A3
Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?
Qaamni Kitaaba Qulqulluu barreessisee fi madda isaa taʼe, hanga harʼaatti akka turus godheera. Yaanni armaan gaditti argamu akka barreeffamu kan godhe isa dha:
“Dubbiin Waaqa keenyaa . . . bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”—Isaayyaas 40:8.
Barreeffamoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraama ykn Afaan Giriikii warri jalqabaa yeroo ammaatti kan hin argamne taʼus, yaanni kun dhugaa dha. Kitaabni Qulqulluun yeroo harʼaatti argamu yaada jalqabaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kan qabate taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
GARAGALCHITOONNI DUBBIIN WAAQAYYOO EEGAMEE AKKA TURU GODHANIIRU
Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa ilaalchisee barsiifata Waaqayyo akka jiraatu godhe, jechuunis ajaja inni barreeffamichi akka garagalfamu kenne irraa deebii arganna.b Fakkeenyaaf, Yihowaan mootonni Israaʼel Seera isa barreeffamaan jiru ofii isaaniitiif akka garagalfatan ajaja kennee ture. (Keessa Deebii 17:18) Kana malees, Seericha eeganii akka tursanii fi sabicha akka barsiisaniif Leewwotaaf itti gaafatamummaa kenneera. (Keessa Deebii 31:26; Nahimiyaa 8:7) Yihudoonni Baabilonitti boojuudhaan erga fudhatamanii booda gareen garagalchitootaa ykn barreessitootaa (Sooferiim) ni hundeeffame. (Izraa 7:6, miiljalee) Yeroo booda garagalchitoonni kun kitaabota Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa 39 baayʼinaan garagalchaniiru.
Jaarraawwan hedduudhaaf barreessitoonni of eeggannoodhaan kitaabota kana garagalchaniiru. Bara Giddu Galeessaatti gareen barreessitootaa Yihudii Maasoreetota jedhaman barsiifata kanatti fufaniiru. Barreeffama Maasoreetotaa guutuun inni umurii dheeraa qabu Leeniingiraad Koodeeksi yeroo taʼu, Dh.K.B. bara 1008/1009tti qophaaʼe. Haa taʼu malee, giddu galeessa jaarraa 20ffaatti barreeffamoonni ykn ciccitaawwan Kitaaba Qulqulluu gara 220 taʼan Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa keessatti argamaniiru. Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu kun Leeniingiraad Koodeeksi qophaaʼuu isaa waggaa kuma tokko dura kan qophaaʼani dha. Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa fi Leeniingiraad Koodeeksi yeroo wal bira qabnu qabxii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko hubanna: Jechoonni Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa keessa jiran tokko tokko adda taʼanis, garaa garummaan kun ergaa isaa irratti jijjiirama fidu hin qabu.
Waaʼee kitaabota Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii 27n hoo maal jechuutu dandaʼama? Kitaabota kana jalqaba irratti kan barreessan ergamoota Yesuusii fi barattoota jalqabaa keessaa muraasa turan. Kiristiyaanonni jalqabaas barsiifata barreessitoota Yihudii hordofuudhaan kitaabota kana garagalchaniiru. (Qolosaayis 4:16) Mootii Roomaa kan ture Diyooqlaaxiyaanii fi warri kaan barreeffamoota Kiristiyaanotaa durii balleessuuf kan yaalaan taʼus, ciccitaawwanii fi barreeffamoonni bara durii kumaan lakkaaʼaman hanga harʼaatti eegamanii turuu dandaʼaniiru.
Barreeffamoonni Kiristiyaanotaa afaanota biraattis hiikamaniiru. Afaanota bara durii Kitaabni Qulqulluun itti hiikame keessaa muraasni Armeeniyaa, Giʼiizii, Joorjiyaa, Kooptikii, Laatiinii fi Siiriyaakii turan.
BARREEFFAMOOTA AFAAN IBROOTAA FI GIRIIKII HIIKKAADHAAF QOPHEESSUU
Jechoota wal fakkaatan kan qaban barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu bara durii hunda miti. Maarree, barreeffamni inni jalqabaa maal akka qabate akkamitti beekuu dandeenya?
Haalli isaa barsiisaa barattoonni 100 taʼan boqonnaa kitaaba tokko irra jiru akka garagalchan gaafatee wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Boqonnaan inni jalqabaa utuu badee illee barreeffamoota garagalfaman 100n sana wal bira qabuudhaan barreeffamni jalqabaa maal akka fakkaatu beekuun ni dandaʼama. Tokkoon tokkoon barattootaa dogoggora muraasa raawwachuu dandaʼu; taʼus, barattoonni hundi dogoggora wal fakkaatu raawwatu jechuun hin dandaʼamu. Haaluma wal fakkaatuun hayyoonni ciccitaawwanii fi kooppiiwwan kitaabota Kitaaba Qulqulluu bara durii kumaan lakkaaʼaman yeroo wal bira qaban dogoggora garagalchitoonni uuman adda baasuudhaan barreeffamni inni jalqabaa maal akka fakkaatu murteessuu dandaʼu.
“Barreeffamni durii kan biraan ergaan isaa akka kanaatti sirriitti darbe hin jiru jechuun ni dandaʼama”
Yaadawwan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu warra jalqabaa keessa jiran sirriitti akka nu bira gaʼan akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa ilaalchisee hayyuun Wiiliyaam Heenarii Giriin jedhaman, “Barreeffamni durii kan biraan ergaan isaa akka kanaatti sirriitti darbe hin jiru jechuun ni dandaʼama” jedhaniiru. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii isa Kakuu Haaraa jedhamee beekamu ilaalchisee immoo hayyuun Kitaaba Qulqulluu Ferediriik Biruus, “Barreeffama Kakuu Haaraa keenya ilaalchisee ragaan jiru ragaa barreeffamoonni durii namoonni kaan barreessan qaban kan caalu dha; taʼus barreeffamoonni kun dhugaa taʼuu isaanii ilaalchisee namni gaaffii kaasuuf yaadu illee hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Itti dabaluudhaanis, “Kakuu Haaraan utuu barreeffama kan biraa taʼee, namni dhugaa taʼuu isaa shakku hin jiru ture” jedhaniiru.
Barreeffama Afaan Ibrootaa: Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Hiika Addunyaa Haaraa (1953-1960) Biibiliyaa Hibraayikaa isa Ruudoolfi Kiitil qopheesse irratti kan hundaaʼe dha. Sana booda maxxansawwan barreeffamoota Afaan Ibrootaa fooyyeffaman, jechuunis Biibiliyaa Hibraayikaa Istaatgaartensiyaa fi Biibiliyaa Hibraayikaa Kuwiintaa jedhaman warri qorannoo Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa fi barreeffamoota durii kaan irratti dhiheenyatti godhame qabatan qophaaʼaniiru. Barreeffamoonni qorannoo cimaadhaan qophaaʼan kun keessa isaaniitti Leeniingiraad Koodeeksii kan fayyadaman yeroo taʼu, miiljalee irratti immoo jechoota maddawwan kan biroo kan akka Peentaatukii Samaariyaa, Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa, Saptuujantii Giriikii, Taargamii Afaan Aaraam, Vuulgeetii Laatiinii fi Peeshiitaa Siiriyaakii irra jiran akka filannootti kaaʼaniiru. Hiikni Addunyaa Haaraa inni yeroo ammaa jiru yeroo qophaaʼetti, Biibiliyaa Hibraayikaa Istaatgaartensiyaanii fi Biibiliyaa Hibraayikaa Kuwiintaan ilaalamaniiru.
Barreeffama Afaan Giriikii: Xumura jaarraa 19ffaatti hayyoonni Biruuk Foos Weestikootii fi Feentan Joon Aantonii Hoorti jedhaman barreeffama Afaan Giriikii isa ergaa barreeffama isa jalqabaa akka gaariitti dabarsa jedhanii yaadan yeroo qopheessanitti, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu fi ciccitaawwan yeroo ammaatti argaman wal bira qabaniiru. Walakkaa jaarraa 20ffaatti Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa hojii hiikkaa isaatiif barreeffama kana buʼuura godhateera. Paappirasoonni durii Dh.K.B. jaarraa lammaffaa ykn sadaffaatti akka qophaaʼan yaadamanis hojii irra oolaniiru. Yeroo sanaa kaasee Paappirasoonni hedduun argamaniiru. Dabalataanis, barreeffamoonni buʼuuraa kan akka Neestilii fi Alaandiin, akkasumas Waldaalee Kitaaba Qulqulluu Gamtoomaniin qophaaʼan qorannaawwan dhiheenyatti argamanitti fayyadamaniiru. Buʼaawwan qorannoo kanaa tokko tokko hiikkaa kana keessatti dabalamaniiru.
Barreeffamoota buʼuuraa kana irratti hundaaʼuudhaan, caqasoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii hiikkaawwan durii, kan akka Kiingi Jeemsi Varshin keessatti argaman kan yeroo booda garagalchitoonni itti dabalan malee kutaa Kitaabota Qulqulluu geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii akka hin taane beekameera. Haa taʼu malee, akkaataan hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessatti caqasootaaf lakkoofsi itti kenname jaarraa 16ffaa irraa eegalee hojii irra oolaa waan jiruuf, caqasoonni kun haqamuun isaanii Kitaabota Qulqulluu hedduu keessatti bakki duwwaan akka jiraatu godheera. Caqasoonni kun Maatewos 17:21; 18:11; 23:14; Maarqos 7:16; 9:44, 46; 11:26; 15:28; Luqaas 17:36; 23:17; Yohaannis 5:4; Hojii Ergamootaa 8:37; 15:34; 24:7; 28:29 fi Roomaa 16:24 dha. Caqasoonni haqaman kun hiikkaa kana keessatti miiljaleedhaan ibsamaniiru.
Xumurri dheeraan Maarqos 16 (lakkoofsa 9-20), xumurri gabaabaan Maarqos 16, akkasumas yaanni Yohaannis 7:53–8:11 irratti argamu barreeffamoota jalqabaa irratti akka hin argamne ifa dha. Kanaafuu, caqasoonni dogoggoraa kun hiikkaa kana keessatti hin dabalamne.c
Yaadawwan tokko tokko immoo wanta akka walii galaatti beektonni barreeffama isa jalqabaa akka ibsutti amananii wajjin haala wal simuun itti dabalamaniiru. Fakkeenyaaf, barreeffamoota tokko tokko irratti, Maatewos 7:13, “Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa; karri badiisatti geessu balʼaa dha, daandiin isaas guddaa dha” jedha. Maxxansawwan Hiika Addunyaa Haaraa kanaan dura qophaaʼan irra jechi “karri” jedhu hin jiru ture. Haa taʼu malee, ragaawwan barreeffamoota durii qorachuudhaan argaman “karri” kan jedhu barreeffama isa durii keessa akka jiru mirkaneesseera. Kanaafuu, maxxansa isa ammaa keessatti dabalameera. Fooyyaʼiinsi hedduun kanaa wajjin wal fakkaatus godhameera. Haa taʼu malee, sirreeffamoonni kun baayʼee xinnoo waan taʼaniif ergaa buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irratti jijjiirama hin fidan.
a Kana booda Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa jedhamee ibsama.
b Sababiin barreeffamoonni durii kun garagalfamuun isaanii itti barbaachise keessaa inni tokko wantoota salphaatti baduu dandaʼan irratti barreeffamuu isaanii ti.
c Caqasoonni kun dogoggora kan jedhaman maaliif akka taʼe miiljaleewwan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa bara 1984 (Ingiliffa) qophaaʼe irraa ibsa dabalataa argachuu dandeessa.