Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Kaayyoo: Babalʼistoonni misiraachicha karaa buʼa qabeessa taʼeen akka lallabaniifi akka barsiisan leenjisuu.
Yeroo fudhatu: Kan itti fufudha.
Iddoo: Galma Mootummaa.
Ulaagaa: Namoota yeroo hundumaa gumiirratti hirmaatan, barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimanii deddeebiʼaniifi seera buʼuuraa Kiristiyaanonni ittiin geggeeffamaniin jiraatan taʼuu qabu.
Galmeeffamuu: Barattoota kan galmeessu ilaaltuu olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiiti.
Shaaron isheen dhukkuba ‘Amiyootroofiiki Laateraal skileroosisi’ (ALS) jedhamuun kan kaʼe naafa taate akkas jetteetti: “Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii akkaataan itti qorannoo godhuufi ragaan argadhe sirriitti qindeessee dhiheessuu dandaʼu na barsiiseera. Akkasumas fedhii hafuuraakoo qofa utuu hin taʼin, kan warra kaaniifis xiyyeeffannaa kennuu akkan qabu baradheera.”
Aarnee inni yeroo dheeraadhaaf daawwataa olaanaa taʼe akkas jedheera: “Xinnummaa kootii kaasee giingee kanan ture siʼa taʼu, ija laafessan ture. Manni Barumsaa kun ofitti amanannaafi kabaja akkan ofiif qabaadhu na gargaareera. Gargaarsa Yihowaan karaa leenjii kanaa naa godheen, akkaataan itti hafuura baafadhu toʼachuufi yaadakoo sassaabbachuu baradheera. Gumii keessattiifi tajaajilarratti Waaqayyoon jajachuuf dandeettii waanan argadheef guddaan galateeffadha.”
Mana Barumsaa Obboloota Reefuu Betʼel Galanii
Kaayyoo: Obboloonni reefuu Betʼeliin galan tajaajilasaaniirratti milkaaʼina akka argatan gargaaruu.
Yeroo fudhatu: Torban 16f, torban torbaniin daqiiqaa 45f.
Iddoo: Betʼel.
Ulaagaa: Miseensa dhaabbataa maatii Betʼel ykn fedhiisaatiin waggaa tokkoof ykn isaa oliif deddeebiʼee akka tajaajilu kan heyyamameef taʼuu qaba.
Galmeeffamuu: Obboloonni haaraan miseensa maatii Betʼel taʼan akkuma galaniin hirmaatu.
Dimeetiriiyes, inni bara 1980mman keessa Mana Barumsaa kanarratti hirmaate akkas jedheera: “Leenjiin kun akkaataan itti qayyabadhu naa fooyyesseera; Betʼel keessatti yeroo dheeraadhaaf akkan hojjedhus na gargaareera. Barsiistonni, sirni barumsichaafi gorsi gaariin iddoo kanatti kennamu, Yihowaan akka na jaallatuufi hojiin Betʼel keessatti hojjedhurratti milkaaʼina akkan argadhu kan barbaadu taʼuusaa amanee akkan fudhadhu na gargaareera.
Kaatliin akkas jechuudhaan yaadashee kenniteetti: “Wanta caalaa barbaachisaa taʼerratti akkan xiyyeeffadhu, jechuunis nama hafuuraa akkan taʼu na gargaareera. Barumsi warra reefuu Betʼeliin galaniif kennamu Yihowaa, manasaafi jaarmiyaasaa caalaatti akkan dinqisiifadhu na godheera.”
Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa
Kaayyoo: Daawwattoonni olaanaan, jaarsoliin gumiifi al tokko tokkommoo tajaajiltoonni gumii warra isaan jala jiran akka eeganiifi itti gaafatamummaa jaarmiyicha keessatti qaban akka raawwatan leenjisuu. (HoE. 20:28) Mana barumsaa kana keessatti, amala gumii keessatti mulʼachaa jiruufi wanta gumichaaf barbaachisu ilaalchisee barumsi ni kennama. Manni barumsaa kun, murtoo Qaama Olaanaatiin turtii waggoota muraasaa gidduutti irra deddeebiʼee godhama.
Yeroo fudhatu: Waggoottan dhihoodhaa asitti manni barumsaa kun, daawwattoota olaanaaf guyyaa lama ykn lamaaf walakkaa, jaarsolii gumiidhaaf guyyaa tokkoof walakkaa, tajaajiltoota gumiitiif immoo guyyaa tokkoof geggeeffama.
Iddoo: Yeroo baayʼee Galma Mootummaa ykn Galma Walgaʼii Guddaatti godhama.
Ulaagaa: Mana barumsaa kanarratti hirmaachuuf, daawwataa olaanaa, jaarsa gumii ykn tajaajilaa gumii taʼuun barbaachisaadha.
Galmeeffamuu: Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii daawwataa olaanaadhaan afeeramu. Daawwattoonni olaanaammoo waajjira dameetiin afeeramu.
“Barumsi achitti kennamu waan baayʼee kan of keessatti qabateefi gabaabaa yoo taʼeyyuu, jaarsoliin gumii gammachuu akka qabaataniifi “ija jabeeyyii” taʼuudhaan Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaara. Jaarsolii haaraanis taʼe warri yeroo dheeraa tajaajilan, hoolota Yihowaa sirriitti tiksuu, ‘tokkummaafi’ walii galtee qabaachuu baratu.”—Kuwiin (gajjallaa).
“Leenjiin kun, dinqisiifannaa wantoota hafuuraatiif qabnu guddifachuu, akeekkachiisa balaarraa akka of eegnuuf nuu kennamu fudhachuu, akkasumas mala ittiin karra Waaqayyoo eegnuufi hojiirra ooluu dandaʼu haala madaalamaa taʼeen raawwachuuf nu gargaara. Gargaarsi Yihowaan nuuf godhu baayʼee adda kan taʼedha.”—Mikaaʼel.
Mana Barumsaa Qajeelchitootaa
Kaayyoo: Qajeelchitoonni ‘hojii lallabaa guutummaatti raawwachuu’ akka dandaʼan gargaaruu.—2 Xim. 4:5.
Yeroo fudhatu: Torban lama.
Iddoo: Waajjira dameetiin kan murteeffamu siʼa taʼu, al baayʼee Galma Mootummaatti geggeeffama.
Ulaagaa: Obboloota waggaa tokko ykn isaa oliif qajeelchaa taʼanii tajaajilan taʼuu qabu.
Galmeeffamuu: Qajeelchitoonni gaʼumsa qaban yeruma sana galmeeffamuu kan dandaʼan siʼa taʼu, daawwataan olaanaasaanii hirmaachuu dandaʼuufi dhiisuusaanii isaanitti hima.
Liiliin (mirga) akkas jetteetti: “Manni barumsichaa, rakkina tajaajilaafi jireenya keessatti na mudatu moʼuuf na gargaareera. Akkaataan itti qayyabadhu, barsiisuufi Macaafa Qulqulluutti fayyadamu naa fooyyesseera. Namoota gargaaruuf, jaarsolii gumii deggeruufi guddina gumiitiif gumaacha gochuuf caalaatti na qopheesseera.”
Bireendaa isheen mana barumsaa kanarratti siʼa lama hirmaatte akkas jetteetti: “Wantoota hafuuraa, yaada garaakoo jabeeffachuufi warra kaan gargaaruurratti guutummaatti akkan xiyyeeffadhu na godheera. Dhugumayyuu Yihowaan arjaadha!”
Mana Barumsaa Jaarsolii Gumii
Kaayyoo: Jaarsoliin itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban akka raawwataniifi karaa hafuuraa cimoo akka taʼan gargaaruu.
Yeroo fudhatu: Guyyaa shan.
Iddoo: Waajjira dameetiin kan murteeffamu siʼa taʼu, al baayʼee Galma Mootummaatti geggeeffama.
Ulaagaa: Jaarsa taʼee kan muudame taʼuu qaba.
Galmeeffamuu: Waajjirri damee jaarsolii afeera.
Yaada obboloonni Yunaayitid Isteetisitti, kutaa 92ffaarratti hirmaatan keessaa muraasnisaanii kennan qalbeeffadhu:
“Manni barumsichaa akkaataan itti hoolota Yihowaa qaburratti akkan of qoru waan na gargaareef faayidaa guddaa irraa argadheera.”
“Yaada ijoo Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti ibsuudhaan caalaatti obboloota jajjabeessuuf na qopheesseera.”
“Leenjiin argadhe kana jireenyakoo keessatti ittan fayyadama.”
Mana Barumsaa Daawwattoota Olaanaafi Haadhotii Manaasaanii
Kaayyoo: Daawwattoonni olaanaa aanaafi koonyaa gumiiwwan tajaajiluurratti milkaaʼina akka qabaatan, ‘lallabaafi barsiisatti dadhabanii akka hojjetan,’ akkasumas warra itti gaafatamummaasaanii jala jiran eeguurratti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruu.—1 Xim. 5:17; 1 Phe. 5:2, 3.
Yeroo fudhatu: Jiʼa lama.
Iddoo: Waajjira dameetiin murteeffama.
Ulaagaa: Daawwataa olaanaa aanaa ykn koonyaa taʼuu qaba.
Galmeeffamuu: Waajjirri damee daawwattoota olaanaafi haadhotii manaasaanii afeera.
“Dinqisiifannaan aboo Yesus mataa taʼuudhaan jaarmiyicharratti qabuuf qabnu nuu guddateera. Obboloota tajaajillu jajjabeessuufi tokkummaa gumii keessa jiru cimsuu akka qabnu hubanneerra. Leenjiin kun, daawwattoonni olaanaan yeroo tokko tokko gorsaafi sirreeffama kan kennan taʼus, kaayyoonsaanii inni guddaan obboloonni Yihowaan akka isaan jaallatu akka hubatan gargaaruu taʼuusaa nu yaadachiiseera.”—Jooʼel, kutaa 1ffaa, bara 1999.
Mana Barumsaa Obboloota Qeentee
Kaayyoo: Jaarsoliifi tajaajiltoota gumii qeentee taʼan, jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa dabalataatiif qopheessuu. Erga eebbifamanii booda, baayʼeensaanii biyyasaanii keessaa naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti ramadamu. Kaanimmoo fedhii yoo qabaatan, biyya kan biraatti ramadamuu dandaʼu. Warra eebbifaman keessaa tokko tokkommoo qajeelchaa addaa yeroo muraasaa taʼuudhaan naannoo fagoo dhaqanii hojii Mootummichaa akka babalʼisaniif ramadamuu dandaʼu.
Yeroo fudhatu: Jiʼa lama.
Iddoo: Waajjira dameetiin kan murteeffamu siʼa taʼu, al baayʼee Galma Mootummaa ykn Galma Walgaʼii Guddaatti geggeeffama.
Ulaagaa: Obboloota qeentee umriinsaanii waggaa 23 hanga 62 taʼe, haalli fayyaasaanii gaarii taʼeefi obboloota gargaaruu ykn naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisu kamittiyyuu tajaajiluuf fedha qaban taʼuu qabu. (Mar. 10:29, 30) Yoo xinnaate waggaa lamaaf qajeelchaa taʼanii kan tajaajilaniifi utuu walirraa hin kutin waggaa lamaaf jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼuudhaan kan tajaajilan taʼuu qabu.
Galmeeffamuu: Yeroo walgaʼiin aanaa geggeeffamutti odeeffannoo akka argataniif, obboloota fedha qabanii wajjin walgaʼiin ni godhama.
Riik inni Yunaayitid Isteetisitti kutaa 23ffaarratti hirmaate akkas jedheera: “Leenjii kanarratti hirmaachuunkoo, hafuurri Yihowaa na keessa seenuudhaan jijjiirama guddaa akkan godhu na gargaareera. Yihowaan hojii tokko yommuu siif kennu hojii sana akka raawwattuuf si gargaara. Fedha koorratti utuu hin taʼin, kan Waaqayyoorratti yoon xiyyeeffadhe akka inni na jabeessu baradheera.”
Andiree inni Jarmanitti tajaajilu akkas jedheera: “Yeroo harʼaa akkaataa jaarmiyaan Yihowaa itti hojjetu kan nama dinqisiisu taʼuusaa hubadheera. Leenjiin argadhe hojiin gara fuulduraatti hojjedhuuf akkan of qopheessu na godheera. Akkasumas fakkeenyonni Macaafa Qulqulluu, dhugaa barbaachisaa taʼe jechuunis obbolootakoofi Yihowaa tajaajiluun gammachuu dhugaa akka naaf argamsiisu na hubachiisaniiru.”
Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaa
Kaayyoo: Yihowaafi jaarmiyaansaa guutummaatti akka isaanitti fayyadamaniif, hiriyoota gaaʼelaatiif leenjii adda taʼe kennuu. Warra eebbifaman keessaa hedduunsaanii biyyasaanii keessaa naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti ramadamu. Obboloonni tokko tokkommoo fedhiidhaan kan of dhiheessan taanaan biyya kan biraatti ramadamuu dandaʼu. Warri eebbifamanii baʼan, qajeelchaa addaa yeroo muraasaa taʼuudhaan naannoo fagoo misiraachichi itti hin lallabamneefi balʼinaan itti hin hojjetamne dhaqanii misiraachoo Mootummichaa akka lallabaniif ramadamuu dandaʼu.
Yeroo fudhatu: Jiʼa lama.
Iddoo: Manni barumsaa kun Yunaayitid Isteetisitti Fulbaana 2012 kan jalqabe yommuu taʼu, addunyaa marattis waajjiroota damee filataman muraasa keessatti, yeroo baayʼee garuu Galma Mootummaa ykn Galma Walgaʼii Guddaatti geggeeffama.
Ulaagaa: Hiriyoota gaaʼelaa umriinsaanii waggaa 25 hanga 50 taʼe, haallisaanii bakka caalaatti gargaarsi barbaachisu kamittiyyuu tajaajiluuf isaan dandeessisu, akkasumas ilaalcha, “Kunoo ani jira, ana ergi” jedhu qaban taʼuu qabu. (Isa. 6:8) Erga gaaʼela godhatanii waggaa lama kan taʼaniifi utuu walirraa hin kutin waggaa lamaaf tajaajila yeroo guutuurratti kan hirmaatan taʼuu qabu. Abbaan manaammoo utuu walirraa hin kutin waggaa lamaaf jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼee hojjetaa kan jiru taʼuu qaba.
Galmeeffamuu: Yeroo walgaʼiin koonyaa geggeeffamutti odeeffannoo akka argataniif, obboloota galmeeffamuu barbaadanii wajjin walgaʼiin ni godhama. Walgaʼii koonyaa biyya keessanitti godhamurratti qophiin akkasii hin jiru yoo taʼeefi isinimmoo galmeeffamuu barbaaddu taanaan, odeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira damee keessanitti barreessuu dandeessu.
“Torban saddeettan sun, torban jireenya namaa jijjiiraniifi hiriyoota gaaʼelaa caalaatti Yihowaa tajaajiluu barbaadaniif carraa guddaa banan turan. Jireenya madaalliisaa eege jiraachuufi yeroo keenya ogummaadhaan itti fayyadamuuf akka murteessinu nu godheera.”—Eriikiifi Kooriinaa (gajjallaa), kutaa 1ffaa, bara 2011.
Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad
Kaayyoo: Barattoonni misiyoonota taʼuudhaan naannoo uummanni itti baayʼatutti akka tajaajilan, daawwattoota olaanaa akka taʼan ykn Betʼeliin galanii akka tajaajilan leenjisuu. Hojii waajjira damee keessattiifi tajaajilarratti hojjetamu cimsuu.
Yeroo fudhatu: Jiʼa shan.
Iddoo: Wiirtuu Barumsaa Waach Taawor, Paatarsan, Niiwu Yoork, Yuu.Essi.Eetti argamutti.
Ulaagaa: Hiriyoota gaaʼelaa tajaajila yeroo guutuu taʼe tokkorratti hirmaachaa jiran jechuunis, misiyoonota mana barumsichaarratti hin hirmaanne, qajeelchitoota addaa, daawwattoota olaanaafi warra Betʼel keessatti tajaajilan taʼuu qabu. Utuu walirraa hin kutin yoo xinnaate waggaa sadiif tajaajila akkasiirratti kan hirmaatan, Ingiliffa sirriitti dubbachuu, dubbisuufi barreessuu kan dandaʼan taʼuu qabu.
Galmeeffamuu: Hiriyoonni gaaʼelaa akka galmeeffaman Koree Waajjira Dameetu isaan afeera.
Leedaafi Mooneek lammii Yunaayitid Isteetis yommuu taʼan Afriikaatti tajaajilaa jiru. Leedaan akkas jedheera: “Manni Barumsaa Giilʼaad addunyaarratti bakka kamiyyuu akka deemnu, obbolootaa wajjin tokkummaa qabaachuudhaan waliin akka hojjennu nu gargaareera.”
Mooneekis itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Yommuun wantan Macaafa Qulqulluurraa baradhe hojiirra oolchu, wantan hojjedherraa gammachuu guddaan argadha. Gammachuu argachuunkoo immoo Yihowaan akka na jaallatu naaf mirkaneessa.”
Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Dameefi Haadhotii Manaasaanii
Kaayyoo: Obboloonni Koree Waajjira Damee keessatti tajaajilan manneen Betʼel akka gaariitti akka geggeessan, dhimmawwan tajaajilaa wajjin wal qabataniif xiyyeeffannaa akka kennan, aanaawwaniifi koonyaawwan naannoo tajaajilasaanii keessa jiran akka geggeessan gargaaruu. Waaʼee hojii hiikkaa, maxxansaafi barreeffamoota naannoo addaddaatti erguus ni baratu.
Yeroo fudhatu: Jiʼa lama.
Iddoo: Wiirtuu Barumsaa Waach Taawar, Paatarsan, Niiwu Yoork, Yuu.Eess.Eetti argamutti.
Ulaagaa: Obboleessa Miseensa Koree Waajjira Damee, Miseensa Koree Biyyaa ykn hojii kanaa wajjin wal fakkaatu hojjechaa kan jiru.
Galmeeffamuu: Obboloota gaʼumsa qabaniifi haadhotii manaasaanii Qaama Olaanaatu afeera.
Looweeliifi Kaaraan kutaa 25ffaarraa kan eebbifaman siʼa taʼu yeroo ammaa Naayijeeriyaa keessatti tajaajilaa jiru. Looweel akkas jedheera: “Hojiin hammam yoo natti baayʼateyyuu ykn hojiin akkamiiyyuu yoo naa kenname wanta hundumaa karaa Yihowaa gammachiisuun hojjechuu akkan qabu baradheera. Akkasumas leenjiin kun, namoota Yihowaa tajaajilan jaallachuudhaan fakkeenyasaa hordofuun keenya barbaachisaa taʼuusaa akka gaariitti na barsiiseera.”
Kaaraanis itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Waan tokko karaa salphaatti hubatamuu dandaʼuun ibsuu yoon dadhabe, nama kan biraa barsiisuuf yaalii gochuukoo dura wanta sana sirriitti qayyabachuu akkan qabu hubadheera.”