Faarfannaa 31
Nuyi Dhugaa Baatota Yihowaati!
1. Dhagaaf mukaaf hojjetuu,
Waaqa dhugaa tuuffatuu.
Akkuma beekamuu,
Homtuu ‘san gituu.
Waaqayyoliin hin beekan
Wantoota booda ta’an.
Sobadha wanti ‘saan dubbatan,
Duwwaadha sammuu hin qaban.
(WALLEE)
Yihowaaf dhugaa baanaa;
Sodaa malee duubbannaa.
Waaqni keenya raajii dhugaatii;
Ni raawwata yeroottii
2. Maqaa Waaqaa labsinaa,
Olaantummaasaa himnaa.
Waa’ee Mootummaasaa
Hunda beeksisnaa.
Haa huubatan warri kaan
Birmaduu fida dhugaan.
Yoo karaa hafuuraa guddatan,
Yihowaa faarsu nu waliin.
(WALLEE)
Yihowaaf dhugaa baanaa;
Sodaa malee duubbannaa.
Waaqni keenya raajii dhugaatii;
Ni raawwata yeroottii.
3. Waa’eesaa dhugaa baanaa,
Arrabsoo irraa haqnaa.
Hamoota beeksisnaa,
Isa faarsinaa.
Araara argamsiisaa,
Kan fudhatuuf gorsasaa.
Lallabuun gammachuu nuu kennaa
Jireenyas ni argamsiisaa.
(WALLEE)
Yihowaaf dhugaa baanaa;
Sodaa malee duubbannaa.
Waaqni keenya raajii dhugaatii;
Ni raawwata yeroottii.
(Dabalataan Isa. 37:19; 55:11; His. 3:19 ilaali.)