Keessa Deebii
11 “Waaqa kee Yihowaa jaalladhu;+ yeroo hundumaas dirqama inni si irraa eegu, dambiiwwan isaa, heerawwan isaa fi ajajawwan isaa eegi. 2 Ani harʼa dubbachaa kanan jiru isinitti malee, ilmaan keessan warra adaba Waaqa keessan Yihowaa, guddina isaa,+ harka isaa isa jabaa+ fi irree isaa isa diriirfame hin beekne yookiin hin arginetti akka hin taane isin ni beektu.+ 3 Isaan mallattoowwanii fi gochawwan inni biyya Gibxii keessatti Faraʼoon mootii Gibxii irrattii fi guutummaa biyya isaa irratti raawwate hin argine;+ 4 yookiin wanta inni raayyaawwan waraanaa Gibxii irratti, akkasumas fardeenii fi gaariiwwan waraanaa Faraʼoon warra yeroo isin ariʼaa turanitti bishaan Galaana Diimaatiin liqimfaman irratti raawwate hin argine; Yihowaanis siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif* isaan ni balleesse.+ 5 Isaan hamma isin gara iddoo kanaa dhuftanitti wanta inni lafa onaa keessatti isiniif godhe hin argine; 6 yookiin guutummaan Israaʼel utuma arguu yommuu lafti banamtee isaaniin, maatiiwwan isaanii, dunkaanota isaanii fi uumamawwan jiraatoo isaan duukaa buʼan hundumaa liqimsitetti, wanta inni Daataanii fi Abiraam warra ilmaan Eeliyaab taʼan irratti godhe hin argine; Eeliyaab ilma Ruubeni.+ 7 Wantoota guguddoo Yihowaan raawwate hundumaa isin ijuma keessaniin argitaniittu.
8 “Isin jabaattanii ceetanii gara biyya dhaalaan fudhattanitti akka seentaniif, ajaja ani harʼa isiniif kennu hundumaa eegaa; 9 akkana yoo gootan, biyya Yihowaan abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate,+ jechuunis biyya aannanii fi damma maddisiistu+ keessatti bara dheeraa ni jiraattu.+
10 “Biyyi ati dhaalaan fudhachuuf jettu akka biyya Gibxii ishii keessaa baate, ishii akka iddoo biqiltuutti sanyii itti facaasaa fi jallisiidhaan miila* keetiin bishaan itti obaasaa turte sanaa miti. 11 Kanaa mannaa, biyyi isin ceetanii dhaaluuf jettan biyya gaarotaa fi sululawwanii* ti.+ Biyyattiin bishaan samii irraa roobu ni dhugdi;+ 12 ishiin biyya Waaqni kee Yihowaan kunuunsu dha. Jalqaba waggichaatii kaasee hamma dhuma waggichaatti ijji Waaqa kee Yihowaa yeroo hundumaa ishii irra jira.
13 “Isin ajajawwan koo warra ani harʼa isin ajaju dhimmitanii yoo eegdan, Waaqa keessan Yihowaa yoo jaallattan, garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaanis isa yoo tajaajiltan,+ 14 ani lafa keessaniif yeroo isaatti bokkaa, jechuunis bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa nan kenna; atis midhaan kee, wayinii kee isa haaraa fi zayitii kee walitti ni qabatta.+ 15 Horiiwwan keetiif dirree kee keessatti biqiltuu nan biqilcha; atis nyaattee ni quufta.+ 16 Garaan keessan isin gowwoomsee daandicha irraa akka gortan, waaqolii kan biroo akka waaqeffattanii fi isaaniif akka sagaddan akka isin hin goone of eeggadhaa.+ 17 Taʼuu baannaan, aariin Yihowaa isin irratti ni bobaʼa; innis bokkaan akka hin roobneef samii ni cufa;+ lafattiinis oomisha ishii hin kennitu; isinis daftanii biyya gaarii Yihowaan isiniif kennu irraa ni balleeffamtu.+
18 “Isinis dubbiiwwan koo kana garaa keessanittii fi lubbuu* keessanitti qabadhaa; harka keessan irrattis akka yaadannootti hidhadhaa; isaan adda keessan irratti* akka marata mataa haa taʼan.+ 19 Mana keessan keessa yommuu teessan, daandii irra yommuu deemtan, yommuu ciistanii fi yommuu kaatan waaʼee isaanii dubbachuudhaan ijoollee keessan barsiisaa.+ 20 Maqaaniiwwan mana keessanii fi karrawwan keessan irratti isaan barreessaa; 21 akkana yoo gootan, isinis taatan ilmaan keessan samiin lafaa ol jiraachuu isaa hamma itti fufetti biyya Yihowaan abbootii keessaniif kennuuf kakate+ keessatti bara dheeraa ni jiraattu.+
22 “Isin ajaja Waaqa keessan Yihowaa akka jaallattan,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemtanii fi isatti akka maxxantan+ ani isiniif kennu kana dhimmitanii yoo eegdanii fi hojii irra yoo oolchitan, 23 Yihowaan saboota kana hundumaa isin duraa ni ariʼa;+ isinis saboota isin caalaa ciccimoo taʼanii fi uummata hedduu qaban biyyaa ni ariitu.+ 24 Iddoon miila keessaniin ejjettan hundi kan keessan ni taʼa.+ Lafa onaa sana irraa hamma Libaanonitti, Lagicha irraa, jechuunis laga Efraaxis irraa hamma galaana isa kallattii dhihaatiin argamuutti* daangaa keessan ni taʼa.+ 25 Namni tokko illee isin dura hin dhaabbatu.+ Akkuma isin abdachiisettis Waaqni keessan Yihowaan guutummaan biyya isin keessa deemtan sanaa isiniin kan kaʼe akka romʼuu fi akka sodaatu ni godha.+
26 “Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa kana isin dura kaaʼeera:+ 27 ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa isa ani harʼa isin ajaju yoo eegdan eebba argattu;+ 28 ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa eeguu yoo diddan, daandii akka hordoftan ani harʼa isin ajaju kana irraa yoo gortanii fi waaqolii hin beekne duukaa yoo buutan garuu abaarsatu isin irra gaʼa.+
29 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya dhaaltutti yommuu si galchu, eebbicha Gaara Geriizim irratti, abaarsicha immoo Gaara Eebaal irratti labsi.*+ 30 Gaaronni kun, Yordaanos gamatti kallattii dhihaatiin,* biyya Kanaʼaanota warra Arabaa keessa jiraatan keessatti, Gilgaal irraa gamatti, mukeetii guguddoo Mooree biratti argamu mitii?+ 31 Isin seentanii biyya Yihowaan isiniif kennu dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceʼuuf jettu.+ Yommuu dhaala gootanii ishii fudhattanii fi ishii keessa jiraattan, 32 dambiiwwanii fi heerawwan ani harʼa isin dura kaaʼu hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+