-
Leewwota 5:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Namni* tokko utuu itti hin yaadin wantoota qulqulluu warra kan Yihowaa taʼan irratti cubbuu hojjechuudhaan amanamaa utuu hin taʼin yoo hafe,+ bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne aarsaa yakkaaf dhihaatu godhee Yihowaadhaaf haa fidu;+ gatiin isaa akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti meetii sheeqiliitiin* haa shallagamu.+ 16 Cubbuu iddoo qulqulluu sana irratti raawwateef kiisii haa kaffalu; kana malees, gatii isaa irratti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu.+ Lubichi korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaan araara akka isaaf argamsiisuuf,+ inni wanta kana lubichaaf ni kenna; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+
-
-
Lakkoofsa 5:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka cubbuuwwan ilmaan namootaa keessaa isa kam iyyuu yoo raawwatanii fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan, isaan yakkamtoota ni taʼu.+ 7 Namni sun cubbuu hojjete sana haa himatu;*+ yakka isaatiifis kiisii godhee gatii guutuu haa kaffalu; akkasumas gatii sana keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu;+ isas nama balleessaa irratti raawwate sanaaf haa kennu.
-