FAARFANNAA 18
Furichaaf Galateeffachuu
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yihowaa si dura
dhaabbachuu dandeenye;
Jaalala kee guddaan
mirga kana arganne.
Akka jiraannuuf Ilma kee
nuu kennite.
Yoomiyyuu caalaa aarsaa
guddaa nuu kaffalte.
(BUUSAA)
Lubbuu isaa nuu kenneera.
Dhiigasaatiin furamneerra.
Garaa guutuun
si galateeffanna bara baraaf.
2. Yesuus fedhasaatiin
aarsaa nuu taʼeera.
Jaalalaan lubbuusaa
qulqulluu nuu kenneera.
Abdiiʼn qabnu turre
utuu dhufuu baatee;
Inni dhufee duʼarratti
aangoo nuu laate.
(BUUSAA)
Lubbuu isaa nuu kenneera.
Dhiigasaatiin furamneerra.
Garaa guutuun
si galateeffanna bara baraaf.
(Dabalataan, Ibr. 9:13, 14; 1 Phe. 1:18, 19 ilaali.)