-
Baʼuu 9:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Amma ani harka koo diriirsee sii fi saba kee dhaʼicha guddaadhaan rukutuu nan dandaʼan ture; atis lafa irraa haxaaʼamtee ni balleeffamta turte. 16 Haa taʼu malee, ati lubbuudhaan akka jiraattu kanan godhe, humna koo sitti argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.+
-
-
Baʼuu 18:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Achiis akkana jedhe: “Yihowaan inni biyya Gibxii fi Faraʼoon jalaa isin oolche, inni sabicha toʼannaa biyya Gibxii jalaa oolche haa jajamu. 11 Wanta inni warra saba isaa irratti of tuulummaa argisiisan irratti raawwateen kan kaʼe, amma ani Yihowaan waaqolii kaan hunda irra akka caalu+ beekeera.”
-
-
Iyyaasuu 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra.
-