Waraanni Armaagedoon Maali Dha?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Waraanni Armaagedoon waraana isa dhumaa mootummoota ilmaan namootaa fi Waaqayyo gidduutti godhamu argisiisa. Mootummoonni kunii fi deggertoonni isaanii yeroo ammaatti illee bulchiinsa Waaqayyootiif bitamuu diduudhaan Waaqayyoon mormaa jiru. (Faarfannaa 2:2) Waraanni Armaagedoon bulchiinsa ilmaan namootaa ni balleessa.—Daaniʼel 2:44.
Jechi “Armaagedoon” jedhu, Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo tokko qofatti, jechuunis Mulʼata 16:16 irratti argama. Raajiin kitaaba Mulʼataa irratti argamu, “bakka afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti,” ‘mootonni guutummaa lafaa’ ‘waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuutiif akka walitti qabaman’ argisiisa.—Mulʼata 16:14.
Waraana Armaagedoon irratti kan hirmaatan eenyu faʼi?
Yesuus raayyaa samii geggeessuudhaan diinota Waaqayyoo irratti injifannoo ni argata. (Mulʼata 19:11-16, 19-21) Diinonni kun namoota aangoo Waaqayyoo mormanii fi isa tuffatan dabalata.—Hisqiʼel 39:7.
Waraanni Armaagedoon kallattiidhaan Baha Giddu Galeessaatti geggeeffamaa? Lakki. Waraanni Armaagedoon naannoo tokkotti daangeffamuu mannaa, guutummaa lafaa waliin gaʼa.—Ermiyaas 25:32-34; Hisqiʼel 39:17-20.
Armaagedoon yeroo tokko tokko “Har Maagedoon” jedhamee hiikama; kunis “Gaara Magidoo” jechuu dha. Magidoon magaalaa Israaʼel durii keessatti argamtu dha. Seenaan, isa Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame dabalatee, waraanni guguddaan naannoo sanatti godhamee akka ture dubbata. (Abbootii Firdii 5:19, 20; 2 Mootota 9:27; 23:29) Haa taʼu malee, Armaagedoon naannoo qarqara Magidoon durii kallattiidhaan hin argisiisu. Gaarri guddaan naannoo sana hin jiru, akkasumas sululli Yizreʼel inni naannoo sanatti argamu illee warra Waaqayyoo wajjin wal lolan sana hunda qabachuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, Armaagedoon haala addunyaa mara irratti saboonni yeroo dhumaatiif bulchiinsa Waaqayyoo mormuudhaaf walitti qabamani dha.
Yeroo waraanni Armaagedoon geggeeffamu haala akkamiitu jiraata? Waaqayyo humna isaa akkamitti akka itti fayyadamu hin beeknu, taʼus wantoota kanaan dura itti fayyadame, jechuunis cabbii, kirkira lafaa, rooba cimaa, ibiddaa fi dhagaa bobaʼu, bakakkaa fi dhukkubatti fayyadamuu dandaʼa. (Iyoob 38:22, 23; Hisqiʼel 38:19, 22; Anbaaqom 3:10, 11; Zakaariyaas 14:12) Yeroo sanatti yoo xinnaate diinonni Waaqayyoo tokko tokko burjaajaʼuudhaan wal ajjeesu, taʼus Waaqayyo isaaniin lolaa akka jiru hubachuun isaanii hin oolu.—Hisqiʼel 38:21, 23; Zakaariyaas 14:13
Waraanni Armaagedoon dhuma addunyaatii? Lafti iddoo ilmaan namootaa bara baraaf irra jiraatan waan taateef, waraanni Armaagedoon dhuma Pilaaneetii keenyaa miti. (Faarfannaa 37:29; 96:10; Lallaba 1:4) Armaagedoon ilmaan namootaa balleessuu mannaa, isaan oolcha; sababni isaas tajaajiltoonni Waaqayyoo warri “tuuta uummataa guddaa” taʼan ni oolu.—Mulʼata 7:9, 14; Faarfannaa 37:34.
Jechi “addunyaa” jedhu, Kitaaba Qulqulluu keessatti lafa qofa utuu hin taʼin, yeroo tokko tokko ilmaan namootaa cubbamoo taʼanii fi Waaqayyoon morman argisiisa. (1 Yohaannis 2:15-17) Haala kanaan, Armaagedoon “dhuma sirna kanaa” ykn addunyaa kanaa ti.—Maatewos 24:3.
Waraanni Armaagedoon yoom geggeeffama? Yesuus waaʼee ‘rakkina guddaa’ isa waraana Armaagedooniin dhumuu yeroo dubbatetti, akkana jedhee ture: “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.” (Maatewos 24:21, 36) Kanas taʼe sana, Kitaabni Qulqulluun Armaagedoon kan jalqabu yommuu Yesuus haala ijaan hin mulʼanneen argamutti akka taʼe dubbata; kunis kan jalqabe bara 1914tti.—Maatewos 24:37-39.