GAAFFII DUBBISTOOTAA
Magaalaan Yerikoo durii utuu yeroo dheeraadhaaf hin marfamin akka moʼamte wanti ragaa taʼu maali dha?
Iyaasuu 6:10-15, 20 akka dubbatutti, loltoonni Israaʼel guyyoota jaʼaaf guyyaatti siʼa tokko magaalaa Yerikoo naannaʼanii turan. Guyyaa torbaffaatti siʼa torba magaalattii kan naannaʼan siʼa taʼu, Waaqayyo masaraawwan Yerikoo ciccimoo taʼan akka jigan godheera. Kunis Israaʼeloonni gara Yerikoo seenanii magaalatti akka qabatan isaan dandeessiseera. Wanti Kitaabni Qulqulluun Yerikoon yeroo gabaabaa keessatti toʼannaa jala akka oolte dubbatu dhugaa taʼuu isaa ragaan arkiʼooloojii mirkaneessu jiraa?
Bara duriitti loltoonni, magaalaa cimtuu taate tokko marsuun isaanii baramaa ture. Magaalaa tokkotti marsanii kan turan yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, loltoonni moʼan midhaan hafe kam iyyuu dabalatee qabeenya magaalattii ni boojiʼu turan. Haa taʼu malee, arkiʼooloojistoonni jijjigaa Yerikoo keessatti kuusaa midhaanii hedduu argataniiru. Kana ilaalchisee, Biblikaal Arkiʼooloojii Riiviiw akkana jedheera: “Qodaawwan supheetiin alatti wantoota jijjigaa magaalattii keessaa argaman keessaa hedduun isaa midhaan ture. . . . Kun seenaa arkiʼooloojii Phaalasxiinaa keessatti wanta adda taʼe dha. Tarii midhaan hubboo tokko ykn lama kan argamu taʼus, midhaan hamma kana baayʼatu argachuun baramaa miti.”
Akka Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhanitti, Israaʼeloonni midhaan Yerikoo keessa ture boojiʼuu dhiisuuf sababii qabu turan. Yihowaan akkas akka hin goone isaan ajajee ture. (Iya. 6:17, 18) Israaʼeloonni magaalattii kan marsan tibba haamaa midhaan baayʼeen itti jiraatu booda ture. (Iya. 3:15-17; 5:10) Yerikoo keessatti midhaan baayʼeen kan hafe taʼuun isaa, akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhutti Israaʼeloonni magaalattii kan marsan yeroo gabaabaadhaaf taʼuu isaa argisiisa.