Faarfannaa 34
Akka Maqaa Keenyaatti Jiraachuu
1. Waaqa Olaanaa, kan dandeessu hundaa,
Firdii, humnaaf jaalalliikee guddaa.
Madda dhugaafi ogummaa hundaatii,
Hundumaa ol argamtaa samiittii.
Sabnikee si tajaajiluun gammannaa;
Mootummaakee labsuu ni jaallannaa.
(WALLEE)
Dhugaa Baatuukee ta’uun waan guddaadha.
Kana haa raawwannu yeroo hundaa!
2. Tajaajilakeetti waliin hojjechuun
Tokko godha jaalalaaf nagaadhaan.
Dhugaa barsiisnee ulfinakee ibsuun
Nu gammachiisa ol ol si gochuun.
Yihowaa Abbaa, maqaakeen waamamuun,
Nuuf ulfinaa waa’eekee beeksisuun.
(WALLEE)
Dhugaa Baatuukee ta’uun waanguddaadha.
Kana haa raawwannu yeroo hundaa!
(Dabalataan Kes. 32:4; Far. 43:3; Dan. 2:20, 21 ilaali.)