Iyoob Nama Obsaafi Qajeelummaadhaan Jiraate Ture
“Iyoob garbicha koo irra yaada kee keessee ree? Biyya lafaa irra namni akka isaatii hin jiru, inni hir’ina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha.”—IYOOB 1:8.
1, 2. (a) Iyoobirra balaa hin eegamne akkamiitu ga’e? (b) Utuu balaan isarra hin ga’in dura jireenyi Iyoob maal akka fakkaatu ibsi.
BARA duriitti namni waan hundumaa jechuunis qabeenya, ulfinaafi fayyaa gaarii qabu tokko jira ture. Booda garuu al sadii walitti aansuudhaan qabeenyasaarra balaan ni ga’e. Yeroo gabaabaa gidduutti qabeenyasaa dhabe. Itti aansuudhaanis, bubbee cimaan ijoolleesaa hunda jalaa fixe. Utuu baay’ee hin turinis, iitoon nama huqqisu guutummaa qaamasaarratti ba’e. Namni kun Iyoob akka ta’eefi seenaansaammoo kutaa Macaafa Qulqulluu maqaasaatiin barreeffame, jechuunis macaafa Iyoobirratti akka argamu beekta ta’a.—Iyoob, boqonnaa 1fi 2.
2 Iyoob: “Maaloo, ani akka ji’oota darbanii . . . utuun ta’e!” jechuudhaan gaddasaa ibseera. (Iyoob 3:3; 29:2) Yommuu balaan isarra ga’u namni yeroo gaarii dabarse hin hawwine jiraa? Iyoob, nama jireenya gaarii jiraatu, akkasumas tasumaa balaan irra ga’uu hin dandeenye fakkaatu ture. Namoonni beekamoonillee isa kan kabajan yeroo ta’u, gorsa gaafachuufis garasaa dhufu turan. (Iyoob 29:5-11) Iyoob sooressa ta’uyyuu, horiidhaaf ilaalcha sirrii ta’e qaba ture. (Iyoob 31:24, 25, 28) Haadha hiyyeessaafi ijoollee warri irraa du’an ni gargaara ture. (Iyoob 29:12-16) Haadha manaasaatiifis amanamaa ture.—Iyoob 31:1, 9, 11.
3. Yihowaan Iyoobiif ilaalcha akkamii qaba ture?
3 Iyoob nama Waaqayyoon waaqeffatu waan tureef hir’ina kan hin qabne ture. Yihowaan: “Biyya lafaa irra namni akka isaatii hin jiru, inni hir’ina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha” jechuudhaan dubbateera. (Iyoob 1:1, 8) Iyoob nama akkasii ta’uyyuu, balaan jireenyasaa isa gaarii jalaa balleesseera. Wanti inni itti dhama’aa ture hundi jalaa balleeffameera; dhukkubaanis obsisaa qoramee akkasumas abdii kutatee ture.
4. Rakkina Iyoobirra ga’erratti mari’achuun kan nu gargaaru maaliifi?
4 Tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa namni balaa akkasiitiin hubame Iyoob qofa akka hin turre beekamaadha. Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argaman hedduun rakkinni Iyoobirra ga’ee wajjin wal fakkaatu akka isaanirra ga’e itti dhaga’ama. Kanaaf gaaffiiwwan: Yeroo rakkinni nurra ga’u rakkina Iyoobirra ga’e yaadachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti? Rakkinni Iyoobirra ga’e namoota balaan irra ga’eef akka gaddinu kan nu barsiisu akkamitti? jedhan lamaan qoruun keenya baay’ee barbaachisaadha.
Gaaffii Amanamummaafi Qorumsa Ejjennoo Namootaarratti Ka’e
5. Akka Seexanni jedhutti, Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu maaliif ture?
5 Rakkinni Iyoob kan warra kaaniirra adda ture. Haala inni hin beekneen Seexanni sababii Iyoob Waaqayyoon itti tajaajilurratti gaaffii kaasee ture. Yeroo ergamoonni Waaqayyoo samii keessatti walitti qabamanii turaniifi Yihowaan amalawwan gaarii Iyoob qaburratti xiyyeeffatee ture, Seexanni: “Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree?” jechuudhaan gaaffii kaaseera. Seexanni Iyoob Waaqayyoon kan waaqeffatu ofittummaadhaan kaka’eeti jechuudhaan, gaaffii tajaajiltoota Waaqayyoo hundumaa dabalatu kaase. Kanas mirkaneessuudhaaf Seexanni Yihowaadhaan: “Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mul’inatti si arrabsa” jedhe.—Iyoob 1:8-11.
6. Seexanni olaantummaa Yihowaarratti gaaffii akkamii kaase?
6 Kun dhimma baay’ee barbaachisaa ta’edha. Seexanni karaa Yihowaan olaantummaasaa itti fayyadamurratti mormii kaaseera. Dhuguma Waaqayyo uumama cufa kana jaalalaan bulchuu ni danda’aa? Moo, akkuma Seexanni jedhe dhumarratti ofittummaan ni mo’a? Yihowaan Iyoob amanamaafi qajeelaa ta’uusaa waan beekuuf Seexanni akka isa qoru heyyameera. Kanaafuu Seexanni walitti aansuudhaan balaa isarraan geessiseera. Iyoob yaalii Seexanaa isa jalqabaatiin amanamummaasaa waan hin dhiisneef, Seexanni dhukkuba cimaa isatti fide. Achiis: “Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan falme.—Iyoob 2:4.
7. Rakkinni Iyoobirra ga’e tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaatti argamanirras kan ga’u karaawwan kamiini?
7 Rakkinni Iyoobirra ga’e yeroo ammaatti Kiristiyaanota hedduurra ga’uu baatuyyuu, rakkinni adda addaa isaan dhiphisaa jira. Isaan keessaa tokko tokko amantaasaaniitiif jecha lubbuusaanii aarsaa godhaniiru. Hedduunsaaniimmoo maatiisaaniirraa aria’atamni ykn rakkinni isaanirra ga’a. Rakkinni dinagdee ykn dhibeen fayyaas nama dhiphisuu danda’a. Kana hunda kan fidu Seexanadha jennee yaaduu hin qabnu. Isaan keessaa tokko tokko, balleessaa ofii keenyaan hojjennuun ykn dhibee fayyaa warra keenyarraa dhaalleen nutti dhufuu danda’u. (Galaatiyaa 6:7) Hundi keenya rakkina, dullumaafi balaa uumamaan ga’uuf ni saaxilamna. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan yeroo ammaatti tajaajiltootasaa haala dinqii ta’een balaa akkasiirraa akka hin oolchine nuu ibsa.—Lallaba 9:11.
8. Seexanni rakkoowwan nurra ga’anitti fayyadamuu kan barbaadu akkamitti?
8 Haata’u malee, Seexanni rakkoowwan nurra ga’aniin fayyadamee amantaa keenya laaffisuu barbaada. Phaawulos ‘wanti dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu ergaan Seexanaa isaaf kennamuusaafi’ kunis yeroo hundumaa akka isa ‘rukutu’ dubbateera. (2 Qorontos 12:7) Rakkinni kun akka gaariitti ilaaluu dadhabuu ykn waan garabiraa ta’uu danda’a. Rakkinni kun maaliyyuu yoo ta’e Phaawulos, Seexanni rakkinatti ykn wantoota abdii nama kutachiisan garabiraatti fayyadamee gammachuusaa isa dhabsiisuuf yaalii akka godhu hubatee ture. (Fakkeenya 24:10) Yeroo ammaattis Seexanni miseensota maatiitiin, warra wajjin barannuun ykn mootummoota nama cunqursaniin fayyadamee karaa adda addaa saba Waaqayyoorratti ari’atama fiduu danda’a.
9. Rakkinni ykn ari’atamni yeroo nurra ga’u nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?
9 Rakkoowwan nurra ga’an mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hundumaa, rakkoowwan kun Yihowaa akka jaallannuufi olaantummaasaatiif akka ajajamnu argisiisuuf akka carraa nuu bananiitti ilaaluu qabna. (Yaaqoob 1:2-4) Wanti rakkina nurraan ga’e maaliyyuu yoo ta’e, Waaqayyoof amanamoo ta’uun sochiiwwan hafuuraa keenyaaf dursa kennuuf nu gargaara. Phexros akkas jechuudhaan Kiristiyaanotaaf barreesseera: “Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yommuu isin irra bu’u, waan takkaa ta’ee hin beekne waan isin irra bu’e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin!” (1 Phexros 4:12) Phaawulosis akkas jechuudhaan ibseera: “Akkasuma karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira.” (2 Ximotewos 3:12) Seexanni akkuma Iyoobiin jedhe, ammayyuu Dhugaa Baatonni Yihowaa amanamummaasaanii eeganii hin jiraatan jedhee falma. Macaafni Qulqulluun, Seexanni mormii saba Waaqayyoorratti kaase guyyoota gara dhumaa kanatti cimsee akka itti fufu ibsa.—Mul’ata 12:9, 17.
Hubannaa Dogoggoraafi Gorsa Gadhee
10. Rakkina akkamiitu Iyoobirra ga’ee ture?
10 Wanti Iyoob yeroo sanatti hin beekneefi nuti beeknu tokko jira. Iyoob rakkoowwan kun maaliif akka isarra ga’an waan hin hubanneef, dogoggoraan “Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate” jedhee dubbateera. (Iyoob 1:21) Tarii, Seexanni ta’e jedhee Iyoob rakkina kana hundumaa Waaqayyotu natti fide jedhee akka yaadu godhe ta’a.
11. Iyoob rakkina isarra ga’eef maaltu akka itti dhaga’ame ibsi.
11 Iyoob akkuma haati manaasaa isaan jette Waaqayyoon arrabsuu baatus, garmalee abdii kutatee ture. (Iyoob 2:9, 10) ‘Warri jal’oonni isa caalaatti akka isaaniif mijaa’e’ isatti dhaga’ameera. (Iyoob 21:7-9) ‘Waaqayyo na adabaa kan jiru maaliifi?’ jedhee of gaafatee ture. Yeroon inni du’a itti hawwes jira ture. “Dheekkamsi kee hamma darbutti, iddoo lafa jalaa keessa utuu ana dhoksitee, akkan hin argamnes utuu gootee” jedhee kadhatee ture.—Iyoob 14:13.
12, 13. Iyoob hiriyootasaa sadaniif ilaalcha akkamii qaba ture? Isaanoo gorsa akkamii isaaf kennan?
12 Iyoob, hiriyoota ‘isaa wajjin gaddina isa jajjabeessinas’ jedhan sadii qaba ture. (Iyoob 2:11) Haata’u malee, hiriyoonnisaa kun ‘jajjabeessitoota rakkina isatti dabalan’ turan. (Iyoob 16:2) Iyoob hiriyoota rakkinasaa isaaf hubatan utuu argateera ta’ee akka jajjabaatu beekamaadha; namoonni hiriyootasaa jedhaman sadan garuu akka burjaaja’uufi caalaatti abdii akka kutatu isa godhaniiru.—Iyoob 19:2; 26:2.
13 Iyoob: ‘Rakkinni kun ana qofarra kan ga’e maaliifi? Balleessaa balaa kanaaf na saaxilu akkamiin hojjedhe?’ jedhee of gaafatee ta’uu danda’a. Hiriyoonnisaa sababii rakkina kanaa ilaalchisee ibsa dogoggora ta’e kennaniiru. Rakkinni kun kan isarra ga’e cubbuu guddaa tokko waan hojjeteefidha jedhanii yaadu turan. Eliifaaz: “Namni balleessaa hin qabne, takkaa badee beekaa ree?” jechuudhaan erga isa gaafatee booda, “akkan argetti warri waan hamaa qopheessanii, rakkinas facaasan isuma in haammatu” jedhee deebiseera.—Iyoob 4:7, 8.
14. Rakkinni kan nurra ga’e cubbuu waan hojjenneefidha jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi?
14 Akka yaada hafuuraatti utuu hin ta’in akka yaada fooniitti yoo facaafne, rakkinni akka nurra ga’u beekamaadha. (Galaatiyaa 6:7, 8) Haata’u malee, amala akkamiiyyuu yoo qabaanne bara dhumaa kanatti rakkinni nurra ga’uu danda’a. Kana malees, namoonni balleessaa hin qabne rakkina hundumaarraa walaba ta’u jechuun hin danda’amu. Yesus Kiristos inni ‘xurii hin qabneefi cubbamootarraa gargar ba’e’ mukarratti fannifamee ajjeefameera; Yaaqoobis amantiisaatiif jecha haala suukanneessaa ta’een ajjeefameera. (Ibroota 7:26; Hojii Ergamootaa 12:1, 2) Sababiin sobaa Eliifaaziifi hiriyoonnisaa lamaan dhiheessan, Iyoob maqaasaafi qajeelummaasaatiif akka falmu isa kakaaseera. Rakkinni kun Iyoobirra ga’uunsaa sirriidha jedhanii sobaan himata isarratti dhiheessuunsaanii, Iyoob qajeelummaa Waaqayyoo akka shakku isa godhee ta’uu danda’a.—Iyoob 34:5; 35:2.
Yeroo Rakkinaatti Gargaarsa Argachuu
15. Yeroo rakkinni nurra ga’u maal beekuun keenya nu gargaaruu danda’a?
15 Seenaa Iyoobirraa barumsi argannu jiraa? Rakkinni, dhukkubniifi ari’atamni nurra ga’uunsaa sirrii miti jennee yaaduu dandeenya. Rakkoowwan kun namoota kaanirra hin ga’an ta’a. (Faarfannaa 73:3-12) Yeroo tokko tokko, gaaffiiwwan barbaachisaa ta’an akkasii of gaafachuu qabna: “Jaalalli ani Waaqayyoof qabu, wanti fedheyyuu yoo narra ga’e isa tajaajiluuf na kakaasaa? Yihowaan ‘nama isa arrabsuuf deebii akka kennu’ nan hawwaa? (Fakkeenya 27:11; Maatewos 22:37) Wanti warri kaan of eeggannoo malee dubbatan Abbaan keenya inni samii nu gargaaruusaa akka shakkinu nu gochuu hin qabu. Obboleettiin yeroo dheeraadhaaf dhukkuba cimaadhaan rakkachaa turte tokko akkas jettee turte: “Wanti Yihowaan heyyame maaliyyuu yoo ta’e akkan fudhadhu nan beeka. Jabina na barbaachisus akka naaf kennu nan beeka. Yeroo hundumaas gargaarsa na barbaachisu naaf kenna.”
16. Dubbiin Waaqayyoo namoota rakkina keessa jiran kan jajjabeessu akkamitti?
16 Mala Seexanni itti fayyadamu ilaalchisee wanta Iyoob hin beekne hubanneerra. ‘Akeeki ykn malli Seexanaa maal akka ta’e beekna.’ (2 Qorontos 2:11) Kana malees, ogummaa hojiirra ooluu danda’u qabna. Macaafni Qulqulluun seenaa namoota Waaqayyoof amanamoo ta’aniifi rakkinni adda addaa isaan mudatee qabateera. Kiristiyaanota baay’ee caalaa rakkinni kan irra ga’e Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.” (Roomaa 15:4) Obboleessi biyya Haangaariitti argamu tokko Waraana Addunyaa Tokkoffaatti yeroo hidhamee turetti, nyaata guyyaa sadiif isaaf kennameen Macaafa Qulqulluu jijjiire. Akkas jechuudhaan dubbata: “Nyaata sana kennee Macaafa Qulqulluu argachuunkoo bu’aa guddaa naaf argamsiiseera. Beela’uyyuu, nyaata hafuuraa yeroo rakkinaa sanatti anaanis ta’e warra kaan gargaaru argadheera. Macaafni Qulqulluun sun hanga ammaatti na harka jira.”
17. Rakkoowwan nurra ga’an mo’uu akka dandeenyuuf Waaqayyo qophiiwwan akkamii nuu godheera?
17 Kana malees, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniifi rakkoowwan nurra ga’an mo’uuf nu gargaaran hedduu qabna. Baafata Mataduree Masaraa Eegumsaa yoo ilaaltan muuxannoo Kiristiyaana rakkina keessanii wajjin wal fakkaatu keessa darbee argachuun keessan hin oolu. (1 Phexros 5:9) Haala keessa jirtan jaarsolii ykn Kiristiyaanota ga’eessota ta’an kaanitti himuun keessan gaarii ta’uu danda’a. Hundumaa caalaa garuu, Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan gargaarsa isaafi hafuura qulqulluusaarraa argattanitti akka hirkattan argisiisuu dandeessu. Phaawulos rakkina Seexanni itti fide kan mo’e akkamitti? Humna Waaqayyo kennutti hirkachuudhaani. (2 Qorontos 12:9, 10) “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a” jechuudhaan barreesseera.—Filiphisiiyus 4:13.
18. Kiristiyaanonni amanamoon nu gargaaruu kan danda’an akkamitti?
18 Gargaarsa kennamutti fayyadamuurraa duubatti hin jedhinaa. Macaafni Fakkeenyaa, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jedha. (Fakkeenya 24:10) Akkuma rirmi mana mukaan ijaarame nyaatee jigsu, abdii kutachuunis Kiristiyaanni tokko amanamummaasaa eegee akka hin jiraanne gochuu danda’a. Balaa akkasii ofirraa faccisuu akka dandeenyuuf, Yihowaan karaa namoota hidhata amantaa keenyaa nu gargaara. Yesus galgala qabamee turetti ergamaan tokko dhufee isa jajjabeesseera. (Luqaas 22:43) Phaawulos hidhamee gara Roomaatti utuu geeffamaa jiruu, gabaa Aphiyosiifi, iddoo Trees Tabeernee jedhamutti yommuu obboloota argu “Waaqayyoon galateeffate, in jajjabaates.” (Hojii Ergamootaa 28:15) Obboleettiin biyya Jarman jirtu tokko, bara dargaggummaasheetti yeroo mana hidhaa Raavenisbark jedhamu tokko geessetti gargaarsa argatte yaadachuudhaan akkas jetteetti: “Yeruma sana obboleettiin tokko na argattee simannaa gaarii naaf goote, obboleettiin kan biraa tokkommoo wanta na barbaachisuun kan na gargaarte yommuu ta’u karaa hafuraa akka haadhaa naa taatee turte.”
“Amanamaa Ta’i”
19. Iyoob mormii Seexanni kaase akka mo’u kan isa gargaare maalidha?
19 Yihowaan Iyoob nama ‘qajeelummaasaatti jabaatee jiru’ ta’uusaa dubbateera. (Iyoob 2:3) Iyoob abdii kan kutate ta’uusaarrayyuu rakkinni kun maaliif akka isarra ga’e hubachuu baatus, amanamummaa ilaalchisee mormii Seexanni kaaseef hin mo’amne. Akkasumas aarsaan inni Waaqayyoof amanamaa ta’ee jiraachuuf jecha kaffale gatii malee akka hafu hin barbaanne. “Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi’u” jechuudhaan amantaa cimaa akka qabu argisiiseera.—Iyoob 27:5.
20. Amanamummaan bu’aa guddaa qaba kan jennu maaliifi?
20 Dursinee murtoo gochuun keenya yeroo qorumsi, mormiiniifi rakkinni nurra ga’u, haala akkamii keessattiyyuu amanamummaa keenya eegnee jiraachuuf nu gargaara. Yesus gumii Simiirnaatiin akkas jedheera: “Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin! Kunoo, Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha; guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu; du’a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du’aatti amanamaa ta’i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna.”—Mul’ata 2:10.
21, 22. Rakkina nurra ga’e yeroo moonu, maal beekuudhaan jajjabina arganna?
21 Sirna Seexanni bulchu kana keessatti jabinaafi qajeelummaa keenyarra qorumsi ga’uunsaa hin oolu. Ta’us, Yesus wanta gara fuulduraatti dhufu sodaachuu akka hin qabne nutti himeera. Wanti nurraa eegamu inni guddaan amanamummaa keenya eeguudha. Phaawulos, ‘rakkinni nurra ga’u yeroodhaaf qofa’ yommuu ta’u, ‘ulfinni’ ykn badhaasni Yihowaan nuu kennuuf waadaa gale garuu, ‘bara baraaf isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa’ jechuudhaan barreesseera. (2 Qorontos 4:17, 18) Iyoob rakkinni utuu isarra hin ga’in duras ta’e isa booda jireenya gammachuu qabu jiraachaa waan tureef, rakkinnisaa yeroodhaaf qofa ture jechuun ni danda’ama.—Iyoob 42:16.
22 Haata’uyyuu malee, yeroo tokko tokko rakkinni keenya kan dhuma hin qabneefi dhiphinni nurra ga’e kan hin danda’amne nutti fakkaachuu danda’a. Mataduree ittaanutti rakkinni Iyoobirra ga’e jabina ilaalchisee barumsa dabalataa akka nuu kennu ilaalla. Kana malees, karaawwan namoota rakkatan jajjabeessuuf nu gargaaran tokko tokko ilaalla.
Maal Jettee Deebista?
• Qajeelummaa Iyoob ilaalchisee Seexanni gaaffii guddaa akkamii kaase?
• Rakkinni nurra ga’uunsaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?
• Yihowaan jabaannee akka dhaabannu kan nu gargaaru akkamitti?