FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | YOSEEF
“Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
YOSEEF gara dimimmisa galgalaa bakka biqiltuu isaa keessa dhaabachaa jira. Tarii muka tamirii ija godhatee fi mukkeen firii godhatan kan biraa, biqiltuuwwan kuusaa bishaanii keessatti biqilfaman ilaalaa jira; dallaa mana isaa gubbaadhaanis manni Faraʼoon xinnoo xinnoo isatti mulʼata. Sagaleen xinnoo xinnoo dhagaʼamu tokko mana isaa keessaa dhufee yeroo gurra isaa buʼu sitti haa mulʼatu; ilmi isaa Minaaseen obboleessa isaa isa xinnoo, Efreemiin kolfisiisaa jira. Yeroo kanatti wanti mana isaa keessatti taʼaa jiru yaadaan isatti mulʼachuu dandaʼa; yeroo ijoolleen isaa waliin taphatan, haati manaa isaa isaan ilaaltee yommuu kolfitu yaadaan ilaala. Achiis ni seeqa. Yoseef nama eebbifamaa taʼuu isaa beeka.
Yooseef ilma isaa isa angafa Minaasee jedhee moggaase; hiikni isaas irraanfachiisuu jechuu dha. (Uumama 41:51) Eebbi Waaqayyo waggoota dhihoodhaa asitti isa badhaase miidhaa mana abbaa isaa fi abbaa isaa yaaduun isa irraan geessise, akkasumas rakkina obboloonni isaa isa irraan geessisan akka isa irraanfachiise hin shakkisiisu. Jibbi obboloonni isaa angafaa isaaf qaban jireenya isaa jijjiireera. Isa cunqursaniiru, isa ajjeesuuf yaalaniiru, achiis akka garbaatti daldaltootatti isa gurguraniiru. Yeroo sanaa kaasee jireenya isaa keessatti jijjiiramni hedduun isa mudateera. Gara waggaa 12 garbummaadhaan, akkasumas mana hidhaatti dabarseera; yeroo mana hidhaa turetti yeroo fuuncaa sibiilaatiin itti hidhame illee qaba. Amma garuu biyya Gibxii ishee humna guddaa qabdu keessatti nama Faraʼoonitti aanee biyyattii bulchu taʼeera!a
Yoseef, wantoonni akkuma Yihowaan dursee dubbatetti yommuu raawwataman argeera. Biyyi Gibxii waggoota quufaa torban raajiidhaan dubbataman sana keessa kan jirtu siʼa taʼu, hojii midhaan kuusuu kan toʼatu Yoseefi dha. Yeroo kanatti haadha manaa isaa Asenaat jedhamtu irraa ilmaan lama godhate. Taʼus amma iyyuu, yeroo baayʼee maatii isaa warra kiilomeetira hedduu isa irraa fagaatanii jiran, keessumaa obboleessa isaa Beniyaamii fi abbaa isaa Yaaqoobiin ni yaada. Yoseef waaʼee nageenya isaanii yaaddaʼee taʼuu hin oolu. Tarii, ‘Obboloonni koo yaada isaanii isa hamaa jijjiirrataniiruu laata?’ ykn ‘Maatii koo wajjin nagaa uumee deebiʼee isaanii wajjin jiraachuu nan dandaʼaa laata?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa.
Nagaan maatii kee sababa hinaaffaa, wal ganuu ykn jibbaan booraʼee beeka taanaan, haalli Yoseefii wajjin wal si fakkeessu si mudatee beeka jechuu dha. Amantii Yoseef maatii isaa kunuunsuudhaan argisiise irraa barumsa akkamii arganna?
‘GARA YOSEEF DHAQAA’
Yoseefitti hojiin kan baayʼatu siʼa taʼu, utuu hin beekamin waggoonni hedduun darbaniiru. Akkuma Yihowaan abjuu Faraʼoonitti mulʼise irratti ibse, waggoota torban oomishni baayʼeen itti argametti aansee jijjiirama guddaatu taʼe. Midhaan ni bade! Utuma baayʼee hin turin biyyoota ollaa jiran hunda keessatti beelli ni kaʼe. Taʼus akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, “guutummaa biyya Gibxii keessa garuu nyaanni jira ture.” (Uumama 41:54) Wanti Yoseef geggeessaa Waaqayyootiin dursee dubbatee fi akkaataan inni wantoota haala gaariidhaan itti qindeesse warra Gibxii akka fayyade homaa hin shakkisiisu.
Warri Gibxii Yoseefiin akka galateeffatanii fi dandeettii qindeessuu inni qabu akka jajan hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, Yoseef eenyu iyyuu utuu hin taʼin, Waaqni isaa Yihowaan akka galateeffatamu barbaade. Dandeettii qabnu tokkotti gad of deebisuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf yoo itti fayyadamne, inni dandeettii keenya kanatti karaa wanta nuti yaadne irra caaluun akka itti fayyadamnu gochuu dandaʼa.
Yeroo booda garuu, beelli sun warra Gibxii irras ni gaʼe. Gargaarsaaf gara isaatti yeroo iyyanitti, Faraʼoon, “Gara Yoseef dhaqaatii, waan inni isiniin jedhu godhaa!” isaaniin jedhe. Kanaaf Yoseef gombisaa midhaan keessa kuufamee jiru banee isaanitti gurguruu jalqabe.—Uumama 41:55, 56.
Namoonni biyyoota ollaa garuu carraa akkasii hin arganne. Maatiin Yoseef warri kiilomeetira hedduu isa irraa fagaatanii Kanaʼaan keessa jiraatan baayʼee rakkachaa jiru. Yaaqoob inni baayʼee dulloome, Gibxii keessa midhaan akka jiru dhagaʼee dhaqanii akka bitaniif ilmaan isaa erge.—Uumama 42:1, 2.
Yaaqoob ilma isaa quxisuu Beniyaamiin qofa manatti hambisee ilmaan isaa kurnan erge. Yaaqoob wantoota hedduu kan irraanfate taʼus, Yoseefiin obboloota isaa warra angafaa dhaqee akka ilaaluuf yeroo erge sirriitti yaadata. Erga gaafa sanaatii Yoseefiin argee hin beeku. Obboloonni isaa warri hangafaa uffata Yoseef isa abbaan isaa akka isa jaallatu argisiisuuf isaaf hojjechiise fidanii dhufan; uffatichis ciccitee, akkasumas dhiigaan faalamee ture. Abbaan isaanii inni dulloome baayʼee kan gadde siʼa taʼu, mucaan koo bineensa hamaadhaan nyaatameera jedhee akka yaadu isa taasisan.—Uumama 37:31-35.
‘YOSEEF ABJUU ISA ABJUʼATEE TURE YAADATE’
Ilmaan Yaaqoob karaa dheeraa erga deemanii booda Gibxii gaʼan. Midhaan bitachuudhaaf yeroo gaafatan gara abbaa taayitaa mootummaa “Zaafenaat-Phaneʼaa” jedhamu tokkootti ergaman. (Uumama 41:45) Yeroo isa argan Yoseef taʼuu isaa baraniiru? Matumaa. Abbaa taayitaa Gibxii keessatti aangoo guddaa qabuu fi gargaarsi isaa isaan barbaachisu akka taʼetti qofa isa ilaalan. Kabaja isaanii argisiisuuf, akkuma yeroo sanatti baramaa ture, “hamma mataan isaanii lafa gaʼutti in qoommaʼaniif.”—Uumama 42:5, 6.
Yoseef hoo isaan bareeraa? Eeyyee, battalumatti isaan bare! Isa duratti yeroo qommaʼanitti, wanta ijoollummaa isaatti taʼee ture tokko yaadate. Macaafni Qulqulluun, Yoseef abjuu isa Yihowaan ijoollummaa isaatti isatti mulʼisee ture akka yaadate dubbata. Abjuun kun gara fuulduraatti obboloonni isaa akka isaaf qoommaʼan kan argisiisu ture. Wanta inni arge sun wanta amma taʼaa jiruu wajjin tokko dha. (Uumama 37:2, 5-9; 42:7, 9) Yoseef maal godha laata? Isaan simataa? Moo ijaa baʼa?
Yoseef miirri akkamii iyyuu yoo isatti dhagaʼame, miiraan kakaʼee tarkaanfii fudhachuu akka hin qabne beeka. Haalli akkasii akka uumamu kan godhe Yihowaa dha. Kaayyoo isaa wajjinis kan wal qabatu dha. Yihowaan sanyii Yaaqoobiin saba guddaa akka taasisu waadaa seenee ture. (Uumama 35:11, 12) Obboloonni Yoseef amma iyyuu amanamoo kan hin taane, hamootaa fi ofittoo yoo taʼan, kaayyoon Yihowaan sanyii Yaaqoobiif qabu balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa! Akkasumas miiraan kakaʼee tarkaanfii yoo fudhate, mana abbaa isaa keessatti rakkinni uumamuu dandaʼa; kun immoo abbaa isaa fi Beniyaamiin illee miidhuu dandaʼa. Haa taʼu malee, abbaan isaa fi obboleessi isaa kun lubbuudhaan iyyuu jiruu laata? Yoseef obboloota isaa kana qoree namoota akkamii akka isaan taʼan beekuu akka dandaʼutti, eenyummaa isaa ni dhokse. Wanta Yihowaan akka inni godhu barbaadu beekuu kan dandaʼus karaa kanaan taʼuu dandaʼa.
Tarii haalli akkasii si mudachuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, lollii fi wal qoqqooduun maatiiwwan yeroo harʼaa jiran keessatti babalʼateera. Haalli akkasii yeroo nu mudatu miiraan kakaanee tarkaanfii fudhachuuf qoramna taʼa. Taʼus, fakkeenya Yoseef hordofuudhaan Waaqayyo dhimmicha akkamitti akka qabnu akka barbaadu hubachuuf yaaluun keenya gaarii dha. (Fakkeenya 14:12) Miseensota maatii keenyaa wajjin nagaa qabaachuun barbaachisaa akkuma taʼe, Yihowaa fi Ilma isaa wajjin nagaa qabaachuun immoo caalaatti barbaachisaa akka taʼe yaadadhu.—Maatewos 10:37.
“QORAMTANII IN ILAALAMTU”
Yoseef obboloonni isaa namoota akkamii akka taʼan beekuuf, karaa garaa garaatiin isaan qoruu jalqabe. Isaan qoruu kan jalqabe dubbii jabaa isaanitti dubbachuudhaan siʼa taʼu, nama afaan isaaf hiikutti fayyadamee gaaddota ykn basaastota biyya biraatii dhufan akka taʼan dubbate. Isaanis basaastota akka hin taane mirkaneessuuf, waaʼee maatii isaani kan itti himan siʼa taʼu, quxisuun isaanis mana akka jiru dubbachuudhaan wanta inni baayʼee beekuu barbaadu itti himan. Yeroo kanatti Yoseef gammachuu isaa dhoksuuf yaale. Dhuguma obboleessi isaa inni quxisuun lubbuudhaan jiraa? Yoseef itti aansuudhaan maal gochuu akka qabu bareera. Obboleessa isaanii kana arguu akka qabu isaanitti himuudhaan, “Kanaan qoramtanii in ilaalamtu” jedheen. Isaan keessaa namni tokko hidhamee yoo achi ture, obboleessa isaanii isa quxisuu fiduuf manatti akka deebiʼan warra kaaniif akka heyyamu dubbate.—Uumama 42:9-20.
Yoseef afaan isaanii waan hin dhageenye isaanitti fakkaatee, walitti dudubbachuu fi cubbuu cimaa gara waggaa 20 dura hojjetaniif of ceephaʼuu jalqaban. “Nuyi dhuguma obboleessa keenyatti balleessineerra; lubbuun isaa isa keessatti dhiphachuu isaa utuma arginuu, utuma inni nu kadhatuus isa dhagaʼuu dinne; kanaaf dhiphinni kun nutti dhufe” jedhan. Yoseef wanta isaan jedhan kan dhagaʼe siʼa taʼu, akka isaan isa hin argineef achi garagalee booʼe. (Uumama 42:21-24) Taʼus, qalbii geddarachuu jechuun miidhaa gochi hamminaa tokko geessisetti gaabbuu jechuu qofa akka hin taane beeka. Kanaaf isaan qoruu isaa itti fufe.
Warra kaan mana isaanitti deebise; Shimiʼooniin garuu mana hidhaa turse. Qalqala isaan midhaan itti bitan keessas maallaqa akka dhoksan godhe. Ilmaan Yaaqoob mana erga gaʼanii booda, Beniyaam isa Yaaqoob baayʼee jaallatuu wajjin gara Gibxii deemuuf dhamaatii hedduu booda isa amansiisan. Gibxii yeroo gaʼan, qalqala isaanii keessatti horii akka argatanii fi guutummaa isaa deebisanii kaffaluu akka barbaadan hojjetaa Yoseefitti himan. Yaada kana dhiheessuun isaanii kan nama dinqisiisu taʼus, Yoseef amma iyyuu eenyummaa isaanii isa dhugaa beekuu barbaadeera. Beniyaamiin arguu isaatti miira isatti dhagaʼame dhoksaa, nyaata isaan afeere. Achiis, ammas midhaan fudhatanii gara mana isaaniitti akka deebiʼan kan godhe siʼa taʼu, qalqala Beniyaam keessa garuu xoofoon meetii dhokfamee ture.—Uumama 42:26–44:2.
Achiis Yoseef tarkaanfii fudhate. Obboloota isaa duukaa buʼanii akka qabanii fi xoofoo hattan jedhanii akka himatan godhe. Xooficha qalqala Beniyaam keessatti arganii, hunduma isaanii gara Yoseefitti fidan. Ammas obboloonni isaa namoota akkamii akka taʼan beekuuf carraa argate. Yeroo kanatti, Yihudaan obboloota isaa bakka buʼee dubbachuu jalqabe. Dhiifama akka isaaniif godhu kan kadhate siʼa taʼu, 11n isaanii iyyuu Gibxiitti garboota taʼuuf illee akka of dhiheessan dubbate. Yoseef garuu Beniyaam qofti garba taʼee Gibxiitti akka hafuu fi warri kaan biyya isaaniitti akka deebiʼan isaanitti hime.—Uumama 44:2-17.
Yihudaan garuu haala garaa namaa tuquun dubbachuu jalqabe. “Ijoollee haati isaa deesse keessaa mucichi duwwaan waan hafeef, abbaan isaa caalaa isa in jaallata” jedhe. Wanti inni dubbate garaa Yoseef tuqee taʼuu qaba; Yoseef ilma angafaa Raahel ishee Yaaqoob baayʼee jaallatuu fi utuu Beniyaamiin deessuu duutee ti. Yoseef akkuma abbaa isaa yeroo baayʼee Raaheliin ni yaadata. Walitti dhufeenyi addaa isaa fi Beniyaam gidduu jiru kun caalaatti akka isa jaallatu isa taasisuun isaa hin oolu.—Uumama 35:18-20; 44:20.
Yihudaan, Beniyaamiin akka garba hin godhanne cimsee Yoseefiin kadhachuu isaa itti fufe. Iddoo Beniyaam garba taʼuuf illee of dhiheesse. Dhuma irrattis haala garaa namaa tuquun isa kadhate. “Wanta hamaa abbaa koo irra gaʼu akkan hin arginetti, mucichi na bira hin jiru yoo taʼe, ani gara abbaa kootti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe. (Uumama 44:18-34) Kun akka inni jijjiirame kan argisiisu dha. Qalbii akka geddarate qofa utuu hin taʼin, gara laafinaa fi amala ofittummaa irraa bilisa taʼe akka qabu argisiiseera.
Yoseef kana caalaa of toʼachuu waan hin dandeenyeef, miira isaa isa ukkaamamee ture gadhiise. Hojjettoota isaa hunda erga gadi baasisee booda, hamma sagaleen isaa mana mootummaa Faraʼoonitti dhagaʼamutti sagalee isaa ol kaasee booʼe. Dhuma irrattis, “Ani Yoseef obboleessa keessan[i]” jechuudhaan eenyummaa isaa beeksise. Obboloota isaa baayʼee naʼanii jiran kan hammate siʼa taʼu, wanta isaan kanaan dura isa irratti raawwatan hundaaf gaarummaadhaan dhiifama isaaniif godhe. (Uumama 45:1-15) Haala kanaan fakkeenya Yihowaa isa dhiifamni isaa daangaa hin qabnee akka hordofu argisiiseera. (Faarfannaa 86:5) Nuti hoo akkas ni goonaa?
YOSEEF ABBAA ISAA WAJJIN WAL ARGE
Faraʼoon wanta mana Yoseef keessatti taʼaa jiru guutummaa isaa yeroo dhagaʼu, Yooseef abbaa isaa isa dulloomee fi guutummaa maatii isaa gara Gibxiitti akka fidu isa afeere. Sana booda baayʼee utuu hin turin Yoseef abbaa isaa isa baayʼee jaallatuu wajjin wal arge. Yaaqoob imimmaan isaa dhangalaasaa, “Ani amma fuula kee argee fayyaatti jiraachuu kees ergan beekee, yoon duʼe iyyuu duʼe hin jedhu!” jedhe.—Uumama 45:16-28; 46:29, 30.
Haa taʼu malee Yaaqoob sana booda Gibxii keessa waggaa 17f jiraateera. Sana booda hamma ilmaan isaa 12n eebbisutti lubbuudhaan jiraateera. Eebbi isaa kun raajii of keessaa qaba. Yooseef isa ilma isaa 11ffaa taʼeef eebba dachaa kan kenne siʼa taʼu, yeroo kaan eebbii akkasii ilma angafaatiif kennama. Gosoonni Israaʼel lama isa irra dhufan. Yihudaa isa ilma arfaffaa taʼee fi obboloota isaa dura buʼuudhaan qalbii geddarachuu isaanii beeksiseef hoo? Eebba guddaa kan argate siʼa taʼu, Masiihichi karaa sanyii isaa dhufe!—Uumama boqonnaa 48 fi 49.
Yaaqoob umurii waggaa 147tti yeroo duʼe obboloonni isaa, obboleessi isaanii inni aangoo guddaa qabu kun ijaa waan isaan baʼu itti fakkaatee ni sodaatan. Yoseef garuu jaalalaan kakaʼee, akka isaan hin miine isaaniif mirkaneesse. Maatiin isaa gara Gibxiitti akka godaanan kan godhe Yihowaa waan taʼeef, obboloonni isaa wanta uumamee ture ilaalchisee gaabbiin isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Yoseef itti aansuudhaan gaaffii barbaachisaa taʼe isaan gaafate. “Anatu iddoo Waaqayyootti ilaalamaa ree?” isaaniin jedhe. (Uumama 15:13; 45:7, 8; 50:15-21) Yoseef, Yihowaa akka abbaa seeraa mudaa hin qabneetti ilaala. Erga akkas taʼee, Yoseef namoota Waaqayyo dhiifama isaaniif godhe adabuuf mirga maalii qaba ree?—Ibroota 10:30.
Namootaaf dhiifama gochuun sitti ulfaatee beekaa? Keessumaa namni tokko taʼe jedhee yeroo nu miidhutti akkas gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namoota garaadhaa qalbii geddarataniif dhiifama yoo goone, nuyis taane namoonni kaan akka hin miidhamne gochuu dandeenya. Akkasumas fakkeenya Yoseefii fi fakkeenya Abbaa isaa Yihowaa isa araara qabeessa taʼee hordofuu dandeenya.
a Masaraa Eegumsaa maxxansa Amajjii-Bitootessa 2015 irraa mata duree, “Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa” jedhu ilaali.