Barri Hamaan Utuu Hin Dhufin Yihowaa Tajaajiluu
“Uumaa kee yaadadhu!”—LAL. 12:1.
1, 2. (a) Solomoon hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gorsa akkamii dargaggootaaf barreesse? (b) Gorsi kun Kiristiyaanota umrii waggoota 50mmaniifi isaa olii keessatti argamaniifis hojjechuu kan dandaʼu akkamitti?
SOLOMOON MOOTICHI hafuuraan geggeeffamee dargaggootaaf gorsa, “Barri hamaan utuu hin dhufin, . . . bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jedhu kenneera. ‘Bara hamaa’ kan jedhame maalidha? Solomoon yeroon dullumaa bara hamaa taʼuusaa ibsuuf fakkeenyaan kan dubbate siʼa taʼu, harki akka hollatu, miilli akka raafamu, ilkaan akka namarraa dhumu, iji sirriitti arguu akka dadhabu, gurri sirriitti dhagaʼuu akka didu, harriin mataarratti akka baʼuufi qaamni akka goophatu ibseera. Namni kamiyyuu Yihowaa tajaajiluu jalqabuuf hanga wantoonni kun isarra gaʼanitti eeguu hin qabu.—Lallaba 12:1-5 dubbisi.
2 Kiristiyaanonni umrii waggoota 50mmanii keessatti argaman ammayyuu humna qabu taʼa. Harrii qabaatanis, haalli fayyaasaanii sadarkaa Solomoon ibserra hin geenye taʼa. Obboloonni kun, gorsa Macaafa Qulqulluu dargaggootaaf kennameefi “Uumaa kee yaadadhu!” jedhu kanarraa faayidaa argachuu ni dandaʼuu? Gorsi kun hiika akkamii qaba?
3. Uumaa keenya yaadachuun maal dabalata?
3 Waggoota hedduudhaaf Yihowaa kan tajaajille taʼus, Uumaan keenya hammam guddaa akka taʼe dinqisiifannaadhaan yaaduun keenya gaariidha. Akkaataan jireenyi itti uumame dinqisiisaafi hubannaa ilmaan namootaatii ol kan taʼedha. Wantoonni Yihowaan uume hedduu waan taʼaniif carraa baayʼee jireenyatti gammaduuf nu dandeessisu qabna. Wantoota Yihowaan uumerratti yommuu yaadnu, dinqisiifannaan jaalala, ogummaafi humnasaatiif qabnu ni haaromfama. (Far. 143:5) Haataʼu malee, Uumaa keenya Isa Guddaa yaadachuun wantoota inni nurraa barbaadu yaadachuus ni dabalata. Wantoota akkasiirratti xiinxaluun keenya, hanga lubbuudhaan jirrutti hamma dandeenye Uumaa keenya tajaajiluudhaan galateeffannaa isaaf qabnu akka ibsinu nu kakaasa.—Lal. 12:13.
CARRAA ADDAA YEROO DULLUMAATTI NU EEGGATU
4. Kiristiyaanonni muuxannoo umrii dheeraa qaban gaaffii akkamii of gaafachuu dandaʼu? Maaliif?
4 Nama muuxannoo umrii dheeraa qabu yoo taate, ‘Ammayyuu humnaafi dandeettii muraasa waanan qabuuf, jireenyakoo keessatti maalfaa gochuun dandaʼa?’ jettee of gaafachuunkee gaariidha. Kiristiyaana muuxannoo qabu waan taateef, carraa namoonni kaan hin arganne qabda. Wanta Yihowaarraa baratte dargaggootaaf dabarsuu ni dandeessa. Muuxannoo yommuu Waaqayyoon tajaajiltu argatte warra kaaniif hiruudhaan isaan jajjabeessuu dandeessa. Daawit Mootichi carraa kana gochuu itti dandaʼu argachuuf kadhateera. Akkas jedhee barreesseera: “Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; . . . irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo taʼe illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!”—Far. 71:17, 18.
5. Kiristiyaanonni maanguddoota taʼan, wanta baratan warra kaaniif dabarsuu kan dandaʼan akkamitti?
5 Ogummaa waggoota hedduudhaaf kuufatte warra kaaniif hiruu kan dandeessu akkamitti? Tajaajiltoota Waaqayyoo dargaggoota taʼan manakeetti afeeruudhaan yaada isaan jajjabeessu maaliif itti hin himtu? Tajaajila akka si faana baʼan isaan afeeruudhaan, gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argatte isaanitti argisiisuu dandeessaa? Eliihuun, “Waggoonni in dubbatu, barri baayʼeenis ogummaa nama barsiisu” jechuudhaan dubbatee ture. (Iyo. 32:7) Phaawulos ergamaan, dubartoonni maanguddoon Kiristiyaanota taʼan, dubbiidhaan, akkasumas fakkeenya taʼuudhaan warra kaan akka jajjabeessan isaan gorsee ture. “Dubartoonni dullooman . . . wanta gaarii taʼe haa barsiisan” jechuudhaan barreesseera.—Tit. 2:3.
DANDEETTII QABDUTTI FAYYADAMUUDHAAN WARRA KAAN GARGAARI
6. Kiristiyaanonni muuxannoo umrii dheeraa qaban dandeettiisaanii akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?
6 Kiristiyaana muuxannoo umrii dheeraa qabdu taanaan dandeettii guddaa qabda jechuudha. Mee waaʼee wantoota amma hubatteefi waggoota 30 ykn 40 dura hin beeknee yaadi. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu jireenyakee keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu beekta. Dandeettii dhugaa Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan garaa namootaa tuquuf si gargaaru akka qabdus hin shakkisiisu. Jaarsa gumii yoo taatemmoo, obboloota murtoo dogoggoraa godhan akkamitti gargaaruu akka dandeessu beekta. (Gal. 6:1) Tariimmoo, hojiiwwan gumii, dippaartimantii walgaʼii gurguddaafi ijaarsa Galma Mootummaa qindeessuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe baratteetta taʼa. Doktooronni mala walʼaansaa dhiigatti utuu hin fayyadamin raawwatamutti akka fayyadaman jajjabeessuun akkamitti akka dandaʼamus baratteetta taʼa. Dhugaa kan dhageesse dhihootti yoo taʼellee, jireenyakee keessatti muuxannoo hedduu dabarsiteetta. Fakkeenyaaf, ijoollee guddisteetta yoo taʼe, gama kanaan muuxannoo gaarii qabda jechuudha. Kiristiyaanonni umrii dheeraa jiraatan, gama obboloota barsiisuu, geggeessuufi jajjabeessuutiin dandeettii gaarii qabu.—Iyoob 12:12 dubbisi.
7. Kiristiyaanonni umrii dheeraa jiraatan, leenjii faayida qabeessa taʼe akkamii dargaggootaaf kennuu dandaʼu?
7 Dandeettii qabdutti caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Tarii akkaataa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi qayyabsiisuun itti dandaʼamu dargaggootatti argisiisuu dandeessa taʼa. Obboleettii yoo taate, haadhotiin dargaggoota taʼan ijoolleesaanii kunuunsaa sochii hafuuraarratti hirmaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe yaada dhiheessuufii dandeessaa? Obboleessa yoo taatemmoo, obboloonni dhiiraa dargaggoota taʼan miira hoʼaadhaan haasaa dhiheessuufi misiraachicha labsuurratti caalaatti milkaaʼina argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuu dandeessaa? Obboloota dullooman deemtee gaafachuudhaan karaa hafuuraa jajjabeessuuf maalfaa akka gootu isaanitti argisiisuu dandeessaa? Akka kanaan duraa humna yoo qabaachuu baatteyyuu, carraa hedduu dargaggoota leenjisuuf si gargaaru qabda. Macaafni Qulqulluun, “Surraan dargaggootaa jabina isaanii ti, ulfinni maanguddootaa garuu harrii isaanii ti” jedha.—Fak. 20:29.
BAKKA LABSITOONNI CAALAATTI BARBAACHISANITTI TAJAAJILUU
8. Phaawulos erga dulloomee booda maalfaa raawwate?
8 Phaawulos erga dulloomee boodallee dandeettii qabutti guutummaatti fayyadamuudhaan Waaqayyoon tajaajileera. Dh.K.B. bara 61tti mana hidhaa Roomaatii ennaa baʼetti, tajaajila misiyoonummaa ulfaataa taʼerratti hirmaatee kan ture taʼuusaarrayyuu, Roomaa keessatti lallabuuf achuma jiraachuu qaba ture. (2 Qor. 11:23-27) Obboloonni magaalaa balʼaa sana keessa turan, deggersa inni itti fufiinsaan isaaniif godheef bakka guddaa akka kennan hin shakkisiisu. Taʼus Phaawulos, biyyoonni caalaatti gargaarsi isaan barbaachisu akka jiran hubatee ture. Ximotewosiifi Tiitoosii wajjin taʼuudhaan, adeemsa misiyoonummaasaarratti jalqaba gara Efesoon, ittaansuudhaan gara Qareexis, achiis gara Maqedooniyaa deemuu hin oolu. (1 Xim. 1:3; Tit. 1:5) Isphaaniyaa daawwachuufi dhiisuusaa beekuu baannus, daawwachuuf karoora baafatee ture.—Rom. 15:24, 28.
9. Phexros bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemee kan tajaajile yoom ture? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
9 Phexros bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan ennaa dhaqe umriinsaa 50 ol taʼuu dandaʼa. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Umriinsaafi kan Yesus walqixa ykn Phexros xinnoo kan caalu yoo taʼe, Dh.K.B. bara 49tti ergamoota Yesus Yerusaalem keessa turanii wajjin ennaa walgaʼii godhe umriinsaa gara waggaa 50 taʼa. (HoE. 15:7) Walgaʼiin sun godhamee yeroo muraasa booda, Baabilon keessa jiraachuuf kan deeme siʼa taʼu, kana kan godhe Yihudoota hedduu naannoo sana jiraataniif lallabuuf akka ture hin shakkisiisu. (Gal. 2:9) Dh.K.B. bara 62tti geggeessaa hafuuraatiin ergaasaa isa jalqabaa ennaa barreesse bakka kana jiraachaa ture. (1 Phe. 5:13) Biyya alagaa keessa jiraachuun rakkisaa taʼus, Phexros dullumni gammachuu Yihowaa guutummaatti tajaajiluudhaan argatu akka isa dhabsiisu hin heyyamne.
10, 11. Muuxannoo waaʼee obboloota erga dulloomanii booda naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilanii ibsu dubbadhu.
10 Yeroo harʼaas, Kiristiyaanonni umrii waggoota 50mmaniifi isaa ol keessatti argaman, haalli isaan keessa jiran akka jijjiirameefi karaa adda taʼeen Yihowaa tajaajiluu akka dandaʼan hubataniiru. Tokko tokko bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilu. Fakkeenyaaf, Roobarti akkas jechuudhaan barreesseera: “Aniifi haati manaakoo carraawwan akkamii akka qabnu kan hubanne walakkeessa umrii waggoota 50mmanii keessa ennaa turrettidha. Ilmi keenya of dandaʼuudhaan manaa baʼeera; abbaafi haadha dullooman, akkasumas kunuunsi keenya isaan barbaachisu hin qabnu turre; dhaala xinnoos argannee turre. Mana keenya yoo gurgurre, qarshii gaʼaa, qarshii liqeeffannee ittiin mana ijaarre deebisuufi hamman soorama baʼutti itti fayyadamuuf nu gargaaru argachuuf dhiisuu keenya shallageen ture. Booliiviyaa keessatti, namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qaban baayʼee akka taʼaniifi biyyichatti baasiin jireenyaa ulfaataa akka hin taane dhageenye. Kanaaf, deemuuf ni murteessine. Biyya haaraa deemne sanatti baruun salphaa hin turre. Wanti hundi isa Ameerikaa Kaabaatti barrerraa adda ture. Taʼus carraaqqiin keenya buʼaa guddaa nuuf argamsiiseera.”
11 Roobarti itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Yeroo ammaa jireenyi keenya sochii gumii keessaa wajjin kan wal qabatedha. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisne tokko tokko cuuphamaniiru. Maatiin nuti qayyabsiisne tokko mandara bakka nuti jirurraa kiilomeetira hedduu fagaatu keessatti jireenya gadaanaa jiraatu. Taʼus, miseensonni maatii kanaa hundi walgaʼii gumii magaalaatti godhamurratti argamuuf torban torbaniin karaa rakkisaa taʼerra deemanii dhufu. Maatiin kun guddina yeroo godhu, keessumaammoo mucaansaanii inni angafaa qajeelchaa taʼee tajaajiluu ennaa jalqabu arguun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera.”
NAANNOO NAMOONNI AFAAN BIYYA ALAA DUBBATAN JIRANITTI TAJAAJILUU
12, 13. Muuxannoo waaʼee obboleessa umrii sooramaarra erga gaʼee booda haala adda taʼeen Yihowaa tajaajiluu eegale tokkoo ibsu dubbadhu.
12 Gumiiwwaniifi tuutonni afaan biyya alaatiin geggeeffaman, fakkeenya obboloonni umrii dheeraa jiraatan argisiisanirraa faayidaa guddaa argachuu dandaʼu. Akkasumas, naannoo akkasiitti tajaajiluun kan nama gammachiisu taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Biriyen akkas jechuudhaan barreesseera: “Biritaaniyaatti umriikoo waggaa 65tti sooroma kanan baʼe siʼa taʼu, haadha manaakoo wajjin yeroo dheeraa dabarsuu jalqabne. Ijoolleen keenya lamaan of dandaʼuudhaan manaa baʼanii turan, akkasumas namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qaban argachuun rakkisaa ture. Achiis dargaggeessa biyya Chaayinaa yunivarsiitii biyya keenya keessatti argamutti qorannoo geggeessu tokkoo wajjinan wal arge. Afeerraa keenya fudhachuudhaan walgaʼiirratti argamuu kan jalqabe siʼa taʼu, anis Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisuun jalqabe. Torban muraasa booda, nama biyya Chaayinaa isa faana hojjetu tokko fidee dhufuu jalqabe. Torban lama booda, nama sadaffaa, achiis nama afuraffaa fidee dhufe.
13 “Namni inni shanaffaan qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akka geggeeffamuuf ennaa gaafatu, waggaa 65 guutuunkoo tajaajila Yihowaarraa soorama akka na hin baasne natti dhagaʼame. Kanaaf haati manaakoo isheen waggaa lama hangafuun afaan Chaayinaa barachuuf fedhii akka qabdun ishee gaafadhe. Afaan kana barachuuf sagantaa barumsaa waraabametti fayyadamna turre. Kun erga taʼee waggaan kudhan darbeera. Naannoo namoonni afaan biyya alaa dubbatan jiranitti tajaajiluun keenya dargaggummaan akka nutti dhagaʼamu godheera. Hanga ammaatti namoota biyya Chaayinaa gara 112 Macaafa qulqulluu qayyabsiisneerra! Baayʼeensaanii walgaʼiirratti ni argamu. Isaan keessaa inni tokko yeroo ammaa qajeelchaa taʼee nu faana tajaajilaa jira.”
WANTA DANDEESSU HOJJEDHU
14. Wanti Kiristiyaanota umrii dheeraa jiraataniif gammachuu argamsiisuu dandaʼu maalidha? Fakkeenyi Phaawulos kan isaan jajjabeessu akkamitti?
14 Kiristiyaanonni umrii waggoota 50mmanii keessatti argaman baayʼeen haala adda taʼeen tajaajila Yihowaarratti hirmaachuuf carraa gaarii kan qaban taʼus, kana gochuu kan dandaʼan hunda miti. Tokko tokko dhibee fayyaa kan qaban, kaanimmoo warrasaanii dullooman ykn ijoolleesaanii warra of hin dandeenye kan kunuunsan taʼuu dandaʼu. Karaa kamiinuu yoo taʼe, Yihowaan carraaqqii isa tajaajiluuf gootuuf bakka guddaa akka kennu beekuun gammachuu siif argamsiisuu dandaʼa. Kanaaf, wanta hojjechuu hin dandeenyerratti xiyyeeffachuudhaan abdii kutachuu mannaa, wanta hojjechuu dandeessu hojjedhu. Fakkeenya Phaawulos ergamaa ilaali. Waggoota hedduudhaaf Roomaa keessaa akka hin baane dhorkamee waan tureef, tajaajila misiyoonummaasaa itti fufuu hin dandeenye. Haataʼu malee, namoonni isa gaafachuu ennaa dhaqan waaʼee Caaffata Qulqullaaʼoo isaanitti himuudhaan amantiinsaanii akka jabaatu godha ture.—HoE. 28:16, 30, 31.
15. Kiristiyaanota umrii dheeraa jiraataniif bakki guddaan kennamuu kan qabu maaliifi?
15 Yihowaan tajaajila obboloonni umrii dheeraa jiraatan isaaf dhiheessanitti ni gammada. Solomoon umriin dullumaa yeroo gaarii akka taʼe ibsuu baatus, Yihowaan carraaqqii obboloonni dullooman isa tajaajiluuf godhaniif bakka guddaa kenna. (Luq. 21:2-4) Gumiiwwanis, obboloota waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniif bakka guddaa kennu.
16. Haannaa isheen maanguddoo turte carraawwan akkamii argachuu hin dandeenye? Taʼus Waaqayyoon waaqeffachuuf maalfaa gochuu dandeesseetti?
16 Macaafni Qulqulluun, dubartiin Haannaa jedhamtu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa akka turte dubbata. Yommuu Yesus dhalate, haadha hiyyeessaa waggaa 84 turte. Yeroo Yesus duuka buutotasaa filachuu eegale lubbuudhaan waan turte hin fakkaatu; kanaaf Kiristiyaanota dibamoo keessaa tokko hin taane ykn misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti hirmaachuu hin dandeenye. Taʼus, Haannaan wanta gochuu dandeessu hunda ni gooti turte. “Halkanii fi guyyaa . . . mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin Waaqayyoof sagadaa in hojjetti turte.” (Luq. 2:36, 37) Haannaan, yommuu lubni ganamaafi galgala mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsu, namoota hedduu wajjin oobdii mana qulqullummaa keessa dhaabattee gara saʼaatii walakkaadhaaf sagaleeshee utuu hin dhageessisin kadhannaa dhiheessiti turte. Yesusiin mucummaasaatti ennaa argite, ‘warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waaʼeesaa dubbachuu’ eegalte.—Luq. 2:38.
17. Obboloonni maanguddoota taʼaniifi dhibee fayyaa qaban, waaqeffannaa dhugaarratti akka hirmaatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
17 Yeroo harʼaa, Kiristiyaanota dullooman ykn dhibee fayyaa qaban gargaaruuf dammaqoo taʼuu qabna. Obboloonni kanaan dura walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti argamuu jaallatan tokko tokko amma akkas gochuu hin dandaʼan taʼa. Bakka tokko tokkotti gumiiwwan, obboloonni akkasii walgaʼiiwwan kana bilbilaan akka dhaggeeffataniif qophii godhaniiru. Bakka kaanittimmoo, akkas gochuun hin dandaʼamu taʼa. Haataʼu malee, isaanis waaqeffannaa dhugaa deggeruurratti hirmaannaa qabaachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, kadhannaan isaan dhiheessan milkaaʼina gumichaatiif gumaacha gochuu dandaʼa.—Faarfannaa 92:13, 14 dubbisi.
18, 19. (a) Kiristiyaanonni maanguddoota taʼan warra kaan hammam akka jajjabeessan hubachuu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Gorsa, “Uumaa kee yaadadhu!” jedhu hojiirra oolchuu kan dandaʼan eenyufaʼi?
18 Obboloonni maanguddoota taʼan warra kaan hammam akka jajjabeessan hin hubatan taʼa. Fakkeenyaaf, Haannaan waggoota sana hundatti amanamummaadhaan gara mana qulqullummaa dhaqaa kan turte taʼus, fakkeenyishee kun jaarraa hedduu boodallee warra kaaniif jajjabina akka taʼu hin beektu turte. Jaalalli Haannaan Yihowaadhaaf qabdu Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Obboloonni hidhata keessan taʼanimmoo jaalala isin Waaqayyoof qabdan matumaa akka hin irraanfanne beekamaadha. Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo, “Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti” jechuudhaan dubbachuunsaa kan nama ajaaʼibsiisu miti!—Fak. 16:31.
19 Tajaajila Yihowaa keessatti wanti hundi keenya hojjechuu dandeenyu muraasadha. Taʼus, obboloonni ammayyuu dandeettiifi jabina muraasa qabnu gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo isa, “Barri hamaan utuu hin dhufin, . . . uumaa kee yaadadhu!” jedhu haa qalbeeffannu!—Lal. 12:1.