BOQONNAA KUDHA SHAN
Karaa Sirrii Waaqayyo Itti Waaqeffatamu
1. Karaa sirrii Waaqayyo itti waaqeffatamuu qabu nutti himu kan dandaʼu eenyu?
DHAABBILEEN amantii hedduun waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa akka barsiisan dubbatu. Taʼus wanti isaan eenyummaa Waaqayyoo fi akkamitti isa waaqeffachuu akka qabnu ilaalchisee barsiisan baayʼee garaa gara waan taʼeef kun dhugaa taʼuu hin dandaʼu. Maarree karaa sirrii Waaqayyo itti waaqeffatamu akkamitti beekuu dandeenya? Akkamitti isa waaqeffachuu akka qabnu nutti himuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha.
2. Karaa sirrii Waaqayyo itti waaqeffatamu barachuu kan dandeessu akkamitti?
2 Yihowaan, karaa sirrii isa itti waaqeffachuu dandeenyu akka barannuuf Kitaaba Qulqulluu nuu kenneera. Kanaaf Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu; Yihowaan baayʼee waan sii yaaduuf barumsa isaa irraa faayidaa akka argattu si gargaara.—Isaayaas 48:17.
3. Waaqayyo maal akka goonu barbaada?
3 Namoonni tokko tokko dhaabbileen amantii hundi Waaqayyo biratti fudhatama qabu jedhanis, wanti Yesuus barsiise garuu kana hin turre. Akkana jedheera: “Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu qofa malee, namni ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi Mootummaa samiitti hin galu.” Kanaaf, fedhiin Waaqayyoo maal akka taʼe barachuu fi raawwachuun keenya barbaachisaa dha. Yesuus namoota Waaqayyoof hin ajajamne ‘warra hamaa hojjettanii’ wajjin waan wal fakkeesseef dhimmi kun dhimma cimaa dha.—Maatewos 7:21-23.
4. Yesuus waaʼee fedha Waaqayyoo gochuu maal jedheera?
4 Yesuus, fedha Waaqayyoo gochuu yeroo barbaadnutti rakkinni hedduun akka nu mudatu dubbateera. Akkana jedheera: “Karaa karra isa dhiphaa ol seenaa; karri badiisatti geessu balʼaa dha; daandiin isaas guddaa dha; namoonni irra adeemanis baayʼee dha; karri gara jireenyaatti geessu immoo dhiphaa dha; daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa.” (Maatewos 7:13, 14) Karaa dhiphaan ykn karaa sirriin Waaqayyo itti waaqeffatamu gara jireenya bara baraatti geessa. Karaa balʼaan ykn karaan dogoggoraa Waaqayyo itti waaqeffatamu immoo gara duʼaatti geessa. Yihowaan garuu eenyu iyyuu akka badu hin barbaadu. Namoonni hundi waaʼee isaa akka barataniif carraa isaaniif kenneera.—2 Pheexiros 3:9.
KARAA SIRRII WAAQAYYO ITTI WAAQEFFATAMU
5. Namoota karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffatan adda baastee beekuu kan dandeessu akkamitti?
5 Yesuus namoota karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffatan adda baasnee beekuu akka dandeenyu dubbateera. Wanta isaan itti amananii fi hojjetan qorachuudhaan beekuu dandeenya. Yesuus, “Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu” jedheera. Itti dabalees, “Mukti gaariin hundinuu firii gaarii godhata” jedheera. (Maatewos 7:16, 17) Kana jechuun garuu, namoonni Waaqayyoon waaqeffatan mudaa hin qaban jechuu miti. Taʼus, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo hunda wanta sirrii taʼe gochuuf carraaqu. Mee amma, wanta namoota karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffatan adda baasnee beekuuf nu gargaaru haa ilaallu.
6, 7. Waaqeffannaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu kan qabu maaliifi? Fakkeenya Yesuus irraa maal baranna?
6 Waaqeffannaan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf ni fayyada; kunis namni Waaqayyoo hojii gaarii hundumaaf akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophaaʼe akka taʼu gochuufi.” (2 Ximotewos 3:16, 17) Phaawulos ergamaan akkana jedhee Kiristiyaanotaaf barreesseera: “Dubbii Waaqayyoo isa nu irraa dhageessan yommuu fudhattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyoo isa isin warra amantoota taatan keessatti hojjetuutti fudhattan; inni dhuguma iyyuu dubbii Waaqayyoo ti.” (1 Tasalonqee 2:13) Waaqeffannaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti qofa kan hundaaʼe dha. Ilaalcha namootaa, aadaa ykn wanta kan biraa irratti kan hundaaʼe miti.
7 Wanti Yesuus barsiise hundi Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe ture. (Yohaannis 17:17 dubbisi.) Yeroo hedduu Kitaaba Qulqulluu irraa caqasa ture. (Maatewos 4:4, 7, 10) Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri dhugaan fakkeenya Yesuus waan hordofaniif, wanti isaan barsiisan hundi Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha.
8. Yesuus Yihowaa waaqeffachuu ilaalchisee maal barsiiseera?
8 Yihowaa qofa waaqeffachuu qabna. Faarfannaan 83:18, “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiruu taʼuu kee haa beekan” jedheera. Yesuus namoonni Waaqni dhugaan eenyu akka taʼe sirriitti akka beekan waan barbaaduuf, waaʼee maqaa Waaqayyoo namoota barsiiseera. (Yohaannis 17:6 dubbisi.) Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi” jedheera. (Maatewos 4:10) Kanaaf, tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef fakkeenya Yesuus hordofna. Yihowaa qofa waaqeffanna, maqaa isaatti fayyadamna, maqaa Waaqayyoo fi wanta inni nuuf godhu warra kaan barsiisna.
9, 10. Akka wal jaallannu akkamitti argisiisna?
9 Garaa guutuudhaan namoota jaallachuu qabna. Yesuus barattoonni isaa akka wal jaallatan barsiiseera. (Yohaannis 13:35 dubbisi.) Bakka kamii iyyuu yoo dhufne, aadaan keenya maal iyyuu yoo taʼe ykn sooreyyii ykn hiyyeeyyii taʼuun keenya jijjiirama hin fidu. Jaalalli waliif qabnu akka obbolootaatti tokkummaa akka qabaannu nu gargaareera. (Qolosaayis 3:14) Kanaaf gara waraanaa hin dhaqnu, namootas hin ajjeesnu. Kitaabni Qulqulluun, “Ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Diyaabilos dhugaa kanaan adda baafamanii beekamu: Namni qajeelina hojjechuu hin amaleeffannes taʼe obboleessa isaa hin jaallanne hundi kan Waaqayyoo miti” jedha. Itti dabalees, ‘Wal jaallachuu qabna malee akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee fi obboleessa isaa gara jabinaan ajjeese sanaa taʼuu hin qabnu’ jedha.—1 Yohaannis 3:10-12; 4:20, 21.
10 Yeroo, humnaa fi qabeenya keenya wal gargaaruu fi wal jajjabeessuuf itti fayyadamna. (Ibroota 10:24, 25) “Namoota hundumaaf . . . wanta gaarii” goona.—Galaatiyaa 6:10.
11. Yesuus karaa gara Waaqayyootti geessu akka taʼe goonee fudhachuu kan qabnu maaliifi?
11 Yesuus karaa gara Waaqayyootti geessu waan taʼeef isaaf ajajamuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Fayyinni karaa nama kan biraa eenyuun iyyuu hin jiru; sababiin isaas maqaan samiidhaa gaditti akka ittiin fayyinu namootaaf kenname kan biraan hin jiru” jedha. (Hojii Ergamootaa 4:12) Boqonnaa 5ffaa kitaaba kanaa irratti, Yihowaan lubbuu isaa ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif furii godhee akka kennuuf Yesuusiin erguu isaa barannee ture. (Maatewos 20:28) Yihowaan, Mootii taʼee lafa kana akka bulchuuf Yesuusiin filateera. Kitaabni Qulqulluun, bara baraaf jiraachuu kan barbaadnu yoo taʼe Yesuusiif ajajamuu akka qabnu kan dubbatu kanaafi dha.—Yohaannis 3:36 dubbisi.
12. Nuti siyaasa keessa kan hin seenne maaliifi?
12 Siyaasa keessa seenuu hin qabnu. Yesuus siyaasa keessa hin seenne. Yeroo qoramee turetti Philaaxos isa bulchaa Roomaa tureen, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedheera. (Yohaannis 18:36 dubbisi.) Nutis akkuma Yesuus, Mootummaa Waaqayyoo isa samiitiif amanamoo waan taaneef, bakka kam iyyuu yoo jiraanne siyaasa keessa hin seennu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif” ajajamuu akka qabnu dubbata. (Roomaa 13:1) Seera biyyi keessa jiraannu baaseef ni ajajamna. Seera Waaqayyoo wajjin yeroo wal faallessutti garuu, fakkeenya ergamootaa warra, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna” jechuudhaan dubbatanii hordofna.—Hojii Ergamootaa 5:29; Maarqos 12:17.
13. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo maal lallabna?
13 Rakkoowwan addunyaa irra jiraniif furmaata kan kennu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe amanna. Yesuus ‘misiraachoon Mootummichaa’ addunyaa maratti akka lallabamu dubbateera. (Maatewos 24:14 dubbisi.) Bulchiinsi namootaa kam iyyuu, wanta Mootummaan Waaqayyoo nuu godhu raawwachuu hin dandaʼu. (Faarfannaa 146:3) Yesuus, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu” jechuudhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka kadhannu nu barsiiseera. (Maatewos 6:10) Kitaabni Qulqulluun, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hunda akka balleessuu fi ‘ofii isaatii bara baraan jabaatee akka dhaabatu’ dubbata.—Daaniʼel 2:44.
14. Waaqayyoon karaa sirrii taʼeen kan waaqeffatan eenyu faʼi jettee amanta?
14 Qabxiilee kana erga qoʼattee booda akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni barumsi isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe eenyu faʼi? Waaʼee maqaa Waaqayyoo namootatti kan himan eenyu faʼi? Garaadhaa kan wal jaallatanii fi Waaqayyo nu fayyisuuf Yesuusiin akka erge kan amanan eenyu faʼi? Siyaasa keessa kan hin seenne eenyu faʼi? Rakkoowwan keenyaaf furmaata kennuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe kan lallaban eenyu faʼi?’ Dhugaa Baatota Yihowaa qofa dha.—Isaayaas 43:10-12.
MAAL GOCHUU QABDA?
15. Waaqeffannaan keenya Waaqayyo duratti fudhatama akka argatu yoo barbaadne maal gochuu qabna?
15 Waaqayyo jiraachuu isaa amanuun qofti gaʼaa miti. Jinniiwwan illee Waaqayyo jiraachuu isaa ni amanu; taʼus isaaf hin ajajaman. (Yaaqoob 2:19) Waaqeffannaan keenya Waaqayyo duratti fudhatama akka argatu yoo barbaadne, inni jiraachuu isaa amanuu qofa utuu hin taʼin wanta inni nu ajaju raawwachuu qabna.
16. Amantii sobaa irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
16 Waaqeffannaan keenya Waaqayyo duratti fudhatama akka argatuuf, amantii sobaa irraa fagaachuu qabna. Isaayaas raajichi, “Of qulleessaa, ishee keessaa baʼaatii sokkaa!” jedhee barreessera. (Isaayaas 52:11; 2 Qorontos 6:17) Wanta waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabu kam irraa iyyuu fagaachuu kan qabnu kanaafi.
17, 18. ‘Baabilon Guddittiin’ eenyu dha? Ishii keessaa baʼuun ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?
17 Amantiin sobaa maali dha? Amantii karaa Dubbii isaa wajjin wal faallessuun Waaqayyoon akka waaqeffannu nu barsiisu hunda kan argisiisu dha. Kitaabni Qulqulluun amantii sobaa hunda, “Baabilon Guddittii” jedhee waama. (Mulʼata 17:5) Maaliif? Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼee booda barumsi amantii sobaa hedduun magaalaa Baabilon keessatti jalqabame. Barumsi amantii sobaa kunis guutumaa lafaa irratti tatamsaʼeera. Fakkeenyaaf, namoonni Baabilon keessa jiraachaa turan waaqolii sadii waaqeffatu turan. Yeroo harʼaattis, dhaabbilee amantii hedduun Waaqayyo Sillaasee akka taʼe barsiisu; Kitaabni Qulqulluun garuu Waaqni dhugaan tokko qofa, jechuunis Yihowaa akka taʼee fi Yesuus immoo Ilma isaa akka taʼe ifatti barsiisa. (Yohaannis 17:3) Kana malees, namoonni Baabilon namni tokko erga duʼee booda kutaan qaamaa jiraachuu isaa itti fufu akka jiruu fi kutaan qaamaa kun siiʼol keessatti dhiphachuu akka dandaʼu amanu turan. Kun garuu dhugaa miti.—Ibsa Dabalataa 14, 17 fi 18 ilaali.
18 Waaqayyo dhiheenyatti amantiin sobaa hundi akka badan raajii dubbateera. (Mulʼata 18:8) Amantii sobaa keessaa baʼuun ariifachiisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubatteettaa? Yihowaan yeroon isaa utuu hin darbin amantii sobaa keessaa akka baatu barbaada.—Mulʼata 18:4.
19. Yihowaan isa tajaajiluuf yeroo murteessitu kan si kunuunsu akkamitti?
19 Amantii sobaa keessaa baʼuu fi Yihowaa tajaajiluuf yeroo murteessitu michoonni ykn miseensonni maatii kee tokko tokko murtoon kee bitaa isaanitti taʼuu dandaʼa; darbees rakkina si irratti uumuu dandaʼu. Yihowaan garuu si hin gatu. Miseensa maatii addunyaa maraa, namoota garaadhaa wal jaallatanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman of keessatti qabatee taata; akkasumas abdii addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa bara baraaf jiraachuu qabaatta. (Maarqos 10:28-30) Tarii michoonnii fi miseensonni maatii kee murtoo ati Yihowaa tajaajiluuf goote morman tokko tokko, yeroo booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf murteessuu dandaʼu.
20. Karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
20 Yeroo baayʼee dhihoo keessatti Waaqayyo hammeenya hunda ni balleessa; achiis Mootummaan isaa lafa bulcha. (2 Pheexiros 3:9, 13) Yeroon kun yeroo gammachiisaa akka taʼu beekamaa dha! Namni hundi karaa Yihowaan akka isa waaqeffannu barbaaduun isa waaqeffata. Kanaaf, ammuma tarkaanfii fudhachuudhaan karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffachuun kee barbaachisaa dha.