6 Bineensi mataa torba qabu maal argisiisa? (Mulʼata 13:1-4 dubbisi.) Bineensi kun qeerransa kan fakkaatu taʼus miilli isaa miila amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata; akkasumas gaanfa kudhan qaba. Bineensonni arfan Daaniʼel boqonnaa 7 irratti ibsamanis bifawwan kana qabu. Kitaaba Mulʼataa keessatti garuu bineensota garaa garaa afur utuu hin taʼin, bineensa bifa kana hundumaa qabu tokkotu ibsame. Bineensi kun mootummaa ykn bulchiinsa addunyaa tokko qofa kan argisiisu miti. “Gosa, uummata, qooqaa fi saba hundumaa [irratti] aangoo” akka qabus ibsameera. Kanaafuu, bineensi kun mootummaa biyya tokkoo qofa kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. (Mul. 13:7) Kanaa mannaa, humnoota siyaasaa hanga ammaatti ilmaan namootaa bulchan hunda kan argisiisu taʼuu qaba.b—Lal. 8:9.
-
-
Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Caamsaa
-
-
b Bineensi mataa torba qabu kun humnoota siyaasaa hunda akka argisiisu wanti ragaa nuuf taʼu kan biraanimmoo “gaanfa kudhan” qabaachuu isaati. Lakkoofsi kudhan yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti guutuu taʼuu argisiisuuf itti hojjetameera.
-