LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
Beeksisa
Afaanota haaraa jalqaban: Shilluk, Tsimihety
  • Harʼa

Roobii, Ebla 22

Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.—1 Phe. 2:21.

Yesuus jalʼina haqaa dandamachuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Miseensota maatiisaa dabalatee namoonni baayʼeen jalʼina haqaa isarratti raawwataniiru. Firoonnisaa maraateera isaan jedhaniiru, geggeessitoonni amantaa humna jinniitiin dinqii raawwata isaan jedhaniiru, akkasumas loltoonni warra Roomaa isatti qoosaniiru, miidhaa qaamaa isarraan gaʼaniiru, dhumarrattis isa ajjeesaniiru. (Mar. 3:21, 22; 14:55; 15:16-20, 35-37) Taʼus, Yesuus jalʼina haqaa kana hunda dandamateera; haaloo baʼuuf yaalee hin beeku. Nutoo fakkeenyasaarraa maal baranna? (1 Phe. 2:21-23) Yesuus jalʼina haqaa dandamachuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Yoom callisuu fi yoom dubbachuu akka qabu sirriitti beeka. (Mat. 26:62-64) Yeroo waaʼeesaa sobni dubbatamu hundatti deebii hin kennine. (Mat. 11:19) Yeroo dubbatettis namoota isa ariʼachaa turan hin arrabsine ykn hin doorsisne. w24.11 4-5 key. 9-10

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Kamisa, Ebla 23

Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi.—1 Xim. 1:15.

Nama jaallattu tokkoof kennaa addaa baayʼee bareeduu fi isa fayyadu kennite haa jennu. Namni sun kennaa sana saanduqa keessa kaaʼee sana booda waaʼeesaa homaa yaaduu yoo dhiise akka gadditu beekamaadha. Karaa biraatiinimmoo, namni sun kennaa sana sirriitti yoo itti fayyadamee fi dinqisiifannaasaa yoo ibse akka gammaddu ifadha. Fakkeenya kanarraa maal baranna? Yihowaan Ilmasaa nuu kenneera. Yihowaan kennaa gatii guddaa qabu kanaa fi jaalalasaa isa furicha qopheessuuf isa kakaaseef dinqisiifannaa qabnu yeroo ibsinu baayʼee gammada. (Yoh. 3:16; Rom. 5:7, 8) Yeroon darbaa yommuu deemu garuu furicha akka kennaa addaatti ilaaluu dhaabuu dandeenya. Furicha dinqisiifachuu dhiisuun kennaa Waaqayyoo kana bakka arguu hin dandeenye kaaʼanii waaʼeesaa yaaduu dhiisuu wajjin walfakkaata. Kun akka hin taaneef yeroo hunda dinqisiifannaa wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuu godhaniif qabnu haaressuu qabna. w25.01 26 key. 1-2

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Jimaata, Ebla 24

Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni.—1 Xim. 4:15.

Obboleessi jaarsa taʼee muudamu dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu. Erga cuuphamtee waggoonni hedduun darbuun dirqama miti; taʼus Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf yeroon si barbaachisa. Jaarsa taatee muudamuu kee dura akkuma Yesuus gad of qabuu fi karaa kamiiniyyuu Yihowaa tajaajiluuf fedhii qabaachuu qabda. Hamma Yihowaan gumii keessatti mirga dabalataa sii kennutti obsaan eegda. (Mat. 20:23; Filp. 2:5-8) Yihowaa fi ulaagaaleesaatti maxxanuudhaan, akkasumas qajeelfama inni karaa jaarmiyaasaa kennu hordofuudhaan amanamaa akka taate argisiisuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun jaarsi tokko barsiisuuf gaʼumsa kan qabu taʼuu akka qabu ifatti dubbata. Kana jechuun dirqama haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa qabaachuu qabda jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Jaarsoliin gaʼumsa qaban hedduun haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa qabaachuu baatanis tajaajila irrattii fi yeroo tika godhanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisu. w24.11 23-24 key. 14-15

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2026 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi