MATA DUREE QOʼANNAA 46
Yihowaan Lafa Jannata Akka Godhu Nuuf Mirkaneesseera
‘Nama lafa irratti eebba argachuu barbaadu kam iyyuu Waaqni dhugaa isa eebbisa.’—ISA. 65:16.
FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya
QABIYYEEa
1. Isaayyaas raajichi Israaʼelotaaf ergaa akkamii dabarse?
ISAAYYAAS raajichi Yihowaan ‘Waaqa dhugaa’ akka taʼe dubbateera. Jechi “dhugaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan hiika “ameen” jedhu qaba. (Isa. 65:16, milj.) “Ameen” jechuun “haa taʼu” ykn “mirkanaaʼaadha” jechuudha. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “ameen” jedhu Yihowaa ykn Yesuus wajjin haala wal qabateen yeroo itti hojjetamu wanti tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa. Kanaafuu, ergaan Isaayyaas Israaʼelotaaf dabarse ifadha: Raajiin Yihowaan dubbatu yeroo hundumaa amanamaadha. Eeyyee, Yihowaan yeroo hunda waadaa gale ni eega.
2. Waadaa Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gale amanuu kan dandeenyu maaliifi? Gaaffilee kamfaa qorra?
2 Waadaa Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galerrattoo amantii qabaachuu ni dandeenyaa? Erga Isaayyaas jiraatee gara waggaa 800 booda Phaawulos ergamaan waadaan Waaqayyo galu yeroo hunda amanamaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibseera. Phaawulos ‘Waaqayyo sobuu akka hin dandeenye’ dubbateera. (Ibr. 6:18) Akkuma burqaan bishaanii tokko bishaan qulqulluu fi bishaan soogiddaawaa taʼe maddisiisuu hin dandeenye, Yihowaan inni Madda dhugaa taʼes soba dubbachuu hin dandaʼu. Kanaafuu, waadaa inni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gale dabalatee wanta inni dubbate hundarratti amantii guutuu qabaachuu ni dandeenya. Mata duree kana keessatti gaaffilee kana ilaalla: Yihowaan gara fuulduraatti maal nuu gochuuf waadaa galeera? Waadaan gale akka raawwatamu kan nuuf mirkaneessehoo akkamitti?
YIHOWAAN WAADAA AKKAMII NUUF GALE?
3. (a) Waadaan tajaajiltoonni Waaqayyoo baayʼee jaallatan isa kami? (Mulʼata 21:3, 4) (b) Namoonni tokko tokko waaʼee waadaa kanaa yeroo isaanitti himnu maaltu isaanitti dhagaʼama?
3 Kanatti aansuudhaan waadaa tajaajiltoonni Waaqayyoo addunyaa maratti argaman baayʼee jaallatan tokko qorra. (Mulʼata 21:3, 4 dubbisi.) Yihowaan yeroon ‘duuti, gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni itti hin jiraanne’ akka dhufu waadaa galeera. Baayʼeen keenya tajaajilarratti jireenyi Jannata keessaa maal akka fakkaatu namootaaf ibsuuf caqasa nama jajjabeessu kanatti fayyadamna. Namoonni tokko tokko waaʼee waadaa Waaqayyo gale kanaa yeroo isaanitti himnu maaltu isaanitti dhagaʼama? Tarii, ‘Kun wanta matumaa taʼuu hin dandeenyedha’ nuun jedhu taʼa.
4. (a) Yihowaan Jannata fiduuf yeroo waadaa galetti, bara keenya ilaalchisee maal beeka ture? (b) Yihowaan waadaa galuudhaan alatti maal godheera?
4 Dhugaadha, Yihowaan yeroo waaʼee waadaa kanaa akka barreessu Yohaannis ergamaa kakaasetti, yeroo harʼaatti yommuu ergaa Mootummichaa lallabnu waaʼee abdii kanaas namootatti akka himnu beeka ture. Namoonni baayʼeen waadaa ‘wantoonni haaraan’ akka dhufan ibsu kana amanuun akka isaanitti ulfaatus beeka. (Isa. 42:9; 60:2; 2 Qor. 4:3, 4) Maarree, eebbawwan Mulʼata 21:3, 4 irratti ibsaman raawwii isaanii akka argatan warra kaaniif mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii Yihowaarrattis taʼe waadaa inni galerratti qabnu cimsachuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Yihowaan waadaa nu jajjabeessu kana qofa utuu hin taʼin, sababiiwwan waadaa kana amanuuf nu kakaasanis nutti himeera. Sababiiwwan akkamii nutti hime?
YIHOWAAN WAADAA GALE AKKA RAAWWATU NUUF MIRKANEESSEERA
5. Waadaa Waaqayyo Jannata fiduuf gale amanuuf sababiiwwan nu kakaasan maalfaʼi? Sababiiwwan kun maalirratti ibsaman?
5 Sababiiwwan waadaa Yihowaan Jannata fiduuf gale amanuuf nu kakaasan lakkoofsota itti aananirratti ibsamaniiru. Akkana jedha: “Inni teessoo irra taaʼe sunis, ‘Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira’ jedhe. Akkasumas, ‘Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi’ jedhe. Achiis akkana naan jedhe: ‘Raawwatamaniiru! Ani Alfaa fi Omeegaa, isa jalqabaa fi isa dhumaa ti.’”—Mul. 21:5, 6a.
6. Yaanni Mulʼata 21:5, 6 irratti ibsame amantii waadaa Waaqayyo galerratti qabnu kan nuuf cimsu akkamitti?
6 Yaanni Kitaaba Qulqulluu kun amantii waadaa Waaqayyo galerratti qabnu kan nuuf cimsu akkamitti? Lakkoofsota kanarratti akka ibsametti, wanti Yihowaan godhe waadaa isaa akka eegu nuuf mirkaneessuuf akkuma waan waraqaarratti mallatteessetti ilaalamuu dandaʼa. Waadaan Waaqayyo gale Mulʼata 21:3, 4 irratti ibsameera. Achiis Yihowaan waadaan kun guutummaatti akka raawwatamu nuuf mirkaneessuuf, lakkoofsa 5 fi 6 irratti mallattoo isaa nuuf kaaʼeera. Mee jechoota Yihowaan waadaan inni gale akka raawwatamu nuuf mirkaneessuuf itti fayyadame haa qorru.
7. Yaada lakkoofsa 5 irra jiru kan dubbate eenyu? Yaanni kun addadha kan jennu maaliifi?
7 Lakkoofsi 5, “Inni teessoo irra taaʼe sunis” jedhee jalqaba. (Mul. 21:5a) Kitaaba Mulʼataa keessatti Yihowaan ofii isaatiin akka dubbate kan ibsame siʼa sadii qofadha; kanaafuu, kun isaan keessaa tokko waan taʼeef addadha. Akkas jechuudhaan kan nuuf mirkaneesse maleekaa humna guddaa qabu ykn Yesuus isa duʼaa kaafame utuu hin taʼin Yihowaadha! Dhugaan kun wanta itti aansuudhaan dubbate guutummaatti amanuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan ‘sobuu waan hin dandeenyeefi.’ (Tit. 1:2) Kanaafuu, yaada Mulʼata 21:5, 6 irratti argamurratti amantii guutuu qabna.
“KUNOO, ANI WANTOOTA HUNDUMAA HAARAA GOCHAAN JIRA”
8. Yihowaan waadaan inni gale akka raawwatamu mirkaneessuuf maal jedhe? (Isaayyaas 46:10)
8 Ammammoo jecha, “Kunoo” jedhu haa qorru. (Mul. 21:5) Jechi Afaan Giriikii “kunoo” jedhamee hiikame kitaaba Mulʼataa keessatti yeroo baayʼee ibsameera. Barreeffamni qorannaa tokko akka ibsetti, jechi kun kan galu “namni dubbisu yaada itti aansuudhaan ibsamuuf xiyyeeffannaa akka kennu gochuufi.” Waaqayyo itti aansuudhaan maal jedhe? “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhe. Dhugaadha, Yihowaan asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee jijjiirama gara fuulduraatti dhufuuti; taʼus, waadaan kun akka raawwatamu guutummaatti mirkanaaʼaa waan taʼeef, akkuma waan jijjiiramawwan kun amma taʼaa jiranitti ibseera.—Isaayyaas 46:10 dubbisi.
9. (a) Yaanni, “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhu maal argisiisa? (b) “Samii” fi “lafti” yeroo ammaa jiran maal taʼu?
9 Mee ammammoo yaada Mulʼata 21:5 irratti itti aansuudhaan ibsamee fi “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhu haa qorru. Boqonnaa kana keessatti yaanni kun wanta Yihowaan gochaa jiru lama, jechuunis bakka buusuu fi iddootti deebisuu argisiisa. Yihowaan kan bakka buusu wantoota akkamiiti? Mulʼanni 21:1, “Samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru” jedha. “Samiin inni duraa” mootummoota dhiibbaa Seexanaa fi jinniiwwan isaa jala jiran argisiisa. (Mat. 4:8, 9; 1 Yoh. 5:19) Kitaaba Qulqulluu keessatti akka itti hojjetametti, yaanni “lafti” jedhu namoota lafarra jiraatan argisiisa. (Uma. 11:1; Far. 96:1) Kanaafuu, “lafti inni duraa” namoota hamoo yeroo harʼaa jiran argisiisa. Yihowaan “samii” fi ‘lafa’ amma jiru fooyyessuu mannaa guutummaatti haxaaʼee balleessa. Samii fi lafa yeroo ammaatti argamu “samii haaraa fi lafa haaraa,” jechuunis bulchiinsa haaraa fi hawaasa ilmaan namootaa haaraa taʼeen bakka buusa.
10. Wanti Yihowaan haaressu maalidha?
10 Mulʼata 21:5 irratti Yihowaan itti aansuudhaan waaʼee wantoota haaressuu dubbateera. Yihowaan, “Ani wantoota haaraa taʼan uumaan jira” akka hin jenne hubadhu. Kanaa mannaa, “Ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhe. Yihowaan lafaa fi ilmaan namootaa mudaarraa walaba akka taʼan gochuudhaan isaan haaromsa. Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbatetti Yihowaan guutummaan lafaa akkuma iddoo biqiltuu Eedan akka taatu godha. Tokkoon tokkoon keenya guutummaatti fayyisuudhaan nu haaromsa. Namoonni naafatan, namoonni qaro dhabeeyyiinii fi namoonni gurri isaanii duude ni fayyifamu; namoonni duʼanillee duʼaa ni kaafamu.—Isa. 25:8; 35:1-7.
‘JECHOONNI KUN AMANAMOO FI DHUGAADHA. RAAWWATAMANIIRU!’
11. Yihowaan Yohaannisiif ajaja akkamii kenne? Maaliif?
11 Waaqayyo waadaan inni gale akka raawwatamu nuuf mirkaneessuuf wanta kan biraa akkamii dubbate? Yihowaan Yohaannisiin, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi” jedheera. (Mul. 21:5) Yihowaan, “Barreessi” qofa isaan hin jenne. Sababii isaas itti himeera. “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif” isaan jedheera. Yohaannis ajaja “Barreessi” jedhuuf ajajamuu isaatti baayʼee galateeffanna. Waadaa Waaqayyo Jannata fiduuf gale dubbisuu fi eebbawwan dinqisiisoo nu eeggatanirratti xiinxaluu dandeenyeerra.
12. Yihowaan, “Raawwatamaniiru!” kan jedhe maaliifi?
12 Waaqayyo itti aansuudhaan maal jedhe? “Raawwatamaniiru!” jedhe. (Mul. 21:6) Ammammoo Yihowaan waadaan Jannata fiduuf gale hundi akkuma waan raawwatametti dubbachaa jira. Kaayyoo isaa akka hin raawwanne wanti akkamiiyyuu isa dhoowwuu waan hin dandeenyeef, akkas jechuun isaa sirriidha. Yihowaan wanta waadaan inni gale guutummaatti akka raawwatamu nuuf mirkaneessu kan biraas dubbateera. Maal jedhe?
‘ANI ALFAA FI OMEEGAADHA’
13. Yihowaan, ‘Ani Alfaa fi Omeegaadha’ kan jedhe maaliifi?
13 Akkuma olitti ilaalle Yihowaan mulʼata Yohaannisitti argisiiserratti siʼa sadii ofii isaatiin dubbateera. (Mul. 1:8; 21:5, 6; 22:13) Yeroo sadanittiyyuu Yihowaan, ‘Ani Alfaa fi Omeegaadha’ jedheera. Qubeen jalqabaa Afaan Giriikii alfaadha, qubeen inni dhumaammoo omeegaadha. Yihowaan yaada “Alfaa fi Omeegaa” jedhutti fayyadamuun isaa wanta tokko yoo jalqabe akka fiixaan baasu argisiisa.
14. (a) Fakkeenya Yihowaan “Alfaa” kan jedhe yoom akka taʼee fi “Omeegaa” kan jedhu yoom akka taʼe argisiisu dubbadhu. (b) Yaanni Uumama 2:1-3 irratti argamu maal nuuf mirkaneessa?
14 Yihowaan Addaamii fi Hewaaniin erga uumee booda, kaayyoo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu ibseera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo isaan ni eebbise; akkasumas, ‘Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa’ isaaniin jedhe.” (Uma. 1:28) Yeroo kanatti Yihowaan akkuma waan “Alfaa” jedhetti ilaalama. Kaayyoo isaa ifatti dubbateera: Yeroon sanyiin Addaamii fi Hewaan mudaa hin qabnee fi ajajamoo taʼa lafa itti guutanii fi gara jannataatti itti ishii jijjiiran ni dhufa. Gara fuulduraatti yeroo kaayyoon isaa kun raawwatamu Yihowaan “Omeegaa” jedha. “Samii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis” erga uumamanii booda Yihowaan kaayyoon isaa guutummaatti akka raawwatamu argisiisuuf wanta tokko dubbateera. Yaanni kun Uumama 2:1-3 irratti argama. (Dubbisi.) Yihowaan guyyaa torbaffaan qulqulluu akka taʼe ibseera. Kun maal argisiisa? Kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaa fi lafaaf qabu shakkii tokko malee akka raawwatamu argisiisa. Dhuma guyyaa torbaffaarratti kaayyoon isaa kun guutummaatti raawwatama.
15. Seexanni kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu akka hin raawwatamne gochuu akka dandaʼu kan yaade maaliif taʼuu dandaʼa?
15 Addaamii fi Hewaan erga fincilanii booda cubbamoota taʼaniiru; cubbuu fi duʼas sanyii isaaniitti dabarsaniiru. (Rom. 5:12) Kanaan kan kaʼes, Seexanni kaayyoo Waaqayyo lafa namoota mudaa hin qabnee fi ajajamoo taʼaniin guutuuf qabu kan gufachiise fakkaata taʼa. Maarree, Seexanni Yihowaan kaayyoo isaa akka hin raawwanne gochuu dandaʼeeraa? Yeroo kanatti Seexanni, Yihowaan waadaa gale eeguu akka hin dandeenye isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Tarii kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu raawwachuuf Addaamii fi Hewaaniin balleessee hiriyoota gaaʼelaa kan biraa akka uumu eegee taʼuu dandaʼa. Garuu Waaqayyo akkas godheera utuu taʼee Diyaabilos sobduu akka taʼetti isa himata ture. Maaliif? Sababiin isaas, Uumama 1:28 irratti akka ibsametti Yihowaan sanyiin isaanii lafa akka guutu Addaamii fi Hewaanitti himeera.
16. Seexanni, kaayyoo isaa raawwachuu hin dandeenye jedhee Yihowaa falmuu akka dandaʼu kan yaade maaliif taʼuu dandaʼa?
16 Wanti Seexanni Yihowaan akka godhu yaade kan biraan maal taʼuu dandaʼa? Tarii, Addaamii fi Hewaan ijoollee cubbuu qabanii fi yoomiyyuu mudaa isaaniirraa walaba hin taane akka godhatan isaaniif heyyama jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. (Lal. 7:20; Rom. 3:23) Kun utuu taʼees, Diyaabilos kaayyoo isaa raawwachuu hin dandeenye jedhee Yihowaa falmuun isaa hin oolu ture. Akkas kan jennu maaliifi? Kun yoo taʼe, kaayyoon Waaqayyo lafa sanyii Addaamii fi Hewaan cubbuurraa walaba taʼaniin guutuuf qabu hin raawwatamu.
17. Yihowaan fincila Seexannii fi namoonni jalqabaa kaasaniif furmaata kan kenne akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii argamsiisa? (Fakkichas ilaali.)
17 Seexanni wanta Yihowaan godhu tilmaamuullee hin dandaʼu ture. Seexannis taʼe Addaamii fi Hewaan isarratti fincilanis, Yihowaan furmaata hundarra wayyuu fi kaayyoo isaa raawwachuuf isa dandeessisu qaba. (Far. 92:5) Yihowaan Addaamii fi Hewaan ijoollee akka godhatan isaaniif heyyamuudhaan wanti inni dubbate akka raawwatamu godheera. Inni matumaa hin sobu. Yihowaan wanta tokko akka raawwatu yoo dubbate, gufuun akkamiiyyuu isa dhoowwuu akka hin dandeenye argisiiseera. “Sanyii” ijoollee Addaamii fi Hewaan ajajamoo taʼaniif fayyina argamsiisu qopheessuudhaan kaayyoon isaa akka raawwatamu mirkaneesseera. (Uma. 3:15; 22:18) Seexanni Yihowaan furicha qopheessuun isaa baayʼee isa naasisee taʼuu qaba! Maaliif? Sababiin isaas, qophiin kun jaalala ofittummaarraa walaba taʼerratti kan hundaaʼedha. (Mat. 20:28; Yoh. 3:16) Seexanni ofittoo waan taʼeef amala akkasii qabaachuu hin dandaʼu. Maarree, qophiin furichaa faayidaa akkamii argamsiisa? Xumura bulchiinsa Barkumeerratti ijoolleen Addaamii fi Hewaan cubbuurraa walaba taʼanii fi ajajamoo taʼan lafa jannata taate dhaalu; akka kanaan kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa ni raawwatama. Yeroo sanatti Yihowaan, “Omeegaa” jedha.
AMANTII WAADAA YIHOWAAN JANNATA FIDUUF GALERRATTI QABNU CIMSACHUU
18. Sababiiwwan sadan Waaqayyo nuuf kennee fi waadaan inni gale akka raawwatamu nuuf mirkaneessan kamfaʼi? (Saanduqa, “Sababiiwwan Waadaa Yihowaan Galetti Itti Amannu Sadii” jedhus ilaali.)
18 Mata duree kana keessatti sababiiwwan lafti Jannata akka taatu amanuuf nu dandeessisan ilaalleerra. Maarree, abdiin kun dhuguma akka raawwatamu namootaaf ragaa akkamii dhiheessuu dandeenya? Tokkoffaa, waadaa kana kan gale Yihowaadha. Kitaabni Mulʼataa akkana jedha: “Inni teessoo irra taaʼe sunis, ‘Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira’ jedhe.” Yihowaan ogummaa, humnaa fi fedhii waadaa gale raawwachuuf isa dandeessisu qaba. Lammaffaa, Yihowaan waadaan gale akka raawwatamu baayʼee mirkanaaʼaa waan taʼeef akkuma waan raawwatameetti dubbateera. ‘Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa dha, raawwatamaniiru!’ kan jedhe kanaafi. Sadaffaa, Yihowaan wanta jalqabe fiixaan akka hin baasne wanti isa dhoowwuu dandaʼu hin jiru. ‘Ani Alfaa fi Omeegaadha’ kan jedhe kanaafi. Yihowaan, Seexanni sobduu akka taʼee fi kaayyoo isaa gufachiisuu akka hin dandeenye ni argisiisa.
19. Namoonni tajaajilarratti argattu waadaa Waaqayyo jannata fiduuf gale yeroo shakkan maal gochuu dandeessa?
19 Yaada Yihowaan waadaan inni gale akka raawwatamu nuuf mirkaneessuuf dubbate yeroo namootatti himtu hundatti, amantiin isarratti qabdu akka cimu yaadadhu. Kanaafuu, yeroo itti aanutti nama tajaajilarratti argatteef waadaa gammachiisaa waaʼee Jannataa dubbatuu fi Mulʼata 21:4 irratti argamu yeroo dubbistu namni sun, “Kun wanta matumaa taʼuu hin dandeenyedha” yoo siin jedhe maal gochuu dandeessa? Itti fufuudhaan lakkoofsa 5 fi 6 dubbistee ibsuufii dandeessa. Yihowaan waadaan inni gale akka raawwatamu mallattoo isaatiin kan nuuf mirkaneesse akkamitti akka taʼe itti argisiisi.—Isa. 65:16.
FAARFANNAA 145 Waadaa Waaqayyo Jannata Fiduuf Gale
a Mata dureen kun Yihowaan waadaa Jannata fiduuf gale akka raawwatu kan nuuf mirkaneesse akkamitti akka taʼe ibsa. Yeroo sababiiwwan waadaan Yihowaan gale akka raawwatamu nuuf mirkaneessan warra kaanitti himnu hundumaatti amantiin waadaa isaarratti qabnu ni cima.