FAARFANNAA 151
Isaan ni Waama
1. Lubbuun keenya akkuma hurrii ti,
Har’aaf qofa jiraatti.
Tasa baduu dandaʼa eenyummaan;
Gaddaan yaaʼa imimmaan.
Ni kaʼaa laata, yoo duʼe namni?
Abdii kenneera Waaqni:
(BUUSAA)
Ni waama; isaaf owwaatu.
Lubbuudhaan ni jiraatu.
Innis hojii harkasaa
Ni yaada, duʼaa kaasa.
Amani, homaa hin shakkin,
Yihowaan duʼaa kaasa.
Bara baraaf jiraanna,
Waan taaneef uumamasaa.
2. Duʼanis warri Waaqni jaallatu,
Inni ʼsaan hin dagatu.
Warra jiran yaadannoosaa keessa,
Hirribaa ni dammaqsa.
Achiis jireenya dhugaa dhandhamna,
Bara baraaf jiraanna.
(BUUSAA)
Ni waama; isaaf owwaatu.
Lubbuudhaan ni jiraatu.
Innis hojii harkasaa
Ni yaada, duʼaa kaasa.
Amani, homaa hin shakkin,
Yihowaan duʼaa kaasa.
Bara baraaf jiraanna,
Waan taaneef uumamasaa.
(Dabalataan, Yoh. 6:40; 11:11, 43; Yaq. 4:14 ilaali.)