Faarfannaa 10
“Kunoo, Ani Jira, Ana Ergi!”
1. Namoonni Waaqa arrabsu
Maqaa isaa ni salphisu.
Dadhabaafi hamaa jedhu.
‘Kan hin jirre’ isa godhu.
Eenyu maqaasaaf dhaabataa?
Eenyutu isa faarfataa?
“Ana ergi kunoo jiraa;
Hin deebi’u si faarsuurraa.
(WALLEE)
Eessa jira mirgi kan biiraa
Na ergi kunoo jiiraa.”
2. Waaqni hin adabu jedhan;
Homaa isa hin sodaatan.
Kaanis dhagaaf ni sagadu;
Qeesaariin bakkasaa godhu.
Hamoota eenyutu gorsaa?
Eenyuu guyyaa firdii labsaa?
“Ana ergi kunoo jiraa;
Sodaa maleen isaan gorsa.
(WALLEE)
Eessa jira mirgi kan biiraa
Na ergi kunoo jiiraa.”
3. Gaddaa jiru garraamonni
Waan lafa guuteef hamminni.
Qajeelota ni barbaaduu
Himuuf dhugaa nagaa fidu.
Eenyu isaan haa jabeessuu?
Qajeelummaa haa barsiisuu?
“Ana ergi kunoo jiraa.
Nan barsiisaa obsaan jaraa.
(WALLEE)
Eessa jira mirgi kan biiraa
Na ergi kunoo jiiraa.”
(Dabalataan Far. 10:4; His. 9:4 ilaali.)