Abbootiin Manaa Kiristos Mataa Ta’uusaa Amantanii Fudhachuudhaan Fakkeenyasaa Hordofaa
‘Kristos mataa warra dhiiraati.’—1 QORONTOS 11:3.
1, 2. (a) Namni tokko abbaa manaa gaarii ta’uunsaa kan gamaaggamamu maaliinidha? (b) Gaa’ela kan hundeesse Waaqayyo ta’uusaa hubachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
NAMNI TOKKO abbaa manaa gaarii ta’uusaa kan madaaltu maaliini? Beekumsaafi jabina qaamaa qabaachuusaatiinii? Qarshii hedduu argachuu danda’uusaatiinii? Moo jaalalaafi gaarummaadhaan haadha manaafi ijoolleesaa kunuunsuusaatiini? Abbootiin manaa hedduun ilaalcha biyya lafaafi seera namootaa waan hordofaniif, jaalalaafi gaarummaadhaan haadha manaafi ijoolleesaanii hin kunuunsan. Maaliif? Qajeelfama qaamni gaa’ela Hundeesse kennu waan hin beekneefi hojiirra hin oolchineefidha. Qaamni kun Isa, ‘lafee cinaachaa isa namicha keessaa fuudhe sanarraa erga dubartii tolchee booda gara namichatti fiduudhaan’ gaa’ela jalqabsiisedha.—Uumama 2:21-24.
2 Yesus Kiristos caqasa Macaafa Qulqulluu kana caqasuudhaan, gaa’ela kan hundeesse Waaqayyo ta’uusaa mormitoota barasaatti turaniif akkas jechuudhaan deebii kenneera: “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree? jedhe. Itti dabalees, ‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.’ Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo [gaa’elaan] walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” (Maatewos 19:4-6) Kanaaf, namni tokko gaa’ela gaarii qabaachuu yoo barbaade, gaa’ela kan hundeesse Waaqayyo ta’uusaa hubachuufi qajeelfama Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uusaa beekuu qaba.
Abbaa Manaa Gaarii Ta’uuf Maal Gochuun Barbaachisaadha?
3, 4. (a) Yesus waa’ee gaa’elaa beekumsa gaarii akka qabaatu kan isa gargaare maalidha? (b) Haati manaa Yesus isheen fakkeenyaan ibsamte eenyu? Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii akkamitti kunuunsuu qabu?
3 Abbaa manaa gaarii ta’uuf, wanta Yesus jedhe barachuufi wanta inni godhe hojiirra oolchuu qaba. Yesus yeroo abbaan manaafi haati manaa jalqabaa uumamanis ta’e gaa’ela raawwatan waan tureef waa’ee gaa’elaa akka gaariitti beeka. Yihowaan: “Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa” jedheenii ture. (Uumama 1:26) Eeyyee, Waaqayyo kan itti dubbachaa ture, isa wanta hundumaa dura uumeefi ‘isaa wajjin hojjechaa tureenidha.’ (Fakkeenya 8:22-30) Yesus “uumama hundumaa dura” dhalate. Inni ‘jalqaba uumama Waaqayyoo,’ [1899] yommuu ta’u, samiifi lafti utuu hin uumamin duras jira ture.—Qolosaayis 1:15; Mul’ata 3:14.
4 Yesus “hoolicha Waaqayyoo” jedhameera; akkasumas abbaa manaatti fakkeeffameera. Yeroo tokko ergamaan Waaqayyoo: “Kottu, ishee misirroo, haadha manaa hoolichaa sitti nan argisiisaa” jedheera. (Yohannis 1:29; Mul’ata 21:9) Maarree misirroon sun ykn haati manaasaa eenyu? “Haadha manaa hoolichaa” kan jedhaman, Kiristiyaanota amanamoo duuka buutota Kiristos warra hafuuraan dibamaniifi gara fuulduraatti isaa wajjin samiirratti bulchanidha. (Mul’ata 14:1, 3) Kanaaf, akkaataan Kiristos bartootasaa itti kunuunse, akkaataa abbootiin manaa haadhotii manaasaanii itti kunuunsuu qabaniif fakkeenya ta’a.
5. Yesus eenyuuf fakkeenya ta’a?
5 Yesus duuka buutotasaa hundaatiif fakkeenya akka ta’u Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.” (1 Pheexros 2:21) Keessumaa warra dhiiraatiif fakkeenya gaarii ta’a. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa, akka beektan nan barbaada.” (1 Qorontos 11:3) Kiristos mataa warra dhiiraa waan ta’eef abbootiin manaa fakkeenyasaa hordofuu qabu. Kanaaf, maatiin gammachuu akka argatu yoo barbaadame seerri matummaa hojiirra ooluu qaba jechuudha. Maatiin gammachuu kana akka argatu yoo barbaadame, abbootiin manaa kunuunsa Kiristos bartootasaa warra dibamoo haadha manaatti fakkeeffamaniif godhe hojiirra oolchuu qabu.
Rakkoowwan Gaa’ela Keessatti Uumaman Hiikuun Kan Danda’amu Akkamitti?
6. Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii wajjin akkamitti jiraachuu qabu?
6 Biyya lafaa isa jeequmsaan guutame kana keessatti, keessumaa abbootiin manaa, obsa jaalalaafi seerawwan qajeelummaarratti hundaa’an hordofuuf jabina Yesus argisiise hojiirra oolchuudhaan fakkeenyasaa hordofuu qabu. (2 Ximotewos 3:1-5) Fakkeenya Yesus nuu kaa’e ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa!” (1 Phexros 3:7) Akkuma Yesus rakkoowwan isarra ga’an beekumsaan hiike, abbootiin manaas rakkoowwan gaa’ela keessatti uumaman beekumsaan hiikuu qabu. Inni eenyuyyuu caalaatti rakkoowwan gurguddaan kan isarra ga’an yommuu ta’u, kanaaf kan itti gaafataman Seexana, hafuurota hamoofi biyya lafaa isa hamaa kana ta’uusaanii beeka ture. (Yohannis 14:30; Efesoon 6:12) Yesus rakkinni isarra ga’e matumaa isa hin dinqisiifne; abbaan manaafi haati manaas ‘jireenyasaaniitti rakkinni yoo isaan argate’ dinqisiifachuu hin qaban. Macaafni Qulqulluun rakkinni akkasii namoota hiriyaa gaa’elaa qabanirra akka ga’u ibsa.—1 Qorontos 7:28.
7, 8. (a) Beekumsaan haadhotii manaa wajjin jiraachuun maalfaa dabalata? (b) Haadhotiin manaa ulfina argachuu kan qaban maaliifi?
7 Macaafni Qulqulluun abbootiin manaa haadhotii manaa keessaniif “beekaatii wajjin jiraadhaa! . . . akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf” jedha. (1 Phexros 3:7) Akka Macaafni Qulqulluun raajiidhaan dubbateefi dhiironni hedduun godhan, abbaan manaa tokko haadha manaasaa gara jabinaan cunqursuudhaan utuu hin ta’in, ishee kabajuudhaan surraa Waaqayyoo argachuu danda’a. (Uumama 3:16) Akka qabeenya gati-jabeessaatti ishee ilaala malee, matumaa humnasaatti fayyadamee ishee hin miidhu. Kanaa mannaa, fedhiishee tilmaama keessa galchuudhaan yeroo hundumaa kabajaafi ulfinaan ishee kunuunsa.
8 Abbootiin manaa haadhotii manaasaaniitiif ulfina kennuu kan qaban maaliifi? Macaafni Qulqulluun: “Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti” jechuudhaan deebii kenna. (1 Phexros 3:7) Abbootiin manaa, Yihowaan dhiira Isa waaqeffatu dubartii Isa waaqeffatturra caalchisee akka hin ilaalle hubachuu qabu. Dubartoonni surraa Waaqayyoo argatan warra dhiiraa wajjin badhaasa jireenya bara baraa kan argatan yommuu ta’u, baay’eensaaniimmoo bakka “dhiira yookiis dubartii” jechuun hin jirretti, jechuunis samiirratti jireenya bara baraa argatu. (Galaatiyaa 3:28) Kanaaf, abbootiin manaa, namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama akka argatu kan isa godhu, dhiira ykn durba, abbaa manaa, haadha manaa ykn ijoollee ta’uusaa utuu hin ta’in, amanamaa ta’uusaa qofa akka ta’e hubachuu qabu.—1 Qorontos 4:2.
9. (a) Akka Phexros jedhetti, abbootiin manaa haadhotii manaasaaniitiif ulfina kennuu kan qaban maaliifi? (b) Yesus dubartootaaf ulfina akka kennu kan argisiise akkamitti?
9 Abbootiin manaa haadhotii manaasaaniitiif ulfina kennuunsaanii barbaachisaa akka ta’e jecha Phexros, “kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti” jechuudhaan barreesserraa hubachuun ni danda’ama. Sababa kanaan kadhanni nama tokkoo ittifamuunsaa baay’ee nama sodaachisa! Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii kabajuu dhiisuunsaanii akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo bara duriitti turaniifi dantaa hin qabne tokko tokkorra ga’ee ture, kadhannaansaanii akka ittifamu gochuu danda’a. (Faaruu Ermiyaas 3:43, 44) Kanaaf, Kiristiyaanonni abbootii manaa ta’anis ta’e, fuudhuu barbaadan, akkaataa Yesus dubartootaaf kabaja itti kenne qorachuunsaanii gaariidha. Yesus isaa wajjin akka tajaajilaniif dubartoota simachuusaarrayyuu, gaarummaafi ulfinaan isaan kunuunsa ture. Yeroo tokko, wanta nama ajaa’ibsiisu warra dubartiitiif ibsuudhaan isaanimmoo warra dhiiraatti akka himan ajajeera.—Maatewos 28:1, 8-10; Luqaas 8:1-3.
Fakkeenya Keessumaa Abbootii Manaatiif Ta’u
10, 11. (a) Abbootiin manaa keessumaa fakkeenya Yesus barachuu kan qaban maaliifi? (b) Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii akka jaallatan akkamitti argisiisuu qabu?
10 Akkuma olitti ibsame, Macaafni Qulqulluun walitti dhufeenya abbaan manaa haadha manaasaa wajjin qabu, walitti dhufeenya Kiristos “misirroo” ykn duuka buutotasaa warra dibamoo waliin qabuu wajjin wal fakkeessa. Macaafni Qulqulluun: “Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti” jedha. (Efesoon 5:23) Jechoonni kun abbootiin manaa Kiristos duuka buutotasaatiif mataa ykn geggeessituu akkamii akka ta’e akka qoratan isaan kakaasuu qabu. Abbootiin manaa, fakkeenya Kiristos gumiidhaaf godhe hordofuudhaan haadhotii manaasaaniitiif qajeelfama kennuu, jaallachuufi kunuunsuu kan danda’an yoo kana godhan qofadha.
11 Macaafni Qulqulluun: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” jechuudhaan Kiristiyaanota gorsa. (Efesoon 5:25) Efesoon boqonnaa afurirratti, “waldaan kristiyaanaa” “dhagna Kristos” jedhameera. Qaamni fakkeenyaan ibsame kun buusaa adda addaa saala lamaanii kan qabate yommuu ta’u, hundisaaniiyyuu dhagni sirriitti hojiisaa akka hojjetu kan gargaaranidha. Yesus: “Mataa waldaa kristiyaanaa isa dhagna isaa jedhamee waamamee ti.”—Efesoon 4:12; Qolosaayis 1:18; 1 Qorontos 12:12, 13, 27.
12. Yesus warra fakkeenyaan dhagnasaa jedhaman akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
12 Yesus “waldaa” isa buusaa dhagnasaatti fakkeeffameef kunuunsa gochuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera. Fakkeenyaaf, yeroo duuka buutonnisaa dadhabanii turanitti: “Isin duwwaan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba’aa, takkas boqodhaa” isaaniin jedheera. (Maarqos 6:31) Yesus ajjeefamuusaa sa’aatii muraasa dura ilaalcha inni isaaniif qabu, bartootasaa keessaa inni tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Kan isaa [fakkeenyaan buusaa dhagna isaa] warra ta’an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise.” (Yohannis 13:1) Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii akkamitti kunuunsuu akka qaban Yesus fakkeenya gaarii kaa’eera.
13. Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii akka jaallatan gorsa akkamiitu kennameef?
13 Phaawulos, abbootiin manaa fakkeenya Yesus hordofuusaanii akka itti fufan akkas jechuudhaan gorseera: “Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe. Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu.”—Efesoon 5:28, 29, 33.
14. Abbaan manaa qaamasaa isa gonkummaa hin qabne akkamitti kunuunsa? Kunimmoo haadha manaasaatiif kunuunsa akkamii gochuu akka qabu argisiisa?
14 Mee jechoota Phaawulosirratti yaadi. Namni sammuu fayyaa qabu tokko utuu beekuu qaamasaa miidhaa? Namni gufate tokko, isatu na gufachiise jechuudhaan qubasaa rukutaa? Matumaa hin rukutu! Abbaan manaa tokko hiriyootasaa biratti of salphisaa? Yookiin waa’ee dadhabbiisaa kaasuudhaan of hamataa? Matumaa kana hin godhu! Abbaan manaa tokko haati manaasaa yoo dogoggorte ishee arrabsuunsaa ykn kanarras darbee ishee rukuchuunsaa sirriidhaa? Abbootiin manaa wanta isaan gammachiisu qofa utuu hin ta’in, wanta haadhotii manaasaaniis gammachiisu gochuu qabu.—1 Qorontos 10:24; 13:5.
15. (a) Yesus yeroo duuka buutonnisaa dadhabbina argisiisan maal godhe? (b) Fakkeenyasaarraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
15 Mee Yesus galgala du’asaa dura turetti yeroo duuka buutonnisaa dadhabbina argisiisanitti isaaniif akka yaadu akkamitti akka argisiise haa ilaallu. Duuka buutonnisaa deddeebisanii akka kadhatan isaanitti himuyyuu, ashaakiltii Getesemaanee keessatti yeroo sadii utuu rafanii isaan arge. Achiis akkuma tasaa loltoonni isaan marsan. Yesusis: “Eenyuun barbaaddu?” isaaniin jedhe. Isaanis: “Yesus namicha biyya Naazireet” jedhan, Yesusis deebisee “Innoo, ana” jedhe. Yesus ‘yeroon inni itti ajjeefamu ga’uusaa’ waan beekeef: “Kanaaf ana barbaaddu yoo ta’e, isaan kana dhiisaa, haa dhaqan” jedhe. Yesus duuka buutotasaa ykn misirrootasaa warra fakkeenyaan ibsamaniif utuu hin yaadin hafee hin beeku; akkasumas karaa isaan rakkina keessaa itti ba’an isaaniif qopheessa ture. Abbootiin manaa, Yesus duuka buutotasaa akkamitti akka kunuunse qoruudhaan, seera bu’uuraa haadhotii manaasaanii itti kunuunsuu qaban argachuu danda’u.—Yohannis 18:1-9; Maarqos 14:34-37, 41.
Jaalalli Yesus Miirarratti Qofa Kan Hundaa’e Miti
16. Yesus Maartaadhaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Haata’u malee sirreeffama kan kenneef akkamitti?
16 Macaafni Qulqulluun, yeroo baay’ee manasaaniitti warra isa simachaa turan: “Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaarinis in jaallata ture” jedha. (Yohannis 11:5) Haata’u malee, Maartaan nyaata qopheessuurratti xiyyeeffachuudhaan karaa hafuuraa barumsa isarraa argattu dhabaa akka jirtu waan beekeef, Yesus isheedhaaf gorsa kennuurraa duubatti hin jenne. “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baay’eettis hammacamta. Kan barbaachisu waan tokkicha” jedheen. (Luqaas 10:41, 42) Yesus Maartaa waan jaallatuuf gorsa inni kenneef fudhachuuf akka itti hin ulfaanne homaa hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun, abbootiin manaa gaarummaadhaan, jaalalaafi jechoota gaarii filachuudhaan haadhotii manaasaanii kunuunsuu qabu. Haata’u malee, yeroo sirreeffamni barbaachisutti akkuma Yesus godhe dhoksaa malee isaanitti himuu qabu.
17, 18. (a) Phexros Yesusiin kan gorse akkamitti ture? Innoo sirreeffama argachuu kan isa barbaachise maaliifi? (b) Abbaan manaa itti gaafatamummaa akkamii qaba?
17 Yeroo garabiraattimmoo Yesus gara Yerusaalem dhaquudhaan “harka maanguddootaatiin, harka luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuun, ajjeefamuun, guyyaa sadaffaattis du’aa kaafamuun akka isa irra jiru” ergamootasaatti hime. Yeroo kanatti Phexros garuu gara bukkeetti isa qabuudhaan: “Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin ta’uuf” jechuudhaan isa gorsuutti ka’e. Kanarraa hubachuun akka danda’amutti ilaalchi Phexros miirarratti qofa kan hundaa’e ture. Yeroo kanatti Phexrosiif sirreeffamni kennamuu qaba ture. Kanaaf Yesus: “Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu” jedheen.—Maatewos 16:21-23.
18 Yesus rakkinni isarra ga’uunsaafi ajjeefamuunsaa jaalala Waaqayyoo akka ta’e ibseef. (Faarfannaa 16:10; Isaayaas 53:12) Kanaaf, Phexros Yesusiin gorsuunsaa sirrii hin turre jechuudha. Eeyyee, akkuma nuti darbee darbee sirreeffamni cimaan nu barbaachisu, Phexrosis sirreeffamni cimaan isa barbaachisee ture. Abbaan manaas mataa maatii waan ta’eef, haadha manaasaa dabalatee maatiisaa sirreessuuf aboofi itti gaafatama qaba. Sirreeffamni cimaan kennamuu kan qabu ta’us, sirreeffamni kun gaarummaafi jaalalaan kennamuu qaba. Yesus, ilaalchasaa akka sirreessu Phexrosiin akkuma gargaare, darbee darbee abbootiin manaa haadhotii manaasaanii gargaaruu qabu. Fakkeenyaaf, akkaataan uffannaa ykn miidhaginaashee gorsa Caaffata Qulqullaa’oorratti kennamerraa faallaa yoo ta’e, abbaan manaa gaarummaadhaan sirreeffama akka gootu isheetti himuunsaa barbaachisaadha.—1 Phexros 3:3-5.
Abbootiin Manaa Obsa Qabaachuunsaanii Barbaachisaadha
19, 20. (a) Waldhabiinsi ergamoota Yesus gidduutti ka’e maal ture? Yesus waldhabiinsa kanaaf furmaata kan kenne akkamitti? (b) Carraaqqiin Yesus hammam bu’a qabeessa ture?
19 Dogoggorri cimaan yoo uumame, abbootiin manaa gorsi gaarummaadhaan kennan atattamaan bu’aa argamsiisuu qaba jedhanii eeguu hin qaban. Yesus ilaalcha ergamootasaa sirreessuun yeroo baay’ee carraaqqii cimaa gochuu isa gaafateera. Fakkeenyaaf, yeroo Yesus ajjeefamuunsaa ga’ee turetti bartootasaa gidduutti wal morkiin uumamee ture. Isaan keessaa guddaan eenyu akka ta’e ilaalchisee wal falmanii turan. (Maarqos 9:33-37; 10:35-45) Utuu baay’ee hin turin yeroo lammaffaadhaaf dhimma kanarratti erga wal falmanii booda, Yesus ayyaana Faasikaa isa dhumaa isaanii wajjin kabajuuf qophii godhe. Yeroo sanatti, isaan keessaa eenyuyyuu hojii gad aanaafi yeroo sanatti beekamaa ture, jechuunis miilla warra kaanii isa awwaara uffate dhiquuf kan of qopheesse hin turre. Yesus garuu kana godheera. Achiis, ‘ani fakkeenya isiniif ta’eera’ jedheen.—Yohannis 13:2-15.
20 Yeroo baay’ee abbootiin manaa gad of deebisan akkasii, deggersaafi gargaarsa haadhotii manaasaanii argatu. Haata’u malee, obsi barbaachisaadha. Guyyuma ayyaana Faasikaa galgala, isaan keessaa guddaan eenyu akka ta’e wal falmiin ergamoota gidduutti ka’eera. (Luqaas 22:24) Ilaalchaafi amala ofiirratti jijjiirama gochuun yeroo fudhata. Ta’us, akkuma ergamoota Yesus, kana gochuun yeroo booda kan bu’aa argamsiise ta’uunsaa kan nama gammachiisu mitii?
21. Yeroo haalli rakkisaan baay’ate kanatti, abbootiin manaa maal akka yaadataniifi maal akka godhan gorfamaniiru?
21 Yeroo ammaatti, gaa’elli yeroo kamiyyuu caalaa balaarra bu’eera. Namoonni hedduun waadaa gaa’elaaf galan hin eegan. Kanaaf, abbootiin manaa haala itti gaa’elli hundaa’erratti xiinxaluu qabu. Gaa’ela kan hundeesseefi kan jalqabsiise Waaqa keenya isa nu jaallatu, jechuunis Yihowaa ta’uusaa yaadadhaa. Ilmisaa Yesus Furii ta’uudhaan akka nu Fayyisu qofa utuu hin ta’in, fakkeenya abbootiin maanaa hordofuu qaban akka ta’utti nuu kenneera.—Maatewos 20:28; Yohannis 3:29; 1 Phexros 2:21.
Maal Jettee Deebista?
• Gaa’ela kan hundeesse eenyu akka ta’e beekuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
• Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii akka jaallatan kan gorfaman karaawwan kamiini?
• Abbootiin manaa haadhotii manaasaaniirratti matummaa Kiristos argisiisee wajjin wal fakkaatu akka argisiisan kan isaan gargaaru, Kiristos bartootasaatiif kunuunsa akkamii gochuusaati?