-
Baʼuu 7:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Harka koo Gibxii irratti yommuun diriirsuu fi Israaʼelota isaan gidduudhaa yommuun baasu, warri Gibxii ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beeku.”+
-
-
Baʼuu 7:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yihowaan akkana jedha: “Ani Yihowaa taʼuu koo kanaan ni beekta.+ Kunoo, ulee isa harka koo keessa jiruun bishaan Laga Abbayyaa keessa jiru nan rukuta, bishaanichis gara dhiigaatti jijjiirama.
-
-
Baʼuu 8:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Museenis Faraʼooniin, “Raachawwan kun si irraa, tajaajiltoota kee irraa, saba kee irraa fi manneen kee irraa akka balleeffaman akkan siif kadhadhu kan barbaaddu yoom akka taʼe atumti natti himi. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu” jedhe. 10 Yeroo kanatti inni, “Boru” isaan jedhe. Kanaafuu inni akkana jedhe: “Ati akka Waaqa keenya Yihowaa kan taʼe tokko illee akka hin jirre+ akka beektuuf, akkuma jette ni taʼa.
-
-
Keessa Deebii 10:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kunoo, samiin, samiin samiiwwanii illee, laftii fi wanti ishii irra jiru hundis kan Waaqa kee Yihowaa ti.+
-
-
Faarfannaa 24:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi,
Lafti oomisha kennituu fi warri ishii irra jiraatan kan Yihowaa ti.+
-