A5
Maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii Keessatti
Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu maqaan dhuunfaa Waaqayyoo, inni Tetiraagiraamaataniidhaan (יהוה) barreeffame, Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa isa jalqabaa keessatti gara siʼa 7,000 akka argamu irratti walii galu. Haa taʼu malee, hedduun isaanii maqaan kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii isa jalqabaa keessatti hin argamu jedhanii yaadu. Kanaan kan kaʼes, hiikkaawwan kakuu haaraa yeroo harʼaa jiran hedduu keessatti maqaan Yihowaa jedhu hin argamu. Yaada Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa fudhatamee fi maqaa Waaqayyoo qabu yeroo hiikanitti illee, hiiktonni hedduun maqaa Waaqayyootti utuu hin taʼin, maqaa ulfinaa “Gooftaa” jedhutti fayyadamu.
Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa garuu akkaataa baramaa taʼe kanatti hin fayyadamne. Kitaabni kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti walumaa galatti maqaa Waaqayyootti al 237 fayyadameera. Namoonni hojii hiikkaa kana hojjetan, maqaa kanatti kan fayyadaman wantoota barbaachisoo taʼan lama tilmaama keessa galchuudhaani: (1) Barreeffamni Afaan Giriikii durii yeroo ammaatti argamu isa jalqabaa miti. Koppiiwwan yeroo harʼaa jiranii fi kumaan lakkaaʼaman keessaa, hedduun isaanii kan qophaaʼan yoo xinnaate barreeffamni inni jalqabaa erga qophaaʼee jaarraa lama booda dha. (2) Yeroo sanatti, namoonni barreeffamoota kana garagalchan Tetiraagiraamaatanii kana jecha Afaan Giriikii Kiiriyoos jedhuu fi hiika “Gooftaa” jedhu qabuun bakka buusaniiru ykn barreeffamoota maqaa ulfinaa kanatti fayyadaman irraa garagalchaniiru.
Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, ragaan amansiisaa taʼee fi Tetiraagiraamaataniin barreeffamoota Afaan Giriikii warra jalqabaa keessa jiraachuu isaa argisiisu akka jiru mirkanaaʼaa dha. Murtoo kana irra kan gaʼe ragaa armaan gadii irratti hundaaʼee ti:
Koppiin Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa bara Yesuusii fi ergamoota isaatti faayidaa irra oolaa ture, Tetiraagiraamaatanii qaba ture. Kanaan dura namoonni muraasni yaada kana mormaa turan. Amma garuu koppiin Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa jaarraa tokkoffaatti faayidaa irra oolaa ture naannoo Kumraanitti waan argameef, yaadni kun dhugaa taʼuun isaa guutummaatti mirkanaaʼeera.
Bara Yesuusii fi ergamoota isaatti Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa gara Afaan Giriikiitti hiikaman keessattis Tetiraagiraamaataniin ni argama ture. Jaarraa hedduudhaaf hayyoonni, Tetiraagiraamaataniin Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa gara Saptuujantii Giriikiitti hiikaman keessatti hin argamu jedhanii yaadu turan. Walakkaa jaarraa 20ffaatti, hayyoonni ciccitaa Saptuujantii Giriikii bara Yesuusitti ture argataniiru. Ciccitaan barreeffama kanaa maqaa Waaqayyoo qubee Afaan Ibrootaatiin barreeffame qaba. Kanaafuu, barreeffamoonni Afaan Giriikii bara Yesuusitti turan maqaa Waaqayyoo qabu turan. Haa taʼu malee, Dh.K.B. jaarraa 4ffaatti Saptuujantiin Giriikii beekamoon kanneen akka Koodeeksii Vaatikaanasii fi Koodeeksii Siinaayitiikas, Uumamaa jalqabee hanga Miilkiyaasitti (iddoo maqaan kun barreeffamoota duraanii irra turetti) maqaa Waaqayyootti hin fayyadamne. Kanaafuu, barreeffamoota durii bara sanaa kaasee turan keessatti, maqaan Waaqayyoo kutaa Kitaaba Qulqulluu isa Kakuu Haaraa jedhamu ykn Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessaa dhabamuun isaa kan nama dinqisiisu miti.
Yesuus, “Ani maqaa Abbaa kootiinan dhufe” jechuudhaan ifatti dubbateera. Wanta hundumaas ‘maqaa Abbaa isaatiin’ akka hojjete ibseera
Yesuus maqaa Waaqayyoo fayyadamaa akka turee fi maqaa kana warra kaanittis akka beeksise Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti gabaafameera. (Yohaannis 17:6, 11, 12, 26) Yesuus, “Ani maqaa Abbaa kootiinan dhufe” jechuudhaan ifatti dubbateera. Wanta hundumaas ‘maqaa Abbaa isaatiin’ akka hojjete ibseera.—Yohaannis 5:43; 10:25.
Kitaabonni Qulqulluun Afaan Giriikii akkuma Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa, kutaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman erga taʼanii, maqaan Yihowaa Kitaaba kana keessaa dhabamuun isaa kan nama amansiisu miti. Dh.K.B. walakkeessa jaarraa tokkoffaatti Yaaqoob baratichi jaarsolii Yerusaalem keessa turaniin akkas jedheera: “Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif akkamitti xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti akka naannesse Simiʼoon akka gaariitti ibseera.” (Hojii Ergamootaa 15:14) Namoota jaarraa tokkoffaatti turan keessaa namni maqaa Waaqayyoo beeku ykn itti fayyadamaa ture hin jiru utuu taʼee, Yaaqoob yaada kana dubbachuun isaa hiika hin qabaatu ture.
Maqaan Yihowaa Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti bifa gabaajeetiin ni argama. Mulʼata 19:1, 3, 4, 6 irratti jecha, “Halleeluyaah” jedhu keessatti maqaan Waaqayyoo ni argama. Jechi kun jecha Afaan Ibrootaa kallattiidhaan hiika, “Yaahiin jajadhaa” jedhu qabu irraa dhufe. Jechi “Yaah” jedhu gabaajee maqaa Yihowaa jedhuu ti. Maqaawwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessa jiran hedduun maqaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabatani dha. Barreeffamoonni tokko tokko akka ibsanitti maqaan Yesuus iyyuu hiika, “Yihowaan Fayyina Dha” jedhu qaba.
Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan barreeffamoota isaanii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamaa akka turan, barreeffamoonni Yihudootaa durii ni argisiisu. Kitaabni Za Tooseftaa jedhamu inni seerawwan Yihudootaa afaaniin dubbataman qabatee fi Dh.K.B. bara 300tti barreeffamee xumurame, barreeffamoota Kiristiyaanotaa guyyaa Sanbataatti gubaman ilaalchisee akkana jedheera: “Kitaabota lallabdoota wangeelaa fi kitaabota warra miniim [Yihudoota Kiristiyaanota taʼan jedhamee yaadama] gubaniiru. Kitaabota kana maqaa Waaqayyoo keessa isaaniitti argamuu wajjin bakkuma jiranii funaananii gubaniiru.” Kitaabumti kun namni biyya Galiilaa Rabbii Yoosee jedhamuu fi Dh.K.B. jalqaba jaarraa lammaffaatti jiraate tokko, torbanuma sana keessa guyyaa kan biraatti, “namni tokko maqaa Waaqayyoo kitaabota sana [barreeffamoota Kiristiyaanotaa argisiisa jedhamee yaadama] keessa jiru kukkutee walitti qabaa kan ture yeroo taʼu, warri hafan ni gubaman” jechuudhaan akka dubbate caqaseera.
Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko maqaan Waaqayyoo caqasoota Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa fudhatamanii, Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti caqasaman keessatti argamuu akka hin oolle dubbatu. Kitaabni Za Aankar Baayibil Dikshinarii jedhamu mata duree “Tetiraagiraamaatan in za Niiwu Teestaamant” jedhu jalatti, akkas jedheera: “Tetiraagiraamaataniin, jechuunis maqaan Waaqayyoo inni Yaahwee jedhamu, Kakuu Haaraan jalqaba yeroo barreeffametti, caqasoota Kakuu Moofaa keessaa fudhatamanii fi Kakuu Haaraa keessatti caqasaman tokko tokko ykn hunda keessatti akka argamu ragaan argisiisu tokko tokko jira.” Hayyuu Kitaaba Qulqulluu kan taʼan Joorji Hoowaardi akkas jedhaniiru: “Tetiraagiraamaataniin, Kitaabota Qulqulluu gara Afaan Giriikiitti garagalfamee fi [Saptuujantii] waldaaleen durii itti fayyadamaa turan keessa erga jiraatee, namoonni Kakuu Haaraa barreessan Kitaabota Qulqulluu irraa yeroo caqasan, Tetraagiraamaatanii caqasa sana irratti argamu irrattis jijjiirama hin goone jennee amanuu ni dandeenya.”
Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu beekamoon Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Namoota kana keessaa tokko tokko kana kan godhan Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa qophaaʼuu isaa waggaa hedduu dura dha. Maqaa namoota kanaa fi hojii isaan hojjetan keessaa tokko tokko kanneen armaan gadii ti: Ee Liitaraal Tiraansileeshin oov za Niiwu Teestaamanti . . . Fiirom za Teekisti oov za Vaatikaan Maanuskiriipti, Heermaan Heeyinfetariin kan qophaaʼe (1863); Za Eemfaatiik Diyaagloot, Beenjaamiin Wiilsaniin kan qophaaʼe (1864); Za Eeppistil oov Poowul iin Moodern Ingilish, Joorji Baarkar Istiivansiin kan qophaaʼe (1898); Seeyint Poowulsi Eeppistil tuu za Roomaans, Wiiliyaam Guuniyan Raazarfordiin kan qophaaʼe (1900); Za Niiwu Teestaamanti Leetarsi, Phaaphaasii Landan Joon Wiiliyaam Chaarlis Waandi jedhamuun kan qophaaʼe (1946). Kana malees, namichi Paabloo Beesan jedhamuu fi jalqaba jaarraa 20ffaatti Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Ispeenitti hiike, Luqaas 2:15 fi Yihudaa 14 irratti maqaa “Jehová” jedhutti fayyadameera; akkasumas miiljaleewwan dhibbaa ol taʼanii fi hiika kana keessatti argaman irratti maqaan bakka caqasame kana irratti galuu qabu maqaa Waaqayyoo kana taʼuu akka hin oolle ibseera. Hiikkaawwan kun qophaaʼuu isaanii waggoota dheeraa dura, Kitaabonni Qulqulluun Afaan Giriikii gara Afaan Ibrootaatti hiikamanii fi jaarraa 16ffaatii eegalee qophaaʼan bakka hedduutti Tetiraagiraamaataniitti fayyadamaniiru. Afaan Jarmaniin qofa hiikkaawwan 11 taʼan Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti maqaa Waaqayyoo isa “Jehovah” (Yookiin isa Afaan Ibrootaatiin “Yaahwee”) jedhutti fayyadamaniiru; hiiktonni afur immoo maqaa “Gooftaa” jedhutti aansanii hammattuu keessatti maqaa kana barreessaniiru. Hiikkaawwan Afaan Jarmanii 70 ol taʼan, maqaa Waaqayyoo miiljalee ykn yaada dabalataa irratti fayyadamaniiru.
Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu dhibbaa ol taʼan, Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Afaanonni Afriikaa, Ameerikaa, Eeshiyaa, Awurooppaa fi odolawwan Paasifiik keessatti dubbataman hedduun maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. (Maqaawwan fuula 2126 fi 2127 irra jiran ilaali.) Namoonni Kitaaba Qulqulluu afaanota armaan olitti caqasamanitti hiikan, maqaa Waaqayyootti fayyadamuuf kan murteessan sababiiwwan armaan olitti ibsamanii wajjin wal fakkaatan irratti hundaaʼanii ti. Hiikkaawwan kana keessaa muraasni kan qophaaʼan dhiheenyatti dha; fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluu Rootumaan (1999) caqasoota 48 keessatti bakka 51tti maqaa “Jihova” jedhutti fayyadameera; hiikni biyya Indooneeshiyaa Baataak (Toobaa) jedhamus (1989) maqaa “Jahowa” jedhutti al 110 fayyadameera.
Shakkii tokko malee, ragaa quubsaan maqaa Waaqayyoo Yihowaa jedhu Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti fayyadamuuf nu dandeessisu jira. Namoonni Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa hiikanis kanuma godhan. Maqaa Waaqayyootiif kabaja guddaa kan qaban yeroo taʼu, wanta barreeffama isa jalqabaa keessa ture akka hin hirʼisneefis of eeggannoo guddaa godhaniiru.—Mulʼata 22:18, 19.