Ibsa Dabalataa
1 DHUGAAWWAN BUʼUURAA
Seerawwan Waaqayyoo dhugaawwan buʼuuraa isaa irratti hundaaʼu. Dhugaawwan buʼuuraa kanneen Kitaaba Qulqulluu keessatti arganna. Dhugaawwan buʼuuraa kunneen waaʼee dhimmoota tokko tokkoo ilaalchaa fi miira Waaqayyo qabu hubachuuf nu gargaaru. Kana malees, jireenya keenya keessatti murtoo gaarii gochuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuuf nu gargaaru. Keessattuu dhimma tokko ilaalchisee seerri kallattiidhaan kenname yeroo hin jiraannetti nu fayyadu.
2 AJAJAMUU
Yihowaadhaaf ajajamuu jechuun wanta inni nu ajaje fedhiidhaan raawwachuu jechuu dha. Yihowaan jaalala isaaf qabnuun kakaanee akka isaaf ajajamnu barbaada. (1 Yohaannis 5:3) Waaqayyoon kan jaallannuu fi isatti kan amanamnu yoo taʼe haala hundumaa keessatti gorsa isaa ni hordofna. Yeroo rakkisaa taʼutti illee isaaf ni ajajamna. Yihowaadhaaf ajajamuun nu fayyada; sababiin isaas inni yeroo ammaatti akkamitti jireenya gaarii jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisa, akkasumas gara fuulduraatti eebba hedduu akka argannu abdii nuuf kenna.—Isaayyaas 48:17.
3 MIRGA FILANNAA
Yihowaan nama hundaaf mirga filannaa ykn dandeettii filannoo gochuu kenneera. Inni akka roobootiitti nu hin uumne. (Keessa Deebii 30:19; Iyyaasuu 24:15) Bilisummaa keenya murtoo gaarii gochuuf itti fayyadamuu dandeenya. Of eeggannoo gochuu yoo baanne garuu murtoo ogummaa hin qabne gochuu dandeenya. Mirga filannaa qabna jechuun Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf ykn dhiisuuf dhuunfaatti murteessuu, akkasumas dhugumaan akka isa jaallannu mirkaneessuu qabna jechuu dha.
4 ULAAGAALEE NAAMUSAA
Yihowaan amalaa fi gocha keenyaaf ulaagaa naamusaa ykn qajeelfama baaseera. Kitaaba Qulqulluu irraa ulaagaaleen kunneen maal akka taʼanii fi jireenya gaarii jiraachuuf akkamitti nu gargaaruu akka dandaʼan barachuu dandeenya. (Fakkeenya 6:16-19; 1 Qorontos 6:9-11) Qajeelfamoonni kunneen wanta Waaqayyo sirrii ykn dogoggora akka taʼetti ilaalu beekuuf nu gargaaru. Akkasumas akkamitti jaalala argisiisuu, murtoo gaarii gochuu fi warra kaanitti gaarummaa argisiisuu akka dandeenyu beekuuf nu gargaaru. Ulaagaaleen addunyaa gadi buʼaa kan deeman taʼanis, ulaagaaleen Yihowaa garuu hin jijjiiraman. (Keessa Deebii 32:4-6; Miilkiyaas 3:6) Ulaagaalee Yihowaa hordofuun miidhaa qaamaa fi miiraa hedduu irraa nu baraara.
5 QALBII
Qalbiin dandeettii keessa keenya jiruu fi wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe adda baasnee beekuuf nu gargaaru dha. Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf qalbii kenneera. (Roomaa 2:14, 15) Qalbiin keenya sirriitti akka hojjetuuf, ulaagaalee naamusaa Yihowaatiin leenjisuu qabna. Yoo akkas goone, qalbiin keenya murtoo Waaqayyoon gammachiisu gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. (1 Pheexiros 3:16) Qalbiin keenya yommuu filannoo sirrii hin taane gochuuf jennu nu akeekkachiisuu ykn wanta dogoggora taʼe erga raawwannee booda gaddi cimaan akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Qalbiin keenya dadhabuu dandaʼa; taʼus gargaarsa Yihowaatiin deebiʼee akka jabaatu gochuu dandeenya. Qalbii gaariin nagaa sammuu nuuf kenna, akkasumas ofii keenyaaf kabaja akka qabaannu nu gargaara.
6 WAAQAYYOON SODAACHUU
Waaqayyoon sodaanna jechuun, jaalalaa fi kabaja guddaa waan isaaf qabaannuuf wanta isa gaddisiisu tokko iyyuu gochuu hin barbaannu jechuu dha. Kana malees wanta gaarii taʼe akka goonuu fi wanta hamaa taʼe irraa akka fagaannu nu gargaara. (Faarfannaa 111:10) Wanta Yihowaan jedhe hunda of eeggannoodhaan dhaggeeffachuuf nu kakaasa. Akkasumas kabaja guddaa waan isaaf qabnuuf waadaa isaaf galle akka eegnu nu gargaara. Waaqayyoon sodaachuun akkaataa itti yaannu, warra kaan itti qabnuu fi filannoo guyyaa guyyaadhaan goonu irratti dhiibbaa godha.
7 YAADA GEDDARACHUU
Yaada geddarachuun namni tokko wanta dogoggoraa raawwachuu isaatiin kan kaʼe miira gaddaa cimaa isatti dhagaʼamu dabalata. Namoonni Waaqayyoon jaallatan wanta ulaagaa isaatiin faallaa taʼe akka raawwatan yommuu hubatan baayʼee gaddu. Wanta dogoggora taʼe yoo raawwanne, Yihowaan aarsaa furii Yesuus irratti hundaaʼee dhiifama akka nuuf godhu kadhachuu qabna. (Maatewos 26:28; 1 Yohaannis 2:1, 2) Garaadhaa yoo yaada geddarannee fi wanta hamaa taʼe raawwachuu yoo dhiisne, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Wanta kana dura raawwanne ilaalchisee of ceephaʼuu hin qabu. (Faarfannaa 103:10-14; 1 Yohaannis 1:9; 3:19-22) Dogoggora keenya irraa barachuuf, ilaalcha dogoggoraa qabnu kam iyyuu jijjiiruu fi akka ulaagaa Yihowaatti jiraachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna.
8 GUMIIDHAA BAASUU
Namni tokko cubbuu cimaa hojjetee yaada geddarachuu, akkasumas ulaagaa Yihowaa hordofuu yoo dide miseensa gumii taʼee itti fufuu hin dandaʼu. Gumiidhaa baafamuu qaba. Namni tokko gumiidhaa yommuu baafamu, sana booda nama sanaa wajjin walitti dhufeenya hin qabaannu, isaa wajjinis hin haasofnu. (1 Qorontos 5:11; 2 Yohaannis 9-11) Qophiin gumiidhaa baasuu, maqaa Yihowaa fi gumichaaf eegumsa godha. (1 Qorontos 5:6) Kana malees, gumiidhaa baasuun adaba namni tokko yaada geddaratee gara Yihowaatti akka deebiʼu isa gargaaruu dandaʼu dha.—Luqaas 15:17.
9 QAJEELFAMAA FI GORSA
Yihowaan nu jaallata, akkasumas nu gargaaruu barbaada. Kitaaba Qulqulluu fi namoota isa jaallatanitti fayyadamee qajeelfamaa fi gorsa kan nuuf kennu kanaafi. Namoota mudaa qabnu waan taaneef gargaarsi kun baayʼee nu barbaachisa. (Ermiyaas 17:9) Namoota Yihowaan qajeelfama nuu kennuuf itti fayyadamu kabajaan yommuu dhaggeeffannu, kabaja akka isaaf qabnuu fi isaaf ajajamuu akka barbaannu argisiisna.—Ibroota 13:7.
10 KOORAA FI GAD OF QABUU
Namoota mudaa qabnu waan taaneef ofittoo taʼuu fi kooruun nutti salphata. Haa taʼu malee, Yihowaan kan gad of qabnu akka taanu barbaada. Yeroo baayʼee Yihowaa wajjin wal bira qabnee yommuu of ilaalluu fi hammam xinnoo akka taane yommuu hubannu gad of qabuu barachuu jalqabna. (Iyyoob 38:1-4) Gad of qaboo akka taane karaan itti argisiisuu dandeenyu kan biraan immoo, ofii keenya caalaa waaʼee warra kaanii yaaduu, akkasumas wanta isaan fayyadu yaaduu barachuu dha. Koorri yeroo baayʼee namni tokko warra kaan irra akka wayyu godhee akka yaadu isa taasisa. Namni gad of qabu tokko amanamummaadhaan of qora, akkasumas cimina isaas taʼe dadhabina isaa ni hubata. Dogoggora isaa amanee fudhachuu, dhiifama gaafachuu, akkasumas yaadaa fi gorsa warra kaanii fudhachuu hin sodaatu. Namni gad of qabu Yihowaatti ni amanama, qajeelfama isaas ni hordofa.—1 Pheexiros 5:5.
11 AANGOO
Aangoon mirga ajaja kennuu fi murtoo gochuu ti. Yihowaan samii fi lafa irratti qaama aangoo ol aanaa qabu dha. Wantoota hundumaa waan uumeef, Qaama uumama cufa irratti humna hunda irra caalu qabu dha. Inni yeroo hunda aangoo isaatti kan fayyadamu warra kaan gargaaruufi. Yihowaan akka nu kunuunsaniif namoota tokko tokkoof itti gaafatamummaa kenneera. Fakkeenyaaf warri, jaarsoliin gumii fi mootummoonni hamma tokko aangoo waan qabaniif Yihowaan akka isaaniif ajajamnu barbaada. (Roomaa 13:1-5; 1 Ximotewos 5:17) Haa taʼu malee, yommuu seerri namootaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessutti, namootaaf ajajamuu mannaa Waaqayyoof ajajamna. (Hojii Ergamootaa 5:29) Aangoo namoota Yihowaan itti fayyadamuuf yommuu bitamnu, murtoo Yihowaa akka kabajnu argisiisna.
12 JAARSOLII
Yihowaan gumii kunuunsuuf jaarsoliitti, jechuunis obboloota muuxannoo qabanitti fayyadama. (Keessa Deebii 1:13; Hojii Ergamootaa 20:28) Jaarsoliin kunneen hariiroon Yihowaa wajjin qabnu cimaa taʼee akka itti fufu, akkasumas karaa nagaa fi gurmaaʼina qabuun akka isa waaqeffannu nu gargaaru. (1 Qorontos 14:33, 40) Jaarsoliin hafuura qulqulluudhaan muudamuuf ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman guutuu qabu. (1 Ximotewos 3:1-7; Tiitoo 1:5-9; 1 Pheexiros 5:2, 3) Jaarmiyaa Waaqayyoo ni amanna, akkasumas ni deggerra. Kanaafuu, jaarsoliidhaaf gammachuudhaan ajajamna.—Faarfannaa 138:6; Ibroota 13:17.
13 MATAA MAATII
Yihowaan warri ijoollee isaanii fi maatii isaanii akka kunuunsan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun mataan maatii abbaa manaa akka taʼe ibsa. Maaticha keessa abbaan yoo hin jiru taʼe garuu haati mataa maatii taati. Itti gaafatamummaan mataa maatii, maatii isaatiif nyaata, uffataa fi bakka jireenyaa dhiheessuu dabalata. Kana malees, maatiin isaa Yihowaa akka waaqeffatu gargaaruu irratti dursa fudhachuun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, maatiin isaa yeroo hunda walgaʼii irratti akka argamu, tajaajila irratti akka hirmaatuu fi Kitaaba Qulqulluu akka waliin qoʼatu gochuu qaba. Mataan maatii murtoo gochuu irrattis dursa fudhata. Gara jabeessa ykn hamaa taʼuu mannaa, gaarummaa argisiisuu fi sababa qabeessa taʼuudhaan yeroo hunda fakkeenya Yesuus hordofuuf yaala. Kunis maaticha keessa jaalalli akka jiraatu waan godhuuf, miseensonni maatichaa hundi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamuu fi hariiroon Yihowaa wajjin qaban akka guddatu godha.
14 QAAMA OL AANAA
Qaamni Ol Aanaan garee dhiirota abdii samii irra jiraachuu qabanii fi Waaqayyo hojii sabni isaa hojjetu geggeessuuf itti fayyadamu dha. Jaarraa jalqabaatti Yihowaan gumii Kiristiyaanaa duriitiif waaqeffannaa isaanii fi hojii lallabaa isaanii irratti qajeelfama isaanii kennuuf qaama ol aanaatti fayyadama ture. (Hojii Ergamootaa 15:2) Yeroo harʼaa gareen obboloota Qaama Ol Aanaa taʼanii tajaajilan, saba Waaqayyoo geggeessuu, qajeelchuu fi eegumsa gochuu irratti dursa fudhatu. Obboloonni kunneen yommuu murtoo godhan, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiruu fi hafuura qulqulluutti amanamu. Yesuus gareen dhiirota dibamoo kun, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ akka taʼan dubbateera.—Maatewos 24:45-47.
15 MATAA HAGUUGGACHUU
Yeroon obboleettiin takka wanta obboleessi tokko gumii keessatti hojjetu akka hojjettu itti gaafatamtu jiraachuu dandaʼa taʼa. Yommuu hojii kana hojjettu mataa ishii haguuggachuudhaan qophii Yihowaan godheef kabaja akka qabdu argisiisti. Haa taʼu malee, mataa ishii haguuggachuun kan ishii barbaachisu haalawwan tokko tokko keessatti qofa dha. Fakkeenyaaf, bakka abbaan manaa ishii ykn obboleessi cuuphame tokko jirutti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan geggeessitu yoo taʼe, mataa ishii haguuggachuu qabdi.—1 Qorontos 11:11-15.
16 SIYAASA IRRAA WALABA TAʼUU
Siyaasa irraa walaba yommuu taanu, dhimmoota siyaasaa irratti garee kam iyyuu deggeruu irraa of qusanna. (Yohaannis 17:16) Sabni Yihowaa Mootummaa isaa deggeru. Akkuma Yesuus godhe nutis dhimmoota addunyaa keessa hin gallu.
Yihowaan, ‘mootummootaa fi abbootii taayitaatiif akka ajajamnu’ nu ajajeera. (Tiitoo 3:1, 2; Roomaa 13:1-7) Taʼus, seerri Waaqayyoo ajjeesuu akka hin qabnes ni dubbata. Kanaafuu, qalbiin Kiristiyaana tokkoo waraana irratti akka hirmaatu isaaf hin heyyamu. Kiristiyaanni tokko waraana dhaquu mannaa, hojii waraanaa wajjin wal hin qabanne akka hojjetu filannaan yoo isaaf dhihaate, qalbiin isaa hojii kana akka hojjetu isaaf heyyamuu fi dhiisuu isaa qoruu qaba.
Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, isa qofa waaqeffanna. Mallattoo biyyaalessaa kan kabajnu taʼus, alaabaadhaaf ulfina addaa hin kenninu ykn faaruu biyyaalessaa hin faarfannu. (Isaayyaas 43:11; Daaniʼel 3:1-30; 1 Qorontos 10:14) Kana malees, sabni Yihowaa paartii siyaasaa ykn kaadhimamaa tokko filachuu dhiisuu irratti murtoo dhuunfaa isaanii godhu. Kana kan goonu mootummaa Waaqayyoo cinaa dhaabbachuuf dursinee waan murteessineefi.—Maatewos 22:21; Yohaannis 15:19; 18:36.
17 HAFUURA ADDUNYAA
Addunyaan yaada Seexanaa babalʼisa. Yaanni kun namoota Yihowaa hin jaallannee fi fakkeenya isaa hin hordofne, akkasumas ulaagaalee isaatiin hin geggeeffamne biratti baramaa dha. (1 Yohaannis 5:19) Yaanni akkasii fi gochawwan yaadawwan akkasii irraa maddan hafuura addunyaa jedhamanii ibsamaniiru. (Efesoon 2:2) Sabni Yihowaa hafuura kanaan akka hin moʼamne mirkanaaʼoo taʼuu qabu. (Efesoon 6:10-18) Kanaa mannaa, karaawwan Yihowaa ni jaallanna, akkasumas yaada isaa cimsinee hordofuuf jabaannee hojjenna.
18 GANTUMMAA
Gantummaa jechuun dhugaa Kitaaba Qulqulluu mormuu jechuu dha. Gantoonni Yihowaa fi Yesuus isa Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee muudame irratti fincila kaasu, warri kaanis akka isaan deggeran dhiibbaa isaan irratti gochuuf yaalii godhu. (Roomaa 1:25) Namoonni kun sammuu namoota Yihowaa waaqeffatanii keessatti shakkii uumuu barbaadu. Namoonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko gantoota taʼaniiru, bara keenyattis namoonni tokko tokko gantoota taʼaniiru. (2 Tasalonqee 2:3) Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan, gantootaa wajjin walitti dhufeenya tokko illee hin qaban. Fedhiin wanta isaan jedhan beekuuf qabnus taʼe namoonni kaan yaada gantootaa akka dubbisnu ykn akka dhaggeeffannu dhiibbaa akka nu irratti godhan matumaa heyyamuu hin qabnu. Nuti Yihowaadhaaf amanamoo dha, akkasumas isa qofa waaqeffanna.
19 ARAARA
Seera Musee keessatti sabni Israaʼel Yihowaan cubbuu isaanii akka isaaniif dhiisu gaafatu turan. Israaʼeloonni aarsaa araaraa midhaanii, zayitii fi horii gara mana qulqullummaatti fidu turan. Haala kanaan, Israaʼeloonni akka sabaattis taʼe dhuunfaatti, Yihowaan cubbuu isaanii isaaniif dhiisuuf fedhii akka qabu isaan yaadachiisa ture. Erga Yesuus cubbuu keenya haguuguuf lubbuu isaa kennee booda garuu, aarsaawwan araara argamsiisuuf dhihaatan kunneen hin barbaachisan. Yesuus, “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” aarsaa mudaa hin qabne dhiheesseera.—Ibroota 10:1, 4, 10.
20 LUBBUU BEELADOOTAATIIF KABAJA QABAACHUU
Seera Musee keessatti namoonni beeladoota qalanii akka nyaatan isaaniif heyyamamee ture. Kana malees, aarsaa horii akka dhiheessan ajajamanii turan. (Leewwota 1:5, 6) Haa taʼu malee, Yihowaan sabni isaa beeladootatti akka garaa jabaatan matumaa isaaniif hin heyyamne. (Fakkeenya 12:10) Seerri Musee seerawwan beeladootatti akka garaa hin jabaanne dhowwan qabateera. Israaʼeloonni beeladoota isaanii sirriitti akka kunuunsan ajajamaniiru.—Keessa Deebii 22:6, 7.
21 QOQQOODAMA DHIIGAA FI MALA YAALII FAYYAA
Qoqqoodama dhiigaa. Dhiigni, kutaawwan dhiigaa guguddaa afur, jechuunis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii fi pilaazmaa irraa kan ijaarame dha. Kutaawwan dhiigaa guguddaan arfan kunneen, kutaawwan xixinnoo qoqqoodama dhiigaa jedhamanitti hihhiramuu dandaʼu.a
Kiristiyaanonni guutummaa dhiigaas taʼe kutaawwan dhiigaa guguddaa arfan hin fudhatan. Haa taʼu malee, yaalii fayyaa qoqqoodama dhiigaatti fayyadamuu gaafatu fudhachuu qabuu? Kitaabni Qulqulluun kana ilaalchisee ibsa balʼaa hin kennu. Kanaafuu, tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa qalbii isaa isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamee murtoo mataa isaa gochuu qaba.
Kiristiyaanonni tokko tokko qoqqoodama dhiigaa hundumaa fudhachuu dhiisuu filataniiru. Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne, dhiigni horii keessaa baʼe kam iyyuu “lafa irratti” akka dhangalaafamu ajaja jedhanii sababii dhiheessu taʼa.—Keessa Deebii 12:22-24.
Warri kaan immoo filannaa kana irraa adda taʼe godhu. Qalbiin isaanii qoqqoodama dhiigaa tokko tokko akka fudhatan isaaniif heyyama. Qoqqoodamni dhiigaa xixinnoon sana booda jireenya uumama dhiigni sun keessaa baʼe sanaa bakka hin buʼan jedhanii sababii dhiheessu taʼa.
Qoqqoodama dhiigaa ilaalchisee murtoo yommuu gootu gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi:
Qoqqoodama dhiigaa hunda fudhachuu diduu jechuun, qorichawwan dhukkuba ittisan ykn dhiiga dhangalaʼu dhaaban hin fudhadhu jechuu akka taʼe naaf galeeraa?
Qoqqoodama dhiigaa tokko ykn isaa ol fudhachuuf ykn dhiisuuf kanan murteesse maaliif akka taʼe doktara kootiif kanan ibsu akkamitti?
Malawwan yaalii fayyaa. Kiristiyaanota waan taaneef dhiiga hin kenninu ykn yaaliin qaama baqaqsanii hodhuu nuuf godhamuu isaa torban hedduu dura dhiiga keenya kuusnee hin kaaʼannu. Haa taʼu malee, malawwan yaalii fayyaa dhiiga nama dhukkubsatu sanaatti fayyadamuu gaafatan jiru. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa yeroo baqaqsanii hodhuu, qorannaa fayyaa ykn yaalii fayyaa kan biraatti dhiigni isaa akkamitti akka itti hojjetamu murteessuu qaba. Yaaliiwwan fayyaa akkasii yeroo godhamanitti dhiigni nama dhukkubsatu sanaa yeroo muraasaaf guutummaatti isa keessaa baafamee kaaʼamuu dandaʼa taʼa.—Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 2000, (Amaariffa) fuula 30-31 ilaali.
Fakkeenyaaf, malli yaalii fayyaa heemoodaayiluushin jedhamuu fi baqaqsanii hodhuu yeroo muraasa dura dhiiga nama dhukkubsatu sanaa muraasa baasanii dhangalaʼaadhaan bakka buusuu gaafatu jira. Sana booda yeroo baqaqsanii hodhanitti ykn baqaqsanii hodhuu yeroo muraasa booda dhiigni baʼe sun deebiʼee nama dhukkubsatu sanaaf kennama.
Malli yaalii fayyaa kan biraan immoo seel saalveej jedhama. Malli kun, dhiiga nama dhukkubsatuu yeroo baqaqsanii hodhanitti dhangalaʼu, kuusanii erga qulqulleessanii booda, yeruma sana ykn sana booda utuu hin turin deebisanii nama dhukkubsatu sanaaf kennuu gaafata.
Doktaroonni adda addaa mala kana hamma tokko karaa gara garaa raawwachuu dandaʼu. Kanaafuu, Kiristiyaanni tokko yaalii fayyaa baqaqsanii hodhuu kam iyyuu, qorannaa fayyaa ykn yaalii fayyaa kan biraa fudhachuu isaa dura dhiigni isaa akkamitti akka itti hojjetamu beekuu isa barbaachisa.
Mala yaalii fayyaa dhiiga keetti fayyadamuu gaafatu ilaalchisee yommuu murtoo gootu gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi:
Dhiigni koo muraasni qaama koo keessaa yoo baʼee fi dhangalaʼuun isaa yeroo muraasaaf illee akka addaan citu yoo godhame, dhiigni sun amma iyyuu qaama koo keessa akka jiruu fi ‘lafa irratti dhangalaafamuun’ akka isa hin barbaachisne godhee akkan ilaalu qalbiin koo naaf heyyamaa?—Keessa Deebii 12:23, 24.
Yeroo qorannaan fayyaa godhamutti, dhiigni koo muraasni waraabamee, jijjiiramni erga irratti godhamee booda, gara dhagna kootti akka deebiʼu yoo godhame qalbiin koo inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe na jeeqaa?
Mala yaalii fayyaa dhiiga kootti fayyadamuudhaan godhamu hunda fudhachuu diduu jechuun, qorannaa dhiigaa, hiimodaayaalisis ykn maashinii akka onnee fi sombaatti gargaarutti hin fayyadamu jechuu akka taʼe hubadheeraa?
Qoqqoodama dhiigaa fi yaalii fayyaa dhiiga ofii keenyaatti fayyadamuudhaan godhamu ilaalchisee murtoo gochuu keenya dura, Yihowaan qajeelfama akka nuuf kennu kadhachuu fi dhimma sana irratti qorannaa gochuu qabna. (Yaaqoob 1:5, 6) Sana booda qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼetti fayyadamnee murtoo gochuu qabna. Namoonni kaan utuu haala keenya keessa jiraatanii maal akka godhan isaan gaafachuu hin qabnu; warri kaanis murtoo keenya irratti dhiibbaa gochuu hin qaban.—Roomaa 14:12; Galaatiyaa 6:5.
22 QULQULLINA NAAMUSAA
Qulqullina naamusaa jechuun, akka ilaalcha Waaqayyootti amalaa fi gocha keenyaan qulqulluu taʼuu jechuu dha. Kunis wanta yaannu, dubbannuu fi raawwannu dabalata. Yihowaan gama saalqunnamtiitiin xuraaʼummaa ykn halalummaa akkamii irraa iyyuu akka fagaannu nu ajajeera. (Fakkeenya 1:10; 3:1) Haala wanta dogoggoraa akka raawwannu nu qoruu dandaʼu keessa galuu keenya dura illee, ulaagaawwan Yihowaa warra qulqulluu taʼan hordofuuf murteessuu qabna. Sammuu keenya qulqulluu gochuuf akka nu gargaaru yeroo hundumaa Waaqayyoon kadhachuu, akkasumas wanta halalummaa akka raawwannu nu qoru irraa fagaachuuf murteessuu qabna.—1 Qorontos 6:9, 10, 18; Efesoon 5:5.
23 ADDAGGUMMAA FI XURAAʼUMMAA
Addaggummaan dubbii ykn gocha taʼe jedhamee ulaagaalee Waaqayyoo cabsuudhaan dubbatamu ykn raawwatamuu fi amala qaanii hin qabne argisiisa. Namni wanta akkasii raawwatu seerawwan Waaqayyootiif kabaja akka hin qabne argisiisa. Namni tokko addaggummaa yommuu raawwatu dhimma sana koree murtii jaarsoliitu ilaala. Xuraaʼummaan gocha dogoggoraa gara garaa kan dabalatu dha. Ulfaatina haala isaa irratti hundaaʼuudhaan, wantoonni xuraaʼummaa wajjin wal qabatan tokko tokko koree murtii gumiitiin ilaalamuun isaan barbaachisuu dandaʼa.—Galaatiyaa 5:19-21; Efesoon 4:19; odeeffannoo dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2006 (Amaariffa) irra jiru ilaali.
24 MAASTARBEESHINII
Yihowaan saalqunnamtii kan uume karaa abbaan manaa fi haati manaa jaalala qulqulluu itti walitti argisiisan akka taʼuuf ture. Haa taʼu malee, namni tokko maastarbeeshiniib yommuu raawwatu ykn qaama saalaa isaa karaa sirrii hin taaneen saalqunnamtii irraa gammachuu argachuuf yommuu itti fayyadamu, saalqunnamtii karaa xuraaʼaa taʼeen itti fayyadamaa jira jechuu dha. Barsiifanni kun hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabu jalaa balleessuu dandaʼa. Fedhiiwwan dogoggoraa uumuu fi namni tokko saalqunnamtii karaa dogoggora taʼeen akka ilaalu isa gochuu dandaʼa. (Qolosaayis 3:5) Namni barsiifata xuraaʼaa kana qabuu fi dhiisuun isa rakkise tokko abdii kutachuu hin qabu. (Faarfannaa 86:5; 1 Yohaannis 3:20) Haala akkasii keessa kan jirtu yoo taʼe, garaadhaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan akka si gargaaru gaafadhu. Wantoota akka poornoogiraafii yaada xuraaʼaa akka qabaattu si godhan irraa fagaadhu. Warra kee Kiristiyaana taʼan keessaa isa tokkotti ykn michuu kee bilchaataa taʼee fi seerawwan Yihowaatiif kabaja qabu tokkotti himadhu. (Fakkeenya 1:8, 9; 1 Tasalonqee 5:14; Tiitoo 2:3-5) Yihowaan carraaqqii ati karaa naamusaa qulqulluu taʼuuf gootu akka ilaaluu fi akka iddoo guddaa kennuuf mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Faarfannaa 51:17; Isaayyaas 1:18.
25 HAADHA MANAA TOKKOO OL FUUDHUU
Yihowaan gaaʼela kan hundeesse dhiiraa fi dubartii tokko gidduutti akka raawwatamuuf ture. Waaqayyo Israaʼel durii keessatti dhiironni haadha manaa tokkoo ol akka fuudhan heyyamee kan ture taʼus, kaayyoon isaa inni jalqabaa garuu kana hin turre. Yeroo harʼaa Yihowaan sabni isaa hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol akka qabaatan isaaniif hin heyyamu. Abbaan manaa haadha manaa takkittii, haati manaas abbaa manaa tokkicha qabaachuu qabu.—Maatewos 19:9; 1 Ximotewos 3:2.
26 WAL HIIKUU FI GARGAR BAʼUU
Yihowaan abbaan manaa fi haati manaa hamma lubbuudhaan jiranitti akka waliin jiraatan barbaada. (Uumama 2:24; Miilkiyaas 2:15, 16; Maatewos 19:3-6; 1 Qorontos 7:39) Wal hiikuu kan heyyame yeroo hiriyaan gaaʼelaa tokko ejja raawwatu qofa dha. Yeroo akkasiitti, hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne hiikuuf ykn dhiisuuf murtoo akka godhu Yihowaan mirga isaaf kenneera.—Maatewos 19:9.
Darbee darbee, ejji kan hin raawwatamne yoo taʼe iyyuu Kiristiyaanonni tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa isaanii irraa gargar baʼuuf murteessaniiru. (1 Qorontos 7:11) Haala armaan gadii keessatti Kiristiyaanni tokko gargar baʼuuf yaada taʼa:
Taʼe jedhanii gargaarsa gochuu dhiisuu: Abbaan manaa tokko hanga maatichi qarshii ykn nyaata dhabutti wanta karaa qaamaa maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuu yoo dide.—1 Ximotewos 5:8.
Miidhaa qaamaa cimaa geessisuu: Inni ykn ishiin fayyaan ykn lubbuun isaanii balaadhaaf akka saaxilame hanga itti dhagaʼamutti hiriyaan gaaʼelaa tokko karaa qaamaa yoo miidhame.—Galaatiyaa 5:19-21.
Hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabu guutummaatti balaadhaaf saaxiluu: Abbaan manaa ykn haati manaa tokko hiriyaan gaaʼelaa isaanii Yihowaa akka hin tajaajille yoo dhorke.—Hojii Ergamootaa 5:29.
27 GALATEEFFACHUU FI JAJJABEESSUU
Hundi keenya galateeffamuu fi jajjabeeffamuu nu barbaachisa. (Fakkeenya 12:25; 16:24) Jechoota jaalalaa fi gaarummaa qabaniin wal cimsuu fi wal jajjabeessuu ni dandeenya. Obboloonni keenya rakkina guddaa keessa kan jiran taʼan illee, jechoonni akkasii jabaatanii akka dhaabbatanii fi Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaaruu dandaʼu. (Fakkeenya 12:18; Filiphisiyus 2:1-4) Namni tokko garmalee yoo abdii kutate, kabajaan isa dhaggeeffachuu fi wanta isatti dhagaʼamu hubachuuf yaaluu qabna. Kunis isa gargaaruuf maal jechuu ykn gochuu akka qabnu beekuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Yaaqoob 1:19) Wanta isaan barbaachisu sirriitti hubachuu akka dandeessuuf, obbolootaa fi obboleettota kee caalaatti beekuuf galma baafadhu. Akkas yoo goote, Madda jajjabina hundumaa irraa boqonnaa dhugaa akka argatan isaan gargaaruu dandeessa.—2 Qorontos 1:3, 4; 1 Tasalonqee 5:11.
28 CIDHA
Kitaabni Qulqulluun cidha ilaalchisee kallattiidhaan seera kennu hin qabu. Cidha ilaalchisee aadaawwanii fi wantoonni seerri gaafatu iddoo hundumaatti tokko miti. (Uumama 24:67; Maatewos 1:24; 25:10; Luqaas 14:8) Cidhaa wajjin haala wal qabateen wanti iddoo guddaa qabu waadaa hiriyoonni gaaʼelaa Yihowaa duratti waliif galani dha. Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun yeroo waadaa waliif galanitti maatii fi michoonni isaanii akka achitti argaman filatu, akkasumas jaarsi gumii tokko haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka kennu qophii godhu. Sirna sana booda affeerraa qopheessuu yoo barbaadan, affeerraa akkamii qopheessuu akka qaban kan murteessu hiriyoota gaaʼelaa sana dha. (Luqaas 14:28; Yohaannis 2:1-11) Hiriyoonni gaaʼelaa cidha isaanii akkamitti akka qopheessan ilaalchisee maal iyyuu yoo murteessan, Yihowaadhaaf ulfina kan fidu taʼuu isaa mirkaneessuu qabu. (Uumama 2:18-24; Maatewos 19:5, 6) Gama kanaan dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu murtoo gaarii gochuuf isaan gargaaruu dandaʼu. (1 Yohaannis 2:16, 17) Hiriyoonni gaaʼelaa affeerraa isaanii irratti dhugaatii alkoolii dhiheessuu yoo filatan, affeerraan sun sirriitti toʼatamuu isaa mirkaneessuu qabu. (Fakkeenya 20:1; Efesoon 5:18) Muuziqaan ykn qophiin bashannanaa akka jiraatu yoo filatanis, wantoonni kun Yihowaadhaaf ulfina kan fidan taʼuu isaanii mirkaneessuu qabu. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan, guyyaa cidhaa sana qofa irratti utuu hin taʼin, hariiroo Yihowaa fi walii isaanii wajjin qaban irratti xiyyeeffachuu qabu.—Fakkeenya 18:22; odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2006 (Amaariffa), fuula 18-31 ilaali.
29 MURTOO OGUMMAA IRRATTI HUNDAAʼE GOCHUU
Murtoo gaarii dhugaa buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irratti hundaaʼe gochuu barbaanna. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa Dhugaa Baatuu hin taane guyyaa ayyaanaatti firootaa wajjin nyaata akka nyaatu affeeramuu dandaʼa taʼa. Ati haala akkasii keessa jirta yoo taʼe, maal goota? Qalbiin kee akka dhaqxu yoo siif heyyame, affeerraa sana irratti aadaan amantii sobaa kan raawwatamu yoo taʼe, sirna sana irratti akka hin hirmaanne hiriyaa gaaʼelaa keetiif ibsuu qabda. Kana malees, affeerraa sana irratti argamuun kee warra kaan kan gufachiisu taʼuu fi dhiisuu isaa yaaduu qabda.—1 Qorontos 8:9; 10:23, 24.
Yookiin immoo namni qacaree si hojjechiisu tokko tibba ayyaanaatti qarshii dabalataa siif kenne haa jennu. Qarshii sana fudhachuu diduu qabdaa? Dirqama diduu hin qabdu. Fudhachuuf ykn dhiisuuf murtoon ati gootu hamma tokko ilaalcha namni si hojjechiisu sun qabu irratti kan hundaaʼe dha. Qarshiin sun sababii ayyaanichaatiif kan kenname akka taʼetti ilaalaa? Moo dinqisiifannaa qabu argisiisuuf qofa akka kenne godhee ilaala? Kanaa fi wantoota kanaa wajjin wal qabatan kaan irratti yaaduudhaan, qarshicha fudhachuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandeessa.
Haala kan biraa keessatti immoo, namni tokko tibba ayyaanaatti kennaa siif kennuudhaan, “Ati ayyaana akka hin kabajne beeka, garuu kennaa kana akka fudhattu nan barbaada” siin jechuu dandaʼa. Tarii namni sun gaarummaa sitti argisiisuu barbaadee taʼa. Karaa kan biraa immoo, namni sun amantii kee qoruuf ykn ayyaana akka kabajju si gochuuf yaalaa jira jettee akka yaaddu wanti si godhu jiraa? Kana erga qortee booda, kennaa sana fudhachuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandeessa. Murtoo goonu hundumaa irratti, qalbii gaarii qabaachuu fi Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu barbaanna.—Hojii Ergamootaa 23:1.
30 DHIMMOOTA DALDALAA FI SEERAA WAJJIN WAL QABATAN
Yeroo baayʼee, wal dhabiinsi yeruma sanaa fi karaa nagaa qabuun yommuu hiikamu, dhimma ulfaataa hin taʼu. (Maatewos 5:23-26) Wanti Kiristiyaanonni hundi iddoo guddaa kennaniif, Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi tokkummaa gumii eegsisuu taʼuu qaba.—Yohaannis 13:34, 35; 1 Qorontos 13:4, 5.
Kiristiyaanonni dhimma daldalaa irratti yoo wal dhaban, utuu mana murtiitti wal hin geessin dhimma sana furuuf yaaluu qabu. Qorontos Inni Duraa 6:1-8 gorsa Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni mana murtiitti wal himachuu ilaalchisee kenne qabateera. Obboloota keenya mana murtiitti himachuun, namoonni gumii fi Yihowaadhaaf ilaalcha gaarii akka hin qabaanne gochuu dandaʼa. Maatewos 18:15-17 irratti, himatawwan ulfaataa akka maqaa balleessuu ykn gowwoomsuu jiran hiikuuf tarkaanfiin Kiristiyaanonni fudhachuu qaban sadii ibsamaniiru. (1) Dhimma sana ofuma isaaniitiin hiikuuf yaaluu qabu. (2) Yoo hiikuu dadhaban, miseensota gumii bilchaatoo taʼan tokko ykn lama gargaarsa gaafachuu qabu. (3) Yoo barbaachisaa taʼe immoo, qaamni jaarsolii gumii dhimma sana akka ilaalan gaafachuu dandaʼu. Haalli sun sadarkaa kana irra yoo gaʼe, jaarsoliin obboloonni dhimmi sun ilaallatu hundi nagaadhaan akka walii galan gargaaruuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu. Warra dhimmi sun ilaallatu keessaa tokko tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuuf fedhii hin qaban yoo taʼe, jaarsoliin gumii tarkaanfii murtii fudhachuun isaanii barbaachisaa taʼuu dandaʼa.
Haalawwan tokko tokko tarii wal hiikuu, ijoollee guddisuu, erga wal hiikanii ykn gargar baʼanii booda qarshii kennuu, kaffaltii inshuraansii, kasaaraa ykn dhaamsa dhaalaa wajjin wal qabatan mana murtiitti ilaalamuun isaan barbaachisuu dandaʼa taʼa. Kiristiyaanni tokko hamma isaaf dandaʼametti dhimma tokko karaa nagaatiin hiikuuf seera dhimmoota akkasii ilaalutti yoo fayyadame gorsa Phaawulos kenne cabseera jechuun hin dandaʼamu.
Yakki cimaan, akka dirqisiisanii gudeeduu, ijoollee miidhuu, reebichaa, hanna cimaa ykn ajjeechaa jiran erga raawwatamee booda, Kiristiyaanni tokko abbootii taayitaatti yoo gabaasa godhe gorsa Phaawulos cabseera jechuun hin dandaʼamu.
31 GOWWOOMSAA SEEXANAA
Seexanni, dhaaba Eedan keessaa jalqabee, namoota gowwoomsuuf yaalaa tureera. (Uumama 3:1-6; Mulʼata 12:9) Seexanni yaada keenya jalʼisuu yoo dandaʼe, wanta gadhee taʼe akka hojjennu dhiibbaa nu irratti gochuu akka dandaʼu beeka. (2 Qorontos 4:4; Yaaqoob 1:14, 15) Yaadawwan isaa babalʼisuu fi fudhatama kan qaban akka taʼan fakkeessuuf, siyaasa, amantii, daldala, bashannana, barumsaa fi wantoota kan biroo hedduutti fayyadama.—Yohaannis 14:30; 1 Yohaannis 5:19.
Seexanni namoota gowwoomsuuf yeroon isa hafe muraasa akka taʼe beeka. Kanaafuu, hamma isaaf dandaʼame namoota hedduu dogoggorsuuf wanta isaaf dandaʼame hunda gochaa jira. Keessumaa immoo namoota Yihowaa tajaajilan dogoggorsuu barbaada. (Mulʼata 12:12) Yoo of eeggannoo gochuu baanne garuu, Diyaabilos suutuma suuta yaada keenya mancaasuu dandaʼa. (1 Qorontos 10:12) Fakkeenyaaf, Yihowaan gaaʼelli itti fufiinsa akka qabaatu barbaada. (Maatewos 19:5, 6, 9) Haa taʼu malee, yeroo harʼaa namoonni baayʼeen gaaʼelli walii galtee yeroo muraasaaf turuu fi salphaatti diigamuu dandaʼu akka taʼe godhanii ilaalu. Fiilmonnii fi sagantaawwan televizyinii hedduunis yaada kana babalʼisu. Ilaalchi addunyaan gaaʼelaaf qabu dhiibbaa akka nu irratti godhu, akka hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu qabna.
Kaaraan Seexanni nu gowwoomsuuf itti yaalu kan biraan immoo, ilaalcha yaada ofiitiin geggeeffamuu babalʼisuu dha. (2 Ximotewos 3:4) Yoo of eeggannoo gochuu baanne, kabaja aangoo namoota Yihowaan muudeef qabnu dhabuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko qajeelfama jaarsoliin gumii isaaf kennan mormuu jalqabuu dandaʼa. (Ibroota 12:5) Yookiin obboleettiin takka qophii matummaa Yihowaan maatii keessatti godhe irratti gaaffii kaasuu jalqabuu dandeessi.—1 Qorontos 11:3.
Diyaabilos yaada keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu dhiisuuf murteessuu qabna. Kanaa mannaa, fakkeenya Yihowaa hordofuu fi ‘sammuun keenya wantoota samii irra jiran irratti akka xiyyeeffatu’ gochuu keenya itti fufuu qabna.—Qolosaayis 3:2; 2 Qorontos 2:11.
32 YAALII FAYYAA
Hundi keenya fayya buleeyyii taʼuu barbaanna, yeroo dhukkubsannu immoo yaalii fayyaa gaarii taʼe argachuu barbaanna. (Isaayyaas 38:21; Maarqos 5:25, 26; Luqaas 10:34) Yeroo harʼaa, doktarootaa fi namoota kaan biraa malawwan yaalii fayyaa fi yaaliiwwan hedduu argachuun ni dandaʼama. Yaalii fayyaa fudhachuu qabnu yommuu murteessinu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hordofuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Guutummaatti nu fayyisuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe yaadachuu qabna. Waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu hamma nu dagachiisutti, fayyaa keenya irratti xiyyeeffachuu hin barbaannu.—Isaayyaas 33:24; 1 Ximotewos 4:16.
Yaalii fayyaa humna jinniiwwaniitti kan fayyadamu fakkaatu kam irraa iyyuu fagaachuu qabna. (Keessa Deebii 18:10-12; Isaayyaas 1:13) Kanaafuu, yaalii fayyaa ykn qoricha tokko fudhachuu keenya dura, wanta duuba isaa jiru beekuuf wanta dandeenye hunda gochuu, akkasumas yaada akkamii akka inni babalʼisu beekuu qabna. (Fakkeenya 14:15) Seexanni gocha jinniiwwanii irratti akka hirmaannu nu gowwoomsuu akka barbaadu dagachuu hin qabnu. Yaaliin fayyaa tokko gocha jinniiwwanii wajjin kan wal qabate akka taʼe yoo shakkine irraa fagaachuun keenya gaarii dha.—1 Pheexiros 5:8.
a Doktaroonni tokko tokko kutaawwan dhiigaa guguddaa arfan qoqqoodama dhiigaa akka taʼanitti ilaalu taʼa. Kanaafuu, dhiiga fudhachuu ilaalchisee, guutummaa dhiigaa ykn kutaawwan isaa guguddaa arfan, jechuunis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii fi pilaazmaa fudhachuu dhiisuuf murtoo dhuunfaa goote ibsuun si barbaachisuu dandaʼa.
b Maastarbeeshiniin qaama saalaa ofii sukkuumuudhaan gammaduu argisiisa.