-
Iyyaasuu 2:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra. 11 Nuti waaʼee kanaa yeroo dhageenyetti baayʼee sodaanne;* isiniin kan kaʼe namni hin sodaanne tokko illee hin jiru; sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan ol samii irratti, gad lafa irrattis Waaqa dha.+
-
-
Iyyaasuu 5:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Mootonni Amoorotaa+ warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin* argaman hundii fi mootonni Kanaʼaanotaa+ warri galaanicha biratti argaman hundi Yihowaan Israaʼelonni hundi hamma ceʼanitti bishaan Yordaanos isaan duratti gogsuu isaa akkuma dhagaʼaniin baayʼee ni sodaatan;*+ Israaʼelotaan kan kaʼes onnachuu hin dandeenye.*+
-