Hisqiʼel
40 Boojiʼamnee waggaa 25ffaatti,+ jalqaba waggichaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti, magaalattiin kuftee+ waggaa 14ffaatti, guyyuma sanatti harki Yihowaa ana irra jira ture; innis gara magaalattiitti na geesse.+ 2 Mulʼata Waaqayyo biraa dhufeen gara biyya Israaʼelitti na geessee gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko irra na kaaʼe;+ gaara sana irras kallattii kibbaatiin wanti magaalaa fakkaatu tokko jira ture.
3 Yommuu inni achi na geessus nama bifti isaa sibiila diimaa fakkaatu tokko nan arge.+ Innis wadaroo quncee talbaa irraa tolfamee fi shomboqqoo safaraa* harka isaatti qabatee+ karra irra dhaabbatee ture. 4 Namichis, “Yaa ilma namaa, ati as kan fidamte kanaaf waan taʼeef, qalbeeffadhuu ilaali, of eeggannoodhaan dhaggeeffadhu, wantan sitti argisiisu hundumaatiifis xiyyeeffannaa kenni.* Wanta argitu hundumaas mana Israaʼelitti himi”+ naan jedhe.
5 Anis dallaa karaa alaatiin mana qulqullummaatti* marsee jiru tokko nan arge. Harka namichaa irras shomboqqoon safaraa dhundhuma jaʼa dheeratu tokko jira ture (tokkoon tokkoon dhundhuma sanaatti balʼinni barruu harkaa tokko tokko dabalamee ture).* Innis dallaa sana safaruu jalqabe; dallaan sunis furdinni isaa shomboqqoo tokko, ol dheerinni isaas shomboqqoo tokko ture.
6 Innis gara karra gara bahaatti garagalee jirutti+ dhufee kortoowwan isaa irra baʼe. Yommuu mooraa karrichaa safaruttis, dalgi isaa shomboqqoo tokko ture; dalgi mooraa isa kan biraas shomboqqoo tokko ture. 7 Tokkoon tokkoon kutaa eegduu dheerinni isaa shomboqqoo tokko, balʼinni isaas shomboqqoo tokko ture; balʼinni kutaawwan eegduu sana gidduu jirus dhundhuma shan ture.+ Mooraan karra isa barandaa karrichaa bira jiruu fi gara keessaatti garagalee jiru sanaa shomboqqoo tokko ture.
8 Barandaa karrichaa gara keessaatti ni safare, innis shomboqqoo tokko ture. 9 Achiis barandaa karrichaa ni safare, innis dhundhuma saddeet ture; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare, isaanis dhundhuma lama turan; barandaan karrichaas iddoo gara mana qulqullummaatti garagalee jiru irratti argama ture.
10 Karra karaa bahaatiin argamuun garanaa fi garasiin kutaawwan eegduu sadi sadii jiru turan. Sadan isaanii iyyuu wal qixa turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanis wal qixa turan.
11 Achiis dalga balbala karrichaa ni safare, innis dhundhuma 10 ture; dheerinni karrichaas dhundhuma 13 ture.
12 Bakki hiramaan kutaawwan eegduu sana fuuldura jiru garanaa fi garasiin dhundhuma tokko tokko ture. Kutaawwan eegduu garanaa fi garasiin jiran tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma jaʼa jaʼa turan.
13 Achiis baaxii kutaa eegduu isa tokko irraa hamma baaxii kutaa eegduu* isa kan biraatti karricha ni safare, innis dalgi isaa dhundhuma 25 ture; balballi inni tokko balbala isa kan biraa fuulleetti argama ture.+ 14 Achiis utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare, isaanis ol dheerinni isaanii dhundhuma 60 ture; utubaawwan karrawwan mooraa sanatti marsanii jiran keessa garanaa fi garasiin dhaabbatanis ni safare. 15 Fuuldura balbala karrichaa irraa jalqabee hamma fuuldura barandaa isa karricha irraa gara keessaatti argamuutti dhundhuma 50 ture.
16 Kutaawwan eegduu sunii fi utubaawwan karricha keessa garanaa fi garasiin dhaabbatan foddaawwan fireemiiwwan* wal irra kaaʼamanii keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman+ qaban qabu turan. Barandaawwan sunis keessaan garanaa fi garasiin foddaawwan qabu turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan irras fakkiiwwan muka meexxii+ jiru turan.
17 Achiis inni gara mooraa isa alaatti na fide; naannoo mooraa sanaattis kutaawwan nyaataa*+ fi bakka dhagaadhaan uwwifame nan arge. Bakka dhagaadhaan uwwifame sana irra kutaawwan nyaataa 30ni jiru turan. 18 Bakki dhagaadhaan uwwifamee fi karrawwan cinaatti argamu dheerina karrawwan sanaa wajjin wal qixxee ture; kun bakka dhagaadhaan uwwifame isa gadii ture.
19 Achiis fageenya* fuuldura karra isa gadii irraa jalqabee hamma daangaa mooraa isa keessaatti jiru ni safare. Innis kallattii bahaa fi kallattii kaabaatiin dhundhuma 100 ture.
20 Mooraan inni alaa karra gara kaabaatti garagale tokko qaba ture; innis dheerina isaa fi dalga isaa ni safare. 21 Garanaa fi garasiin kutaawwan eegduu sadi sadii jiru turan. Safarri utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi kan barandaa isaa safara karra isa jalqabaa wajjin wal qixa ture. Innis dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 22 Foddaawwan isaa, barandaan isaa fi fakkiiwwan muka meexxii+ isaa hammuma kan warra karra isa bahaa gaʼu turan. Namoonni kortoowwan torba ol baʼanii achi gaʼu turan; barandaan isaas fuuldura isaaniitti argama ture.
23 Mooraa isa keessaa keessa fuullee karra isa kaabaatiin karri tokko, fuullee karra isa bahaatiinis karri tokko jira ture. Yommuu inni karra isa tokko irraa hamma isa kan biraatti safaruttis dhundhuma 100 taʼe.
24 Achiis kallattii kibbaatti kan na geesse yeroo taʼu, anis kallattii kibbaatiin karra tokko nan arge.+ Innis utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaa isaa ni safare, isaanis hammuma warra kaanii gaʼu turan. 25 Karricha irra, akkasumas barandaa isaa irra garanaa fi garasiin foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii taʼan jiru turan. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 26 Kortoowwan gara isaatti geessan torba jiru turan;+ barandaan isaas fuuldura isaaniitti argama ture. Utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanis fakkiiwwan muka meexxii tokko tokko qabu turan.
27 Mooraan inni keessaa karra gara kibbaatti garagalee jiru tokko qaba ture; innis kallattii kibbaatiin karra isa tokko irraa hamma karra isa kan biraatti ni safare; fageenyi isaas dhundhuma 100 ture. 28 Achiis inni karaa karra isa kibbaatiin gara mooraa isa keessaatti na fide; yommuu karra isa kibbaa safarus hammuma warra kaanii taʼe. 29 Kutaawwan eegduu isaa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaan isaa hammuma warra kaanii gaʼu turan. Karricha irra, akkasumas barandaa isaa irra garanaa fi garasiin foddaawwan jiru turan. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture.+ 30 Kallattii hundumaatiin barandaawwan jiru turan; isaanis dheerinni isaanii dhundhuma 25, dalgi isaanii immoo dhundhuma 5 ture. 31 Barandaan isaa gara mooraa isa alaatti garagalee kan ture yeroo taʼu, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan irra fakkiiwwan muka meexxii+ jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.+
32 Innis kallattii bahaa irraa gara mooraa isa keessaatti na fidee karricha ni safare; innis hammuma warra kaanii gaʼa ture. 33 Kutaawwan eegduu isaa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaan isaa hammuma warra kaanii gaʼu turan; karricha irra, akkasumas barandaa isaa irra garanaa fi garasiin foddaawwan jiru turan. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 34 Barandaan isaa gara mooraa isa alaatti garagalee kan ture yeroo taʼu, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan lamaan irra fakkiiwwan muka meexxii jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.
35 Achiis inni gara karra isa kaabaatti+ na fidee karricha ni safare; innis hammuma warra kaanii gaʼa ture. 36 Kutaawwan eegduu isaa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi barandaan isaa akkuma warra kaanii turan. Innis garanaa fi garasiin foddaawwan qaba ture. Dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture. 37 Utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan gara mooraa isa alaatti garagalanii turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan lamaan irra fakkiiwwan muka meexxii jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.
38 Kutaan nyaataa balbala qabu tokkos utubaawwan karrichaa warra garanaa fi garasiin dhaabbatan bira jira ture; aarsaawwan guutummaatti gubamanis achitti dhiqamu turan.+
39 Barandaa karra sanaa irra garanaa fi garasiin minjaalonni aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ akkasumas aarsaawwan cubbuu+ fi aarsaawwan yakkaa+ irratti qalaman lama lama jiru turan. 40 Daandii gara karra kaabaatti geessu irra, balbalicha irraa gara alaatiin minjaalonni lama jiru turan. Barandaa karrichaa irraa kallattii isa kan biraatiinis minjaalonni lama jiru turan. 41 Karricha irra garanaa fi garasiin minjaalonni afur afur kan jiran yeroo taʼu, walumaa galatti minjaalonni aarsaawwan irratti qalaman saddeet jiru turan. 42 Minjaalonni arfan aarsaa guutummaatti gubamuuf qophaaʼan dhagaa bocame irraa kan tolfaman turan. Dheerinni isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa, dalgi isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaanii immoo dhundhuma tokko ture. Miʼawwan aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kaan ittiin qaluuf tajaajilan achi irra kaaʼamanii turan. 43 Madardaraawwan dalgi isaanii hamma balʼina barruu harkaa tokko taʼe girgiddaawwan keessaan argaman irratti marfamanii qabsiifamanii turan; foon kennaa aarsaa taʼee dhihaatu sanaaf oolus minjaalota sana irra kaaʼama ture.
44 Karra isa keessaa irraa gara alaatiin kutaawwan nyaataa faarfattootaa jiru turan;+ isaan mooraa isa keessaa keessa karra isa kaabaa bira kallattii kibbaatti garagalanii jiru turan. Kutaan nyaataa kan biraan immoo karra isa bahaa bira kallattii kaabaatti garagalee jira ture.
45 Innis akkana naan jedhe: “Kutaan nyaataa inni kallattii kibbaatti garagalee jiru kun kan luboota tajaajila mana qulqullummaa keessatti raawwatamuuf itti gaafatamummaa qaban sanaa ti.+ 46 Kutaan nyaataa inni kallattii kaabaatti garagalee jiru kan luboota tajaajila iddoo aarsaa irratti itti gaafatamummaa qaban sanaa ti.+ Isaan ilmaan Saadoq+ warra Leewwota taʼanii fi Yihowaa tajaajiluuf isa duratti akka dhihaatan ramadamani dha.”+
47 Achiis inni mooraa isa keessaa ni safare. Innis dheerinni isaa dhundhuma 100, dalgi isaas dhundhuma 100 kan ture yeroo taʼu, rogarfee ture. Iddoon aarsaas mana qulqullummaa fuuldura ture.
48 Achiis inni gara barandaa mana qulqullummaatti+ na fidee utubaawwan barandaa sanaa garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare; innis garanaan dhundhuma shan, garasiinis dhundhuma shan ture. Dalgi karrichaas garanaan dhundhuma sadii, garasiinis dhundhuma sadii ture.
49 Barandichi dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaa immoo dhundhuma 11* ture. Namoonni kortoowwan irra ol baʼanii achi gaʼu turan. Girgiddaawwan garanaa fi garasiin jiran bira utubaawwan tokko tokko jiru turan.+