Wiixata, Fulbaana 7
Inni warra cimsanii isa barbaaddatan ni badhaasa.—Ibr. 11:6.
Yihowaan yeroo hundumaa namoota isa waaqeffatan ni badhaasa. (Ibr. 11:6) Yeroo ammaatti nagaa fi gammachuu, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa nuuf kenna. Yihowaan nu badhaasuu akka barbaaduu fi humna akkas gochuuf isa dandeessisu akka qabu guutummaatti amanuu dandeenya. Amantii akkasii qabaachuun keenya akkuma namoota amanamoo bara durii waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinurratti xiyyeeffachuuf nu kakaasa. Ximotewos akkas godheera. (Ibr. 6:10-12) Ximotewos Waaqa jiraataa abdateera. (1 Xim. 4:10) Yihowaa fi warra kaan tajaajiluuf jabaatee hojjechaa fi carraaqqii cimaa gochaa kan ture kanaafi. Kana kan godhe akkamitti? Phaawulos ergamaan tajaajilarrattis taʼe gumii keessatti barsiisuurratti guddina akka godhu isa jajjabeesseera. Ximotewos dargaggootaa fi maanguddoota dabalatee obboloota gumii keessa jiraniifis fakkeenya gaarii taʼeera. Itti gaafatamummaa ulfaataan warra isaan barbaachisuuf gorsa cimaa, garuummoo jaalalarratti hundaaʼe kennuu dabalatu isaaf kennameera. (1 Xim. 4:11-16; 2 Xim. 4:1-5) Yihowaan akka isa badhaasu mirkanaaʼaa ture.—Rom. 2:6, 7. w24.06 22-23 key. 10-11
Kibxata, Fulbaana 8
Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa . . . Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture.—2 Mot. 17:13.
Yihowaan yeroo baayʼee sabasaa akeekkachiisuu fi sirreessuuf raajotasaatti fayyadameera. Fakkeenyaaf, karaa Ermiyaas akkana isaaniin jedheera: “Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi . . . Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu . . . Ani bara baraaf hin mufadhu. Ati Waaqa kee Yihowaa irratti waan fincilteef, yakkuma kee qofa amanii fudhadhu.” (Er. 3:12, 13) Yihowaan Yooʼelitti fayyadamee, “Garaa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedheera. (Yoe. 2:12, 13) Isaayyaas, “Of qulqulleessaa; gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa; wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa” jedhee akka labsu godheera. (Isa. 1:16-19) Karaa Hisqiʼelis akkana jedhee isaan gaafateera: “Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa? Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii? . . . Ani namni kam iyyuu duʼuu isaatti hin gammadu. Kanaafuu, deebiʼaa, lubbuudhaanis jiraadhaa.” (His. 18:23, 32) Yihowaan barabaraaf akka jiraatan waan barbaaduuf, yeroo namoonni yaada geddaratan baayʼee gammada! w24.08 9 key. 5-6
Roobii, Fulbaana 9
Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, [ni] fayyadu.—2 Xim. 3:16.
Sabni Waaqayyoo hundi nyaata hafuuraa, qajeelfamaa fi eegumsa isaan barbaachisu argachaa jiru. Yihowaan namoonni addunyaa maratti argaman Kitaaba Qulqulluu argachuu akka dandaʼan gochuudhaanis akka hin loogne argisiiseera. Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraamii fi Afaan Giriikiitiin barreeffame. Namoonni afaanota kanaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼan warra kaan caalaa Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabuu? Lakki. (Mat. 11:25) Yihowaa biratti fudhatama argachuun keenya barumsa sadarkaa olaanaa hordofuu ykn dandeettii afaanii qabaachuu keenyarratti kan hundaaʼe miti. Yihowaan addunyaa maratti namoonni baratanis taʼan namoonni hin baranne ogummaasaa beekuu akka dandaʼan haala mijeesseera. Kitaabni Qulqulluun afaanota kumaan lakkaaʼamaniin waan hiikameef, namoonni addunyaa maratti argaman irraa fayyadamuu fi michuu Yihowaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barachuu dandaʼu.—2 Xim. 3:16, 17. w24.06 6-7 key. 13-15