Lallaba
11 Daabboo kee bishaan irratti darbadhu;*+ guyyoota hedduu booda deebitee isa ni argatta.+ 2 Badiisa lafa irratti dhufu waan hin beekneef, wanta qabdu torbaaf yookiin saddeetiif hirii kenni.+
3 Duumessi bishaaniin yoo guutame, lafa irratti bokkaa ni roobsa; mukti gara kibbaatti yookiin gara kaabaatti yoo jige, bakkuma itti jige sana ciisa.
4 Namni bubbee eeggatu sanyii hin facaasu; namni duumessa ilaalus hin haammatu.+
5 Ati hafuurri lafee daaʼima garaa* dubartii ulfaa keessa jiru keessatti akkamitti akka hojjetu akkuma hin beekne,+ hojii Waaqa dhugaa isa wanta hunda godhe sanaas hin beektu.+
6 Ganamaan sanyii kee facaasi, hamma galgalaattis harki kee hin boqotin;+ sababiin isaas, inni kam akka guddatu, inni kun yookiin inni sun yookiin lamaanuu gaarii taʼuu fi dhiisuu isaanii hin beektu.
7 Ifni nama gammachiisa, aduu arguunis ijaaf gaarii dha. 8 Namni tokko waggoota hedduu kan jiraatu yoo taʼe hunduma isaaniitti haa gammadu.+ Taʼus inni guyyoonni dukkanaa hedduu taʼuu akka dandaʼan yaadachuu qaba; wanti dhufu hundi wanta gatii hin qabne dha.+
9 Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi, bara dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu. Daandii garaa keetii duukaa buʼi, gara ijji kee si geessus dhaqi; taʼus Waaqni dhugaan wantoota kana hundumaatiif gara murtiitti akka si fidu* beeki.+ 10 Kanaafuu, wantoota nama dhiphisan garaa kee keessaa balleessi, wantoota nama miidhanis qaama* kee irraa fageessi; sababiin isaas, dargaggummaanii fi ijoollummaan wantoota gatii hin qabne dha.+