Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
“Kun mulʼata Yesus Kristos, isa inni wanta dafee taʼuun irra jiru hojjettoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa argatee dha.”—MUL. 1:1.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa kan argisiisu kutaa bifa fakkeenyichaa isa kamidha?
Yohannis hariiroo Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaafi Dhaabbanni Mootummoota Waltaʼanii qaban kan ibse akkamitti?
Daaniʼeliifi Yohaannis badiisa mootummoota ilmaan namootaa kan ibsan akkamitti?
1, 2. (a) Raajiiwwan Daaniʼeliifi Yohannis maal gochuuf nu gargaaru? (b) Mataawwan bineensichaa warri jalqabaa jaʼan eenyufaa argisiisu?
RAAJIIN Daaniʼeliifi Yohannis barreessan wantoota yeroo ammaafi fuulduratti raawwataman ilaalchisee, yaada wal fakkaatu ibsuudhaan hiika maalii akka qaban hubachuuf nu gargaaru. Bineensa Yohannis mulʼataan arge, bineensa sodaachisaa kitaaba Daaniʼel keessatti gaanfa kudhan akka qabu ibsameefi hiika fakkeenya bifa namaa guddaa sanaa walbira qabuudhaan maal barachuu dandeenya? Raajiiwwan kana sirriitti hubachuun keenya maal gochuuf nu kakaasuu qaba?
2 Bineensicha ilaalchisee mulʼata Yohannis arge mee haa ilaallu. (Mul. boq. 13) Mataduree darberratti mataawwan jaʼan warri duraa Gibxii, Asor, Baabilon, Medoo Faares, Giriikiifi Roomaa akka argisiisan ilaallee turre. Mootummoonni kun hundi sanyii dubartittiitiif jibba akka qaban argisiisaniiru. (Uma. 3:15) Mataa jaʼaffaa kan taʼe Roomaan, Yohannis mulʼata kana erga barreessee booda, jaarraa hedduudhaaf moʼeera. Dhumarratti mataa torbaffaan Roomaa bakka buʼa. Mataan kun mootummaa addunyaa isa kam taʼa laata? Sanyii dubartittiitiifoo ilaalcha akkamii qabaata?
BRITAANIYAAFI YUNAAYITID ISTEETIS AANGOO QABATAN
3. Bineensi sodaachisaa gaanfa kudhan qabu eenyuun argisiisa? Gaanfonni kurnan sunoo maal argisiisu?
3 Bineensa Yohannis Macaafa Mulʼataa boqonnaa 13rratti arge, bineensa sodaachisaa gaanfa kudhan qabuufi Daaniʼel mulʼataan argee wajjin walbira qabnee ilaaluudhaan mataa torbaffaan eenyuun akka argisiisu beekuu dandeenya.a (Daaniʼel 7:7, 8, 23, 24 dubbisi.) Bineensi Daaniʼel arge Mootummaa Addunyaa Roomaa argisiisa. (Chaartii fuula 12-13rra jiru ilaali.) Dh.K.B. jaarraa shanaffaatti Mootummaan Roomaa kufuu jalqabe. Gaanfonni kurnan mataa bineensa sodaachisaa sanaarratti biqilan, mootummoota bulchiinsa Roomaa keessaa kaʼan argisiisu.
4, 5. (a) Gaanfi xinnaan maal godhee ture? (b) Mataan bineensichaa inni torbaffaan eenyudha?
4 Gaanfonni ykn mootummoonni kurnan mataa bineensa sodaachisaa kanarratti biqilan adda baafamanii caqasamaniiru. Gaanfonni sadan buqqaʼanii ‘gaanfa xinnaa’ kan biraadhaan bakka buufamaniiru. Raajiin kun yommuu Biritaaniyaan isheen Bulchiinsa Roomaa keessaa fagoo turte olaantummaa argachaa dhuftetti raawwiisaa argateera. Biritaaniyaan hanga jaarraa 17ffaatti mootummaa iddoo guddaa qabdu hin taane. Mootummoonni Bulchiinsa Roomaa durii jala turan sadan jechuunis Ispeen, Neezarlaandiifi Faransaay baayʼee ishee caalu turan. Biritaaniyaan mootummoota kana tokko tokkoon olaantummaa isaan qaban irraa fudhachuudhaan isaan caalteetti. Walakkeessa jaarraa 18ffaatti, Biritaaniyaan addunyaarratti mootummaa iddoo guddaa qabdu taʼuu jala geessee turte. Haataʼu malee, yeroo kanatti mataa bineensichaa isa torbaffaa hin taane.
5 Biritaaniyaan mootummaa iddoo guddaa qabdu kan taate taʼus, biyyoonni Ameerikaa Kaabaa ishee jalatti bulaa turan bilisa baʼan. Taʼus Biritaaniyaan, eegumsa humna galaanaashee jala taʼuudhaan Yunaayitid Isteetis akka guddattu heyyamtee turte. Bara 1914 yeroo guyyaan Gooftaa jalqabetti, Biritaaniyaan biyyoota hedduu bulchaa kan turte siʼa taʼu, Yunaayitid Isteetisimmoo industriidhaan addunyaarratti hunda kan caaltu turte.b Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Yunaayitid Isteetis, Biritaaniyaa wajjin tokkummaa addaa uumte. Yeroo kanatti Angiloo Ameerikaa jedhamuudhaan mataa torbaffaa Mootummaa Addunyaa taʼan. Mataan kun sanyii dubartittiitiif ilaalcha akkamii qaba ture?
6. Mataa torbaffaan saba Waaqayyoo maal godhee ture?
6 Mataa torbaffaan guyyaan Gooftaa jalqabee utuu hin turin saba Waaqayyoo, jechuunis obboloota Kiristos lafarra jiranirratti miidhaa geessiseera. (Mat. 25:40) Yesus yommuu inni argamutti sanyiin dubartittii lafarra akka jiraatan ibsee ture. (Mat. 24:45-47; Gal. 3:26-29) Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan qulqulloota kanarratti waraana baneera. (Mul. 13:3, 7) Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa, saba Waaqayyoo hacuuceera, barreeffamootasaanii tokko tokko dhowweera, akkasumas bakka buutota kutaa hojjetaa amanamaa taʼan hidheera. Mataa torbaffaan hojii lallabaa yeroo gabaabaadhaaf hamma dhaabuu ykn ajjeesuutti gaʼee ture jechuun ni dandaʼama. Yihowaan haala dinqisiisaa kana dursee arguudhaan Yohannisitti mulʼiseera. Waaqayyo sanyiin dubartittii warri lammaffaan bayyaannatanii sochii hafuuraa gochuusaanii akka itti fufanis Yohannisitti himee ture. (Mul. 11:3, 7-11) Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa inni ammayyaa, kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessa.
MOOTUMMAA ADDUNYAA ANGILOO AMEERIKAAFI MIILLA SIBIILAAF SUPHEERRAA HOJJETAME
7. Mataan bineensichaa inni torbaffaaniifi fakkeenyi bifa namaa guddaan hariiroo maalii qabu?
7 Mataan bineensichaa inni torbaffaaniifi fakkeenyi bifa namaa guddaan sun hariiroo maalii qabu? Biritaaniyaafi boodas Yunaayitid Isteetis Bulchiinsa Roomaa keessaa kaʼan. Haataʼu malee, miillan fakkichaa maal argisiisu? Miillan kun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman ibsamaniiru. (Daaniʼel 2:41-43 dubbisi.) Ibsi asirratti kenname yeroo itti mataa torbaffaan, jechuunis Angiloo Ameerikaan Mootummaa Addunyaa taʼuu wajjin kan walsimudha. Akkuma sibiilli supheetti makame sibiila qulqulluurra laafaa taʼe, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaas mootummaa Roomaarra baayʼee laafaadha. Akkamitti?
8, 9. (a) Mootummaan addunyaa torbaffaan akka sibiilaa jabaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Supheen miillan fakkichaa maal argisiisu?
8 Yeroo tokko tokko mataan bineensichaa inni torbaffaan jabinaa akka sibiilaa argisiiseera. Fakkeenyaaf Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti injifachuudhaan olaantummaasaa mirkaneesseera. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaattis olaantummaan mataa torbaffaa inni sibiilatti fakkeeffamee ifatti mulʼateera.c Mataa torbaffaan waraana sana boodas, akka sibiilaa cimaa taʼuusaa argisiiseera. Haataʼu malee, jalqabumaa kaasee sibiilichi suphee wajjin walitti makamee ture.
9 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf hiika miilli fakkeenyichaa qabu hubachuuf yaalaa turaniiru. Daaniʼel 2:41 miilli sibiilaafi supheerraa hojjetame kun ‘mootummaa’ tokko malee mootummaa hedduu akka taʼe hin ibsu. Kanaaf, suphichi humnoota Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa keessa jiraniifi Mootummaa Roomaa isa akka sibiilaa jabaatuu gad akka taʼu isa laaffisan kan argisiisudha. Suphichi ‘sanyii namaa’ ykn namoota iddoo guddaa hin qabne argisiisa. (Dan. 2:43, hiika bara 1899) Sochiin mirgoota namummaa, waldaan hojjettootaafi sochiin bilisummaa argachuuf godhaman, humna Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan qabu laaffisaniiru. Namoonni iddoo guddaa hin qabne, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne laaffisaniiru. Namoonni yommuu filataman sagalee deggersaa walitti dhihaatu argachuuniifi ilaalchi wal faalleessu, geggeessitoonni biyyaa fudhatama argatanillee imaammata biyyasaanii raawwachiisuuf taayitaa guutuu akka isaan hin arganne godheera. Daaniʼel, ‘Mootummichi gar tokkoonsaa jabaa, gar tokkoonsaa laafaa’ akka taʼe raajiidhaan dubbateera.’—Dan. 2:42; 2 Xim. 3:1-3.
10, 11. (a) ‘Miilli’ fakkichaa maal argisiisa? (b) Baayʼina quboota fakkichaa ilaalchisee maal jechuu dandeenya?
10 Jaarraa 21ffaattis, Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetis, yeroo baayʼee tokkummaadhaan dhimmoota addunyaarratti tarkaanfii fudhachuudhaan hariiroo adda taʼe qabaachuusaanii itti fufaniiru. Raajiin waaʼee bifa fakkeenyaa guddaafi bineensichaa dubbatu Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa mootummaa gara biraatiin akka bakka buufamu hin ibsu. Mootummaan addunyaa inni dhumaa kun isa miilla sibiilarraa hojjetametti fakkeeffame caalaa laafaa taʼus, ofumsaatiin kan badu miti.
11 Baayʼinni quba miillan fakkichaa hiika addaa qabuu? Mee yaadi; Daaniʼel mulʼata gara biraa argerratti, fakkeenyaaf mataa bineensota addaddaarra gaanfonni meeqa akka jiran adda baasee caqaseera. Lakkoofsi kun caqasamuunsaas barbaachisaadha. Haataʼu malee, Daaniʼel bifa namaa fakkichaa yommuu caqasu quboonnisaa meeqa akka taʼan hin ibsine. Kanaaf, akkuma harki, miilliifi faanni miilla fakkichaa lama lama taʼuunsaanii hiika hin qabne, baayʼinni qubootasaas hiika waan qaban hin fakkaatu. Daaniʼel quboonni sun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman adda baasee caqaseera. Ibsa Daaniʼel kennerraa kaʼuudhaan, yommuu “dhagaan” inni Mootummaa Waaqayyoo argisiisu miilla fakkichaa rukututti mootummaan biyya lafaarratti humna guddaa qabu, Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaati jechuu dandeenya.—Dan. 2:45.
ANGILOO AMEERIKAAFI BINEENSA GAANFA LAMA QABU
12, 13. Bineensi gaanfa lama qabu eenyuun argisiisa? Bineensi kun maal godha?
12 Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa makaa sibiilaafi suphee taʼus, mulʼanni Yesus Yohannisitti argisiise, mootummaan addunyaa kun guyyoota gara dhumaatti gaʼee guddaa akka qabaatu argisiisa. Akkamitti? Yohannis bineensa gaanfa lama qabuufi akka jawweetti dubbatu mulʼataan argee ture. Bineensi adda taʼe kun maal argisiisa? Bineensi kun gaanfa lama waan qabuuf, lama taʼee qindoominaan hojjeta. Yohannis, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa gaʼee addaa utuu raawwatuu yeroo lammaffaatiif argeera.—Mulʼata 13:11-15 dubbisi.
13 Bineensi gaanfa lama qabu kun bineensichaaf bifni fakkeenyaa tokko akka hojjetamu jajjabeessa. Yohannis, bifni fakkeenya bineensichaa akka mulʼatu, akka baduufi deebiʼees akka kaʼu barreesseera. Dhaabbata deggersa Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetisiin hundaaʼeefi mootummoota addunyaa tokko akka godhu, akkasumas akka bakka buʼutti ilaalamurra wanti gaʼe yaada kenname kanaa wajjin tokkodha.d Dhaabbanni kun Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda kan hundeeffame siʼa taʼu, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhamee waamameera. Haataʼu malee jalqaba Waraana Addunyaa Lammaffaatti dhaabbanni kun badee ture. Sabni Waaqayyoo yeroo waraanaa sanatti, raajii Macaafa Mulʼataa keessatti ibsamee wajjin haala walsimuun bifni fakkeenya bineensichaa deebiʼee akka mulʼatu labsaa turaniiru. Kanaaf, Dhaabbata Mootummoota Waltaʼanii jedhamee moggaafamuudhaan deebiʼee kaʼeera.—Mul. 17:8.
14. Bifni fakkeenyaa bineensichaa mootii “saddeettaffaa” kan taʼe karaa kamiinidha?
14 Yohannis bifa fakkeenya bineensichaa mootii “saddeettaffaa” jechuudhaan ibseera. Karaa kamiin? Bifni fakkeenyaa kun mataa bineensichaa isa saddeettaffaa akka taʼetti hin ibsamne. Kanaa mannaa bifa fakkeenyaa bineensichaa qofadha. Aangoonsaa mootummoota miseensasaa taʼan, keessummaa deggersa guddaa Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa isaa godhurraa kan maddudha. (Mul. 17:10, 11) Haataʼu malee, akka mootii tokkootti hojiiwwan tokko tokko hojjechuudhaan haalawwan hedduun seenaa jijjiiran akka uumaman gochuuf aboo argateera.
BIFNI FAKKEENYA BINEENSICHAA DUBARTII EJJITUU SANA NI BALLEESSA
15, 16. Ejjituun sun eenyuun argisiisti? Namoonni ishee deggeranoo maal taʼaa jiru?
15 Yohannis dubartiin fakkeenyaan ibsamte tokko bineensa bifa bildiimaa fakkeenya bineensichaa taʼerra teessee akka jirtu ibseera. Maqaan “Baabilon guddittii” jedhu isheerratti barreeffameera. (Mul. 17:1-6) Ejjituun kun amantii sobaa hunda, adda durummaadhaanimmoo mana sagadaa Saba Kiristiyaanaa kan argisiistudha. Dhaabbanni amantii bifa fakkeenya bineensichaa eebbisteetti, akkasumas dhiibbaa guddaa isarratti gochuuf yaalii gooteetti.
16 Haataʼu malee, Baabilon Guddittiin yeroo guyyaa Gooftaatti, bishaanonni jechuunis namoonni ishee deggeran haala ajaaʼibsiisaa taʼeen xiqqaachaa yommuu adeeman argiteetti. (Mul. 16:12; 17:15) Fakkeenyaaf, yommuu bifni fakkeenya bineensichaa jalqaba kaʼetti, kutaa Baabilon Guddittii ishee guddoo kan taate Sabni Kiristiyaanaa biyyoota baayʼee keessatti olaantummaa guddaa qabdi turte. Yeroo harʼaa manneen sagadaafi tajaajiltoonnisaanii miseensotasaanii biratti kabaja dhabaniiru. Namoonni baayʼeen amantiin walitti buʼiinsaaf sababa kan taʼu ykn walitti buʼiinsa kan uumu akka taʼe amanu. Biyyoota Dhihaa keessatti hayyoonniifi gareen waraanaa lakkoofsisaanii hedduu taʼe, dhiibbaan amantiin hawaasarratti godhu akka dhaabatu gaafachaa jiru.
17. Dhiheenyatti amantii sobaarra maaltu gaʼa? Maaliif?
17 Taʼus, amantiin sobaa ammayyuu hin badne. Ejjituun kun hamma Waaqayyo garaa mootota ishee balleessanii keessa yaada tokko kaaʼutti, mootummoonni fedhiishee akka raawwatan dhiibbaa guddaa isaanirratti gochuushee itti fufti. (Mulʼata 17:16, 17 dubbisi.) Yihowaan yeroo dhihoo keessatti, humnoonni siyaasaa sirna Seexanaa Dhaabbata Mootummoota Waltaʼaniin bakka buufaman amantii sobaa akka balleessan kakaasa. Dhiibbaa isheen geessistu ni hambisu, qabeenyashees ni balleessu. Waggoota kudhaniin lakkaʼaman dura haalli akkasii waan hin geenye fakkaachuu dandaʼa ture. Yeroo harʼaa haalli ejjituun kun bineensa bifa bildiimaa qabu kanarra itti teessee jirtu jijjiiramaa kan jiru taʼus, dugda bineensa kanaarraa salphaadhumatti hin kuftu. Kufaatiinshee saffisaan yommuu taʼu miidhaa cimaa geessisuudhaan raawwatama.—Mul. 18:7, 8, 15-19.
BINEENSONNI SUN NI BALLEEFFAMU
18. (a) Bineensichi maal godha? Buʼaansaahoo maal taʼa? (b) Daaniʼel 2:44 Mootummaan Waaqayyoo mootummoota kam akka balleessu ibsa? (Saanduqa fuula 17rra jiru ilaali.)
18 Amantiin sobaa erga balleeffamtee booda bineensi sirna siyaasaa Seexanaan geggeeffamuu, Mootummaa Waaqayyoorratti miidhaa akka geessisu isaan kakaasa. Mootummoonni biyya lafaa samii dhaquu waan hin dandeenyeef, namoota lafarraa Mootummaa Waaqayyoo deggeranirratti aariidhaan kaʼu. Buʼaansaa maal akka taʼu garuu beekamaadha. (Mul. 16:13-16; 17:12-14) Daaniʼel waraana dhumaa kana ilaalchisee yaada tokko ibseera. (Daaniʼel 2:44 dubbisi.) Bineensi Mulʼata 13:1rratti ibsame, bifni fakkeenyaasaafi bineensi gaanfa lama qabu ni balleeffamu.
19. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Amma yeroo itti maal goonudha?
19 Kan jiraannu yeroo mataa torbaffaan bulchaa jiru keessadha. Bineensi kun baduusaa dura mataa gara biraan isarratti hin mulʼatu. Yommuu amantiin sobaa balleeffamtutti Mootummaan Addunyaarratti humna guddaa qabu Angiloo Ameerikaadha. Raajiiwwan Daaniʼeliifi Yohannis dubbatan muraasni raawwatamaniiru. Badiisni amantii sobaafi waraanni Armaagedoon dhiheenyatti akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Waaqayyo dursee wantoota kana gad fageenyaan mulʼiseera. Maarree, raajiiwwan akeekkachiisa qabatan kanaaf xiyyeeffannaa kennaa jirraa? (2 Phe. 1:19) Amma yeroo itti Yihowaa cina dhaabannuufi Mootummaasaa itti deggerudha.—Mul. 14:6, 7.
[Miiljaleewwan]
a Macaafa Qulqulluu keessatti lakkoofsi kudhan guutuu taʼuu kan argisiisu siʼa taʼu, asirratti mootummoota bulchiinsa Roomaa keessaa baʼan hunda argisiisa.
b Mootummoonni hidhata walii taʼan kun jaarraa 18ffaadhaa kaasee kan turan taʼus, kan isaan kaʼan jalqaba guyyaa Gooftaatti akka taʼe Yohannis ibsee ture. Mulʼanni Macaafa Mulʼataa keessatti galmeeffame kan raawwatame “Guyyaa Gooftaa” keessattidha. (Mul. 1:10) Mataa torbaffaan hanga Waraana Addunyaa Tokkoffaatti qindoominaan mootummaa addunyaa taʼee tarkaanfii fudhachuu hin jalqabne.
c Daaniʼel yeroo waraana kanaatti, miidhaa guddaa mootiin kun geessisu dursee arguudhaan “badiisa sodaachisaa in fida” jedhee ture. (Dan. 8:24) Fakkeenyaaf, Yunaayitid Isteetis, diina Angiloo Ameerikaarratti boombii atoomikii yommuu buuste badiisa guddaa geessisteetti.
d Kitaaba Raawwiin Mulʼataa Inni Guddaan Dhihaateera! jedhamu, fuula 240, 241, 253 ilaali. (Amaariffa)
[Saanduqa fuula 17rra jiru]
“MOOTUMMOOTA SANA HUNDUMAA” KAN JEDHAMAN EENYUFAʼI?
Raajiin Daaniʼel 2:44rra jiru, Mootummaan Waaqayyoo, “mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa” jedha. Raajiin kun mootummoota qaama bifa fakkeenyichaa addaddaatti fakkeeffaman qofa caqasa.
Mootummoonni ilmaan namootaa warri kaan hundihoo maal taʼu? Macaafa Mulʼataarratti seenaan yaada asirratti caqasamee wajjin wal fakkaatu ibsa balʼaa kenna. Raajiin kun “guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa dandaʼu” sanaatti, “mootonni biyya lafaa” hundi Yihowaarratti kaʼuuf akka walitti qabaman argisiisa. (Mul. 16:14; 19:19-21) Kanaaf, mootummoota bifa fakkeenyichaarratti ibsaman qofa utuu hin taʼin, mootummoonni ilmaan namootaa hundi Armaagedoonitti balleeffamu.