SAANDUQA 13A
Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa
Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge:
Hisqiʼel Yihudoota boojiʼamanii Baabilon keessa jiraniif ibseera
Iddoo aarsaa aarsaawwan hedduun irratti dhihaatan qaba
Ulaagaalee qajeelinaa Yihowaan waaqeffannaadhaaf baase addeessa
Haaromsa hafuuraa bara 1919tti jalqabe irratti akka xiyyeeffannu godha
Mana Qulqullummaa Hafuuraa Isa Guddaa:
Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaatiif ibseera
Iddoo aarsaa aarsaan tokko qofti “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” irratti dhihaatu qaba (Ibr. 10:10)
Dhugaa hafuuraa godoo qulqulluunii fi manni qulqullummaan yeroo dheeraadhaaf argisiisaa turan, jechuunis qophii Yihowaan aarsaa furii Yesuus Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe ibsa
Hojii Kiristoos Dh.K.B. bara 29 hanga 33tti Luba Ol Aanaa Isa Guddaa taʼuudhaan raawwate irratti akka xiyyeeffannu godha