Faarfannaa 137
Ija Jabina Nuu Kenni
Waaʼee kee yeroo dubbannu,
Maqaa kee yeroo himnu
Namoonni hedduun nu mormu
Nu salphisuus ni yaalu.
Nama sodaachuu mannaa,
Nuuf mala siif ajajamna.
Hafuura kee nuu laadhu maaloo;
Nu dhagaʼi si kadhanna.
(WALLEE)
Sodaa nu irraa balleessii;
Akka siif dhugaa baanu.
Addunyaan akka dhagaʼu
Ija jaboo haa taanu.
Armaagedoon dhihaateera,
Hammasitti ni lallabna,
Sodaa nu irraa balleessi
Sitti ’yyanna.
Sodaan nutti dha gaʼamus,
Nuti biyyoo dha beektaa.
Waadaan nu deggeruuf galte
Amansiisaa dha kattaa.
Ariʼatamaaf ceephoo
Doorsisa namaas ilaali.
Maqaa keetiin yeroo lallabnu
Haa jabaannu nu gargaari.
(WALLEE)
Sodaa nu irraa balleessii;
Akka siif dhugaa baanu.
Addunyaan akka dhagaʼu
Ija jaboo haa taanu.
Armaagedoon dhihaateera,
Hammasitti ni lallabna,
Sodaa nu irraa balleessi
Sitti ’yyanna.
(Dabalataan 1 Tas. 2:2; Ibr. 10:35 ilaali.)