-
Leewwota 14:49-53Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
49 Innis manicha xuraaʼummaa* isaa irraa qulqulleessuuf, simbirroota lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii ni fudhata.+ 50 Sana booda simbirroo ishii takka miʼa suphee bishaan burqaa qabate irratti ni qala. 51 Achiis muka gaattiraa, hiisoophii, foʼaa diimaa fi simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu fuudhee dhiiga simbirroo ishii qalamte sana keessaa fi bishaan burqaa sana keessa cuuphee siʼa torba gara manichaatti ni facaasa.+ 52 Innis dhiiga simbirroo, bishaan burqaa, simbirroo lubbuudhaan jirtu, muka gaattiraa, hiisoophii fi foʼaa diimaa sanaan xuraaʼummaa* irraa manicha ni qulqulleessa. 53 Achiis simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu magaalattiidhaa ala dirree keessatti gadhiisa; manichaafis araara argamsiisa; manichis qulqulluu ni taʼa.
-
-
Lakkoofsa 19:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Lubichis muka gaattiraa, hiisoophii+ fi foʼaa diimaa fuudhee ibidda saani sun itti gubamaa jirtu keessatti darbata.
-