-
Leewwota 6:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Inni cubbuu yoo hojjetee fi yakkamaa yoo taʼe, wanta hate, wanta saame, wanta gowwoomsee fudhate, wanta imaanaadhaan isatti kenname yookiin wanta badee argate sana haa deebisu; 5 yookiin wanta waaʼee isaa sobaan kakate kam iyyuu haa deebisu; wanta sanaaf kiisii haa kaffalu;+ gatii isaa irrattis harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu. Guyyaa yakkamaa taʼuun isaa itti mirkanaaʼetti wanta sana abbaa isaatiif haa kennu.
-
-
Leewwota 22:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “‘Namni tokko dogoggoraan wanta qulqulluu irraa yoo nyaate, inni harka shan keessaa harka tokko itti dabalee aarsaa qulqulluu sana lubichaaf haa kennu.+
-
-
Lakkoofsa 5:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka cubbuuwwan ilmaan namootaa keessaa isa kam iyyuu yoo raawwatanii fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan, isaan yakkamtoota ni taʼu.+ 7 Namni sun cubbuu hojjete sana haa himatu;*+ yakka isaatiifis kiisii godhee gatii guutuu haa kaffalu; akkasumas gatii sana keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu;+ isas nama balleessaa irratti raawwate sanaaf haa kennu.
-