-
Tiitoo 2:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 akka kanaan abdii gammachiisaa,+ akkasumas mulʼachuu Waaqa keenya isa guddichaa fi mulʼachuu Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eegganna; 14 inni wantoota seeraan ala taʼan hunda jalaa bilisa nu baasuuf,*+ akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu+ ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.+
-
-
1 Yohaannis 1:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Haa taʼu malee, akkuma inni ifa keessa jiru nutis ifaan yoo deddeebine, walii wajjin tokkummaa ni qabaanna, akkasumas dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.+
-