Kan Yihowaa Ta’uun Ayyaana Waaqayyoo Argachuudha
“Nuyi kan gooftichaa ti.”—ROM. 14:8.
1, 2. (a) Mirga akkamii arganneerra? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
ISRAA’ELOONNI yommuu Yihowaan, “Saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu” isaaniin jedhe mirga dinqisiisaa argatanii turan. (Bau. 19:5) Miseensonni gumii Kiristiyaanaa yeroo har’aa jiranis kan Yihowaa ta’uuf mirga argataniiru. (1 Phe. 2:9; Mul. 7:9, 14, 15) Kan Yihowaa ta’uun, mirga barabaraaf faayidaa nuu argamsiisudha.
2 Kan Yihowaa ta’uun mirga qofa utuu hin ta’in itti gaafatamummaas qaba. Namoonni tokko tokko ‘Wanta Yihowaan narraa eegu raawwachuu nan danda’aa? Cubbuutti yoon kufe guutummaatti na gataa?, akkasumas kan Yihowaa ta’uun birmadummaa na dhabsiisaa?’ jedhanii gaafatu ta’a. Gaaffiiwwan akkasiitiif deebii argachuun keenya barbaachisaadha. Mee jalqaba gaaffii, Kan Yihowaa ta’uun faayidaa akkamii argamsiisa? jedhurratti haa xiyyeeffannu.
Kan Yihowaa Ta’uun Gammachuu Argamsiisa
3. Rahaab Yihowaa tajaajiluuf murtoo gochuusheetti faayidaa kan argatte akkamitti?
3 Namoonni kan Yihowaa ta’uusaaniitti faayidaa ni argatuu? Haala dubartii ejjituu Rahaab jedhamtuufi magaalaa Yerikoo jiraachaa turtee ilaalaa. Ijoollummaasheetii kaastee waaqeffannaa waaqolii Kana’aan warra ciiggaasisaa ta’anirratti hirmaachaa akka turte homaa hin shakkisiisu. Ta’us, mo’icha Yihowaan Israa’elootaaf kenne yommuu dhageessu, Yihowaan Waaqa dhugaa ta’uusaa hubatte. Kanaaf, lubbuushee balaadhaaf saaxiltee, saba Waaqayyoo warra filataman balaarraa eeguudhaan abdiishee gara fuulduraa isaanirra kaa’atte. Macaafni Qulqulluun, “Rahaab ejjituunis yeroo warra ergamanii dhufan sana simtee, karaa biraa akka ba’an goote, hojii gaariidhaan qajeeltuutti lakkaa’amtee turte mitii ree?” jedha. (Yaq. 2:25) Saba Waaqayyoo warra qulqulluu Seericha isa jaalalaafi murtoo qajeelaarratti hundaa’e baratan keessaa tokko yommuu taatu faayidaa akkamii akka argatte yaadaa. Akkaataa jireenyaashee isa duraa dhiisuusheetti baay’ee gammaddee akka turte beekamaadha. Nama Israa’el tokkotti heerumuudhaan ilma Boaz jedhamuufi nama Waaqayyoo ta’uusaatiin beekamu godhatteetti.—Iya. 6:25; Rut. 2:4-12; Mat. 1:5, 6.
4. Ruut Yihowaa tajaajiluuf murtoo gochuusheetti faayidaa akkamii argatte?
4 Ruut isheen nama biyya Mo’aab taates Yihowaa tajaajiluuf murteessitee turte. Tarii ijoollummaasheetti Kemoshiifi waaqolii warra Mo’aab waaqeffachaa kan turte yoo ta’es, Yihowaa isa Waaqa dhugaa ta’e erga beektee booda, nama Israa’el biyyashee keessa qubachuudhaaf dhufe tokkotti heerumte. (Ruut 1:1-6 dubbisi.) Achiis, Ruutiifi haati manaa obboleessa abbaa manaashee Orphaan, amaatiisaanii Naa’omii wajjin gara Betlihemitti deemuu yommuu jalqaban, Naa’omiin dubartoonni kun lamaan gara biyyasaaniitti akka deebi’an gaafatte. Israa’el keessa jiraachuun isaaniif salphaa hin ta’u ture. Orphaan “gara saba isheetti, gara waaqayyolii isheettis deebiteetti,” Ruut garuu hin deebine. Amantiishee hojiidhaan kan argisiiste si’a ta’u, kan eenyuu ta’uu akka barbaaddus beekti turte. Naa’omiidhaan, “Si duukaa dhaquu dhiisee akkan deebi’uuf, cimsitee itti ana hin oofin! Lafa ati dhaqxu anis nan dhaqa, lafa ati jiraatu anis nan jiraadha, sabni kee saba koo in ta’a, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in ta’a” jette. (Rut. 1:15, 16) Ruut Yihowaa tajaajiluuf filachuusheetiin, qophii addaa Seera Waaqayyoo isa dubartoota abbaa manaa hin qabne, namoota hiyyeeyyii ta’aniifi lafa hin qabne gargaarurraa fayyadamteetti. Bobaa Yihowaa jalatti gammachuu, eegumsaafi nageenya argatteetti.
5. Namoota amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilanirraa maal barattan?
5 Namoota erga Yihowaadhaaf of murteessanii booda waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan isa tajaajilan tokko tokko beektu ta’a. Yihowaa tajaajiluudhaan faayidaa akkamii akka argatan gaafadhaa. Namni rakkinarraa walaba ta’e kan hin jirre ta’us, ragaawwan wanta faarfatichi, “Sabni gooftichi Waaqayyo isaa ta’eef haa gammadu!” jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uusaa argisiisan hedduun jiru.—Far. 144:15.
Yihowaan Humna Keenyaa Ol Nurraa Hin Eegu
6. Wanta Yihowaan nurraa eegu raawwachuu hin dandeenyu jennee sodaachuu kan hin qabne maaliifi?
6 Wanta Yihowaan narraa eegu raawwachuu nan danda’aa? jettanii gaafattanii beektu ta’a. Waaqayyoon tajaajiluu, seerasaatiin jiraachuufi maqaasaatiin dubbachuu hin danda’u jennee dhiphachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Museen Israa’elootattiifi mootii Gibxiitti akka dubbatu yommuu ergamu ga’eessa akka hin taane isatti dhaga’amee ture. Haata’u malee, Waaqayyo wanta humna Museetiin ol ta’e isarraa hin eegne. Yihowaan ‘maal gochuu akka qabu isa barsiisee’ ture. (Ba’uu 3:11; 4:1, 10, 13-15 dubbisi.) Museen gargaarsa isaa godhame waan fudhateef, fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan gammachuu argateera. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan wanta humna keenyaa ol ta’e nurraa hin eegu. Cubbuu akka dhaalle waan beekuuf nu gargaaruu barbaada. (Far. 103:14) Duuka buutota Yesus ta’uudhaan Waaqayyoon tajaajiluun warra kaan kan fayyaduufi garaa Yihowaa kan ciibsu waan ta’eef, kan nama dhiphisu utuu hin ta’in kan nama gammachiisudha. Yesus, “Gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises” jedheera.—Mat. 11:28, 29.
7. Wanta Yihowaan nurraa eegu raawwachuuf akka nu gargaaru mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?
7 Yihowaan jabina argachuuf yoo isatti amanamne yeroo hundaa humna nu barbaachisu nuu kenna. Fakkeenyaaf, Ermiyaas nama ija jabinaan dubbachuu hin dandeenye ture. Kanaaf, yommuu Yihowaan raajiisaa akka ta’u isa muude, “Maaloo yaa Waaqayyo gooftaa, kunoo, ani mucaa waanan ta’eef attamitti akka dubbatan hin beeku, maqaa isaatiinis waan tokko illee namatti hin himu” jedhee ture. (Er. 1:6; 20:9) Ta’us, Ermiyaas gargaarsa Yihowaatiin waggoota 40f ergaa namoota hedduu biratti fudhatama hin qabne lallabeera. Yihowaanis, ‘ani si gargaaruudhaaf, si oolchuudhaafis sii wajjinan jira’ jechuudhaan irra deddeebi’ee isaa mirkaneesseera.—Er. 1:8, 19; 15:20.
8. Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Yihowaan akkuma Museefi Ermiyaasiif jabina kenne, wanta yeroo har’aatti Kiristiyaanotarraa eegu akka raawwannu nu gargaaruu danda’a. Wanti barbaachisaa ta’e Waaqayyotti amanamuudha. Macaafni Qulqulluun, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jedha. (Fak. 3:5, 6) Gargaarsa Yihowaan, karaa Macaafa Qulqulluufi karaa gumii Kiristiyaanaa nuu dhiheessurraa fayyadamuudhaan isatti akka amanamnu argisiisna. Yihowaan adeemsa keenya akka nuu qajeelchu yoo heyyamne, wanti tokkoyyuu isaaf amanamaa akka hin taane nu dhowwuu hin danda’u.
Yihowaan Dhuunfaatti Sabasaatiif Eegumsa Ni Godha
9, 10. Faarfannaan 91 eegumsa akkamii akka argannu nu abdachiisa?
9 Namoonni tokko tokko Yihowaadhaaf of murteessuu yommuu yaadan, balaa cubbuu hojjechuun, of ceepha’uuniifi Yihowaa biratti fudhatama dhabuun geessisu sodaatu ta’a. Haata’u malee, Yihowaan walitti dhufeenya gaarii isaa wajjin qabnu eegnee jiraachuuf wanta nu barbaachisu hunda kan nuu kennu ta’uunsaa nama gammachiisa. Eegumsi kun Faarfannaa 91rratti akkamitti akka ibsame haa ilaallu.
10 Faarfannichi akkas jechuudhaan jalqaba: “Namni golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda’uu jala in buufata; Waaqayyoon, ‘Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha’ in jedha. Waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa’e, . . . irraas si oolcha.” (Far. 91:1-3) Waaqayyo warra isa jaallataniifi isatti amanaman eeguuf waadaa akka gale hubadhaa. (Faarfannaa 91:9, 14 dubbisi.) Yihowaan eegumsa akkamii akka godhu dubbachuusaati? Yihowaan hiddi dhaloota Masiihicha abdachiifamee akka hin banneef jecha, tajaajiltootasaa tokko tokkorra miidhaan akka hin geenye isaan eegee ture. Haata’u malee, namoonni amanamoo ta’an hedduun, Seexanni Waaqayyoof akka isaan hin amanamne gochuuf akka hidhaman, gidiraan akka isaanirra ga’uufi akka ajjeefaman godheera. (Ibr. 11:34-39) Haata’u malee, Yihowaan obsaan akka danda’an karaa hafuuraa jabina waan isaanii kenneef amanamummaasaanii eeganiiru. Kanaaf, Faarfannaan 91 abdii Yihowaan karaa hafuuraa eegumsa nuu gochuuf kenne dubbata jechuudha.
11. “Golgaa isa hundumaa gararraa jiru” kan jedhame maalidha? Iddoo kanatti Waaqayyo eenyufa’iif eegumsa godha?
11 Wanti “Golgaa isa hundumaa gararraa jiru” jechuudhaan faarfatichi caqase fakkeenyaan bakka eegumsa hafuuraa itti argannu kan argisiisudha. Namoonni keessummoota Waaqayyoo ta’uudhaan bakka kana jiraatan, wanta amantiifi jaalala Waaqayyoof qaban balaadhaaf saaxilu kamirraayyuu eegumsa argatu. (Far. 15:1, 2; 121:5) Namoonni amantii hin qabne wanta kana hubachuu waan hin dandeenyeef iddoon kun isaaniif golgamaadha. Yihowaan namoota, “Ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha” jedhaniif bakka kanatti eegumsa godha. Bakka itti kooluu galan kana keessa kan jiraannu yoo ta’e, “kiyyoo” Seexanaatti kufuudhaan surraa Waaqayyoo dhabna jennee garmalee hin yaaddofnu.
12. Wantoonni walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu balaadhaaf saaxilan maalfa’i?
12 Wantoonni walitti dhufeenya gaarii Waaqayyoo wajjin qabnu balaadhaaf saaxilan maalfa’i? ‘Dha’icha dukkanaan namatti dhufuufi dhukkubni adeemaan saafaa nama balleessu,’ balaa hedduu faarfatichi caqase keessaa tokko tokkodha. (Far. 91:5, 6) Seexanni ‘kiyyoo’ fedhii ofittummaa isa aboo tuffachuutiin namoota baay’ee qabeera. (2 Qor. 11:3) Warra kaanimmoo sassata, kooraafi jaalala qabeenyaatiin qabeera. Namoota kaanimmoo, jaalala biyyaa, jijjiirama tirannaafi amantii sobaatiin gowwoomseera. (Qol. 2:8) Namoonni baay’een kiyyoo saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuutiin qabamaniiru. Dha’ichawwan karaa hafuuraa balaa geessisan akkasii, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman jaalala Waaqayyoof qaban akka dhaban godhaniiru.—Faarfannaa 91:7-10 dubbisi; Mat. 24:12.
Jaalala Waaqayyoof Qabdan Eeguu
13. Yihowaan wantoota karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxilanirraa kan nu eegu akkamitti?
13 Yihowaan balaawwan hafuuraa akkasiirraa sabasaa kan eegu akkamitti? Faarfatichi, “Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma” jedheera. (Far. 91:11) Ergamoonni Waaqayyoo misiraachicha lallabuu akka dandeenyu eegumsaafi qajeelfama nuu kennu. (Mul. 14:6) Jaarsoliin gumii Kiristiyaanaas, Caaffata Qulqullaa’oo cimanii barsiisuudhaan barumsa sobaatiin akka hin gowwoomfamne nu eegu. Kiristiyaana ilaalcha biyya lafaa wajjin qabsaa’u kamiifiyyuu dhuunfaatti gargaarsa kennuu ni danda’u. (Tit. 1:9; 1 Phe. 5:2) Kana malees, “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” barumsa jijjiirama tirannaa, fedhii addaggummaa, qabeenyaafi beekamummaa hordofuu, akkasumas fedhiifi dhiibbaa hamaa hedduu kan biraarraa nu eeguuf nyaata hafuuraa nuu qopheessa. (Mat. 24:45) Balaawwan kana keessaa tokko tokko mo’uuf kan isin gargaare maalidha?
14. Eegumsa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
14 “Golgaa” ykn eegumsa Waaqayyoo keessa jiraachuuf maal gochuu qabna? Akkuma yeroo hunda balaa qamaa, namoota yakka raawwatan ykn dhukkuba miidhaa guddaa geessisurraa of eeguu qabnu, wantoota karaa hafuuraa balaa nurraan geessisanirraas of eeguu qabna. Kanaaf, qajeelfama Yihowaan karaa barreeffamoota keenyaa, walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaa yeroo hundaa nuu dhiheessurraa fayyadamuu qabna. Gorsa jaarsolii argachuu dandeenya. Amalawwan addaddaa obboloonni keenya qabanirraas faayidaa arganna. Dhugumayyuu, gumii wajjin tokkummaa qabaachuun keenya ogeeyyii ta’uuf nu gargaara.—Fak. 13:20; 1 Phexros 4:10 dubbisi.
15. Yihowaan wanta isa biratti fudhatama nu dhabsiisu kamirraayyuu nu eeguu akka danada’u mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?
15 Yihowaan wanta isa biratti fudhatama nu dhabsiisu kamirraayyuu nu eeguu akka danda’u hin shakkinu. (Rom. 8:38, 39) Yihowaan diinota siyaasaafi amantii humna guddaa qaban warra yeroo baay’ee nu ajjeesuuf utuu hin ta’in, Waaqa keenya isa qulqulluurraa adda nu baasuu barbaadanirraa gumii Kiristiyaanaa eegeera. Abdii Yihowaan, “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u” jechuudhaan kenne dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera.—Isa. 54:17.
Birmadummaa Kan Nuu Kennu Eenyu?
16. Biyyi lafaa birmadummaa nuu kennuu kan hin dandeenye maaliifi?
16 Kan Yihowaa ta’uun birmadummaa nu dhabsiisaa? Nu hin dhabsiisu. Kanaa mannaa, kan biyya lafaa ta’uutu birmadummaa nu dhabsiisa. Biyyi lafaa, Yihowaarraa kan fagaateefi waaqa hamaa isa namoota garboomsu jala kan jirudha. (Yoh. 14:30) Fakkeenyaaf, sirni Seexanaa namoota birmadummaa dhabsiisuuf dhiibbaa dinagdeen geessisutti fayyadama. (Mul’ata 13:16, 17 waliin ilaali.) Cubbuunis namoota gowwoomsee garboomsuu danda’a. (Yoh. 8:34; Ibr. 3:13) Kanaaf, namoonni hin amanne birmadummaa barumsa Yihowaa wajjin wal faallessu akka hordofan kan jajjabeessan yoo ta’eyyuu, warri isaan dhaggeeffatan utuma hin turin cubbuufi jireenya gadadoo keessa galu.—Rom. 1:24-32.
17. Yihowaan birmadummaa akkamii nuu kenneera?
17 Karaa biraammoo, Yihowaan yoo isatti amanamne wanta nu miidhuu danda’u kamirraayyuu nu oolcha. Haalli keenya karaawwan tokko tokkoon, nama dhukkuba du’aaf isa saaxiluun qabameefi du’arraa akka isa oolchuuf doktoora baqaqsanii hodhuudhaan beekamaa ta’etti of kennatee wajjin wal fakkaata. Hundi keenya cubbuu dhaalleen kan ka’e, haala lubbuu keenya balaadhaaf saaxilu keessa jirra. Wanta cubbuun fiduurraa walaba ta’uufi barabaraaf jiraachuu kan dandeenyu, aarsaa Kiristosirratti hundaa’uudhaan Yihowaatti yoo of kennine qofadha. (Yoh. 3:36) Maqaa gaarii doktoorri tokko qabu hubachaa yommuu adeemnu amantiin isarratti qabnu akkuma guddatu, waa’ee Yihowaas barachuu keenya yommuu itti fufunu amantiin isarratti qabnu ni guddata. Kanaaf, Dubbii Waaqayyoo of eeggannoodhaan qayyabachuu keenya itti fufna; kana gochuun keenya sodaa kan isaa akka hin taane nutti dhaga’amu mo’uudhaan akka isa jaallannu nu gargaara.—1 Yoh. 4:18.
18. Warri kan Yihowaa ta’an faayidaa akkamii argatu?
18 Yihowaan namoota hundaaf mirga filannaa kenneera. Dubbiinsaa, “Isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo’adhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa” jedha. (Kes. 30:19, 20) Yihowaan, dhiibbaa tokko malee isa tajaajiluuf filachuudhaan jaalala isaaf qabnu akka argisiisnu barbaada. Kan Waaqayyoo ta’uun keenya birmadummaa kan nu dhabsiisu utuu hin ta’in, gammadoo taanee akka jiraannu akka nu gargaaru beekamaadha.
19. Kan Yihowaa ta’uun ayyaanasaa argachuudha kan jennu maaliifi?
19 Cubbamoota waan taaneef, kan Waaqa isa mudaa hin qabnee ta’uun kan nuuf malu miti. Kan Waaqayyoo ta’uu kan dandeenyu ayyaanasaa waan argannuuf qofadha. (2 Xim. 1:9) Kanaan kan ka’es Phaawulos, “Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 14:8) Kan Yihowaa ta’uuf filachuu keenyatti matumaa hin gaabbinu.
Maal Jettee Deebista?
• Kan Yihowaa ta’uun faayidaa akkamii argamsiisa?
• Wanta Yihowaan nurraa eegu raawwachuu kan dandeenyu maaliifi?
• Yihowaan tajaajiltootasaatiif eegumsa kan godhu akkamitti?
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Warri kaan, kan Yihowaa ta’uusaaniitti faayidaa akkamii akka argatan gaafadhu
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Karaawwan Yihowaan itti eegumsa nuu godhu tokko tokko kamfa’i?