‘Yeroon Firdii Ga’eera’
KUTAA dhumaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ataa, ergamaan tokko ‘wangeela isa bara baraa labsuudhaaf’ bantii waaqaa walakkaa balali’aa akka jiru nu hubachiisa. Innis sagalee guddaadhaan: “Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jedha. (Mul’ata 14:6,7) “Yeroon firdii” kun, labsiifi adaba Waaqayyo biraa dhufu hojiirra oolchuu kan dabalatudha. Yeroon firdii adabaa kunis xumura ‘guyyaa dhumaarratti’ dhufa. Kan jiraannu guyyoota akkasii keessa.—2Ximotewos 3:1.
‘Yeroon firdii’, namoota qajeelummaa jaallataniif oduu gammachiisaadha. Guyyaan kun, guyyaa Waaqayyo tajaajiltootasaa warra sirna jal’aafi jaalala hin qabne kana keessatti dhiphataniif qabbana itti fidudha.
‘Yeroon firdii,’ badiisa sirna wantootaa hamaan kun xumuramuusaa dura, ‘Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaafii!’ jedhamnee gorfamneerra. Kana gochaa jirtaa? Kun, “Waaqayyotti nan amana” jedhanii dubbachuu caalaa gaafata. (Maatewos 7:21-23; Yaaqoob 2:19, 20) Sirriitti Waaqayyoon kan sodaannu yoo taane, kabaja adda ta’e kenninaaf. Kunis, wanta hamaarraa akka fagaannu nu godha. (Fakkeenya 8:13) Wanta gaarii akka jaallannuufi wanta hamaa akka jibbinu nu gargaara. (Amos 5:14, 15) Waaqayyoof ulfina kan laannu yoo taane, eeggannoodhaan isa dhaggeeffanna; akkasumas hojii garabiraatti qabamuudhaan, yeroo hunda sagaleesaa kan ta’e Macaafa Qulqulluu dubbisuuf duubatti hin jennu. Yoomiyyuu, garaa keenya guutuudhaan isatti amanamna. (Faarfannaa 62:8; Fakkeenya 3:5,6) Namoonni dhugumaan isa kabajan, Uumaa lafaaf samii ta’uusaafi uumama cufarratti olaantummaa akka qabu ni hubatu. Akkasumas, jireenyasaaniirratti mirga akka qabu amanuudhaan jaalalaan ajajamuuf. Wantoota kanaaf caalaatti xiyyeeffannaa kennuun kan nurraa eegamu ta’uusaa yoo hubanne, utuu hin turin kana haa goonu.
Yeroon firdii inni ergamichi dubbate itti raawwatamu, ‘guyyaa Waaqayyoo’ jedhamees ni beekama. Jiraattonni Yerusaalem durii, akeekkachiisa Yihowaan karaa raajotasaa kenne waan hin fudhanneef, “guyyaan” akkasii kun, dhaloota Kristos dura bara 607tti ga’eera. Guyyaan Yihowaa dhihootti hin dhufu jedhanii waan yaadaniif, lubbuusaanii balaarra buusanii turan. Yihowaan: “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi’aateera, dhi’aateera, dafees in dhufa” jechuudhaan isaan akeekkachiisee ture. (Sefaniya. 1:14) “Guyyaan Waaqayyoo” inni kaanimmoo, dhaloota Kristos dura bara 539tti Baabilon ishee duriirratti dhufee ture. (Isaayaas 13:1,6) Warri Baabilon, masaraasaaniifi waaqoliisaanii abdachuudhaan, akeekkachiisa raajota Yihowaatiin kenname utuu gurra hin laatin hafaniiru. Haata’u malee, Baabilon guddittiin, halkanuma tokkoon warra Medooniifi Faaresiin injifatamteetti.
Yeroo akkamiitu fuuldura keenyaa nu eega? “Guyyaa Waaqayyoo” isa kanaan dura dhufe hundumaarra caalutuu nu eega. (2Phexros 3:11-14) Firdiin Waaqayyoo “Baabilon Guddittii” irratti labsameera. Mul’ata 14:8 irratti ergamichi akka labsetti: ‘Baabilon guddittiin kufteetti.’ Kun raawwiisaa argateera. Kana booda, waaqeffattoonni Yihowaa waaqeffannaasaanii akka isaaf hin dhiheessine dhowwuu hin dandeessu. Badiin isheen dalagduufi hirmaannaan waraanarratti gootu saaxila ba’eera. Amma badiisnishee inni xumuraa dhihaateera. Kanaan kan ka’e, Macaafni Qulqulluun namoota bakka hundaa jiraniin akkas jedha: “Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dha’icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa [Baabiloon Guddittii keessa] ba’aa! Cubbuun ishee hamma bantii waaqaatti ol tuulameera, Waaqayyoos jal’ina ishee hundumaa yaadateera.”—Mul’ata 18:4,5.
Baabilon Guddittiin Maalidhaa? Baabilon guddittiin, bulchiinsa amantii addunyaa maratti argamuufi gocha Baabilon durii wajjin wal fakkaatu hojjettudha. (Mul’ata boqonnaa 17, 18) Walfakkeenya lamaansaanii gidduu jiru tokko tokko ilaali:
• Luboonni Baabilon durii keessa turan, dhimmawwan siyaasa sabootaa keessatti hirmaannaa guddaa qabu turan. Wanti kun amantiiwwan hedduu har’a jiran keessattis ni mul’ata.
• Luboonni Baabilon, waraana saboota gidduutti godhamu yeroo baay’ee jajjabeessaniiru. Amantiiwwan yeroo ammaatti argamanis, yeroo baay’ee yommuu saboonni waraanarratti bobba’an loltoota eebbisanii waraanatti ergu.
• Barumsiwwaniifi gochawwan Baabilon durii, sabootashee manca’ina amalaa guddaadhaaf saaxilaniiru. Hoggantoonni amantii yeroo har’aatti argamanis, seera bu’uuraa Macaafni Qulqulluun, qulqullina amalaatiif baase tuffachuusaaniitiin, manca’inni amalaa lubootaafi amantoota kaan biratti babal’ateera. Baabiloon Guddittiin Waan qabduun fayyadamtee, kaayyoofi siyaasa biyya lafaa isa dhimma hin baasne kana waan deeggartuuf, macaafni Mul’ataa akka ejjituutti ishee ibsa.
• Baabilon Guddittiin, “Qannoo keessa-baa’aattis” akka jiraattu Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Baabilon durii, lafa baay’ee bal’inaan qabattee kan turte yeroo ta’u, luboonnishees sochii daldalaatti hirmaannaa guddaa qabu turani. Akkasumas, Yeroo har’aatti, Baabilon Guddittiin, bakka waaqeffannaa dabalatee, hojii daldalaafi qabeenya hedduu qabdi. Barumsi isheen barsiiftuufi ayyaanonni waggaa duuka buutonnishee kabajan, isheefis ta’e namoota daldalarratti hirmaataniif bu’aa guddaa argamsiisa.
• Fakkiiwwaniin fayyadamuun, nama dawweessuuniifi qaallummaan yeroo har’aa bakka baay’eetti mul’atu, Baabilon durii keessattis beekamaa ture. Duuni, jireenya garabiraa jiraachuuf akka ce’umsaatti ilaalama ture. Baabilon, mana qulqulummaafi mana sagadaa waaqoliisheetiif ulfina itti laattu kan qabdu yeroo ta’u, sabnishees, namoota Yihowaa waaqeffatan ni mormu turan. Baabilon Guddittiin yeroo har’aatti argamtus, amantaafi gocha kanaan wal fakkaatuun adda baafamtee beekamti.
Yihowaan, bara duriitti hamoota, yeroo hundumaa isas ta’e abboommiisaa tuffatan adabuuf, saboota siyaasaafi waraanaan aangoo qabaniin fayyadameera. Akka kanaan, Samaariyaan dhaloota Kristos dura bara 740 namoota Asoriin akka baddu godheera. Yerusaalem dhaloota Kristos dura bara 607tti, warra Baabiloniin, dhaloota Kristos booda bara 70ttimmoo warra Roomaatiin balleeffamteetti. Baabilonimmoo, dhaloota Kristos dura bara 539 warra Medoonifi Faaresiin injifatamteetti. Bara keenyattis mootummoonni siyaasaa bineensaan fakkeeffaman, ‘ejjituu’ sana loluufi qullaa hambisuudhaan eenyummaashee isa dhugaa akka saaxila baasan Macaafni Qulqulluun dursee dubbateera. Dhumarrattis guutummaatti ishee balleessu.—Mul’ata 17:16.
Dhugumaan mootummoonni addunyaa kanaa, kana ni raawwatuu? Waaqayyo, ‘akeeka kana garaasaanii keessa akka kaa’u’ Macaafni Qulqulluun ni dubbata. (Mul’ata 17:17) Badiisni kun, suuta jedhee kan dhufu utuu hin ta’in, akka tasaa, utuu hin yaadaminiifi kan nama rifaasisu ta’a.
Tarkaanfii akkamii fudhachuu qabda? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ammayyuu jaarmiyaa amantii barumsawwaniifi gochawwan gadhee Baabilon Guddittii keessatti beekamanitti cicheen jiraa? Yoo miseensasaanii ta’uu baatteyyuu, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ilaalchi Baabilon Guddittii, dhiibbaa narraan ga’aa jiraa?’ Ilaalcha akkamii? Fakkeenyaaf, amala addaggummaa,Waaqayyoon caalaa qabeenyaafi bashannana jaallachuu ykn wantoota xixiqqoo fakkaatanittillee ta’e jennee Sagalee Yihowaa tuffachuudhaan akkan hin ajajamne argisiisuu dabalata. Gaaffiiwwan kanaaf deebii kenniturratti eeggannoodhaan yaadi.
Surraa Yihowaa argachuu yoo barbaanne, gochaafi yaada keenyaan kutaa Baabilon Guddittii akka hin taane argisiisuun barbaachisaadha. Yeroon kun, kana gochuurraa yeroo boodatti jennu miti. Dhumni wantootaa akka tasaatti akka dhufu akeekkachiisuuf Macaafni Qulqulluun: “Baabilon mandarri guddittiin akkas furguggifamtee, gad in darbatamti, deebitees hin argamtu!” jechuudhaan dubbata.—Mul’ata. 18:21.
Haata’u malee, wantoonni garabiraanis ni raawwatamu. ‘Yeroo firdii’ kanatti, Yihowaan sirna siyaasaa addunyaa maraa, geggeessitootaafi namoota bittaa Yihowaa isa karaa Yesus Kristos geggeeffamaa jiru fudhachuu didan hundarratti farada. (Mul’ata 13:1,2; 19:19-21) Raajiin mul’ataa, Daani’el 2:20-45rratti ibsame, bittaa siyaasaa Baabilon duriirraa jalqabee hanga har’aatti jiru, fakkii guddaa warqee, meetii, sibiila diimaa, sibiilaafi supheerraa hojjetamaniin fakkeessa. Yeroo keessa jirru ilaalchisee, raajichi akka armaan gadiitti raajessameera: “Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne ... dhaabuuf jira.” Yeroo ‘firdii’ Yihowaatti Mootummattiin waan raawwattu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Inni mootummoota sana [mootummoota ilmaan namaa] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—Daani’el 2:44.
Macaafni Qulqulluun, Kristiyaanonni dhugaa “waan biyya lafaa” jechuunis, haala jireenya biyya lafaa isa Waaqa dhugaarraa adda ta’e kana akka hin jaallanne akeekkachiisa. (1Yohannis 2:15-17) Murtoowwaniifi gochawwan kee, guutummaatti akka Mootummaa Waaqayyootiif dhaabatte ni argisiisuu? Dhugumaan jireenya kee keessatti wanta kanaaf dursa ni laattaa?—Maatewos 6:33; Yohannis 17:16, 17.
[Saanduqa fuula 14rra jiru]
Guyyaan Dhumaa Yoom Dhufa?
“Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa.”—Maatewos 24:44.
“Guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!”—Maatewos 25:13.
‘Hin turu.’—Anbaaqom 2:3.
[Saanduqa fuula 14rra jiru]
Guyyaan Dhumaa Yoom Akka Dhufu Beekuun Kee Jijjiirama Fidaa?
Dhugumaan, guyyaan firdii Waaqayyoo dafee akka hin dhufne utuu barteetta ta’ee, haala jireenyaa keerratti jijjiirama ni goota turtee? Dhumni sirna moofaa kanaa, yeroo eegderra waan ture sitti fakkaachuunsaa, hinaaffaa tajaajila Yihowaatiif qabdu si jalaa qabbaneesseeraa?—Ibroota 10:36-38.
Guyyaan firdii yoom akka ta’u wallaaluun keenya, garaa qulqulluudhaan Waaqayyoon tajaajiluu keenya akka argisiisnuuf carraa nuu kenna. Warri Yihowaa beekan, daqiiqaa dhumaarratti hinaaffaa argisiisuun, Waaqayyo isa garaa namaa ilaalu, akka hin gammachiisne ni hubatu.—Ermiyaas 17:10; Ibroota 4:13.
Warri dhugumaan Yihowaa jaallatan, yeroo hundumaa jireenyasaanii keessatti isaaf dursa kennu. Akkuma namoota biraa, Kristiyaanonni dhugaa hojii dhuunfaasaanii ni hojjetu. Haata’u malee, kaayyoonsaanii wantoota jireenyaaf barbaachisaniifi wanta warra kaaniif hiran argachuuf malee, sooromuuf miti. (Efesoon 4:28; 1Ximotewos 6:7-12) Akkasumas, Kristiyaanonni bashannana gaarii ta’erratti hirmaachuufi wanta yeroo hundumaa hojjetanirratti darbee darbee jijjiirama gochuu kan danda’an yeroo ta’u, kanas namoonni biraan waan godhaniif utuu hin ta’in, qaamaafi sammuu keenya haaromsuuf ta’uu qaba. (Maarqos 6:31; Roomaa 12:2) Akkuma Yesus, isaanis fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan gammadu.—Faarfannaa 37:4; 40:8.
Kristiyaanonni dhugaa, jiraachuus ta’e bara baraaf Yihowaa tajaajiluu ni barbaadu. Eebbi argatan warra tokko tokkoof yeroo isaan eeganitti kan hin dhufne ta’uyyuu, turuunsaa gatii guddaa abdichi qabu hin hir’isu.
[Saanduqa/Fakkii fuula 15rra jiru]
Gaaffii Olaantummaarratti Ka’e
Waaqayyo rakkina kana hundumaa maaliif akka heeyyame hubachuuf, gaaffii olaantummaarratti ka’e hubachuu qabna. Olaantummaan maalinni? Aangoo hundarra caaludha.
Yihowaan Uumaa waan ta’eef, lafas ta’e kan lafarra jiraatan hundumaa bulchuuf mirga qaba. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun jalqaba seenaa ilmaan namootaa keessatti, olaantummaa Yihowaarratti gaaffiin akka ka’ee ture ibsa. Seexanni, Addaamiifi Hewwaan, seera Waaqayyoo cabsanii waan hundumaa karaa mataasaaniitiin yoo raawwatan, akkasumas Waaqayyoorraa adda ba’anii ofiin yoo of bulchan gaarii ta’uusaa isaanitti himuudhaan, Yihowaan garmalee akka isaan hacuuceefi akka isaan sobe dubbateera.—Uumama, boqonnaa 2,3.
Waaqayyo yeruma sana utuu isaan balleesseera ta’ee, humnasaa kan mul’isu ta’uyyuu, gaaffii ka’eef garuu deebii hin argamsiisu ture. Yihowaan, hamoota battaluma sanatti balleessuu mannaa, uumamni yaaduu danda’u hundi, balaa hammeenyi geessisu akka arganiif heeyyame. Yeroo heeyyamuunsaa rakkina kan qabu ta’uyyuu, akka dhalannuuf carraa nuu banneera.
Kana caalaayyuu, gatii guddaa kaffaluudhaan, namoonni isaaf abboomamaniifi aarsaa furii Ilmasaatti amanan, cubbuufi miidhaa cubbuun fidurraa walaba ta’anii jannata keessa akka jiraataniif Yihowaan jaalalaan qophii godheera. Namoota du’an kaasuudhaanis kana raawwachuu ni danda’a.
Ammas gaaffiin olaantummaarratti ka’e kun, karaa sirrii ta’een akka hiikamuuf yeroo kennuunsaa, jaalala Yihowaatiif deebii akka kennaniifi haala akkamiyyuu jala yoo jiraatan amanamummaasaanii mirkaneessuu akka danda’an carraa kennaaf. Uumama cufarratti seeraafi seera bu’uuraa baasuuf mirga kan qabu eenyu akka ta’e mirkaneessuuf, gaaffiin olaantummaa Waaqayyoofi amanamummaa ilmaan namaarratti ka’e, deebii argachuunsaa barbaachisaadha. Gaaffiin kun furmaata argatu malee, nagaan inni dhugaan matumaa hin argamu.a
[Miiljalees]
a Gaaffiiwwan kuniifi hiiknisaanii, gadi fageenyaan kitaaba Yihowaatti Dhihaadhaa jedhamu, kan Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxanfamerratti ibsamaniiru.
[Fakkii]
Sirni bulchiinsa siyaasaa addunyaa maraa ni bada